12/11/2025
- ATTITUDE 🥰
•••••••••••••••••••••••••••••••••°°°°•
Ilaalchi jireenya dhala namaaf murteessaadha. Ilaalcha ati qabdutu si jiraachisa yookiin immoo si ajjeesuu danda'a!
●️ Namootni hedduun haala keessa jiran dhiisanii haala dhufuuf jiru dubbisu. Haalli amma keessa jiru ni jijjiirama jedhanii amanu. Utuu miidhamanii guyyaa miidhama isaanii irraa bayyannatan lakkaa’atu.
●️ Du’aa fi jireenya gidduu utuu jiranii jireenya lakkaawwatu. Wanti naannoo isaanii marsee jiru abdii namaa hin kennu yoo ta’eyyuu kun hunduu yeroo booda hin argamu jedhanii amanu.
●️ Addunyaa irra ba’anii addunyaa gadi ilaalu malee addunyaa mataatti baatanii hin rakkatan. Addunyaa irra deemanii lafa kaayyoo isaanii gahu malee addunyaa baatanii hin tiratan.
●️ Warri kun warra ilaalcha isaaniitiin jiraatanidha. Isaan kuni addunyaa akka barbaadanitti bifa ishee saxaxu malee addunyaan isaan hin saxaxxu! Warri kun du’anii illee seenaa qabu! Haftee isaaniitiin dhalootni bocama!
Faallaa kanaammoo warri utuu jiranii du’a abjootanis jiru.
➢ Utuu jiraachuun jiru du’a,
➢ Utuu darbuun jiru kufaatii,
➢ Utuu ce’uun jiru gamanatti hafuu,
➢ Utuu ciminni jiruu dadhabina,
➢ Utuu moo’uun jiruu moo’amuu,
➢ Utuu qabanii dhabiinsa,
➢ Utuu nyaatanii beela warri yaadanii yaadda’anis jiru.
• Warri kun keessi isaanii yeroo hundumaa ati nama hin taatu isaaniin jedha. Isaanis "ani nama hin ta’u" jedhanii yeroo hundumaa of ceepha’u.
• Yeroo hundumaa "bor maalan ta’a laata?" Jedhanii of jeequ! Warri kun warra ilaalchaan du’anii dha.
• Warri kun addunyaa baatanii ba’aa adunyaatiin rakkatu. Addunyaatu gara barbaadanitti isaan oofa. Maaliif akka jiraatan hin beekani!
• Waan dhufe wajjin oofamaa oolu…. Kallattii deemsa isaanii hin beekan.
• Osuma hammacamanii yeroo isaanii xumuru.
• Seenaa isaanii wajjin deemu.
• Haftee hin qaban! yoo qabaatanis hafteen isaanii madda badii ta’a!