Hararge too mettaa callaa

Hararge too mettaa callaa Tokumman Humanaa fi Amansiftuu ilma namatii !!! Muslim

19/09/2025
19/09/2025
Inbox. "Doktor Shamarran yeroo halkan rafan uffata jalaa (paantii) uffatanii rafuu miidhaa fayyaa geessisu ni qabaa?"Sha...
19/09/2025

Inbox. "Doktor Shamarran yeroo halkan rafan uffata jalaa (paantii) uffatanii rafuu miidhaa fayyaa geessisu ni qabaa?"

Shamarran Yeroo halkan raftan uffata jalaa (paantii) uffattanii hin rafinaa. Sababni isaas uffanni jalaa ykn paantiin guyyaas uffachaa turtan galgala yoo uffattan ho'inniif rigati naannoo qaama saalaa waan dabaluuf carraa infeekshinii baakteeriyaaf fangasiin qabamuu dabala. Kanaaf uffata jalaa(paantii) yoo baastanii raftan naannoon qaama saalaa qilleensaa gahaa waan argatuuf gaariidha.
Hub: Yeroo laguu hin ilaallatu!
Fayyaa hin dhabinaa.

Gaaffii waa'ee turtii walqunnamtii saalaa isa sirrii jedhuuf inni sirriin kana, inni sirrii hin taane immoo kana jedhani...
19/09/2025

Gaaffii waa'ee turtii walqunnamtii saalaa isa sirrii jedhuuf inni sirriin kana, inni sirrii hin taane immoo kana jedhanii deebisuudhaaf wantoota baay'ee beekuu barbaachisa. Kana jechuun, namaa namattiifi haalaa haalatti garaagarummaa qaba jechuudha. Namni tokko tokko sekondii 30 keessatti, tokko tokko immoo daqiiqaa 45 itti fudhachuu danda'a. Isaan kuni fayyaa miti jechuu hin dandeenyu. Yeroo baay'ee garuu, jiddu galeessan daqiiqaa 3 hanga daqiiqaa 7 gahaadha jedhama. Kana jechuun garuu, turtiin inni sirriin kana jechuu miti. Turtiin isaa akkuma nyaata gaafa nyaannu tokko tokko dafee quufu, kuun immoo turtii yeroo dheeraa booda quufu saniidha. Dafnee quufuufi dhiisuu keenyaaf haalli nuti itti nyaanne illee akkuma murteessu walqunnamtii saalaafis akkasuma. Walumaagalatti garuu, turtii walqunnamtii saalaa nama tokko beekuu kan danda'u nama waliin raawwatameefi abbuma mataa isaa ta'a waan ta'eef isaan waliin mari'achuudhaan turtii ofii beekanii haala turtii isaanitiin raawwachuu barbaachisa. Jidduu jidduuttis walgaafachaa saffisa isaanii wal-faana sirreessuun ni danda'ama.
Galatoomaa!!!
©Dr.Caalaa Didhaa

19/09/2025
Kaadhimaan koo barana qormaata biyyoolessaa qoramee 130 fide. Qabxii kanaan eessa galuu danda'a?😭
17/09/2025

Kaadhimaan koo barana qormaata biyyoolessaa qoramee 130 fide.
Qabxii kanaan eessa galuu danda'a?😭

Utuu isin ta’ee maal gootu?************************Seenaa dhugaa👇Waggaa 3 guutuu jaalala bareedaa waliin dabarsine. Yero...
17/09/2025

Utuu isin ta’ee maal gootu?
************************
Seenaa dhugaa👇

Waggaa 3 guutuu jaalala bareedaa waliin dabarsine. Yeroo Gammachuukoof gaddakoo hunda ana waliin dabarse. Waan hedduu ana waliin tahe. Baay’een jaaladhaan. Hedduu na kabaja , naaf yaadas. Ana waliin relationship keessa utuu jirruu saal-qunnamtii goonee hin beeknu. Inni ana malee shamarree biraa hin beeku, anis Isa malee dhiira kan biraa hin beeku.

Guyyaan isaa ga’ee waggaa 3 booda gaa’ela guddaa godhannee waliin jiraachuu jalqabne. Garuu gaa’ela keessatti taateen qorqalbii keenya qabe tokko nu mudate. Egaa Abbaan manaaf haati manaa tokko gaa’ela keessatti saal-qunnamtiin wal gammachiisuu qabu.

Ijoollee godhachuus ni barbaanna. Anaaf inni wal-qunnamtii saalaa yeroo gochuuf kaanu qaamni saalaa isaa tasumaa hin kahu. Yeroo hedduu irra deddeebiin yaaleen dadhabne.

ji’a 4 guutuu utuu namatti hin dubbatin turree gara mana yaalaa naannoo keenya jiru deemnee homaa furmaata akka hin qabne bare. Kunoo amma ji’a 6 taaneerra. Hanga ammaa durbummaa kiyyaanin jira.

Inni xiinsammuun baayyee miidhameera. "Ana dhiisii nama biraatti heerumii gammadii jiraadhu" naan jedha. Ani garuu fudhachuu hin dandeenye. Hedduun jaaladha, waan hedduu Anaaf jedhee dhabe.

Mee maal naan jettu? Maal na gorsitu?
Yaada keessan comment jalatti nuuf barreessaa.

Mee namanii najalatan   godhi kan naa fetaan amoo  godhii
17/09/2025

Mee namanii najalatan godhi kan naa fetaan amoo godhii

11/09/2025

"Jannatni waan lubbuun jibbituun marafamte; ibiddi waan lubbuun jaalattuun marafamtee." Je'an Nabiin ﷺ

11/05/2025

Sa'aa ammaa, daqiiqaa ammaa, Sekoondii amma keessa jirtu tana irraa jalqabee rakkoontee marti furmaata haa argattu.

Address

Aua

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00

Telephone

+251923954022

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hararge too mettaa callaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Hararge too mettaa callaa:

Share