15/06/2025
Faaydaa Qur'aana Dubbisuun Guyyaa Aakiraatiif qabu:
Qur'aanni kitaaba qajeelfamaa kan Rabbiin (SWT) ilmaan namaatiif buuse waan ta'eef, isa qara'uun toltuuwwan (khayrii) lakkoofsa hin qabne of keessaa qaba.
gurguddoo Qur'aana qara'uun argamsiisu keessaa muraasni:
Aakhiraa (Jireenya Dhufuu)
1. Mindaa (Ajrii) Guddaa Argachuu: Qubee (letter) Qur'aanaa tokko yoo qaraate, toltuu (hasanah) kudhan argatta. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: "Namni qubee tokko kitaaba Rabbii irraa qara'e, isaaf toltuutu jira, toltuun immoo fakkaataa ishee kudhaniin baay'ifama. Ani 'Alif-Laam-Miim' qubee tokko hin jedhu, garuu 'Alif' qubee tokko, 'Laam' qubee tokko, 'Miim' qubee tokko." (Tirmizii).
Kana jechuun yoo Suuraa Al-Faatihaa qaraate qofa ajrii/mindaa dhibbootaan lakkaa'amu argatta jechuudha.
2. Manguddoo (Shafaa'aa) Guyyaa Qiyaamaa Ta'uu: Guyyaa Qiyaamaa, yeroo namni hundi rakkoo keessa jiru, Qur'aanni nama isa qara'aa tureef manguddoo (shafaa'aa) ta'ee dhufee isa baraara. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: "Qur'aana qara'aa, inni Guyyaa Qiyaamaa warra isa qara'eef shafaa'aa ta'ee dhufa." (Muslim).
3.Jannata Keessatti Sadarkaa Ol Kaasuu : Sadarkaan kee Jannata keessatti bakka aayah (keeyyata) Qur'aanaa isa dhumaa qaraateetti. Hamma addunyaa irratti Qur'aana qaraatee fi hafaze, sadarkaan kee Jannata keessatti ol fuudhama. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: "Nama Qur'aana qara'uun 'Qara'iitii ol kori, akkuma addunyaa keessatti suuta jettee qara'aa turte qara'i, sadarkaan kee aayah isa dhumaa ati qaraatu biraayi' jedhama." (Abuu Daawuud fi Tirmizii).
4. Warra Rabbiif Dhihoo Ta'an Wajjin Ta'uu: Namni Qur'aana qara'u, Guyyaa Qiyaamaa malaa'ikota kabajamoo wajjin ta'a. Namni itti ulfaatee kakaachaa qara'u immoo mindaa dachaa argata.
Warroota mindaa Qur'aanaa argatan irraa Rabbi nu haa tasisu. Aamiin 🤲
Xaahir Galatoo