14/07/2021
Waan Dildilli siraax tahe dhageette?
qiyaama yeroo dachii fi samiin jijjaramtu iddoon takkalleen hin jirtu jannataa fi azaaba yoo taate malee.
jannata dhaquuf ibiddarra dabaruutu jira.
tokkootu ibidaa gubbaa kaayama kan maqaan saa "siraax" ja"amu.
hanguma ibbiddi bal'atu inniis gubbaa bal"ata. Yeroo isa gubbaa dabarte hulaa jannata if duratti arkita.
Rasulliniis s.a.w hulaa sanirra dhaabbate warra jannataa qeebala.
( يا رب جنتك)
siraax
1.Rifeensarra qal'adha.
2. Seeyfirra qara.
3.akkaan dukkana, jalli saa ibiddaatu jira kan ibiddi jala danfitu.
4.Dilii tee cufa duydarratti ba'attee gubbaa dabarta kan diliin tee yoo sirratti heddummaatte akka suuta deemtu ykn akka achi kessatti kuftu si gootuu (والعياذ بالله)
Yoo dilii hin qabaanne ammoo akka hangaasutti si dabarsitu.
5.hookkooleetu isirra jira tan si qabdu oggaa gubbaa dabrtu.
Miila kee jalaas qoreetu jira yoo kan suuta Deemtu taate miila nama kukkuttuu.
6.Namuu hanga salaata irratti tiyfatuu turetti isaaf ifaan ifa.
7.sagalee nama ibidda kessatti kufuu kan si dura deemuu dhageeysa atiis niin kufaa yaadda.
8.namni hundi akka dalagaa saatti gubbaa dabra.
(saw) hulaa jannataa bira dhaabbate dua'i siif godha
يا رب سلم يارب سلم...
Yaa rabbi ngyn gubbaa dabrsi ja"e siif kadhata.
yeroo achirra dabru nama kufu ,kan dabru arka garuu dantaa hin qabu osoo haadhaa fi abbaa saatillee arke Wanni Isaa yaachiftu lubbuu saa qofa.
'ishaan guyyaa 1 qiyaama yaadatteti boochee.
Rasuulli (saw) gaafate maaltu si boochisa Ja'en.
Yaa ergama rabbi guyyaa qiyaama abbooti teenya ni yaadanna? Nama jaalannu ni yaadannaa jatteen?
Rasulliniis ee Ja'en iddoo 3 keessatti male,
Bakka miizaana, yeroo galme fudhatan,yeroo siraax irra dabran.
Sadeen kana malee namuu wal yaadatan Jaen.
Sadeen kanatti ammo namuu lubbuu saa malee quba hin qabu .
Yaa rabbi nagayaan gubbaa nu dabrsi.
QALBII MUSLIMAA