Keneni Begna Regasa

Keneni Begna Regasa Ofta'uun, Walta'uu fida! Kanaafuu of haataanu, wal haa taanu! Waliigalan alaa galan!!! Ani Anuma nama biraa tahuu hin danda'u

"Akka irra deebi'amneef; yoomiyyuu hin dagannu," jechuun gantummaa Ajaja Kaabaa irratti raawwatame yaadatamee jira.RIB O...
03/11/2025

"Akka irra deebi'amneef; yoomiyyuu hin dagannu," jechuun gantummaa Ajaja Kaabaa irratti raawwatame yaadatamee jira.

RIB Onkololeessa 24, 2018

Waggoota shan har'aa haleellaa Ajaja Kaabaa irratti raawwatame sirna dungoo ibsuun yaadateera.

dhaadannoo "Akka irra hin deebineef; yoomiyyuu hin dagannu" jedhuun haleellaa kana yaadateera.

"እንዳይደገም፤ መቼም አንረሳውም" ዝክረ ሰሜን ዕዝ

የኢፌዴሪ መከላከያ ሠራዊት ጥቅምት 24 ቀን 2018 ዓ.ም

ከአምስት ዓመት በፊት በሰሜን ዕዝ ላይ የተፈፀመውን ጥቃት በሻማ ማብራት ሥነ-ሥርዓት በትናንትናው ዕለት አስቦ አምሽቷል።

"እንዳይደገም፤ መቼም አንረሳውም" በሚል መርሕ ነው ጥቃቱን ያሰበው።

30/10/2025

😌Seera Miidiyaa Hawaasaa Namni Hundumtuu Beekuu Qabu‼️

--Kutaa 2ffaa--

: Namni tokko boqochuu (du’uu) isaa yommuu dhageessu battalumatti miidiyaatti hin baasin! Tarii maatii fi firoonni namichaa kan hin dhaga’iin jiraachuu malu. Kanaafuu, gadda sitti dhaga’ame garaa keetti qabadhuu turi. Duuti namaa miidiyaatti ba’uu kan qabu yoo xiqqaate erga namichi awaalamee boodadha.
: Daa’ima yoo dhalchite (deesse) battaluma inni dhalate (isheen dhalatte) suura kaastee miidiyaatti hin baasin! Maatii, firoonnii fi hiriyyoonni kee akka siif gammadaniif dhimmicha miidiyaatti fiduun rakkoo hin qabu. Sana garuu suura mucaa otuu hin maxxansiin ibsachuu ni dandeessa. Daa’imni dhiigni suurri ishee maxxanfamuun gaarummaa hin qabu. Yoo danda’ame dhimmoonni maatii icciitiin qabamuu qabu.

: Dubartoonni yeroo ulfaa suura kaatanii miidiyaatti fiduu irra yaadannoof akka isiniif ta’uuf ofuma biratti qabadhaa. Suura kaatanii maxxansuun dirqama yoo ta’e immoo, uffata guutummaa qaama keessanii haguugu uffadhaa. Yeroo dhi’oo as suuronni argaa jirru saalfachiisoodha.

: Dhimmoota dhuunfaa kee hamma malee miidiyaatti hin fidiin! Cireen ganama nyaatte, laaqanni guyyaa nyaattee fi irbaanni galgala nyaatte miidiyaa hawaasaatti yoo maxxanfame eenyuunuu hin barsiisu. Yeroo yerootti waan itti jirtu hunda miidiyaatti fiduun hin barbaachisu. Uffata haaraa bitatte hunda agarsiisuun siinis do’attoota kees hin gargaaru.

: Nama wajjin suura kaate hundumaa miidiyaa irratti hin maxxansin! Namoonni tokko tokko nama beekamaa arginaan suura waliin ka’uun akka waan dirqama ta’eetti yaadu. Sa’atii itti nama beekamaa argan hundumaa waliin suura ka’anii saffisa danda’an hundaan immoo maxxansu. Sun mallattoo ofitti amanamummaa dhabuuti. “Abalu wajjin oolle!” jedhanii maxxansuun ofitti amanamummaan kee guutuu akka hin taane ibsa.

: Wantota si fayyadan kamiifuu duub-deebii gaarii kenni! Barreeffama namaa dubbistee waa irraa baratteetta taanaan namicha galateeffadhu.

Callistee dubbistee garaa kee keessatti, “Kun ergaa ajaa’ibaati!” jettee, akka hin irraanfanne ‘Save’ yookaan ‘Copy’ godhattee qofa hin darbiin. Dhiibbaa si irratti uumeera taanaan namicha barreesseef ibsi. Akkuma barreeffamni isaa si fayyade duub-deebiin kee immoo namicha ni fayyada. Gola yaadaa (comment) irratti, “Galatoomi!” jettee barreessuun siin si hin miidhu, namicha immoo ni fayyada.

: Hojii nama biraa waraabdee akka waan kan kee ta’eetti hin maxxansiin! Gochi kun gochaawwan itti fayyadama miidiyaa hawaasaa nama jibbisiisan adda-duree keessaa isa tokkodha. Namoonni baay’een barreeffama nama biroo akkuma jirutti fudhatanii akka waan ofii barreessaniitti maxxansuun beekamu. Kun uummata miidiyaa hawaasaa fayyadamu otuu hin taane, of sobuudha.

Hannadhas. Abbaa barreeffamichaaf beekamtii kennuun gad-aantummaa miti; amanamummaadha. Kanaafuu, hojii namaatti fayyadamuu yoo barbaaddu, maqaa isaa eeruudhaan beekamtii kennuufiin barbaachisaa ta’uu hin dagatiin. Eenyu irraa waraabdee akka ati fidde uummanni ni beeka!

: Miirri gad aantummaa (miidhamtummaa) namootatti akka dhaga’amu wanta taasisu kamuu hin maxxansin! Milkaa’inni kee dhi’aachuu kan qabu akka namoonni waa irraa baratanitti malee, miirri gad aantummaa akka itti dhaga’amu akka taasisutti ta’uu hin qabu. Miira namootatti dhaga’amuuf of eeggachuun bilchina guddaadha. Gabaabaadhumatti, namoota gojomaasisuuf wanti ati mul’istu jiraachuu hin qabu.

: Karoora kee gara fuula duraa miidiyaa hawaasaa irratti hin maxxansin! Mul’anni siif kenname kan kee qofa. Jireenya kee keessatti namoota muraasa si deggeruu danda’an qofaaf kan qoodamu malee, miidiyaa hawaasaatti waan ba’u miti. Waan gochuuf karoorsite kamuu of biratti qabadhu. Raawwii isaa qofa namootaaf qoodi. Sunuu yoo waan irraa baratan qabaatan.

: Hamma namoonni si nuffanitti irra deddeebitee hin maxxansin! Hammamuu kan namoota fayyaduu fi barsiisu yoo ta’e illee, deddeebitee maxxansuudhaan namoota hin nuffisiisin. Deddeebitee argamuun akka si rakasiisu beeki. Albuudonni gati-jabeeyyiin akka salphaatti akka hin argamnee fi gati-jabeeyyii kan isaan taasises akka salphaatti argamuu dhabuu isaanii akka ta’e hubadhu. Deddeebitee mul’attee of hin rakasiisin.
(Itti fufa)

Eebbisaa Baayyisaatiin kan Barraa'edha Ammas Gara biraa akkan isiniif qooduuf Share godhaa‼️

Wako Getachow

27/10/2025
Haaji Muftii Umar Idiris gara aakiraa deeman.Rabbiin rahmata haa godhuuf
19/10/2025

Haaji Muftii Umar Idiris gara aakiraa deeman.
Rabbiin rahmata haa godhuuf

Baga Irreecha Malkaa Baaroo marsaa 5ffaa geessan!Baga oofkaltan!
18/10/2025

Baga Irreecha Malkaa Baaroo marsaa 5ffaa geessan!
Baga oofkaltan!

18/10/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Nafnati Gudeta, Kusa Kumisa, Gamada Qebalo, Kennaa Warra Wallaggaa, Saaniyyoo Aadam

15/10/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Nafnati Gudeta, Kusa Kumisa, Musxafa Yasin, Gamada Qebalo, Kennaa Warra Wallaggaa, Saaniyyoo Aadam

Lafa Xaafii maanyaa biqilchuLafa Tuulamaa, Yaa bareedina xaafii isaa
14/10/2025

Lafa Xaafii maanyaa biqilchu
Lafa Tuulamaa,
Yaa bareedina xaafii isaa

Onkololeessa 3, 2018Guyyaa Alaabaa Mooraa ''FDRE Defense War College'' kerssatti bifa kanaan kabajame.
13/10/2025

Onkololeessa 3, 2018
Guyyaa Alaabaa Mooraa ''FDRE Defense War College'' kerssatti bifa kanaan kabajame.

10/10/2025

In Changing World, future forecasts cannot be based on past orientation!

08/10/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Jireenya Musabi Jamal, Husseen Aliyyi, Jaaraa Udaa, Walishaa Dadar, Awwal Huseen Duubee, Waadaa Ejjetaa, Solomon Biranu, Gââlish Mâñ, Kawo Handa, Xiqii Muca Gamojii, Chaltu Balacho, Remedan Hasen

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Keneni Begna Regasa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Keneni Begna Regasa:

Share