Hawwii Tazarraa

Hawwii Tazarraa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Hawwii Tazarraa, Media/News Company, Toronto, ON.

WANTOOTA 6 NAMOOTATTI HIN HIMIN..!=====================Karoora kee.Dadhabina kee.Kufaatii kee.Iccitii kee.Sochii kee kan...
08/23/2026

WANTOOTA 6 NAMOOTATTI HIN HIMIN..!
=====================
Karoora kee.
Dadhabina kee.
Kufaatii kee.
Iccitii kee.
Sochii kee kan fuul-duraa.
Galii kee yookiin (qabeenya) kee hin himin.

JAHAN KANA AMMOO HUBADHU!
Yaadi malee hin dhiphatin!
Nama irraa baay'ee hin eeggatin!
Dandeettii keetti fayyadami!
Dogoggora kee irraa baradhu!
Ofitti amani!
Dandeettii kee beeki.

👉 https://t.me/addlist/ut7QxD02wyE3ZDQ0

Namoonni tokko tokko maaliif caalchisanii milkaa'u?⓵. Gorsa namoota ciccimoo irraa fudhatu.⓶. Fedhii fi kaka'uumsa olaan...
08/22/2026

Namoonni tokko tokko maaliif caalchisanii milkaa'u?

⓵. Gorsa namoota ciccimoo irraa fudhatu.
⓶. Fedhii fi kaka'uumsa olaanaa qabu.
⓷. Fageessanii yaadu.
⓸. Waan hojjechuu qaban beeku.
⓹. Waan hojjechuu qaban ni jaalatu.
⓺. Cimanii hojjetu.
⓻. Ofirratti hojjetu.
⓼. Fayyummaa isaaniif dursa kennu.

👉 https://t.me/addlist/ut7QxD02wyE3ZDQ0

Namaa Wajjin Jiraachuuf Amaloota Torban Kana Qabaadhu:••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••1: Naamu...
08/20/2026

Namaa Wajjin Jiraachuuf Amaloota Torban Kana Qabaadhu:
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
1: Naamusa Gaarii Qabaachuu
2: Shakkii Irraa Bilisa Tahuu
3: Rakkina uumuu Irraa Of Qusachuu
4: Hamilee Guddaa Qabaachuu
5: Obsa Amala Godhachuu
6: Dandeettii Gaarii Namaa Wajjin Walii Galuu Qabaachuu
7: Haalaa fi Amala Bareedaan Nama Simachuu

• Uuman akkuma Fuula Keenya adda adda godhee nu uumetti amala keenyaas garaa Gara godhee nu uume. Namaa Wajjiin jiraachuun kabajaa fi naamusaatu barbaachisa, akka ati feetu qofa osoo hin ta'in akki ati jibbituus uumama danda'a, uumamu akka malu tilmaamu yoo keessummeessun Dirqama.

• Yeroo namaa wajjiin jiraatu dirqaman amala kee humnaan Nama fudhachiisuu osoo hin taane amala nama biraatiis beekuuf tattaaffii godhi, yoo amalli isaa siin adda ta'e hin aarin, amala isaa kaaniis hubadhuuf.

• Kiyya qofaatu ta'a jedhani goggoguun hin barbaachisu, Yaada kee gurguruuf tattaffadhu Yoo Nama sirraa bituu dhabde ammoo yaada kee San fooyyeessuuf tattaafadhu malee maalif narraa fudhachuu diddan jettee hin aarin.

Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.

👉 https://t.me/addlist/ut7QxD02wyE3ZDQ0

Icciitii kee nama kamittuu hin himiin  Icciitii kee nama kamittuu hin himiin; namni har’a si dhaggeeffatu, boru seenaa k...
08/19/2026

Icciitii kee nama kamittuu hin himiin

Icciitii kee nama kamittuu hin himiin; namni har’a si dhaggeeffatu, boru seenaa kee dubbatee gaabbiitus hin deebistu
Dhadhaan ibidda bu'e hin deebi'u.

Nama hundumaa amanachuun salphaa dha; gaabbiin isaa garuu ulfaata.

Waan qalbii kee keessa jiru hundumaa hin baasin; callisuunis ogummaa dha.

Nama siif kolfu hundi siif amanamaa miti; yeroo rakkoo keessa jiru ilaali.

Icciitii kee eegi; waan afaaniin ba’e deebitee qabachuu hin dandeessu.

Nama amanamaa argachuun carraa dha; hanga argattutti ofii kee eegi.

Har’a icciitii kee dhaga’e, boru namoota biraatti himee kolfee sitti kolfisiisa.

Qalbii kee nama hundumaaf hin baniin; balballi baname hundi salphaatti hin cufamu.

Waan hundumaa dubbachuun dirqama miti; yeroo tokko callisuun of dhaggeeffadhu.

Icciitii kee eegi; yeroo tokko waan xiqqoo fakkaatu, boru gaabbii guddaa ta’uu danda’a.
Waan dubbisteef galatoomi 🙏

👉 https://t.me/addlist/ut7QxD02wyE3ZDQ0

Nama barate jechuun. hiika bal'aa qaba; innis qofa barnoota mana barumsaa (diwuploomaa ykn waraqaa ragaa argachuu) qofa ...
08/18/2026

Nama barate jechuun.

hiika bal'aa qaba; innis qofa barnoota mana barumsaa (diwuploomaa ykn waraqaa ragaa argachuu) qofa osoo hin ta'in, amala, hubannoo, fi haala jireenyaa keessatti itti fufiinsaan beekumsa argachuu kan ibsudha.
​Gabaabumatti hiikni isaa gurguddoon:
​Hubannoo fi Beekumsa Qabaachuu: Haala jireenyaa, hawaasaa, fi addunyaa naannoo isaanii jiru sirriitti kan hubatuu danda'uudha.
​Amala Gaarii (Safuu): Beekumsi dhugaa amala namaa jijjiira; nama barate jechuun nama safuu beeku, kabajaa qabu, namoota biroo waliinis karaa sirrii ta'een waliin jiraatu jechuudha.

"Nama hin barane" jechuunis immoo hiika garaagaraa qabaachuu danda'a, haala itti fayyadameerratti hundaa'ee:
​1. Barnootaafi Beekumsaa Wajjin Wal Qabatee
​Nama hin baranne (kan barnoota ammayyaa hin qabne): nama mana barnootaa deemuun barumsa hordofee digrii ykn ragaa hin qabne ykn dubbisuuf barreessuu hin dandeenye jechuudha
​2. Amalaafi Naamusa Wajjin Wal Qabatee
​Nama safuu hin qabne / Naamusni hin jirre: Nama haala hawaasummaa, safuu, ykn kabajaa namootaa hin beekne, nama gorsa ykn sirna hin qabne jechuudha akkasi ega ati kamidha ree kana lamaan keessa ?

namoota tokko tokkotu beektee waggaadhuma lama sadiin waan si caalaniif akka waan ati barnoota hin qabnetti si ilaalu 🤨

Wanta keessa keetti si dhukkubsu ol baastee dubbachuu dadhabuu caalaa wanti nama dhiphisu hin jiru. ❤👉 https://t.me/prof...
08/17/2026

Wanta keessa keetti si dhukkubsu ol baastee dubbachuu dadhabuu caalaa wanti nama dhiphisu hin jiru. ❤

👉 https://t.me/prof8gabo

Miirota Sadan kanarraa of Eeggadhu! ==============================1. Gaafa ol kaatee fiixee milkaa'innaatti ol baate, bo...
08/17/2026

Miirota Sadan kanarraa of Eeggadhu!
==============================

1. Gaafa ol kaatee fiixee milkaa'innaatti ol baate, boona qalbii irraa of eeggadhu. Boonni namoota sadarkaa milkii keetirra hin gahin akka ija tuffiitiin ilaaltu si taasisa. Sun immoo si namoota sanas ni cabsa.

2. Yeroo bakka gad-aanaarra jirtu hadheeffattee alaanaluu irraa of eeggadhu. Waa hadheessanii, dukkaneessanii ilaaluun, akka miirri inaaffaa si seenuufi sababiin milkaa'ina dhabuu keetii akka nama biroo ta'etti akka yaaddu si taasisa. Kun ammoo humna kee buusa.

3. Yeroo jireenya kee keessatti gadi bu'uuf kufaatiin si muudate abdii kutachuu irraa of eeggadhu. Abdii kutachuun akka wanti hundi asumarratti dhaabbatee, Kun hiree jiruu kiyyaati jettee akka yaaddu si taasisa. Gonkumaa abdii hin kutin. Nagaan bulaa!!!!!!

👉 https://t.me/+1E01uqz2NH9hZDQ0

Jireenya kee keessatti guyyaa tokkoof gonkumaa hin gaabbiin: guyyoonni gaariin gammachuu, guyyoonni hamaan muuxannoo, gu...
08/16/2026

Jireenya kee keessatti guyyaa tokkoof gonkumaa hin gaabbiin: guyyoonni gaariin gammachuu, guyyoonni hamaan muuxannoo, guyyoonni rakkinaa barumsa, guyyoonni gaariin immoo yaadannoo ni kennu.✍️

👉 https://t.me/naf37fspainbv

Gorsaa shamaranif ❤Shamarree kabajamtu ta'i. Miidhaginni dhugaan uffata qofa keessatti miti; amala gaarii, kabaja, obsaa...
08/16/2026

Gorsaa shamaranif ❤

Shamarree kabajamtu ta'i. Miidhaginni dhugaan uffata qofa keessatti miti; amala gaarii, kabaja, obsaa fi sodaa Waaqayyoo keessatti argama.

Nama si kabaju kabaji; nama si tuffatu immoo yeroo kee irratti hin balleessin. Abjuu kee irratti hojjedhu, of amani, yeroo hundas Waaqa irratti hirkadhu.🙏

Onneen qulqulluun, dubbii gaariin, fi hojii gaariin si miidhagsu caalaa wanti biraa hin jiru. Ati gatii guddaa qabda; kanaaf of hin xiqqeessin, of jaalladhu, jireenya kee kaayyoo gaariidhaan geggeessi.Waan hundumaa irra, Waaqni si haa eebbisu; karaa gaarii irra si haa qajeelchu. 🌹

👉 https://t.me/naf37fspainbv

Address

Toronto, ON

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hawwii Tazarraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share