
25/05/2025
Imalli Shaggar Kaayyoo Faalleessa!..
Yeroo tokko tokko al seerummaa mana mootummaa keessa jiru yoo argitu akka ati dhugaa uummataa dubbattu si taasisa. eeyyeen anis waa malee hin jenne. Akka mootummaan keenya jedhutti kaayyoon hundeeffama Magaalaa Shaggar aadaa duudhaafi safuu uummata Oromoo ganamaa deebiisuun magaalittii giddugala seenaa, aadaafi duudhaa Oromoo taasisuufi caba diinagdee Oromoo suphuufidha. Garuu faallaa kanaa har'as shaggar keessatti kan tajaajila gaarii argatu abbootii qabeenyaa, nama fira hooggansa keessaa qabu fi kkf.
Namni magaalaa shaggar beeku ykn hoogganu kutaa magaalota achi jala jiranii hin beeku jechuun hin danda'amu. Magaalaa Shaggar kutaalee magaalotaa hunda keessatti waan taajjabne qabna. innis Sheedii mootummaan carraa hojii uumuuf jedhee ijaare irratti abbaa qabeenyaatu fataa jedhee bizinasii keessatti hojjechaa jira. Akkuma fakkeenyaatti kutaa magaalaa koyyee facceetti Hooteela Atilet Warquu Biqilaa namni wallaale jira natti hin fakkaatu. Yoo uummanni hin beeknellee hooggansi hedduun beeka. Hooteelli kun Guutummaan guutuutti Sheedii hojii dhabaaf ijaarame irra kan jiru. Ana kan naaf hin galle Atileet Warquu Biqilaatu dargaggeessa hojii dhabaadhamoo? nama Atileet Warquu Biqilaa jedhamu kan biraatu jiraa?
Kanaaf waantota faallaa mootummaa keenyaa ta'an akkasii irratti qabsaa'uu kan qabu Anaafi Uummata bal'aa sirnaafi mootummaa kana utubaa jirrudha. hooggantoota mootummaa keessa taa'anii mootummaa kana irratti shira xaxaa oolan mootummaan kun adda baasaa hin deemu taanaan ammas mootummaa kanaafuu yaaddoodha.
Mee warri koyyee facceetti Hooteela Atleetii Warquu Biqilaa beektan jirtuu? Isinoo dubbii kana akkamitti ilaaltan...??