Barek Media

Barek Media with every difficulty there is relief

Congratulations ๐ŸŽ๐ŸŽ‰๐ŸŽŠAbdii Ahmad Adduunyaa irraa 1ffaa ba'uun maqaa biyyasaa ol fuudhe.  Maashaa Allaah  Abdi Ahmed  Maqaa...
11/06/2024

Congratulations ๐ŸŽ๐ŸŽ‰๐ŸŽŠ
Abdii Ahmad Adduunyaa irraa 1ffaa ba'uun maqaa biyyasaa ol fuudhe.
Maashaa Allaah Abdi Ahmed Maqaa nutti goote ๐Ÿ’ช
ufdurattis biyya tanaaf waan gaarii akka hojjattu abdii sirraa qabna.
GALATOOMI ๐Ÿ™

congratulations ๐ŸŽ . Abdulbaasix_Sh/Ayyuub _Baga_gammadde
04/06/2024

congratulations ๐ŸŽ
. Abdulbaasix_Sh/Ayyuub
_Baga_gammadde

๐Ÿ“ธ๐Ÿฆœ๐Ÿ“ท๐Ÿฟ ๐Ÿฅฐ๐Ÿฅฐ
29/05/2024

๐Ÿ“ธ๐Ÿฆœ๐Ÿ“ท๐Ÿฟ ๐Ÿฅฐ๐Ÿฅฐ

Namoonni kufaatii hedduu booda lafaa ka'an hunduu, miila ufii jijjiiranii osoo hin taane sammuu isaanii jijjiiraniiti......
03/05/2024

Namoonni kufaatii hedduu booda lafaa ka'an hunduu, miila ufii jijjiiranii osoo hin taane sammuu isaanii jijjiiraniiti....!

Diraamaa guyyaa Iidaa salaata dhiisu jedhu guutuu isaa laaluuf liinkii kana gad tuqaa ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡https://youtu.be/c-umEAk7OlI
13/04/2024

Diraamaa guyyaa Iidaa salaata dhiisu jedhu guutuu isaa laaluuf liinkii kana gad tuqaa ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://youtu.be/c-umEAk7OlI

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Maamiltoota isaa waliin sagantaa Ifxaaraa Taasisee jira.aankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Soo...
31/03/2024

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Maamiltoota isaa waliin sagantaa Ifxaaraa Taasisee jira.
aankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Sooma Ramadaanaa sababeeffachuun hordoftootaa fi maamiltootasaa Koopbaank Alhuudaa sagantaa Ifxaara Finfinnetti qopheessera.
Baankiichi maamiltoota isaa hawaasa musliimaa kana waliin sagantaa akkasii dabarsuun hariiro fi walitti dhufeenya hawaasa musliima fi bankichaa daraan kan cimsu taโ€™uu Perizidaantiin Baankii hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Darribee Asfawu himaniiru.
Hawaasni musliimaa dhaabbilee faayinaansii waliin walitti dhiyeenyaan hojjachuun guddina biyyaafis taโ€™ee, dinagdee hawaasichaa kan cimsu taโ€™uu dubbataniiru.
Saganticha irratti uztaazonni, sheekkonnii fi hawaasni muslimaa maamiltoota baankichaa hirmaataniiru

31/03/2024
Ministeerri Dhimma Alaa Hojiin lammiilee Itoophiyaa 70,000 Saaโ€™udii Arabiyaa irraa gara biyyaa deebisuu torban 2 keessat...
22/03/2024

Ministeerri Dhimma Alaa Hojiin lammiilee Itoophiyaa 70,000 Saaโ€™udii Arabiyaa irraa gara biyyaa deebisuu torban 2 keessatti eegala jedhe.
--------------------------------------------------------------------
Hojiin lammiilee Itoophiyaa Saaโ€™udii Arabiyaatti "haala rakkisaa keessa jiran" 70,000 taโ€™an gara biyyaa deebisuu torban 2 keessatti kan eegalamu taโ€™uu ministeeri dhimmaa alaa beeksise.
Koreen biyyaaleessaa itti aantuu ministeerichaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanootiin hogganamu karoora lammileen kanneen gara biyyaa deebisuuf bahe irratti mariโ€™ate.
Dhaabbileen federaalaafi naannoo hojii lammilee kanneen deebisuu kana hojjechuuf filataman qophii akka xumuran itti aantuun dhaamte.
Hojiin lammiilee gara biyyaa deebisuu kan milkaaโ€™e akka taโ€™u hojiin baajata ramaduu, loojistikii dhiyeessuufi mooraa lammiileen deebifaman yeroodhaaf itti qubatan mijeessuu akka hojjataman ambaasaaddari kuni ibsite.
Daayreekatarri tajaajila baqattootaa Aadde Xayibaa Hasan, gama isaaniin, hojiin lammiilee gara biyyaa deebisuu dhaabbileen dhimmichi ilaalatu cimsanii akka hojjatan dhaaman.
Madda: TOI

08/03/2024
Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Sadeen Sooddoo Magaalaa Harbuu Culullee irratti Muhaadaraa Guddaan Gaggeeffame. ________...
18/02/2024

Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Sadeen Sooddoo Magaalaa Harbuu Culullee irratti Muhaadaraa Guddaan Gaggeeffame.
________________________________________________________________

Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Sadeen Sooddoo Magaalaa Harbuu Culullee irratti Muhaadaraa Waamicha gama islaamummaa fi ijaarsa Markaza Furqaaniin wal qabateee qophaaye irratti Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa , Ustaaz Suufiyaan Usmaan , Dr. Muhaammadsaalih Jamaal fi UStaaz Xaahir Galatoo Sagantaa kana irratti argamuun dhaamsa isaanii dabarsanii achumaan Tumsa ijaarsa markazaaf Taasisanii jiru.
kana malees ummanni Godina Kanaa waggaa 300 booda islaamummaa simachuuf qophiidha jedhan.
Tumsa nurraa barbaachisu haa bahannu jechuun dhaamsa keenna.

Meeboon Roobee Baga Gammaddan ๐Ÿ†๐Ÿฅ‡โšฝ๏ธC๐™–๐™–๐™ฃ๐™˜๐™ค๐™ค 2-1 A๐™™๐™ค๐™ค๐™ก๐™–๐™– W๐™ค๐™ค๐™ฎ๐™ฎ๐™ช๐™ชBulchiinsi Magaalaa Caancoo tapha Marsaa 1ffaa xumuraan 2-1...
13/02/2024

Meeboon Roobee Baga Gammaddan ๐Ÿ†๐Ÿฅ‡โšฝ๏ธ
C๐™–๐™–๐™ฃ๐™˜๐™ค๐™ค 2-1 A๐™™๐™ค๐™ค๐™ก๐™–๐™– W๐™ค๐™ค๐™ฎ๐™ฎ๐™ช๐™ช
Bulchiinsi Magaalaa Caancoo tapha Marsaa 1ffaa xumuraan 2-1 Adoolaa Wooyyuu injifateera .
Adoolaa Wooyyuun Galchii 1-0 Dursaa turus Boqonnaa Deebiin booda Galchii 2 keessummeessuun injifatame , Injifatamuu Adoolaa Wooyyuu Hordofee Kilabiin Meeboon Roobee qabxii 2'n Caaluun Ramaddicha Sadarkaa 1ffaan xumuruu Mirkaneeffateera.

แˆ›แˆป แŠ แˆ‹แˆ… แ‹จแŒแˆ™แ‹ แˆถแˆ‹แ‰ต แ‰คแ‰ฐแˆ แŠ แ‹ฒแˆต แ‰ แ‰ฐแˆฐแŒ แ‹ แ‰ฆแ‰ณ
05/01/2024

แˆ›แˆป แŠ แˆ‹แˆ…
แ‹จแŒแˆ™แ‹ แˆถแˆ‹แ‰ต แ‰คแ‰ฐแˆ แŠ แ‹ฒแˆต แ‰ แ‰ฐแˆฐแŒ แ‹ แ‰ฆแ‰ณ

Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaatti Yaa'iin 3ffaan Hoggantoota Mana Marichaa Naannolee fi Magaalotaa gaggee...
13/12/2023

Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaatti Yaa'iin 3ffaan Hoggantoota Mana Marichaa Naannolee fi Magaalotaa gaggeeffamaa jira.

Manni maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa yaa'ii walii galaa 3ffaa fi marii waliinii hoggantoota manneen marii Naannolee fi Magaalotaa Finfinnee Hoteela Grand Eliyaanaatti gaggeessaa jira.

Yaa'ii kana irratti Perezdaantiin mana marichaa Dr.Sh/Hajjii Ibraahiim akkasumas hoggantoonni olaanoon mana marichaa,Hoggantoonni Majilisota Nannolee fi Magaalotaa argamaniiru.

Perezdaantichi haasawa baniinsaa taasisaniin Majilisni amma jiru Ulamootaaf iddoo guddaa kan laatuufi kan kunuunsu ta'uu himuun,Yaa'iin kun gadi teenyee kan ciminaa fi dadhabina keenya itti qorannee hojiiwwan fuulduratti nu eeggataniif kan itti qophoofnudha jedhaniiru.

Yaa'ii kana irratti hoggantoonni Naannoleefi Magaalotaa gabaasa hojii bara 2015 fi Karoora hojii bara 2016 kan itti dhiyeessanudha jedhamee eeggama.

Address

Addis Ababa
Ababa

Telephone

+251933824275

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Barek Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Barek Media:

Share