23/07/2025
“Shira Marroo fi Jaal Waamiitiin qorumsi hamaan nutti dhufeera” Jaal Moo’ii
Ergama Marroo irraa itti kennamu hojiitti hiikuudhaaf tattaaffii gochaa kan jiran Jaal Waamii fi Abbaaseenaa hoogganoota garichaa hedduu nu jalaa nyaachaa turaniiru jechuun Jaal Moo’iin akka dubbate dhagahameera. Har’as jarri kun nu balleessuuf rafanii hin bulan kan jedhe Jaal Moo’iin sababa caasaa akka haaratti ijaarrachuu qabna jedhuun nu diiga jiru jedheera. Kanaafis gufuu nutti ta’uu danda’u jechuun kan yaadan hoogganoota buleeyyii kan akka Jaal Kaayyoo fi warreen biroo shiraan gala*fachuuf dhoksaan hojjechaa akka jiran irra geenyeerra jedheera.
Kanaaf shira Marroo, Jaal Waamii fi Abbaaseenaatiin lammaffaa hooggansa of-keessaa nyaachifna taanaan, kun lama du’uu keenya jechuun Jaal Moo’iin hoogganoota akka Jaal Abbaamaccaa fa’a waliin marii godhan irratti akka dubbate odeeffannoo miliqee bahe ni agarsiisa. Wanti nuti dagachuu hin qabne, nu keessa taa’ee kan Jaal Waamiidhaaf sochii keenya guyyaa guyyaan gaabasa dhiyeessu jiraachuu isaati jedheera. Kunis eenyu akka ta’e ni beekna; adda baasnees jirra jechuudhaan Jaal Waaqoo fi Jaal Morkaa yeroo gabaabatti miila jalaa dhahuuf akka jiran dubbii isaa keessatti akeekee jiraachuu odeeffannoo miliqee bahe ni mul’isa.
Gandummaan gola Shanee raasaa jira!