30/05/2026
Xalayaa banaa Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa fi Federaalaaf โฆ๐โโ๏ธ๐๐ซก
Kabajamoo mootummaan keenya,akkam jirtu,nagaa keessanii? baga jiraattan. yeroon tan filannootillee dhimma hedduun busy jirtu nuuf gala. garuu dhimma jabaa tokkootu harkaa nu qaba hawaasni keenya rakkoo hamtuu keessa jira.
Akkuma beekkamu Ummanni keenya Oromoonni Harargee ummata nagaa,jaalalaa fi wal dandahuun beekkamu akkasuma ummata nagaan bobbahee dalagatee galuu malee homaa tokko keessa hin jirreedha. Akka Itophiyaa fi Oromoyattis godina baayโina namaa qabuufi mootummaa kana deeggaruufi cinaa dhaabbachuu keessattillee tokko fakkii hin qabneedha..
Kanaaf ammatti ummanni kun rakkoo hangana hin jaโamne keessa jira. Diinagdee isaa kan hawaasni Harki 90% ittiin jiraatu gaagaโama keessa buโee jira. Ummanni Qabeenya isaa kana kutaa Oromiyaa godinuma itti aantu Adaamaaf Finfinnee Tana ol baasee gurgurachuun rakkoo itti tahee jira.
Qabeenya isaa kana gabaa baasee gurgurachuuf yeroo jedhutti Mataaharaa hanga Adaamaa jiddutti shiftaan saamamaa,butamaa fi ajj**famaatis jira.
Keesumattuu yeroo filannoo kanatti qaamoonni gara garaa filannoo booroysuuf,mootummaa maqaa balleessuuf,tarii qaamuma mootummaa keessa taaโee caasaa badii akkanaa diriirsee gocha akkannarratti kan bobbahes jiraachuu shakkina.who knows?๐คทโโ๏ธ
Hin beekkamu hundumafuu kun hundi maqaa keessaniifis gaarii miti.ummanni guddaan kun akka Abdii isinirraa qabuu fi isin jaaatuun guyyuma guyyaan abdiin isaa hirโataa dhufaa jira. mee isinittis hin ulfaatuu qaamuma kana likkii isaanii galchaa nu boqochiisaa,imimmaan ummata kanaa qoorsaa,duโaatii guyya guyyaanii hambisaa
Ammoo mootummaan keenya shiftoota halkaniif guyyaa nama keenya ajjeessaa jiran kana nurraa dhoorkuu yoo dadhabe,nuti Oromoonni Hararghee tokko taane, akka itti ifirraa dhoorkinu ni beeyna. Hanga tokko ifirraa dhoorkaati kan asgeenyes!
Thanks for your attention to this matter/Galatoomaa! ๐๐ Muaz Mohamed ..โ๏ธ