14/04/2023
TOKKUMMAAN HUMNAA
TOKKUMMAAN IRBUU DHA
TOKKUMMAAN KAAYYOO DHA
TOKKUMMAAN GALMAA
Daandiin qabsoo bilisummaa bu'aa ba'ii, gidiraaf rakkoo hamtuu qabaata. Isaan qabsoo bilisummaa Oromootti firii gochuuf akka irbuu seenanitti lubbuu isaanii hin mararfanne. Qabsaa'otiin haqaas wareegamtoota daandii bilisummaa irratti kufan sana. Gaafa goota keenya kaleessaa yaadannu, goota har'a qabnu jabeeffataa akeekaaf kaayyoo wareegamtoota keenyaa sana galmaan gahuuf kan nu dandeessisuun ta'uu akka qabutti.
Oromiyaa biyya gootaawwaaniiti. Gootota hedduus wareegamaan dhabee. Biyya abbaa keenyaa tiksachuuf har'as taanaan murannoodhaan qabsoon taasifnu cimee itti fufuun lubbu wareegamtootaa boqochiisuu, hawwiif kaayyoo isaanii galmaan gahuuf murannoon socho'uun nurra jiraata.
Gaafa gootaawwan qaalii yaadannu, kaayyoo isaanii galmaan gahuuf murannoo horanna. Seenaa darbe kaleessaa kununfata, kan borii tolfanna. Seenaa badaa kaleessaa hadheeffataa seenaa gaarii kaleessaa leellisaa, kan boriif daangaa tolfanna.
Irbuu haareeffannee imala qabsoo keenyaa saffisiisuuf kaayyoo qabsoo guuttanna. Gootota nu biraa kufan keessatti hanqina keenya ilaallee, sirreeffachuun qabsoo jabeeffachuuf qabna.
guyya yaddannoo gototaa keenya elba 15/2023 yaddadhan dhamsaa kooti.
Dastaa kadiir