18/11/2024
** DARGAGGOOTAAF SAGALEE HAA TAANU!💪💪
Mirgi namummaa fi diimokiraasii dargaggootaa haa kabajamu!
Qaamni mootummaa magaalota irraan Kan hafe aanoleen godinoota Oromiyaa garaagaraa dargaggoota dirqamaan qabanii Qarshii muraasaan gowwoomsanii gara waraanaatti ergaa jiru. Kun dhabbachuu qaba.
Inni 2ffaan Baay'ee Nama qaanessa😭
Oromiyaa kutaalee tokko tokko keessatti Yeroo gabaabaa as Dargaggoon keenya hedduun isaanii Qaama hidhatee Bosona jiruun humnaan butaamanii gara dirree leenjii isaaniitti fudhatamaa jiru.
Keessattu wanti akkasi Kun godina shawaa Kaabaa/Salaalee Aanoota akka warra jaarsoo, Kuyyuu, Dagam fi Hidhabuu Abootee.
Shawaa Lixaa; Aanaa Amboo, tokkee kuttaayee, Dirree incinnii, jibaat, noonnoo, gidabarat lachuu, jaldu, meettaa lamaan, ada'aa bargaa, mogorii fi kkf.
Sh/kibba Lixaa; aanaa Ammayyaa, qarsaa maallimaa fi kkf. Akkasumas baaha Shawaa dabalatee godinoota Oromiyaa tokko tokko keessatti wanti akkasi Kun bal'inaan raawwatamaa jira. Kana irra ka'uun dargaaggoonni hedduun qe'eedhaa baqatanii gara magaalaatti galaa akka jiran ijaan argaa jirra. Keessattu wanti torbee har'aa Aanaa kuyyuu fi Dagam gandootaWuyyee Cabaree, Tamsaasa Roggee keessatti dargaaggoonni hedduun bakka hojiin kan guuraman yoo ta'u dargaaggoota jalaa fiigan irratti immoo garichi itti dhukaasaa akka Turees quba qabna.
Waalumaa galatti Abbaan irree kana caale hin jiru dirqama kanaan Ani jaaladhe jaaaladhu akkasumas kanan Ani jibbee jibbuu qabda jedheenii qaamni dargaggoo kana dirqisiisu har'as borus dargaaggoota kanaaf diina. Kun gocha Alshabaabii fi Bookuhaaraamiin garaagarummaa hin qabu.
Yoo barbaachisaa ta'e ijoollee humnaan butaamanii bosonatti fudhataan muraasa maqaa isaaniiyyuu isiniif katabuu ni dandeenya. Gochi Kun gochaa Abdii kutaannaa fi lakkofsi miseensa isaa daraan gadi bu'uu garichaa agarsiisa.
Dargaggoota sababa kanaan magaalaatti baqatan immoo qaamni mootummaa seelii fi dabballee diinaati jechuun adamsanii hidhaatti guuraa jiru😭
Kun haa dhaabbatu💪