Nuuraddiin Dhaloota Qubee

Nuuraddiin Dhaloota Qubee Nuutii kaan jiranuuf oromiyya gabruuma jalla basudha

30/07/2023
Ever appreciate person !!!
30/07/2023

Ever appreciate person !!!

Baga Gammaddan!Minnesota Islamic University n Pireezidaantii Majlisa Itiyoophiyaa fi Sheek Hajjii Ibrahim Tufaa fi dura ...
27/07/2023

Baga Gammaddan!

Minnesota Islamic University n Pireezidaantii Majlisa Itiyoophiyaa fi Sheek Hajjii Ibrahim Tufaa fi dura bu'aa majlisaa magaalaa Finfinnee Sheek Silxaan Eebbaaf Doktoreetii kabajaa laateef.

RIP😭😭😭Youtube keessan gubbbaaGuyyaanan yaabee koraaMaal yakkineree gurbaa?Maal balleessine  SORAA?~Nutoo koomedii haaraa...
27/07/2023

RIP😭😭😭
Youtube keessan gubbbaa
Guyyaanan yaabee koraa
Maal yakkineree gurbaa?
Maal balleessine SORAA?
~
Nutoo koomedii haaraan
Dhufta jennee si eegnaa
Malee du'a kee takkaa
Ni dhageenyaa maal beeknaa?
~
Nutoo Comming soon..n
Eeggannaa hojii addaa
Malee dhibamtee fooniin
Nu keessa hin seene gaddaa
~
Aartii Oromoof dadhabdee
Dafqa kaayyoo tufattee
Moo mee maal nurraa dhabdee
Mee maal nutti mufattee?
~
Duroo amma jette geessaa
Takkaa hin beektuu mufattee
Moo rakkoo Aartii keessaa
Aartee garaa kutattee?
~
Imimmaantu na cobaa
Galanni kee hin haphatuu
Waliin duunaanoo sobaa
Biyyeen sitti haa salphatuu!
~
Seenaan kee boollaa oli.😥😥

Qe’ee gammachuu  gaddii seene balaa konkolaatan abbaa fii intala eebba Yunivarsitii irraa deebi'an galaafate .Gadaa cima...
25/07/2023

Qe’ee gammachuu gaddii seene balaa konkolaatan abbaa fii intala eebba Yunivarsitii irraa deebi'an galaafate .
Gadaa cimaa onnee nama cabsuu mattiif firoottan jajjabinaa rabbii ha keenuf

Yuunivarsiitii'n Riift Vaalii Damee Adaamaa barattoota akaakuu barnoota adda addaan waggootaaf barsiisaa ture eebbisiise...
25/07/2023

Yuunivarsiitii'n Riift Vaalii Damee Adaamaa barattoota akaakuu barnoota adda addaan waggootaaf barsiisaa ture eebbisiise jiraa

25/07/2023

Galaatomaa ulfatatu ulfinaa namaaf kennaa waan taheef

 _Wosan qurqur jiille gubbaaWoraabessi guyyaan yuuseeLaal abiddi samii gaheeLafa iftuun hurrii buusee_Yaa kamisee kaaba ...
26/01/2023


_
Wosan qurqur jiille gubbaa
Woraabessi guyyaan yuusee
Laal abiddi samii gahee
Lafa iftuun hurrii buusee
_
Yaa kamisee kaaba biyyaa
Yaa wolloo koo dachee dhiigaa
Diinni ormaa sitti marsee
Maaf gola kee sirra diigaa?
_
Maal badiinkee siin jedhanii
Sitti himuuree yakka kee?
Lallabattee deebii dhabdee
An haa cabu kaa bakka kee..
_
Akka ati duguugamtu
Si balleessuu fedhan hiddaa
Qe'eef lafa kee irratti
Maaf si qabsiisu abiddaa?
_
Haqa keetiin buluu malee
Atoo hin beektu nama saamuu
Akka garbuu gaara gahee
Maaf sanyii kee lafaa haamuu?
_
Atuu beekta kabachiisuu
Biyya abbaa kee biyyee nyaattee
Ammas seenaa kee haaromsi
Hin moo'amin harka laattee...!

Boombiin gaara hin ba,ukan bookoke ha fanadda,ushiirrii meeqa xaxaamusoromoon adda ba,u~Hunduumayyu dabarreegufoota hedd...
25/01/2023

Boombiin gaara hin ba,u
kan bookoke ha fanadda,u
shiirrii meeqa xaxaamus
oromoon adda ba,u
~
Hunduumayyu dabarree
gufoota hedduu tarree
Qabamteetta halana
namummaa kan kees barre!
~
Amma geenyu of beekna
hundumtuu sitti kolfa
qomoon ko qee isarratti
tokkumman diina horfa
~
Utuu beeknu calliisne
gowwaa fakkanne sitti
Harreen akkam guddaatus
akkamin fardaan gitti ?

Address

Adama

Telephone

+251902294202

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nuuraddiin Dhaloota Qubee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Nuuraddiin Dhaloota Qubee:

Share