Abdiisaa Bancaa Jaarraa

Abdiisaa Bancaa Jaarraa Senior IT Expert | creative social Entrepreneur | Innovator | Blogger | Freelancer

Firoomsaan Fireeshiidha. Ummata baldhaa arrabsuun dogoggora. Kana Booda Facebook fayyadamuuf   ati xiqqeessitee waamte t...
27/08/2026

Firoomsaan Fireeshiidha. Ummata baldhaa arrabsuun dogoggora. Kana Booda Facebook fayyadamuuf ati xiqqeessitee waamte tun siif hayyamuu qabdi… quba qabaadhu

02/07/2026

Caasaeffama Haaraa kana xiqqoo ilaalee jaaladheera.
Garuu Finfinnee, Dirree Dawaa, Magaalaa shaggar, Walloo Kamiseee, Little Oromia(Minnesota), Mersabit, Isolo, Tena River... Keesssaa dhabuu kiyyatti mufadhe malee...🤸🤸🤸

01/07/2026
01/07/2026

Cichoominni, quuqamni ummataa fi jaalalli biyyaa namaan bakka bu’ee yoo socho’u— Dr. Hora fakkaata.

Umrii ijoollummaatti saba kanaaf roorroon hin maltu jedhee qabsaayeefii waggoota afurii oliif mana hidhaa Ma’aakalaawiitti dararaa arge. Gaafas ilmaan Oromoo Ma’aakalaawiitti dararamaa turan kan umriin xiqqaa turan lamaan keessaa tokko isa ture. Kanaan abdii hinkutne. Barnoota isaa kan Highschool irraa itti hidhametti deebi’ee barachuun yunivarisitii seenuun barnoota doktorummaa fayyaan eebbifame.

Waggaa lama hardhaas dhukkubaan qorame. Dhukkuba kaansarii tiruutiin. Yaachisaa ture. Lubbuufis sodaachisaa ture. Lubbuun ni hafa kan jedhee tilmaame nama muraasa. Yaalli biyya alaatti godhameefii dandamate. Gaafuma yaala irra jiru—otoo ofii isaatii hinfayyin, siree irra ciisee—waa’ee dhukkuba tiruu kaansariif sababa ta’u irratti duulee hawaasa isaa baraaruu kaayyeffataa ture. Lubbuun yoo hafe, lubbuu namoota hedduu baraaree, dhukkubicha haloo bahuuf waadaa ofii seene. Waadaa sanis guutuuf ji’ootaaf irratti hojjataa ture. Torbee kana magaalaa dhaloota isaa Baatutti haloo jalqabaa dhukkubicha irratti bahuufi ummata isaa baraaruuf jecha qorannoo dhukkubichaa fi gorsa yaalaa bilisaan, akkasumas fiigicha hubannoo uumuuf kaayyeffate ammoo hardha milkeessee jira.

Cichoominni akkana! Rakkoof harka kennuu dhabuun akkana! Jaalalli ummata ofii akkana kunoo!
Dr. Horaan galatoomi jennaan! Kanaa olis akka dalagdu shakkii takka hin qabu. Baga Milkoofte!

* Dr. Horaa Teno ispeeshalistii dhiibee keessoo yoo ta’u yeroo ammaa kana Biiroo Fayyaa Oromiyaatti daayirektoreetii tajaajila waldhaansaa fi deeggarsa dhaabbilee fayyaa hoggana.

16/02/2026

Namticha Saalqunnamtii raawwate irratti murtee caffeen Oromiyaa dabarse...

16/02/2026

Namticha Saalqunnamtii raawwate irratti murtee caffeen Oromiyaa dabarse...

06/02/2026

Feestaalii
゚

04/02/2026

Kun biyya Abdiisaa Aagaa ti

Address

Dubai

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdiisaa Bancaa Jaarraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Abdiisaa Bancaa Jaarraa:

Shortcuts

Share

Category