Barsiisaa Shamsuddin

Barsiisaa Shamsuddin Abbaan feete ilaalcha tuffii fi miilla dhoqqeen mataarra Akka na ejjettu hin ayyamuuf!

Jiilli Hooggansa fi Qonnaan Bultoota Adda duree Aanaa Mattuu Kabajamoo Bulchaa Aanaa Mattuu Obboo Garramuu Birhaanuu Caa...
11/08/2026

Jiilli Hooggansa fi Qonnaan Bultoota Adda duree Aanaa Mattuu Kabajamoo Bulchaa Aanaa Mattuu Obboo Garramuu Birhaanuu Caasaa tin durfamu turtiisa Godina shawaa bahaa xumuruun gara qe'eetti Yoo deebi'u simanna ho'aan taasifameeraaf.

waltajjii simanna sana irrattis Haaromee arganii galan Hawwaasa isaanii keessatti lafa qabsiisuuf waadaa waliif galaniiru.

Baga nagaan galtan!

እቺ ሴትዮ እምባ ጠባቂ ተቋምን አበላሸታለች።  አስለቃሽ ኮምሽኔር ናት። 💊Niitiin Kun komii Hojjettoota mootummaa Naannoo Oromiyaa warra Sababa hii...
10/08/2026

እቺ ሴትዮ እምባ ጠባቂ ተቋምን አበላሸታለች።
አስለቃሽ ኮምሽኔር ናት። 💊
Niitiin Kun komii Hojjettoota mootummaa Naannoo Oromiyaa warra Sababa hiikaa afaaniitiin Dhiibbaan irra gahee miindaa silaa nyaachuu qaban nyaachaa hin jirre Kumaatamaan lakka'aman Boossifte teessi!

Ilaalchi isheen Oromiyaaf qabdu nama gaddisiisa!

Abiy Ahmed Ali
Shimelis Abdisa

Aanaa MattuuWaajjirri Nagaa Aanaa Mattuu Karoora  hojii gurguddoo ji'a Hagayyaa irratti mari'achuun kallatti raawwiin it...
10/08/2026

Aanaa Mattuu

Waajjirri Nagaa Aanaa Mattuu Karoora hojii gurguddoo ji'a Hagayyaa irratti mari'achuun kallatti raawwiin itti galma ga'u kaa'uun irratti walii galtee xumureera.

Waltajjii kana irratti Hojjettootni waajjiricha hundi Kan hirmaatan Yoo ta'u hanqinoota ji'a Adoolessa keessa turan ilaalamanii Kan furmaataaf dhiyaatanii fi Ciminootni turan bifa itti fufuu danda'an irratti Itti gaafatamaa Waajjiricha Obbo Girma Amaaretin kallattin kennameera.

Waltajjii Bareedaa ture!

Gaaffii Ingliffaa Badhaasa qabu.
09/08/2026

Gaaffii Ingliffaa Badhaasa qabu.

"Oromoof lafti lafeedha!" MMI Dr. Abiyyi Ahimad 🙏🙏🙏 Muummee 🙏🙏
07/08/2026

"Oromoof lafti lafeedha!" MMI Dr. Abiyyi Ahimad

🙏🙏🙏 Muummee 🙏🙏

07/08/2026
Magaalaa Mattuu Carraan hojii dargaggootaa babal'achaa jira!Bulchiinsi Magaalaa Mattuutti carraa hojii ogummaa bu'uureff...
07/08/2026

Magaalaa Mattuu

Carraan hojii dargaggootaa babal'achaa jira!

Bulchiinsi Magaalaa Mattuutti carraa hojii ogummaa bu'uureffate babal'isuun hojii dhabummaa hir'isuufi dargaggoota of danda'anii of jijjiiranii maatii fi biyya isaanii jijjiiran uumuuf hojii bal'aan hojjetamaa jira.

Sagantaa Paartii Badhaadhinaa keessatti dargaggoonni humna oomishaa, humna jijjiiramaa fi bu'uura badhaadhina biyyaati waan tahaniif carraa hojii waaraa uumuufi dandeettii isaanii guddisuurratti xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jira.

Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti Manni Maree Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Magaalichaa gamaaggama raawwii hojii bara 2018 fi marii karoora hojii bara 2019 gaggeesseera.

Waltajjicharratti hojiiwwan bara darbe keessatti raawwataman irratti gamaaggamni bal'aan taasifamee, hanqinoota mul'atan adda baasuun kallattiin hojii fuulduraa kaa'ameera.

Waltajjii kanarratti Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Mattuu Obbo Tashaalee Ejarsoo mootummaan hojii uumuu fi dinagdee dargaggootaa cimsuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jiruun bu'aa gaarii agarsiisaa jiraachuu kaasuun, pootenshaala hojii magaalaan qabdu sirnaan adda baasuun hojii dhabummaa hir'isuufi dargaggoota gara hojii fi galii itti fufaa argachuutti ceesisuun hojii ijoo ta'uu kaasaniiru.

Akkasumas mootummaan ijaarsa dinagdee hundagaleessaa fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf hojii uumuu akka furtuu guddinaatti fudhatee hojjechaa jiraachuu kaasuun, dargaggoota humna oomishaa fi jijjiiramaa taasisuuf carraa hojii waaraa uumuu, ogummaa isaanii cimsuu, hojii dhuunfaa akka uuman jajjabeessuu fi invastimantii keessatti hirmaachisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataanis, hojii dhabummaan sirna qindaa'een hoogganamuu akka qabu kaasuun, hojii barbaaddota sirnaan galmeessuu, pootenshaala hojii sadarkaa ganda irraa kaasee adda baasuu, humna namaa baratee fi leenjii gahaa argate fayyadamuun hojii uumuu irratti ciminaan hojjechuun murteessaa ta'uu hubachiisaniiru.

06/08/2026

KTL

Address

Oromia
Adama
123@123

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Barsiisaa Shamsuddin posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share