02/02/2026
Waraqaa Eenyummaa biyyoolleessaa PDF dhaan buufatanii fayyadamuun yeroof dhaabbateera.
Duran Waraqaa eenyummaa biyyoolleessaa PDF dhaan buufatanii fayyadamuun ni danda'ama ture.
Amma Sababoota
1.Manneen maxxansaa gahee isaanii malee seeran alaa FAYDA ni maxxansina jechuun Copy maxxansaa ummaata irraa seeran alaa mallaqaa saama waan jiraniif App kanaaf qopha'ee irratti PRINT kan jedhu hojii dhaabeera.
2.Oddeeffannoo nama tokkoo irratti oddeeffannoo sobaa Photoshop hojjachuun seeran alummaa manni maxxansaa gaggeessa jiru oolaanaa waan ta'eef guyyaa har'a irraa qabe Waraqaan eenyummaa biyyoolleessaa karaa Postaan qofa maxxanfama .
Hawaasni keenyas hubannoo kana qabaachuun waraqaa eenyummaa biyyoolleessaa gaafa galma'aan karaa Online dhaan tartibaa qabsifachuun maxxansaa maxxanfamee dhufe karaa Poostaan qofa argachuu ni danda'u.
Dabalataan Tele illee waligaltee raawwatee waan jiruf karaa saniinis argachuu ni danda'uu.
Kanaan alaa Waraqaan eenyummaa biyyoolleessaa kan maxxansu akka hin jirre beekun barbaachisaadha.