Abbaa Malaa

Abbaa Malaa Follow Me

13/08/2026

😂 MEE TAKKA KOOTTAA KOFLAA😂🔥 °°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Diraamaalee Afaan Oromoo dur Direwood irratti hojjatamaa turan keeysaa, Diraamaa "Dooktara" jedhu – Kutaan 4ffaa kun akkaan nama bashannansiisa/ kofalchiisa!😂😂

Dhugumatti hojiileen gaafa keenyaa san akkaan na tolan!😂😂

👉 Isin yeroo Diraamaa kana agartan maal yaadattu? 🤣👇
Yaada keeysan Comment jalatti nuuf barreeysaa!

🎬 Kutaa 4ffaa kana guutuu isaa daawwachuuf YouTube keenya seenaa.
👇👇👇👇👇👇👇👇
👉 https://youtu.be/vr_tnUhX-xM?si=wtLY0LshYbLSryzk

Achumaanuu:
👍 Like
💬 Comment
🔄 Share Fi
❤️ Follow godhuus hin dagatinaa!

21/06/2026

AMMA TANAAN HOO MAALUMA JANNA LAATA? 🤔
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
👉 Mee ulaagaa kamiin, damee kam jala galchineeti hiika itti goona?
​"Ni weellifte" akka hin janne... ulaagaa artii tii mitii, sirna dubbii afaaniituu hin guuttanne! 🤦‍♂️
​"Lakkii, maraattee lulaachaa jirtii" akka hin janne ammoo... waan akkasii dila takka wajji hurgufamaa jirti malee kophaa isii hin jirtu..... 😂😂
​
​👉 Hunda caalaa kan gaafii natti tahe ammoo: gaafa gudeeddii fi ajj**ch*an ija-jabinaa bifa kanaan artii, aadaa fi afaan sabaa irratti raawwatamu kana, Biiroon Aadaa fi Turiziimii Oromiyaa takka maal hojjachaa jirti laata?
​Addatti ammoo, Waajirri Aadaa fi Turiziimii Godina Harargee tokko—bakka silaa himata seeraa itti banee yakka kanaaf gaafachuu qabutti—akkamumatti danda'ee waan akkanaa kana akka hojjattuuf deeggarsa godha? Moo artumaahuu waan akkanatti beeka?
​
👉 Waldaan Artistootaa fi Ogeessoonni seeraa maal eegdu garuu? Mana Murtii Waliigalaatti haa nuuf dhihaattu malee! ⚖️😂
​👉 SANADA HIMANNAA
​Akka jattanii itti himattan yoo wallaaltan ammoo, himannaan isii irratti banamuu danda'u keeysaa gabaabsinee inni kun qoftiinuu gahaadha:
👇👇👇👇👇👇
​"Himatamtuu: Artisti (ማነው ... Aadde Duwwaan) _______jedhamtu
​Tun guyyaa, iddoo fi yeroon isaa ammaaf ifatti hin beekamne tokkotti, tahe jettee Artii Oromoo irratti ajj**chaa raawwachuuf jecha, sagalee qara hin qabnetti fayyadamuun yakka ajjeechaa artii irratti raawwattee jirti. Gocha kanaaniis namoota ammaaf baay'inni isaanii hin beekamne irratti cabinsa qalbii, daa'imman hedduu irratti ammoo baaragaa fi dukaaka uumuun, Heera Yakkaa lakkoofsa ____ cabsitee himatamtee jirti.
​
Akkasumas, gocha akkanaa kana yeroo raawwatutti suuraalee fi viidiyoo hooggantoota ummataa fi gaggeessitoota biyyaa fayyadamuun, yakka maqaa biyyaa balleessuu raawwattee waan jirtuuf addabbii seeraa guddaatu isiin mala!😂😂 .

​RAGAALEE SHIMMATA SHAFFAXAA:😂
1. ​👤 Ragaa Namaa: Hordoftoota miidiyaalee hawaasaa baay'inaan miliyoona 1 caalan (warra gurri dhiige).
2. ​🎥 Ragaa Sanadaa: Viidiyoo yeroo isiin qooqqisaa hurgufamtuu fi ija bafatee iyyitu san agarsiisu. 🎥❌

​

01/06/2026

DUBBII MIILA BAKHAR.
***********************
- 2
Dila Yuuyyaan haasawu kana hixuphii takka malee callisee dhaggeeyfachaa tireeti, "Gaafanagaa nuti kuni maal jettaree amma?" ja’een Haamidoon deebisee.
​"Gabra, ee dhugaa baanta," je’een Yuuyyaaniis.
"Gabrummaallee tarraa achi aantu sankha," Hamidoodha.
​"Tan bitiisan hamma tokko al oolanii gurguratanii tanan ajaa’ibdu, tan oborraa akka jirtutti lafa isiiti wajjiin booji’anii bitan," ja'e Yuuyyaan.
"Oborraa xiqqoo tanaaf oota ati! Ituun balloon hoo tan nu dura cabxe," Hamidoodha.
​"Waan saniitti Arsii cabseetu gama Ituu dhufeemii?" Yuuyyaadha.
"Arsii duraas bar Salaalee cabseeti as tarkaanfateemii? Akka himanitti bar Walloorraa hamma Booranaatti, Madda Walaabuurraa kaasi kuunnoo hamma Makkanniisa Raayyaatti, Gibee fi Leeqas ittuma idayii maaltu hafeef jetteeti?" Hamidoon.
​"Ee, amma Odaa Shanan irraa kamtu hafe jetteeti, eega Bultum cabsee hammuma Afuran Qalloo kana yoo taate malee," Yuuyyaadha.
"Yawuu," je’e Hamidoon, dubbii tuffachuu isaatti fakkaatti.
​"Waan saniittillee akkaan taatu akka maleen taatu, eega lafa Oromtichaa danuu tana if booda aanse hammi kun... Ee," ja’e Yuuyyaaniis, arraadasaa rarraasee hambisullee yaada Haamidoo qooddachaa.

​"Ee bar, namtichaatu 'shuuroon tuni maal taate?' jennaaniin, 'ee isiin tuni daakkittiis ni haftee, marqattiis ni haftee daranu ammas jiidha dhabaatu bakkaa haqee' ja’e ja’an."
​Silaahidha taate malee, silaa dubbiin ammaan dura nurraaf haftee jechuu isaati fakkaatti! Gaafa jarri weerara jalqabuu osoo bakka takka itti duulanii, tun hundinuu hin dhuftu jechuu fedheeti Haamidoon.
​Hammanumatti, "Ushhhh..." jechaa horufaa dubbifachuu seenee Yuuyyaan. Hafuurfannoo mirqaana hojii osoo hin ta’iin, mallattoo ta’uu siiti suusiin akka usu itti himuudhaaf.

​

28/05/2026

ASOOSAMA DUBBII MIILA BAKAR.

✨ BARREEYSITUU KITAABA TOKKOON ADDUNYAA RAASTE!🔥 Kitaaba tokko qofaan maqaa kee addunyaa irratti galmeeysuun ni danda’am...
13/04/2026

✨ BARREEYSITUU KITAABA TOKKOON ADDUNYAA RAASTE!
🔥 Kitaaba tokko qofaan maqaa kee addunyaa irratti galmeeysuun ni danda’amaa?
👉 Deebiin isaa “Eeyyee!” ni danda'ama!

👩‍💼 Margaret Mitchell — barreeysituu kitaaba tokko qofa barreeysitee addunyaa guutuu raasteedha!

👉 Yeroo baayyee, barreeysitoonni beekamtii kan argatan kitaaboota hedduu barreeysuudhaani.
Garuu seenaa keeysatti barreeysituun tun kitaaba tokko qofa barreeysuun hanga arraatti maqaan ishee addunyaa guutuu irratti yaamama jira.

📖 “GONE WITH THE WIND”
Kitaaba jaalala, waraanaa fi jijjiirama jireenyaa walitti makuun barreeyfame yoo ta'u , Dubbistoota Miliyoonaan lakkaawamaniin jaalatamee jira.
Kitaabni kun:
✔️ Bara 1936 maxxanfame.
✔️ Badhaasa gurguddaa injifate
✔️ Afaanota hedduutti hiikamee,
✔️ Copy Miliyoona 100 olii gurgurame.

✨ SEENAA GUUTUU ASIIN DUBBISAA:
https://toltuuentertainment.blogspot.com/2026/04/barreeysituu-kitaaba-tokkoon-addunyaa.html⁠

👍 Like | 🔁 Share | godhuu hin dagatinaa!
💬 Yaada keeysan Comment jalatti nuuf qoodaa!

🌙✨ EID MUBARAK ✨🌙​ Baga guyyaa Eid al-Fitr kan waggaa 1447ffaa kanaan nagayaan nu gahe! Ayyaanni kun kan nagayaa, kan ja...
19/03/2026

🌙✨ EID MUBARAK ✨🌙
​ Baga guyyaa Eid al-Fitr kan waggaa 1447ffaa kanaan nagayaan nu gahe! Ayyaanni kun kan nagayaa, kan jaalalaatii fi kan gammachuu nuuf fidee dhufu haa ta’u. Ibaadaa teenyaas Rabbi nurraa haa qeebalu! 🤲✨🌺

እንኳን ለ1447ኛው የኢድ አልፈጥር በዓል በሰላም አደረሰን! በዓሉ የሰላም፣ የጤና እና የደስታ እንዲሆንላችሁ እመኛለሁ። መልካም በዓል! 🌙💚💛❤️☕

​العربية
عيد مبارك بمناسبة حلول عيد الفطر لعام 1447 هجري! تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال وكل عام وأنتم بخير. 🌙🕌🌠
​:
Eid Mubarak on the occasion of the 1447th Eid al-Fitr! May this special day bring peace, happiness, and prosperity to everyone. 🍬🎈✨
​
ኢድ ሙባረክ! 1447ኛው የኢድ በዓል ዚ አማን ኢድ የሻው። ሐጪር ኡምሪ ቤው ሐጪር ዛቲቤው መድረኽ ያኑቅኸው። 🕌✨🌙

​By: Abbaa Malaa ✍️✨


08/03/2026

Dubartootaa fi Sheeyxaana maaltu wal isaan fakkeeysa? 😂😂😂

Mee Video Comedy tana daawwadhaa itti buhaaraa, yaada keeysan comment irratti naa barreeysaa! 😂”

Address

Dubai
00000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abbaa Malaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Abbaa Malaa:

Shortcuts

Share