03/11/2025
Seenaa Generaal Waaqoo Guutuu
Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu abbaasaa Guutuu Usuu Cammarrii fi haadhasaa Dhuulloo Alii Hassan irraa bara 1924, Godina Baaleeaanaa Madda Walaabuu lafa Oda jedhamutti dhalate. Abbaansaa Guutuun ilma dhiiraa kudhanii fi durba sagal walumaagalatti ijoollee kudha-sagal qaba ture. Isaan keessaa Jeneraal Waaqo ammoo dubartoota torbarraa ijoollee afurtamii-sagal kan h**e yoo ta’au , kanniin keessaa kudha-shan lubbuun hin jiran. dubartoota kudha-ja'a fi dhiirota kudha-saddeetii walumaagalatti ijoollee soddomii-afur qaba.
Jeneraal Waaqo ijoolummaa isaatirraa jalqabee xiiqii fi jibbinsa diinaa qaba; faandhooftuu diddaa gabrummaas ture. Bara 1938, fuudhee manaa osoo hin bayin, osoo abbaansaa hin beekin horii abbaasaa gurguree qawwee ittiin bitate. Sammuunsaa roorroo gabrumaa fudhataa waan hin ta’iniif ijoollee hiriyootasaa gurmmeessuun akkasumas gorsuun poolisii mootummaa tumaa turan. Jeneraal Waaqon bara 1943 Muhaammad Gadaa Qaalluu fakkeenna godhachuun diddaa gabrummaatti seene. Bara 1952 akka nama hiyyeessa tokkoo ta’anii uffata poolisii nama dhaloota gosa Raayituu Alii Jiloo kan maqaan kiristaana Shaalaqaa Isayaas jedhanii mogaafatan kadhate. Erga inni uffata kana kenneefii booda isuma uffachuun magaalaa seeneei kitilaayyota Nafxanyaa sodaachisaa ture. Iccitiidhan gartuuleen diinaarrati tarkaanfii ciccimaa fudhataa turan. Haaluma kanaan, bara 1958 poolisii lama ajjeesan. Baruma kana keessa poolisoota erga ajjeesaniin booda, Waaqon akkuma tasaa magaalaa Nageelleetti shaalaqaa sanaan walargan. Yoo kana “Eessatti baddee, Waaqoo!!!“ jedhee gaafate. Yoo tana malli dafee dhufeefii ”Looniin godaanee gammoojjii ture, damma adii ati jaalattu kan nagaafate san siif arge, horii ittiin bitu dhabee fidi” jedheen. Shaalaqaan baayyee gamaddee qarshii 200 itti kenne. Qarshii kanaanis rasaasa zinnaara dachaa lamaa ittiin guutatee. Ammas baatii tokkoon booda Nageellematti walitti dhufani. Nagayyumalee utuu hin gaafatin “maali si barbaadaa mitii, damma kee bitee lafa jiraa, horii karaa waan kafalu ittiin feesisuun dhabee“ jedheenii qarshii 20 ammallee irraafudhate tooftaa kana fakaatu hedduun gargaaramanii diina hifachiisaa turan.
Bara 1962 dhiibaan, gidiraafi ajjeechaan mootummaa Nafxanyaa Hayila Sillaasee ummata isaanii irratti hammataa dhufnaan ijoollee gana kudhanii gadii imaa Helgool Waaqoo. Abdallaa guutuu , Alii Jiloo, Yisaaq Suudee Goobana, Muhaamad Butaa Aagaatii, Alii Buttaa Aagaa kkf dhibboota ajjeefaman keessaa haga tokko yoo ta’an, tarkaanfii Mootummaa Abashaa kana hifachuun ummanni bulchitoota naannooo kana mootummaatti hiyyate. Yeroo kana dubbiin kun mooticha bira ga'e. Finfinneeirraa Koloneel Taaaddasaa Tagan namni jedhamuu fi ajajaa waraanaa kutaa bulchiinsa Sidaamoo yeroo sanii koloneel Zawudee Xilahun gadi dhufanii uummata Oromoo naanoo Nageellee Booranaa jiru mooraa waraantitti walitti qabuun rakkoon keessan maali jedhee yoo gaafatu ummanni "rakkoon teena isini biyya teena irrati dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi daa’imman teena irra deemitanii fixaa jirtan, qabeena keena saamtanii kaan barbadeesaa jirtan, namoon isin of jalati qabattanii nuun ajjeeftaniif nuun saamtan maaliin nuun adda jiran? Nuuf isaan obboleeyaanii maaliif adda nu baaftan? kana hundaa isintuu nutti fidee lafa keenyarraa nuu ka’aa” jedhaniin. Nafxanyoonni lafa kana gadi lakkiftanii deemuu qabdu, yoo diddan ajjeechaa, saamichii fi qabeenya barbadeessun itti fufa jedhaniin. Ummanni wacee lakki jennaan loltuu waraanaa itti waamani.
“Gabroomfattootni ammoo ummatchaan guyyaa torba keessatti akka gadi lakkiftanii biyyanaa baatan, murtii tana beekaa,” jedhanii gadi furan. Jagnoonni diddaa murtii gabroomfattootaatiin ba'an Gannaalleen gama cee’anii, Walaabu keessatti Kadiir Waariyoo Luugoo, Abdurrahmaan Haroo Abdii, Huseen Harcummaa Boruu, Huseen Abdurrahmaan Jaldoo, Roobaa Hindukkoo, Taa’oo Iggee Muussaa Dooyaa Jaarsoo, Huseen Waaqoo Dhaddeetiin walqunnamuun murtii gabroomfataan ummata irratti dabarse kana dura dhaabatchuuf qawwee afur qabanirratti sadi'i dabalatanii bitachuun lolaaf of qopheessan. Haala kanaan diinaan lola’aa humna cimsataa deemuun, Suumaalee irraas odeeffannoo argachuu jalqaban.
Waaqoo Guutuu Kadiir Wariyootii fi Huseen Harcummaa futdhatee, Abdullaahii Usmaan, Muussaa Sheekaa, fi Abdurrahmaan Haroo dhaamsa waliin biyyatti ol deebisee gara biyya Sumaalee socho’e. “Ummata keenyaan wal ta’aa, Amaara ofirraa ittisaa, hafuura keenyallee nuhordofaa!” jedhanii Eela Baalantichaatti addaan bobba’uun, bakka bu’oota woraana gosoota: Ajjuurana, Karallee, Gurraa, Garri’ii fi wkf wajjiin walqabatanii Bulahawoon Sommaalee seenan. Warri dhaamsaan biyyatti ol-deebi’ellee, Gannaale Arba-Gabbaa bakka jedhamutti ummata walga’e kan maanguddoonni akka Waaqoo Luugoo, Camarrii Guutuu, Aadam Jiloo, Muussaa Dooyaa, Ibraahim Qurii tii fi kkf keessatti argaman qunnamuun dhaamsa isaanii dabarfatan.
Murni gama biyya ollaa deeme, qondaalota Somaalee Bulahawoo irratti qunnamu’uun yaada isaanii erga hubachiisaniin b