Oromia Times

Oromia Times Haala qabatamaa Biyya keessa fi Alaa Ummata keenya biraan Gahuu!

Muldhata Muummichaa JalaanGumiin faarsitootaa "Shaggar" muldhata Muummichaa ta'uu dubbata. Burjaajessuu jedhan san ta'in...
24/11/2022

Muldhata Muummichaa Jalaan

Gumiin faarsitootaa "Shaggar" muldhata Muummichaa ta'uu dubbata. Burjaajessuu jedhan san ta'innaa laata? Qabatama isaa kan beeku Rabbi! Garuu yaa'a dubbii fi muuxannoo irraa kaanee yoo ilaallu dubbiin soba fakkaata. Waa danuutu san akeeka.

Itoophiyaan biyya federaalawaa ta'uun heeraan tumame. Keewwatuma jalqabaatu san dubbata. Aangoon mootummaa federaalaa keewwata 51 jalatti tarraaye. Tarree san keessa magaalota naannolee hundeessuun hin jiru. Keewwata 52 jalatti ammoo aangoo naannoleetu kaayame. Bulchiinsa ofiin of bulchuuf tolu hundeeffatuun aangoo naannolee ta'uu keewwata 52(2)(a)-tu hima. Sun magaalaa fedhan ijaruu dabalata. Federaalli aangoo magaalota naannolee hundeessuu hin qabu jechuu dha. Sirni federaalaas kan jabaates jijjiiramaan gamana!

Karaa biraatiin Muummichi bulchaa Itoophiyaa guututi. Muldhati isaanii himaammata biyya guutuu hammatu irratti fuulleffata. Himaammata diinagdee, himaammata ittisa biyaa, himaammata teknolojii, himaammata dhimma alaa fi himaammata barnootaa faa jechuu dha. Waan tokkummaa fi bilisummaa Afrikaa arguu fa'atu muummicha fakkaata. Gumiin faarsitootaa ammoo muummicha biyyaa itti gaafatamaa mana qopheessaa seeti. Kanaaf "Shaggar Muldhata Muummichaati" jettee ololti. Silaa otoo muldhata kabajamoo obbo Guyyoo Galgaloo jettee dubbiin irra fakkaatti. Obbo Guyyoon haga dhiyoo hoogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneen Oromiyaati. Magaalota Oromiyaaf muldhata arguun isaan irraa tolti. Garuu isaan dubbii "Shaggar" waan quba qabanii miti. Murtiin kan kora Soddaa fi miinzoliiti. Ammoo Oromiyaan biyyoota garii caalaa baldhatti. Hattuu dallaalli yaabbatu otoo hin taane hooggana jabaa muldhata qabu feeti!

Saadasa 06/2015 Muummichi faallaa heeratiin lafti harka hattuu fi dallaalaa galuu aariin dubbatan. Booddee ammoo koree farra hattuu hundeessuu beeksisan. Amma korichi dallaalaa fi hattuu adamsaa jira. Haala akkanaa keessatti muummichi "Shaggar" hundeessuuf rakkatu hin jedhamu. Harka tokkoon hattuu adamsaa harka kaanin ammoo hattuuf haala mijeessuun waan waliin hin deemne. Kanaafuu, magaalaa "Shaggar" dallaalaa fi hattuutu hannaan, hannaaf ijaaruu yaale jechuun soba hin ta'u! Gumiin faarsitootaa dhiyoo tana "Shaggar Oromootu qubatuuf deema" jechuu ni beektu. Duraan ammoo "Hiyyeessi Oromoo miti" jedhameera. Kanarraa kaanee gaafa xiinxallu "Shaggar" hiyyeessa buqqisuun dallaalaa fi hattuu qananiisuf ijaarama jechuu dha! Garuu barri jaraa fagoo miti!

Hunda caalaa ammoo kan nama dhibu kaayyoo ijaarama magaalichaa ti. Akka jarri asaasutti kaayoon "Shaggar" hundeessuu Finfinnee dadhabsiisu dha. "Shaggar ijaarree Finfinnee faayidaa dhabsiifna" jechuun saalfii malee dhaadatu. Muummichi garuu Finfinnee bareechuuf halkanii huyyaa ifaajan. Mana kitaabaa guddicha, Muuziyeemii saayinsii, paarkii tokkummaa fi kkf akka dhaloota boruuf tolutti ijaaran. Duuba akkamitti muldhanni "Shaggar" kan muummichaa ta'a? Ammoo Finfinneen magaalaa guddittii teenya. Teessoo federaalaa fi magaalaa guddoo Afrikaati. Dhaabbilee addunyaa danuutu keessa jira. Waan bade sirreessuu fi waan hanqate guutuun aaduma. Garuu akkamitti Magaalaa akkanaa dadhabsiisuuf karoorfatama? Akka Ida'amuu fi sagantaan Badhaadhinaa jedhutti magaalota marsaa isii waliin guddisuun maaliif hin yaadamne? Mee adaraa Namni waan kufaa akkanaa yaadu hooggansa dhiisii miseensa Badhaadhinatuu ta'a? Xannacha Badhaadhina keessatti marge, gurmuu ogeeyyii shiraa fi gidiraa kanneen dhiiga lammiilee qulqulluutiin qumaara taphatutu sana yaada!

Juntaan Oromiyaa duruu badii ofii raawwatee muummichatti haqataa ture. Nama hannaa fi gabaasa sobaa hin beekne badii malee ari'atu. Abbuma fedhan hojimaata malee bakka kaasuun bakka fedhanitti darbatu. Gaafa namichi maaliif akka ari'an gaafatu "Abbichuutu kaasaa jedhe" jechuun sababeeffatu. Sanaa olitti namuu jara hin gaafatu! Dhugaa adda baafatuuf ammoo namuu carraa hin argatu. Akkasiin namatti taphatu!

Mee waliigalaan dubbii haa ilaallu. "Shaggar" muldhata Muummichaatuu haa jennu. Garuu Maaliif adeemsi heera fi seeraa cabe? Sunis muldhata muummichaatii? Kan Abbaa Gadaa Karrayyuu ajjeesanii waakkataniif hoo ajaja muummichaatinii? Kan Oromiyaa nagaya dhoowwaa jaraan jedhe hoo Muummichaa? Ergasuu naannoon Sumaalee fi Sidaamaa maaliif nagaya? Kan sirna hannaa diriirsatii Feetaraarii, Qanyaazmaach" waliin jedhaa jaraan jedhe muummichaa? "Hiyyeessi fi wallaalaan Oromoo miti"kan jettan hoo gorsa muummichaatinii? Kan "Maqaan Arabaa lafa nurraa fudhate" jedhan hoo? Kan Galaanitti Maa'ikalaawwii lammataa ijaaraatii hidhamaa dararaa jedhe muummichaa? Ergasuu hidhamaan federaalaa maaliif seera fi kabajaan qabamaree?

Dubbiin hin fakkaanne! Ammoo qoosaaf hin qabsoofne! Dararaa ummataa hammeessuuf otoo hin taane qananii sabaa baldhisiif ergaramne!

Via:- Taye Dendea Aredo

Silattuu Duuti foon gootaa malee Maqaa fi Seenaa gootaa yoom fuutee beekti..Adeeroo Dr Ali Birraan boqotanii jiru😭 Har'a...
06/11/2022

Silattuu Duuti foon gootaa malee Maqaa fi Seenaa gootaa yoom fuutee beekti..

Adeeroo Dr Ali Birraan boqotanii jiru😭 Har'as gaafan du'a isaa dhaga'u yaa rabbi soba godhi jechaan ture. Garuu maal haa godhu dideetuma dhugaa ta'ee. Hedduu nama gaddisiisa!

Silaattuu duuti hin oolamtu. Garuu gameeysi akka Adeero Ali Birraa ni du'e hin jedhamu. Foon isaatu godaane malee seenaa fi maqaan isaa bara baraan yaadatamaa jiraata!

Hundaafuu Oromoon har'a Odaa guddaa tokko dhabeera. Obsaa fi sabrii rabbi isiniif haa kennu! Adeero Ali Birraa rabbiin jannataan haa qananiisu!

Oduu Ammee! Gorsaan motummoota gamtoomani ibsa arra baasen, walwaraansa Tigray fi naanno biraati godhameen duguuga shany...
28/10/2022

Oduu Ammee!

Gorsaan motummoota gamtoomani ibsa arra baasen, walwaraansa Tigray fi naanno biraati godhameen duguuga shanyii raawatamaa jiraniif, Akeekachiisafi yaamicha godhuu beeksiseera.

Address

Addis Ababa
Ababa
16111

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Times posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromia Times:

Share

Category