Luuccow page

Luuccow page Akka yaadde jiraatuu yoo dadhabdees akka keessa jirtu fudhattee jiraatuun dirqama jiruuti!

26/01/2025

Abiy Ahmed Ali


25/01/2025
Harargee LixaaGodina Harargee lixaatti mariin "Ga'ee Hayyoota Oromoo  Ijaarsa Itoophiyaa keessatti" mata duree jedhu irr...
24/01/2025

Harargee Lixaa
Godina Harargee lixaatti mariin "Ga'ee Hayyoota Oromoo Ijaarsa Itoophiyaa keessatti" mata duree jedhu irratti Waltajjiin marii Barattoota Yunivarsiitii Odaa Bultum waliin gaggeeffame Milkaa'inaan goolabame.
Waltajjii marii kana irratti Afyaa'ii Itti Aanaa Caffee Oromiyaa Obbo Iliyaas Ummataa , Bulchaan Godina Harargee Lixaa Aadde Ikraam Xaahaa, Itti gaafatamaan Siyaasa Godinaa Obbo Fiqaaduu Miliyoon akkasumas Hoggansi Yunivarsiitii Odaa Bultum kan argaman yoo ta'uu Barreefama gabaabaa mariif ta'u dhiyaatee irratti mari'atamee gaafii fi yaadni gara gara ka'uun mariin bal'aan taasifame.
Waltajji kana irratti argamuun Barattoota Mariisisaa Kan Turan Itti Aanaa Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Obbo Iliyaas Ummataa namoota murtiin du'aa Itti kenname Biyyarraa baqatee ture hedduu yeroo mootummaa keenyatti dirree siyaasaa bal'ateen dhiifamaan gara biyyatti deebi'aa akka turan himanii Namoota muraasa kayyoo hin qabne karaa hin malleen angoo argachuuf ololaa sobaa facaasaa jiraniif bakka hin qabnu jedhan.
Bulchaan Godina Harargee Lixaa Aadde Ikraam Xaahas yaada kennaniin
yeroo saboonni biroo Abdii nurratti horatanii gammachuu hoggansa Oromoo irraa qaban ibsachaa jiranitti tokkummaan oromoo dhibuu hin qabu jedhan, kanaaf yoomiyyuu caalaa tokkummaa keenya cimsinee fuulduratti tarkaafachuu qabna jedhan.
namoota murtiin du'aa Itti kenname Biyyarraa baqatee ture hedduu yeroo mootummaa keenyatti .
Barreeffama mariiif ta'u gabaabaa dhiyeessaniin Ijaarsa Itoophiyaa durii keessatti ga'een Hayyoota Oromoo kaleessaa haala irra ture yaadachisuun ga'een Dhaloota har'aa maal ta'uu akka qabu kan akeekan Itti Gaafatamaan Siyaasa Godina Harargee Lixaa Obbo Fiqaaduu Miliyoon Har'as harka wal qabannee tokko taanee Qabeenyaa Umamaa waqni nuuf kenne misoomsinee Badhaadhina Biyya teenyaa saffisiisuu qabna jedhan.
Barattoonni marii irratti hirmaatan Carraa dhiigaan arganne ni tikfanna jedhan.

Harargee Lixaatti Konfiraansii Liigii Dubartoota Paartii Badhaadhinaa Kurmaana 2ffaa gaggeeffamee.**********************...
23/01/2025

Harargee Lixaatti Konfiraansii Liigii Dubartoota Paartii Badhaadhinaa Kurmaana 2ffaa gaggeeffamee.
********************************************
Godina Harargee Lixaatti Konfaransii Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Kurmaana 2ffaa Bara 2017 Miseensota Liigii Dubartootaa waliin Sadarkaa Godinaatti gaggeeffamee.

Konfaransii kana irratti Itti Gaafatamtuun Liigii Dubartootaa Godina Harargee Lixaa Aadde Wazira Ahamed iin ergaa baga nagaan dhuftanii taasisaniin, Bulchaa Bulchiinsa Godina Harargee Lixaa Aadde Ekram Taha haasawa baniinsaa konfaransii taasisuun, Gabaasni hojii walii galaa I/G Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Godinaa Aadde dhiheessan irratti mariin waliin kan gaggeessan Itti Gaafatamtuu Damee Ijaarsaa Paartii Badhaadhina Godina Harargee Lixaa Aadde Amina Abrahim bakka argamanitti waliin marii gaggeessaniiru.

Dubartiin Utubaa Biyyaa ta'uun gama hundaan mirkaneessuuf Dubartoonni Siyaasa, Diinagdee fi Hawaasummaa keessatti hirmaachisuun imala Badhaadhinaa kallattii hundaan milkeessuu akka qaban dhaamaniiru.

Badhaadhina!
14/01/2025

Badhaadhina!

Harargee Lixaa!Goodina Harargee Lixaatti Manni Marii Nageenyaa Godinaa haala sochii nageenyaafi misoomaa Godinaairratti ...
19/12/2024

Harargee Lixaa!
Goodina Harargee Lixaatti Manni Marii Nageenyaa Godinaa haala sochii nageenyaafi misoomaa Godinaairratti marii gaggesse.

Mariin kun kan gaggeefame Bakka Kabajamoo Af-yaa'ii ittiaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Obbo Eliyaas Uummata fi Kabajamoo Obbo Anaas Aliiyyii Ittigafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Harargee Lixaa akkasumas Ittigafatamaan Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Lixaa Komishinara Kaasaayee
argamanitti gaggeeffamee jira.

Manni Marii Nageenyaa godinichaatti haala sochii nageenyaaf misoomaa irratti marii Bakka Hoggansi Aanaa fi Magaalaa argamanitti gaggeeffameera.

manni marichaas dhiimmoota nageenyaa fi sochii misoomaa irratti marii bal'dhaa gaggeesuudhaan dhimmoota fulduratti ciminaan hojjetamuu qaban irratti kallattii fuula duraa ka'achuun goolabamee jira.

Xumuraa irraattiis Waltajiin Kunis hojii hojechaa turre haala karorfanneen hojjechaa jiraachuu, qindomina barbaachisuun hojiin karoora xiiqii karoorfannee hojjechaa jirru, harcaatii, hanqinaafi cimina hojii jiru adda baasuun xiyyeefannoon irratti hojjennee galma karoora imala badhaadhina qabame dhugoomsuuf Xiyyeeffannoon hojjatamu qaba jedhamee.
West Hararghe Zone Communication

Waliigaltee nageenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti taasifame hordofee...
03/12/2024

Waliigaltee nageenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti taasifame hordofee guyyaa har’aa miseensonni WBO kallattii hundaan galuu itti fufanii jiru.
Ummanni nageenya dheebootee nagaaf watwaataa turees, WBO kallatti hundarraa gara giddu-galeessaatti dhufaa jiruuf simannaa taasisaa jira.
Nageenya waaraa mirkaneessuuf waliigalteen nageenya buusuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi WBO waamicha nageenyaa fudhatan gidduutti mallattaa'e qabatamaan hojiirra oolaa jira. Oromiyaan dirree misoomaa fi nageenyaa malee dirree jeequmsaa hin taatu.

03/12/2024
 !*******Waliigaltee Nageenya buusuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO Waamicha Nagaa fudhatan gidduutti ta...
03/12/2024

!
*******
Waliigaltee Nageenya buusuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO Waamicha Nagaa fudhatan gidduutti taasifame hordofee guyyaa har’aa Miseensonni WBO moonaa qophaa’efitti galaa jiru

Garaagarummaan ejjennoo siyaasaa mariidhaan yoo ta’e malee afaan qawweetiin hiikamuu kan hin dandeenye ta’uu isaarratti walhubannaarra gahuun, wal-waraansa yeroo dheeraa fudhatee madda dararama ummataa ta’e dhaabuudhaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti waliigalteen nageenya buusuu guyyoota muraasaan dura mallattaa’e qabatamaadhaan hojiirra oolaa jira.

Bu’uura waliigaltee kanaatiin guyyaa har’aa Miseensonni WBO iddoowwan gara garaatti socho’aa turan gara moonaa Mootummaan qopheesifitti galaa jiru. Ummannis simannaa taasisaafii jira.

Garaagarummaa ejjennoo siyaasaa afaan qawweetiin hiikuuf yaaluun gaaga’ama hawaas-dinagdee fiduun umrii hiyyummaa dheereessuu, dararama lammiilee hammeessuu fi madda saaxilamummaa humnoota alaa ta’uurraa kan hafe furmaanni fidu tokko hin jiru. Kanumarraa ka’uun Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoonni WBO waamicha nagaa fudhatan waliigaltee nagaa waliif mallatteessan qabatamaadhaan hojiirra oolchaa jiru.

Oromia Prosperity Party / OPP /

No comments!
30/08/2024

No comments!

Tolaa
10/08/2024

Tolaa

GOLDEN BOY Paris 2024
10/08/2024

GOLDEN BOY Paris 2024

Oduu_MuudamaaKabajamoo Obbo Abdurahman Abdella  Deetaa Ministeera Jallisiif Naannawaa Gammoojjii Tahuun muudamuu keessan...
09/08/2024

Oduu_Muudamaa

Kabajamoo Obbo Abdurahman Abdella Deetaa Ministeera Jallisiif Naannawaa Gammoojjii Tahuun muudamuu keessaniif baga gammadde Baga gammanne!
አቶ አብዱርሃማን አብደላ በመስኖና ቆላማ አካባቢ ሚኒስቴር ሚኒስትር ዴኤታ
Bara Hojii Gaarii!

Address

Adama

Telephone

+251910172883

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Luuccow page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Luuccow page:

Share