31/03/2026
Kiristoos inni Kiristaanonni akka Waaqaatti gabbaran, yeroo lafa kana irra turetti rakkina guddaa keessa darbaa ture. Macaafni Qulqulluun akkana jedha:
📖 Ibroota 5:7
“...imimmaan fi iyyiinsa guddaadhaan gara isa du’a isa oolchuu danda’uutti kadhate...”
Kun maal nutti agarsiisa?
➧ Yesuus ofii isaa du’a irraa of oolchuu hin dandeenye
➧ Gara Waaqaa biraatti kadhataa ture
➧ Imimmaan dhangalaasee gargaarsa gaafataa ture
📖 Luqaas 23:46
“Yaa Abbaa koo! Hafuura koo harka keetti nan kenna” jedhe
➧ Yoo inni Waaqa ta’e, maaliif nama biraatti (Abbaa) kadhata?
➧ Yoo inni Waaqa ta’e, maaliif du’a sodaatee kadhata?
👉 Kanaaf:
Yesuus kadhataa ture
Yesuus gargaarsa barbaadaa ture
Yesuus du’a irraa ooluu barbaadaa ture
❗Gaaffiin guddaan:
Namni kadhatuu fi gargaarsa barbaadu akkamitti Waaqa ta’a?
📌 Yaada keessan kabajaan irratti haa mari’annu
📌 Ragaa waliin haa dubbannu
🤲 Rabbiin dhugaa nu haa agarsiisu