Melba Press

Melba Press Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Melba Press, News & Media Website, Adama,Ethiopia, .

25/04/2025



Bakka amma jirtu tana irraa yeroo fagaatte. Jireenya bakka haarayatti yeroo jalqabde namoota amma waliin jiraachuu jirtu kana keessaa namni si iyyaafatu, Kan jireenyi akkami ja'ee si gaggaafatu 20% hin guutu.

Tanaafiin nama hunda hiriyyaa hin Sahin hanga isa moggaa jirtu qofa si yaadataa siin jadha.

Hiriyyummaa keessatti nama haala hunda keessatti si waliin jiruuf duursa kanni, qabaataa tahaniis dhabaa yoo tahaniis isaan san yeroo hin jijjiirtuutii atiis isaan waan laafuun hin jijjiirin. Duursa kanniif

 Maallaqni saree guddaa bituu danda'a. Garuu garraamummaa qofatu sarichi akka eegee sitti raasu gochuu danda'a. Garraamu...
21/04/2025



Maallaqni saree guddaa bituu danda'a. Garuu garraamummaa qofatu sarichi akka eegee sitti raasu gochuu danda'a. Garraamummaan afaan duudaan dhaga'u, jaamaanis arguu danda'udha. Hiriyaan keenya wayita inni du'u awwaala isaa irra abaaboo kaa'uu caalaa, utuu inni jiruu gaarummaa itti agarsiisuu wayya. Waan gaarii namootaaf gochuun miira gaariin akka sitti dhagaa'amu godha. Jechoonni gaggaariin goonkumaa arraba hin miidhan.

Deemtee hin fagaattuNattis hin dhiyaattuYaada waliin hirtaFuullee kiyya jirta ❤️Yookaan aachi hin siqxuYookaan natti hin...
06/04/2025

Deemtee hin fagaattu
Nattis hin dhiyaattu
Yaada waliin hirta
Fuullee kiyya jirta ❤️

Yookaan aachi hin siqxu
Yookaan natti hin hiiqxu
Giddu gidduu taate
Garaakoo na nyaatte

Anis akkumakeeti
Murtoo cimaan dhabe
Garaa murachuufis
Inuman dadhabe

Ela...
An daa'ima miti
Kan dalga baatamu
Takka na jibbitee
Takka hin jaalatamu!

Haqasaan dubbadhaa
Atis haqa dubbadhu
Garaakoon muradhaa
Garaakee kutadhu

Waanuma fedheefuu
Murtoon kan abbaati
Garaan murtoo dhabe
Dhukkuba abbaati!

 Gaafaan Sin wal bareNiin yaadadha aaddee Gaafa ati Joollee Kan si godhan daaddee Kan wajjiin tabannuUmmaan too na fidde...
15/01/2023



Gaafaan Sin wal bare
Niin yaadadha aaddee
Gaafa ati Joollee
Kan si godhan daaddee
Kan wajjiin tabannu
Ummaan too na fiddee
Arra ammoo rabbiin
Waliifuu nu qoodee
Kanan beeynu turre
Tun ni dhuftii booddee
An gaafasumaahuu
Ka addati beeytee
Siin sodaadhe malee
Si dhungachuun yaade
Amma ammoo kunoo
Anaafi si qoode
Alhamdu lillaahi
Rabbiin tolche booddee,

Hordoftoota   page koo kan duraanii report goote wanyoon narratti waan cufameef  like gochuun gara maatii keessan jalqab...
26/11/2022

Hordoftoota page koo kan duraanii report goote wanyoon narratti waan cufameef like gochuun gara maatii keessan jalqabaati dabalama jechuun fedha!

Galatoomaa!

Address

Adama,Ethiopia

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Melba Press posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share