ABDI SABAA

ABDI SABAA 1.5M Followers 0 Following
(3)

 Mucaan kun    jedhama. Bara 2017 Qabxii 283 fiidun  Qormaata kutaa 12ffaa   ture.  Abdii hin murree. Ammas tattaffii is...
26/08/2026


Mucaan kun jedhama. Bara 2017 Qabxii 283 fiidun Qormaata kutaa 12ffaa ture. Abdii hin murree. Ammas tattaffii isaa ittii fufee ture. Xiiqiin dammaa irraa mi'oofti jedhanii miti?

Mucaan waggaa kana irraa deebi'uun qabxii ajaa'iba galmeessee. Bara 2018 Qabxii seensa University 511 fiidun cabsee jira.

Qabxiin Gadi aanaan bara kanaa isa kana 👇
26/08/2026

Qabxiin Gadi aanaan bara kanaa isa kana 👇

Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 ifoomeera!Barattoonni bu'aa keessan karaalee armaan gadiin seenuun l...
25/08/2026

Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 ifoomeera!

Barattoonni bu'aa keessan karaalee armaan gadiin seenuun lakkoofsa Admission fi maqaa keessan jalqabaa galchuun ilaalaa;

Karaalee ittiin bu'aa keessan ilaaltan;

- Website :- https://result.eaes.et
- Telegram Bot :- https://result.eaes.et/telegram
- Ergaa gababaa :- https://result.eaes.et/sms

Barattoota qormaata biyyaalessaa fudhattaniif Carraa Gaarii!

Breaking !!!Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 galgala sa'aatii 1 irraa kaasee ilaalama!"Barattoonni ga...
25/08/2026

Breaking !!!

Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 galgala sa'aatii 1 irraa kaasee ilaalama!

"Barattoonni galagala sa'aatii tokko irraa kaasee bu'aa isaanii ilaallachuu danda'u"

Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa

Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 yoom akka ifoomu fi, barattoonni karaaleen ittiin ilaallachuu danda'aan ibsameera.

Kanaanis har'a galgala sa'aatii 1 irraa kaasee karaalee armaan gadii barattoonni bu'aa isaanii ilaallachuu danda'u jedhameera;

Gama biraatiinis barattoonni komii qaban qaamaan dhufuun osoo isaan irraa hin eegamiin karaa website seenuun komii isaanii har'a Hagayya 19 bara 2018 irraa kaasuun hanga Hagayya 26 bara 2018 guyyaa sa'aatii 10 tti dhiyeeffachuun link wal fakkaataan deebii isaanii hordofuu danda'u jedhameera.

Karaalee ittiin bu'aa keessan ilaaltan link comment irra jiruun channel keenya Telegram irraa argadhaa ykn comment irraa argadhaa!

Barattoota qormaata biyyaalessaa fudhattaniif Carraa Gaarii!

AMMAS qabxii olaanaa(Social Science: 576.25/600)Saadam Abdullaaziiz Umar M/B/B/Addaa DODOLAA irraa saayinsii hawaasaa(so...
24/08/2026

AMMAS qabxii olaanaa

(Social Science: 576.25/600)

Saadam Abdullaaziiz Umar M/B/B/Addaa DODOLAA irraa saayinsii hawaasaa(social science) dhaan qabxii olaanaa akka biyyaatti fideera.

Dhaloota addunyaan barbaaddu

QABXII OLAANAA591.6/600Barataa Mana Barumsa Bultii Addaa WMO, qormaata biyyoolessa kutaa 12ffaa bara 2018 qabxii olaanaa...
24/08/2026

QABXII OLAANAA
591.6/600

Barataa Mana Barumsa Bultii Addaa WMO, qormaata biyyoolessa kutaa 12ffaa bara 2018 qabxii olaanaa akka biyyaatti 1ffaa 591.6 fide, barataa Jaalal Girmaa Kuusaa!

Dorgomaa Seeddoo, “Falfalli narratti hojjetameera” jedhee Dorgommii dide, hanga waggaa tokkootti hidhaan adabamuu danda’...
24/08/2026

Dorgomaa Seeddoo, “Falfalli narratti hojjetameera” jedhee Dorgommii dide, hanga waggaa tokkootti hidhaan adabamuu danda’a jedhame.

Dorgommii Ethiopia Fighting Championship (ETFC) jalqabamuuf guyyoonni muraasni yeroo hafanitti, dorgomaan Seeddoo, “Falfalli narratti hojjetameera” jechuun dorgommii irraa akka ba’e beeksisuun isaa, miidiyaa hawaasaa fi jaallattoota ispoortii biratti dubbii guddaa fi marii ijoo ta’eera.

Seeddoo, dorgommiif guyyoota afur dura ergaa dabarseen, morkataa isaa Johnny waliin falmii gaggeessuuf akka hin barbaannee ifa godheera.

Dorgomaan kun, falfalaa hanqaaquu fi sihrii (witchcraft) akka irratti hojjetame ibsuun, yoo nama biyya alaa irraa dhufe malee, Johnny waliin gara ringii akka hin seenne dubbate. Akkasumas, T-shirt dorgommichaa ofirraa baasuun, murtoo isaa beeksiseera.

Dhimmicha kana ilaalchisee yaada kan kennan ogeettii seeraa Abukaatoo Seble Asseffa akka ibsanitti, Seeddoo himata falfalaa inni dhiyeesse ragaa gahaa qabuun mana seeraatti yoo mirkaneessuu dadhabe, akka seera yakkaa Federaalaa Itoophiyaatti, maqaa fi kabaja nama tokkoo irratti odeeffannoo sobaa facaasuu fi maqaa balleessuu jedhamee adabamuu danda’a.

Kunis maqaa gaarii morkataa sanaa waan miidheef, seeraan hanga waggaa tokkootti hidhaa salphaa ykn adabbii maallaqaa fiduu danda’a jedhameera.

Gama biraatiin, daawwattoonni tikeetii dorgommichaaf bitatan fi ispoonsaroonni dorgommichaa mirgi isaanii seeraan waan eegameef, qopheessitoonni dorgommichaa (ETFC) dorgommii bakka bu’aa dhiyeessuu ykn maallaqa tikeetii deebisuu qabu.

Dabalataanis, qopheessitoonni dorgommicha addaan kutuu isaaniitiin kasaaraa maallaqaa fi kasaaraa isaan irra ga’eef, himata hariiroo hawaasaa (civil lawsuit) dhiyeessuun beenyaa gaafachuuf mirga seeraa guutuu akka qaban ibsameera.

Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa 2028 keessummeessuuf CAF’f gaaffii dhiyeessite Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa bara 2028 kee...
24/08/2026

Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa 2028 keessummeessuuf CAF’f gaaffii dhiyeessite

Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa bara 2028 keessummeessuuf sanada gaaffii dhiyeessite Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF)’f galchite.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa, mootummaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun, sanadoota barbaachisoo hunda hammate qopheessuun CAF’ f galchuu beeksiseera.

Haaluma kanaan, Itiyoophiyaan dorgommii kubbaa miilaa guddaa ardichaa yeroo 4ffaaf milkaa’inaan keessummeessuuf, akkasumas seenaa kubbaa miilaa Afrikaa keessatti qabdu deebitee haaromsuuf qophii ta’uu ishee mirkaneessite.

Barattuun Hiddaasee Zamanuu Qabxii 583 Galmeessuun Shamarran Keessatti Sadarkaa Tokkoffaa Biyyaalessaa Baate Barattuun H...
23/08/2026

Barattuun Hiddaasee Zamanuu Qabxii 583 Galmeessuun Shamarran Keessatti Sadarkaa Tokkoffaa Biyyaalessaa Baate

Barattuun Hiddaasee Zamanuu, Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Agoowwi Maddii Lafaatti barattu, qormaata madaallii barnootaa biyyaalessaa keessatti qabxii 600 keessaa 583 galmeessuun, barattoota shamarranii hunda keessaa sadarkaa tokkoffaa biyyaalessaa ba’uun gabaafame.

Barattuun kun magaalaa Injibaarraatti kan argamtu yoo ta’u, qabxiin olaanaan galmeessite kun mana barumsaa isheetii fi hawaasa naannawaatiif gammachuu fi boonsa guddaa ta’eera.

Hiddaaseen bu’aa olaanaa kana galmeessuun dargaggootaaf fakkeenya gaarii ta’uu bira darbee, abdii fi egeree Itoophiyaa keessatti gahee olaanaa qabaachuu ishee agarsiisteetti.

Bu’aan isheen galmeessite kunis hojii cimaa, kutannoo fi carraaqqii barnootaa ishee kan mul’isu ta’uun ibsameera.

‎Mariin biyyaalessaa dhimma Finfinnee irratti Finfinneen magaalaa Guddoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka taatuufi teesso...
23/08/2026

‎Mariin biyyaalessaa dhimma Finfinnee irratti Finfinneen magaalaa Guddoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka taatuufi teessoo mootummaa federaalaa akka taatu murtee dabarse. Akka Heera Itoophiyaa amma hojiirra jiru keewwata 49(1) irratti tuqametti Finfinneen magaalaa guddoo mootummaa federaalaati jedha. Kana jechuun mootummaan federaalaa Finfinnee keessaa teessoo qaba malee magaalaa mootummaa federaalaa taati jechuu miti. Gama biroon Finfinneen magaalaa guddoo Mootummaa Naannoo Oromiyaati jechuun Finfinneen tan Oromiyaati jechuudha. Magaalota Oromiyaa keessaa Finfinneen magaalaa guddoo ta'uu ibsa.
‎
‎Asirratti wanti sirritti hubachuun barbaachisu teessoo godhachuu fi magaalaa guddoo jechuun garaagarummaa guddaa qaba. Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaa akkasumas fuulduratti teessoo dhaabbilee idil addunyaa ta'uu dandeessi. Magaalli Finfinnee magaalaa guddoo Oromiyaa taatee murtaa'uun gama biroon Finfinneen kan Oromiyaati jedhamee murtaa'uu dha. Kun uummata Oromoof injifannoo guddaadha. Marii kanarraa Oromoon bu'aa guddaa buufanne. Qabsoon abbummaa Finfinnee bara hedduuf itti wareegamaa turre deebii itti argate.
‎
‎Bu'aa cululuqaa kanaaf MM Dr. Abiy Ahmed Ali galata guddaa qaba. Gaafii Oromoo karaa saayinsawaan deebisna jechuun Abbichuun qabatamatti gochaan mirkaneesse. Osoo bakka har'a Dr. Abiyyi jiru kan biroo jiraatee murtee har'a murtaa'u tilmaamuun nama hin dhibu.

Address

Dubai
Deder

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ABDI SABAA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share