East Bale New post

East Bale New post Odeeffannoo qulqulluu hawaasa keenya biraan gahuu.

  ijoo Caasaa Gandaa
12/07/2025

ijoo Caasaa Gandaa

=====Yaa’a Arsii Hara Langannootti====Arsiin Yaa’a Qaba !!Arsoomni Qorsooma Keessatti Wayyooma!!Toltuu murtessaa Hamtuu ...
12/07/2025

=====Yaa’a Arsii Hara Langannootti====
Arsiin Yaa’a Qaba !!
Arsoomni Qorsooma
Keessatti Wayyooma!!
Toltuu murtessaa
Hamtuu sirreessaa !!..Dhiltee dhinnaa....................ofkolaa!..Dhiltee dhinnaa...... ............ofkalaa!..Dhiltee dhinnaa...........ijarraa hafaa!..Faatee waaqni dhagayi... ....dhagayi!..Lafti sii dhagayi....................dhagayi!..Dhibaayyuun dhagayi...........dhagayi...Gadaan dhagayi........... .....dhagayi!
Yaa'a wal-argaa Arsii kanarratti saddeetni odaa 20'ni, duudhaa oromticha ganamaa bu'uureffachuun toltuuf hamtuu ni qorata, nagaaf tasgabbii jiru irrattis mari'atee murtee dabarsa.
Gadaan hirmaachisaadha. Saddeetni odaa 20'ni marii mari'atee murteesse sabaaf labsa.
Murtee labsamu dhaga'uufi, dargaggoonni, shamarraniifi qaamoleen hawaasaa addaa addaa uffata aadaan faayamanii, Laangaanoo, yaa'a Dhaddacha Gutaatti argamuun hirmaataniiru.
Murteen lallabame yoo dubartiin hirmaattee hin mirkaneessine hojiirra waan hin oolleef, haadholiin siinqeefi haawwanillee yaa'a kanarratti hirmaachaa jiru.
Sirna baallii dabarsuu gadaa Sikkoo-Mandoo bara dhufu raawwatamuuf haala mijeessa, caasaa laafeefi cime adda baasee kallattii kaa'a.
Dhaloonni safuufi safeeffannaa duudhaa ganamaa osoo hin dabsiin, osoo hin cabsiin akka itti jiraatuufis yaa'a kanaan Arsiin kallattii kaawwata.
Gadaan afaanii qumbii qaba, kallachaa Urjii qaba. Murteen dhaddachatti labsame bahiimaafi manbal'aatti gadi bu'uun hojiirra akka oolu taasifama.

Gadaan Walooma!

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when East Bale New post posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to East Bale New post:

Share