Abu reyhan

Abu reyhan Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abu reyhan, Video Creator, .

10/08/2025

Akka addunyaatti yaadi akka naannootti hojjedhu!
Dhalli namaa wanta haaraa argannoo dhaan yoo uumu (kalaqu) kan nama gammachiisu ta'ee, garuu ofii isaatii uumamuu yoo irraanfatu immoo kan nama gaddisiisu dha!
Kan nama qaanessu ba'aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane sammuu hin yaanne baachuu dha!
Yoo rakkoon si mudate rakkoo si mudate sanaaf yaadda'uu osoo hin taane akkaataa rakkoo si mudate sana keessaa itti baatu yaaduu qabda!
Wal beekuu irra waliif beekuu wayya!
Utuu dhugaan kophee hin godhatin sobni addunyaa naannoofti!
Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta'uu kan hin dandeenye yoo ta'u balleessaan kee ta'u kan danda'u kuftee yoo achitti haftee dha!
Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin baasu!
Sareen yeroo hunda duttu akka hin birmanneef of gooti!
Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane wanta dukkana sana keessa jirudha!Irra caalatti kan dinqisiifatamuu qabu namoota addeessa irra qubatan osoo hin taane namoota akkaataa isaan addeessa irratti itti quphatan barsiisanii dha!
Addunyaan kun sirraa waan tokko eegdi waan ta'eef waan garii tokko hojjedhu!
Kaayyoo ofii galmaan gahachuuf dhama'uun har'aaf dhandhamni isaa hadhaa'aa dha, boru firii fi dhandhamni isaa mi'aa dha!
Wanti calaqqisu hundi warqii sitti hin fakkaatin!
Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin jiraatin!Waggaatti jiruu dabali malee, jiruutti waggaa hin dabalin!
Gatii yeroo beekuu yoo barbaadde, atileetii maayikiroo sekondii tokkoof moo'amee badhaasa meedaaliyaa warqii dhabe gaafadhu!
Bu'aa qabxii baruu yoo feete, barataa qabxii 0.5niif qormaata kufee gaafadhu!
Aangoo qubaan si filaniin of hin tuulin, qubaan irraa si buusaniiti!
Beekumsa qabduun hin boonin, kan si caala beekuu hedduutu jiraatii!
Waan Dubbiftaniif Galatoomaa🙏

🎯 Namoota jaalattaniif taasisaa!

📉 📈

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!

Seerota Qalbii teenya ijaaran1) Qur’aanni bu’uura qajeellumaa fi qulqullinnaati, qalbii keenya kan qajeelchuu fi wantoot...
10/08/2025

Seerota Qalbii teenya ijaaran

1) Qur’aanni bu’uura qajeellumaa fi qulqullinnaati, qalbii keenya kan qajeelchuu fi wantoota gara garaa irraa qulqulleessuu danda’u isa qofa.
2) Rasuula
Rasuulli (SAW) qalbii teenya sirreeasuudhaaf ergaman, sunnaa isaa hordofuu fi karaa isaa irra deemuun alatti, karaan biraa kan qalbii teenya sirreessu inuma hin jirre.
3) Dalagaa gaarii
Dalagaa gaarii heddummeessuun qalbii teenya haqarratti gadi nu dhaaba.
4) Zikrii heddummeessuu
Zikrii heddummeessuun Qalbii teenya sirreessuu keessatti gahee guddaa qaba.
✍️ Wanti onnee keenya balleessaa gaflaa fi diliidha, wanti sirreessaa Istigfaaraa fi zikriidha.
5) Du’a yaadachuu
Du’a yaadachuun awwaara gaflaa onnee keenyarraa afuufa, qalbii goggoyde jiisa, bakka raftee si kaasa..!
6) Seenaa namoota gaggaarii dubbisuu (Anbiyootaa fi sahaabota, akkasuma namoota gaarummaadhaan beekkaman hundaa)
7) Fitnaa fi badii adda addaa irraa fagaachuudha. Badiin dhukkuba onneeti, dawaan ishee irraa fagaachuu qofaan.
8) Istigfaaraa fi towbaa heddummeessuudhaan onneen keenya jiiti.
✍️ Namni onnee isaa seerota armaan olii kanarratti ijaare, onneen isaa utubaa dachee keessa miila gadi fageeffatte taati..!!

Rabbiin onnee keenya nu haa jiisu.

👇

𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍 قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام. Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam) Yaadaaf👇 https://t.me/Ibrahim_92taf

Address


Telephone

+251988380411

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abu reyhan posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share