Melba Press

Melba Press Digital creator and Model

25/04/2025



Bakka amma jirtu tana irraa yeroo fagaatte. Jireenya bakka haarayatti yeroo jalqabde namoota amma waliin jiraachuu jirtu kana keessaa namni si iyyaafatu, Kan jireenyi akkami ja'ee si gaggaafatu 20% hin guutu.

Tanaafiin nama hunda hiriyyaa hin Sahin hanga isa moggaa jirtu qofa si yaadataa siin jadha.

Hiriyyummaa keessatti nama haala hunda keessatti si waliin jiruuf duursa kanni, qabaataa tahaniis dhabaa yoo tahaniis isaan san yeroo hin jijjiirtuutii atiis isaan waan laafuun hin jijjiirin. Duursa kanniif

 Maallaqni saree guddaa bituu danda'a. Garuu garraamummaa qofatu sarichi akka eegee sitti raasu gochuu danda'a. Garraamu...
21/04/2025



Maallaqni saree guddaa bituu danda'a. Garuu garraamummaa qofatu sarichi akka eegee sitti raasu gochuu danda'a. Garraamummaan afaan duudaan dhaga'u, jaamaanis arguu danda'udha. Hiriyaan keenya wayita inni du'u awwaala isaa irra abaaboo kaa'uu caalaa, utuu inni jiruu gaarummaa itti agarsiisuu wayya. Waan gaarii namootaaf gochuun miira gaariin akka sitti dhagaa'amu godha. Jechoonni gaggaariin goonkumaa arraba hin miidhan.

Deemtee hin fagaattuNattis hin dhiyaattuYaada waliin hirtaFuullee kiyya jirta ❤️Yookaan aachi hin siqxuYookaan natti hin...
06/04/2025

Deemtee hin fagaattu
Nattis hin dhiyaattu
Yaada waliin hirta
Fuullee kiyya jirta ❤️

Yookaan aachi hin siqxu
Yookaan natti hin hiiqxu
Giddu gidduu taate
Garaakoo na nyaatte

Anis akkumakeeti
Murtoo cimaan dhabe
Garaa murachuufis
Inuman dadhabe

Ela...
An daa'ima miti
Kan dalga baatamu
Takka na jibbitee
Takka hin jaalatamu!

Haqasaan dubbadhaa
Atis haqa dubbadhu
Garaakoon muradhaa
Garaakee kutadhu

Waanuma fedheefuu
Murtoon kan abbaati
Garaan murtoo dhabe
Dhukkuba abbaati!

Address

Adama
Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Melba Press posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share