07/06/2026
Inispektar Bizu'alam Dassuu
Inispektar Bizu'alam Dassuu, ija jabeettii fi madaallii Ummataa kan taate, goota dachiin seena- qabeessi Salaalee biqilchite dhalootaaf gumaachiteedha. Isheen miseensa Poolisii Oromiyaa ta'uun ol'aantummaa seeraa fi nageenyaa kabachiisuuf kan qabsoofte taatus, dabalataan weellistuu, shubbistuu fi haadha sagalee kiilolee ta'uun onnee uummata keessatti iddoo ol'aanaa nama qabatteedha. Inispektar Bizu'alam haadha dandeettii dachaati; gama tokkoon gootummaa fi jabina ogummaa poolisummaa hidhatte Ummata ishee yoo tajaajiltu, gama biraatiin ammoo aadaa, seenaa fi duudhaa Oromoo miira weellisummaa qaxaleen dhalootatti agarsiisuun fakkeenya dubartoota biyyaa ti.
Bareedina umamaa fi amala gaariin kan guutamte Inispektar Bizu'alam, dubartii bifa fi hojiin waan hundi irraa toluu fi hawwattummaa dacha qabdudha. Miidhaginni ishee gootummaa fi ogummaa ishee waliin dabalamee bifa addaatiin ishee calaqqisiisa. Jaalala hojii fi Ummataaf qabdu irraa kan ka'e, xiiqii fi kuttannoon ogummaa lameen dhiibdee as geessite kun, egeree qabsichaa fi artii Oromootiif abdii guddaa qabsiiseera. Bizu'alam dandeettii, miidhagina, gootummaa fi jaalala sabaa onneetti baattee kan deemtu qaxalee dhaloota boruutiif fakkeenya guddaa taatedha.