Obsaa Ahmad

Obsaa Ahmad MAQAAN BADUU MANNAA MATAAN BADUU WAYYAA ADDA BIYYA AAYYAA MURAA MATAA KIYYAA

16/08/2026

Namni muraasni Shira Hojjachuu isaa akka ciminaatti of-ilaala! Ani immoo Shira inni hojjate beekee dhiisu kiyyaaf akka beekumsaatti Of-ilaala

16/08/2026

Cubbuu Hammeenya nama biraa dubbachuun dura Qulqulullummaa kee mirkaneeffadhu

16/08/2026
Qabbanti Qunnee diinaWayaa Sabbooqa tolaGammoojji qoreen diinaXumuroo qabeenya tolaGuyyaa Roorroo HamtuudhaGoota qabeeny...
16/08/2026

Qabbanti Qunnee diina
Wayaa Sabbooqa tola
Gammoojji qoreen diina
Xumuroo qabeenya tola
Guyyaa Roorroo Hamtuudha
Goota qabeenya tola
Guyyaa dubbii dadhachaa
Hayyuu qabeenya tola
Guyyaa rakkoo jabaatte
Arjaa qabeenya tola
Garuu gowwaa fi Luugnallee
Hundinuu walumaan jireenya tola!
...........Hayyee...........................

Asaboot bahan malee
Diidaa Niinnii hin aragani
Dhangaggoo gahan malee
Dirree Dhawaa hin arganii
Finfinnee gahan malee
Erar gaara hin argani
Adaree bu'an malee
Qunduddoo hin argani
Cilaaloo bahan malee
Diida Arsii hin argani
Dhugaan deeman malee
Yoo garaa tolan malee
Haala walii hin barani
Dhugaa walii hin argani
............Hayyee...............

Asaboot huqquun kaasuu,
Dhuuggo huqquun gabbisuu,
Roorroo qe'eetti dhufte
Namuu waa callisuu,
Yoo dhugaa taate malee
Sobni garaan fayyisuu.
Akka Foon dirraa
Qiciiccaa lammii tiyyaa
Arraas Walumaani jirra
................Hayyee................

Dhaddee qeerransi qabe
Qoreen qaamattin hafnee,
Karkarroo leenci qabe,
Kalaadan waa irrattin hafnee,
Irreen yaadaan gabbannee,
Garaan waa yaadun rafnee,
Yaa goota gameeysa namaa,
Akkana moo akkammee?...................Hayyee........................

Amma Araddaa Fardaan malte
Gaangeen dhidhiittaan balleeysitee,
Qaadhimaa Hayyuudhan malte
Yaabo Joolleen qaqqabaan balleeysite.
Arsiin gamaan dheedaa,
Ituun gamanaan dheedaa,
Yaa citaa diida bookee,
Maalumaan baalchaa sigodhe,
Ifii beeytee heerumtu
Abbee beekee sin kennu,
Intala abban doofaa
Rabbuma haftuu sigodhe?
................Hayyee............................

Hangaan Saree guddisu,
Adurree osoon guddisee,
Hantuunni kooraa Farda kiyya ciruu,
Hangan Gowwaa saahibu,
Beekaa osoon saahibee,
Malli arraa waa nan dhibu.....................Hayyee..................................
Ji'a Qunnee na-sobe,
Dukkanaa naaf tolee,
Diilallaaf naa toluu dide,
Hayyuu Ambaa na-sobe,
Guyyaa toltuu naaf tolee,
Gaafa rakkoo naaf toluu dide.
...................Hayyee............................

Halkani deema malee,
Waraabo kopheen qabu,
Ciisee galaalcha malee,
Leenci hirriiba qabu,
Wajjuma nyaanna malee
Wajjumaani yaana malee
Cinaan garaa kiyyaa fayyaa nan qabu!
Qeerransa lagaa khoqaa,
Leencaa_gaaraa bookkisa,
Waatiyyoo xiqqoo takkaaf jecha,
Gowwaan lammii ofii boochisa.
Lammiin ofii gaaddisaa,
Yaa gowwaa wilii eenyuu sidaaddisa?
...................Hayyee...............................

Nooleen habalee cittee,
Irraahin hafuu dadhabe,
Ituun birbirsa jigee,
Irraanin bahuu dadhabe,
Shiftummaa meettaa,
Bosonaan baasuu dadhabe,
Anniyya gaara jigee
Firrahiin kaasuu dhabee
Jaarsoo hayyuu namaa
Jalaa deemuu dadhabee,
Qaalluu hoolaa itti roobe,
Addaanin baasuu dadhabee,
Oborraa haadha seenaa
Walittin qabuu dadhabee,
Dheengaddan lallabadhee
Kaleessan sitti dhaammadhee
Kan dhufeehuu nidhaanamee,
Kan hafee maaltu himee?
................Hayyee........................

Ogeeysa Noleetu qabaa,
Ala arjummaa qaba,
Jaarsoon Hayyummaa qaba
Meettaan shiftummaa qaba
Jaarsoon Hayyummaa qaba
Anniyyaa wadaajumma qaba
Boonaa fi jeynummaa Oborraa qaba,
Hadiisa Qaalluu qaba,
ILmii shariifaatu qaba,
Nama rabbiin olqabe,
Eenyuu mataa gaqqabaa?

◇◇◇◇◇Hayyee◇◇◇◇◇

Mukni mukaarra guddaa
Hadaammiin baala qabdu
Hiddiin hidda qabdu
Diddiimtuun akka qabdu
Haati namuutuu haadha
Namurraa kabajaa dhabdu
Gosti Namuutuu gosaa
Walirra kabajaa qabdu.
Yaa kan Obbaleeyyan qooddu
Dhaamsa kiyya kana
Mee qalbiidhaan hubadhu
......................Hayyee.......................

Yaa Oromoo Dhagahii dhageeffadhu
Qalbii na qalbiisii Guurii gurraa fudhaadhu
Yoo biyyaa, biyya badhaatuudha qabna,
Yoo hayyuu kumaatama meeqa qabna
Yoo heddoomina milliyoona 50 qabna
Wal dhaba keenya malee,maaldhaba qabna?

Areera lammii tiyyaa
Galata gooytaati kunoo
Arraa geenyeeti jirra
Akka Foon dirraa
Boruus Walumaani jirra
Aannan bulee qammanaa,
Lammiikoo dubbiin hammanaa!
Qalamshiisha Fi Qunnaa
Gahee Asumaatti irraa kunna.
..................Hayyee...................

Kadhataan saree jibbaa
Gowwaan keessummaa jibbaa
Nama niitii bareedduutu
ollaa dardaraa jibbaa
namni waan fedhu dhabe
mataa ofiituu ni jibbaa
aadaa isaa beekuu dhiisii
maqaan isaatuu ni dhibaa
kan aadaa isaa tuffatu
kan seenaa isaa tuffatu
qiciiccaa lammii tiyyaa
anas garaan na jibbaa "

~~~~~~~Hayyee~~~~~~~

Leenca gammaa qabanii
Nama nyaataaf dhabanii
Arba oloo dheeysanii
Nama reebaaf dhabanii
Gaangee cancalli citee
Tan fuulloon ciccitee
Mogolee maa sakaalanii?
Loon abbaan tiksu hateef
Hayyuu maaliif yaamanii?
Eegee gaalaa coqqollee
Abbaan of dhaaduu tollee.

◇◇◇◇◇Hayyee◇◇◇◇◇

Mukni mukaarra guddaa
Hadaammiin baala qabdu
Hiddiin hidda qabdu
Diddiimtuun akka qabdu
Haati namuutuu haadha
Namurraa kabajaa dhabdu
Gosti Namuutuu gosaa
Walirra kabajaa qabdu.

•••••••••••••Hayyee•••••••••••••

Harree duugdi moluudhaa
Dalluu baaftii hin eeganii
Gaala mataan moluudhaa
Gaafa baaftii hin eegani
Gowwaan hededa jigee
Baasaa tolaa hin eeganii.
.................Hayyee..............

Bobbaa Jaldoo waldhabee
Booyraa garaan gunuuna
Bobbaa gaalaa walbaddee
Qoqaa garaan gunuuna
Lammii waliif gacheenaa waldhabe
Jiraa garaan gunuunaa
Bobbaasee walii galchee
Namuu Heera jalatti bula.

*********Hayyee****************

Ilmi Abdullee Aalimaa
Hadiisa lammii qaraasisa
Nama didee kafaree
Rabbiin nama balleeysa
Qamadiin boollaa taanee
Garbuun beegala taane
Waanumaan boolla taanee
Guddisa ilmaa taanee
Maaluumaaf lafa haanee.
...............Hayyee.................

Waa sadi aylii jajee
Sadi gowwooma jaje.
Birbirsa fiinxatti galchee
Kanniisa aylii jaje.
]Bira teeysee kajeeltii
Weennii gowwooma jaje.
Muka mukaan fottooysan
Daafkaa gowwooma jaje!..................Hayyee.............

Aannan bulee_qammanaa,
Jiraa dubbiin hammanaa!

Maddi Manguddoota qarsaa Dhalootaati Barreeysan Obsaa Ahmed
Rabbiin Warra waliirraa wa guduunfatu nu haa taasisu

Kabajamoo Pireezidaantii Mana Murtii Aanaa Xuulloo Obbo Dursaa Aliyyii Yaa'ii milkii isiniif haa tahu
15/08/2026

Kabajamoo Pireezidaantii Mana Murtii Aanaa Xuulloo Obbo Dursaa Aliyyii Yaa'ii milkii isiniif haa tahu

Diinni kee inni hamaan si keessa jiraata.Bakka jirtutti, waan hojjettu hundatti, diinni kee inni hamaan duruu keessa kee...
15/08/2026

Diinni kee inni hamaan si keessa jiraata.

Bakka jirtutti, waan hojjettu hundatti, diinni kee inni hamaan duruu keessa kee jiraata innis: OF TUULUMMAA KEETI."

Akkamitti of tuuluun kee akka itti qabdu garaagarummaa guddaa fida.

⭕️OF TUULUMMAA kee bulchi

OF TUULUUN kee humna tokko tokko kan ati marsaa hundatti quubsuuf dirqamtu miti. Hogganamuu danda’a. Qajeelfamuu danda’a.

Akkuma of tuultuu, of jajuu fi of tuultuu ta’aa akka jirtu battaalumaa sitti dhaga’ameen – akka dhaabdu ofitti himuu dandeessa.

⭕️ OF TUULUUN akka dubbattu sitti hima, gad of qabuun dhaggeeffadhu siin jedha.

Of tuulummaa ofi kaasuun gatii kee homaa ykn gatii sobaa irratti akka hundooftu si jajjabeessa.

Karaa biraatiin, gad of deebisuun namoota dhaggeeffachuun hammam barbaachisaa akka taʼe sitti hima.

⭕️ Barataa ta'uu

Of tuuluun nama tokkollee akka hin dhaggeeffanne sitti hima.

Kanarraa kan ka’e barachuu ni dhiista.

Yeroo barataa taate of tuulummaa kee cinatti dhiifta.

Waan hundumaa akka hin beekne ofitti amantee fudhatta.

Kanaaf, barachuu itti fufuu yoo barbaadde, dursitee gad of deebisuu baradhu.

⭕️ Namoonni akka guddaa ta'an gargaaruu

Of tuuluummaa ofii irratti xiyyeeffata.

Gad of deebisuun namoota biroo irratti xiyyeeffata.

Guddaa ta'uu yoo barbaadde namoota biroo guddaa akka ta'an gargaaruu qabda.

Seerri waliigalaa akkasitti hojjeta.

⭕️ Ejjennoo gadi aanaa fudhachuu hin sodaatin

Of TUULUUN namoota kaan gammachiisuuf qofa murtoo murtaa’e akka gootu si kakaasa, karaa irratti rakkoo guddaa fida.

Waan namoonni kaan ofii isaanii hojjechuuf baay’ee barbaachisaa ta’uu isaanii waan itti fakkaataniif qofa gochuu didan hojjedhu.

⭕️ OF TUULUUN galma keenya isa dhumaa irraa nu raasaa.

Waan qabnuun gonkumaa hin gammannu, waan warri kaani qaban barbaanna.

Waan nuuf barbaachisaa ta’e beeknee jalqabna, garuu erga galmaan geenye booda waan dursa kenninu irraa dhabna.

Ego nu raasu fi nu balleessuu danda'a.

⭕️ OF TUULUUN obboleettii hamaa milkaa'ina fi kufaatii ti.

Yeroo milkooftu, qorumsa barbaachisaa ta’ee sitti dhaga’amuuf harka hin kenniin.

Waan milkoofteef qofa warra kaan caala jettee hin yaadin.

Yeroo kuftu akka waan gowwoomfamte ykn sobamte ta’etti sittii hin dhaga’amin.

Goolabnee jirra

14/08/2026

Nama Oduun nu hamatu baay'ee qabna Nama miira nuuf hubatu dhabne malee!

14/08/2026

Namni Du'aa'ii Tana jedhee Rabbii kadhatee Du'aa'ii isaa rabbiin irraa qeebalu malee hin taane jedhan. Rassuulli S.A.W






•➸ Guyya Jumu’aa kana keessa Yeroo Takka tan Gabrichi isii keessa Du’aa’ii kadhatee waan kadhate Rabbirraa arkatuutu jir...
14/08/2026

•➸ Guyya Jumu’aa kana keessa Yeroo Takka tan Gabrichi isii keessa Du’aa’ii kadhatee waan kadhate Rabbirraa arkatuutu jira Yoo waan haraam taate malee.

• Nuti hundi haajaa qabna kheeyrii guyyaan Kun Qabu nama argate nuu haa taasisu.

• Rabbiin Nama sharriin nuu rakkisu irraa nu haa eegi.
• Nama jaalalaan injifatu nuu taasisi.

• Yaa Rahmaan Hammeenya Sheeyxanaa jalaa sitti magaanfannee najaa nuu baasi.

• Rabbiin yaadaa fii muraada keenya hunda nuuf haa guutuu.

• Jummaan kun Guyyaa Fatanaa fi Fitinaa Aakhira fi Duniya bilisoomnu nuuf haa tahu.

Allahuuma Inni a'uzika min Azabi Duniya
Allahumma Inni a'uzika min azabi Nahaar
Allahumma Aftahlana Abwabal= Jannah
Allahumma Aftahlana Abwabal=Ni'ima
Allahumma Aftahlana Abwabal= Rizq

Yaa Rabbii waan isaa kadhannee fi dagannees nuuf haa tolchu.

Aammiin yaa gooytaa .

•Irra caalaan Zikrii Guyyaa Jummaa ergamaa Rabbii irratti Salawaata buusuudha. Asumaanu Salawaata buusaa?

Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

Obsaa Ahmed fi



Following

Address

Hagere Hiywot

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Obsaa Ahmad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share