21/01/2026
WBO ZOONII LIXAA🫰
Eebbifamtootaa fi kaadhimamtoota ABO-WBO haala wal xaxaa fi ulfaataa keessa darbitanii baga guyyaa eebbaa geessan jechaa, warraaqsa milkii fi injifannoo isiniif ha ta’u!🙏💥
Jaarmiyaa ABO-WBO jalatti ijaaramuun biyya walabaa ha ijaarrannu!🙏❤️💚❤️💥
Sabni ha hidhatu. ha irroomu. Dargaggoon Oromoo ha ijaaramu!💪❤
Oromoon akka sabaatti humna waraanaa jabaa biyya kana irra darbee Afriikaa kanaaf abdatamaa ta’e ijaarrachuu qaba. Sababni isaas:- Sabni baayyina akkanaa qabu, kan dachii jiituu fi badhaatuu oomishaaf mijattuu taate qabutti diinatu baay’ata. kanaaf, Biyya walaboomte ijaarrachuu fi bilisummaa argatan tiksachuu keessatti humni waraanaa barbaachisaa waan ta’eef.✊💥
Irree jabaa dhabuu sabootaatu akka inni afaan qawween cafaqamee empaayira jalatti bulu isa dirqamsiise.🥺 Sabni humna waraanaa abbaa irree ittiin waraanu hin qabne, hokkorus, fincilus, iyyus...dhageettii hin qabu. Addunyaan kun kan isa dhugaa qabuu osoo hin taane, kan isa humna qabuuti. Biyyootni addunyaa kana irratti walabummaa mataa ishee goonfatte hunduu erga ijaarsa jabaa fi humna waraanaa biyya isheef abdachiisaa ta’e horattee booda mirga hiree murteeffannaa ishee dhugoomsite.✊❤️💚❤️💥