26/07/2024
BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEE
Duraa Namni cittuu tamboo, qola mastiikaa iddoo hin eeyyamamnetti gate birrii 2000 adabama - Bulchiinsa Magalaa Finfinnee
Addis Ababa CityMADDA SUURAA,ADDIS ABABA CITY COMMUNICATION
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qulqullina magaalatti eeguurratti adabbii fooyya'aa baase.
Abbaan Taayitaa seera kabachiiftuu Fifinnee magaalattii jiraattotaaf qulqulluu, mijattuufi akka addunyaatti dorgomtuu gochuuf paarkii, iddoowwan magariisaafi daandiiwwan ijaaraa akka jiru himuun iddoowwan kunneen kosessuu irratti adabbii fooyya'aa baaseera.
Hogganaan waliigalaa abbaa taayitaa kanaa Obbo Zarihuun Tafarraa eeruun ibsi miidiyaa hawaasa bulchiinsa magaalattii irratti maxxanfame labsii150/2015 qulqullina naannoo eeguufi gochaa seeraan alaa irratti bahee ture fooyyessuu himeera.
''Hawaasni hubannoo otoo hin qabaatiin gara adabamuutti akka hin deemneef odeeffannoo gahaa kennuun barbaachisa,'' jedha ibsichi.
Qulqullina naannoo eeguu dhabuutiin adabbiin kennamu birrii kuma lamarra qabee hanga kuma 100 gahuu akka danda'us ibsameera.
Adabbiin dhaabotaafi namoota dhuunfaarratti kan kaa'ame yoo tahu isaan keessaa namni daandiirra adeemu tokko cittuu tamboo, sooftii, pilaastikii, haftee kuduraafi muduraa, tikeetii geejibaa, kaardii moobayilii, qola ancaqqee, qola karameellaa ''iddoowwan hin eeyyamamne, paarkii, lafa magariisaa fa'i yoo irratti gate birrii 2000 adabama,'' jedha ibsichi.