Hararge too mettaa callaa

Hararge too mettaa callaa Tokumman Humanaa fi Amansiftuu ilma namatii !!! Muslim

Kaadhimaan koo barana qormaata biyyoolessaa qoramee 130 fide. Qabxii kanaan eessa galuu danda'a?😭
17/09/2025

Kaadhimaan koo barana qormaata biyyoolessaa qoramee 130 fide.
Qabxii kanaan eessa galuu danda'a?😭

Utuu isin ta’ee maal gootu?************************Seenaa dhugaa👇Waggaa 3 guutuu jaalala bareedaa waliin dabarsine. Yero...
17/09/2025

Utuu isin ta’ee maal gootu?
************************
Seenaa dhugaa👇

Waggaa 3 guutuu jaalala bareedaa waliin dabarsine. Yeroo Gammachuukoof gaddakoo hunda ana waliin dabarse. Waan hedduu ana waliin tahe. Baay’een jaaladhaan. Hedduu na kabaja , naaf yaadas. Ana waliin relationship keessa utuu jirruu saal-qunnamtii goonee hin beeknu. Inni ana malee shamarree biraa hin beeku, anis Isa malee dhiira kan biraa hin beeku.

Guyyaan isaa ga’ee waggaa 3 booda gaa’ela guddaa godhannee waliin jiraachuu jalqabne. Garuu gaa’ela keessatti taateen qorqalbii keenya qabe tokko nu mudate. Egaa Abbaan manaaf haati manaa tokko gaa’ela keessatti saal-qunnamtiin wal gammachiisuu qabu.

Ijoollee godhachuus ni barbaanna. Anaaf inni wal-qunnamtii saalaa yeroo gochuuf kaanu qaamni saalaa isaa tasumaa hin kahu. Yeroo hedduu irra deddeebiin yaaleen dadhabne.

ji’a 4 guutuu utuu namatti hin dubbatin turree gara mana yaalaa naannoo keenya jiru deemnee homaa furmaata akka hin qabne bare. Kunoo amma ji’a 6 taaneerra. Hanga ammaa durbummaa kiyyaanin jira.

Inni xiinsammuun baayyee miidhameera. "Ana dhiisii nama biraatti heerumii gammadii jiraadhu" naan jedha. Ani garuu fudhachuu hin dandeenye. Hedduun jaaladha, waan hedduu Anaaf jedhee dhabe.

Mee maal naan jettu? Maal na gorsitu?
Yaada keessan comment jalatti nuuf barreessaa.

17/09/2025
Mee namanii najalatan   godhi kan naa fetaan amoo  godhii
17/09/2025

Mee namanii najalatan godhi kan naa fetaan amoo godhii

11/09/2025

"Jannatni waan lubbuun jibbituun marafamte; ibiddi waan lubbuun jaalattuun marafamtee." Je'an Nabiin ﷺ

11/05/2025

Sa'aa ammaa, daqiiqaa ammaa, Sekoondii amma keessa jirtu tana irraa jalqabee rakkoontee marti furmaata haa argattu.

11/05/2025
12/04/2025

, JECHA KANA GUDUUNFADHUU!
***************************************
1. Bishaan guute fi nama quufe dhaabbadhuu dabarsi.
2. Walitti dhufeenya nama waliin qabdu irra caalatti
cimsuudhaaf cimaa, jabaataa fi namaan walii galaa ta'i.
3. Beekaa kan si jechisiisu dubbisuu osoo hin taane Kan dubbifte yaadachuu keeti.
4. Yeroo hundaa ofirratti amanamummaa guddaa
qabaadhu.
5. Dubartii dubartiin malee rasaasan hin ajjeesin.
6. kan koo qofa fudhu (dhagayi) kiyyatu sirriidha doofaa siin jedhu hubachiisii biraa fagaadhu malee waliin hin mormin.
7. Seenaa kaleessa raawwatteef dogongora Kan deebisu xiiqii sammuu keetiiti.
8. Namni hundi qabaachuu kan barbaachisu maqaa
gaaridha.
9. Beelarra kajeellaatu nama miidha!
10. Hiriyyummaan burqaa bishaanii maddi isaa hin
beekkamneedha.
11. Hiriyaan yeroo rakkoo fi dararaa humna.
12. Hiriyaan dhugaa yeroo dukkanaa ifaadha.
13. Hiriyaan dhugaa madda gammachuuti.
14. Hiriyaaf kan dhukkubsatuu fi ofirra nama hiriyaaf
yaadu ta'i.
15. Hiriyaan dhugaa daawwitii dha. Rakkoo kee kan
qooddatu waan ta'eefillaaltu.hin fagaatin.
16. Jecha caalatti kan dubbatu gocha.
17. Nama jalaa dheessun salphaadha, sammuu ofii jalaa miliquun garuu ulfaatadha.
18. Maalummaa ofii cimsanii beekun gaarummaa loogii hin qabnedha.
19. Namni obsa qabu ganama cirracha nyaatee galgala aannan dhuga.
20. Galma gahumsi fedhii keetii kan madaalamuun milkaa'ina keetin Kenneen biroo jiraachuu yoo danda'anidha.
21. Oonnee tee qulqulluu godhi! maalif jennaan
fooddaa ala ittiin illaaltu.
Dubbisaaleen biroo akka sii qaqqaabu yoo barbaade follow godhi!
FOLLOW ✍️👉 MMorkataa Ka Taaddasaati

01/04/2025

Haa waa dubbiifnu
Jechoota Hayyoota Addunyaa
1.Beekumsi kennaa uumamaa fi Barumsaan kan Argattu Isa si jala hin hatamneedha(Albaranstaayin)
2.Hiyyummaan hiyyummaa caalu hiyyummaa sammuuti(Sooqiraxas)
3.Hanga lubbuun jirtu waan gaarii hojjedhu(Abrahaam liinkan)
4.Yeroo dabarsuurra guyyaa baallamaa dabarsuu wayya(Abrahaam liinkan)
5.Beekaa jedhamuuf barumsa keessa darbuu osoo hin taanee barmusi si keessa darbuu qaba. (Abrahaam liinkan)
6.Bareedinni sammuudhaa umrii wajjiin dabalaa yoo deemu kan bifaa immoo hirachaa deema(Jon “F” keneediin)
7.Waraana fi salphina jalaa kan nama baasu gootummaadha(Emergan)
8.Horii kee waan barbaadetti jijjiiruu dandeessa biyya kee garuu hin dandeessu. (Joon “F” keneediin)
9.Eboon goota yoo inni jiraate hin fudhatamu yoo inni hin jiraanne ni fudhatama (Acheebee)
10.Sammuun qullaa taa’urra kiisiin qullaa taa’uu wayya(Sheekispiir)
11.Manni kitaabni keessa hin jirre akka mana fooddaa hin qabneetti lakkaawama (Acheebee)
12.Duuti jiraachuu kan beektuu yeroo nama jaalattu si jalaa fudhatuudha (Emii disaataa)
13.Humna agarsiiftu ol qabadhu hamma beektuu dubbadhu.(W.sheekispiir)
14.Nama jilbiiffatee jiru irraa kan dhaabatee du’e wayya(Mokis)
15.Boru kaleessaf karoorfachuu hin dandeessu(Edmand Bark)
16.Jaalalti dhugaa mi’aa gidiraa mana hidhaati(Aroomaay)
17.Yeroo hunda tarkaanfii tokko yoo yaaddu qormaanni gufuu miila keetirratti ni mul’ata
(Antoon cheevaak)
18.Namarra yaaduuf yaali garuu namarra beekadha ofiin hin jedhin (Wiiliyaam jamsi)
19.Bakka jaalalli hin jirretti dogongorri guutee argama(Jamsi haweel)

27/03/2025

Allahumaa
Balkinaa
Fi
Leylatuluqadrii
Amiiiiiiiiin 🤲🤲❤️

Address

Aua

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00

Telephone

+251923954022

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hararge too mettaa callaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Hararge too mettaa callaa:

Share