Waaltina Afaan Oromoo

Waaltina Afaan Oromoo Fuula kana irratti Aadaa,Safuu, Duudhaa, Jechamoota, Mammaaksa, Sheekoo, Hiibbo kkf waliif qoodna!

03/07/2025

"Hayi Oromoo" jedhe intinaan😡

Oromoon Har'a Gurbaa Kanatti akkana duulaa jiru kun Maal qaba Osoo Intala Guyyaa Haaceen boqatu bira jirti jedhan sanatti hamma kana duulee iyyee😭😡

Isheen Haacee Galaafachiiste ifaan ifatti osoo lafa jirtu Namni ishetti hamma kana duulu dhibee dhugaan Haacee dhokattee hafte😢🙏

Gurbaa kana Harki isaa xurii ta'uu danda'a harkisaa immoo qululluu ta'uu danda'a yoo lachiituu inni adabamaadha. Harki isaa Miidhamuu Qananii keessa jiraannaanis isa serri isa adabu caalaa isa Sammuun isaa isa adabutu caala😢 Harki isaa miidhamuu Qananii keessaa bilisa yoo ta'es Inni ishees dhabee sammuu ofiis akka dhabu Oromoon miidhaa jira😢😢😡

Dhugaa Haadha manaa teetis
/Dhugaa Qananii/ fi Dhugaa Keetis Rabbiin Haa baasu.

Inni seeraa kan seeraati, Inni Aadaallee kan Aadaati. Kan seeraa xumuratee baheera, kan Aadaa illee erga namni shakkaa jiraate itti adeemee fixachuu qaba.

Oromoo Arsii keessatti Namni tokko gumaadhaan yoo shakkame Gosa Nama sanaatiin Gosti warra baddalamee... "Amanaa taatu Dhibbaan Waakkataa taatu jilbaan koottu" jedhuun.

Amanaa taatu dhibbaan jechuun Gumaan Namaa Loon 100'n dhuma waan ta'eef amanii loon dhibbaan fixadhuu qulqullaa'i jechuudha.

Waakkataa taatu jilbaan jechuun yakka sanarraa bilisa yoo taatee waakkataa jiraatte Seera waakkii ykn jilba waakkii guutii koottu jechuudha. Jilbi waakkii akkaataa itti deemamutu jira, Xumurri isaa kakuudha kakuu ulfaataadha. Ergasii nageenyi bu'ee qulqullaa'a.

kanaafuu Aadaadhaanis Mucaa kana ijibbaatanii qulqulleessuu dha ykn immoo hirmii nyaachisuu dha malee akkanumatti Dhugaasaallee osoo hin beekin Jireenya isaallee balleessuuf fiiguun gaarii miti, Hamilee isaallee tuquun cubbuudha

Rabbiin Dhugaa Qananii ifa haa baasu dhiigni ishee lafa hin badin😢🙏
Maddi isaa: 'e

Paartii yeroo dheeraa Saba kanaaf Arsaa kanfalan keessaa Addi bilisummaa Oromoo isa Tokkodha Guyyaa har'aa Ifatti Waajji...
22/06/2025

Paartii yeroo dheeraa Saba kanaaf Arsaa kanfalan keessaa Addi bilisummaa Oromoo isa Tokkodha
Guyyaa har'aa Ifatti Waajjira Muummee banachuun hojii isaa ifatti Eegaleera.
Kun hojii dansaati.
Hooggantoonni Paartii kanaa baga Gammaddan!
Dirreen dimokraasii waan bal'ataa jiru fakkaata yoo siyaasaaf ta'uu baate!

17/04/2025

Gosoota Arsii asii gaditti eeraman kanniin miidiyaa hawaasaa irratti argannee hamma tokko waan qabatamaan beeknu irra dhaabbannee fooyyessinee jirr. Mee isinis gosa hafee jira jettan itti dabalaa!
***
Gosoota Oromoo Arsii (Sikkoo-Mandoo)
tartiiba qubeetiin:-
——————————==——————————
Aabennaa
Abaar-gada
Abaay-mannaa
Abbakara
Abbayyii
Abbiyyuu
Abboo-ali
Abcheechee
Abburee
Abdooyyee
Abboosa
Aboosara
Aboojota
Aboonii
Aboonyee
Abroonyee
Absiilaa
Adaamii
Adamoonyee
Adamtuu
Adaree
Adarshoo
Adulaala
Agaarfaa
Ajaamoo
Ajjuuran
Akkiyyaa
Allaa
Alii
Alkasoo
Allujaana
Amaa-lama
Amaalagoo
Ambeentuu/Hanbeentuu
Amiinyaa
Amoonyee
Amuumaa
Anasa
Angeedda
Argamooyee
Ari’a
Arroojjii
Asallaa/Hasallaa
Asaltuu
Asalaxxuu
Asgala
Askaala
Ashamii
Asharaafa
Ashmiiraa
Ashuutee
Ataabaa
Atucha
Awaandallaa
Awacheeche
Awuljana
Aymaroo
Ayyuuba
***
Baabboo
Baadagosa
Baadaboo
Baadosa
Baallee
Baalle-Tamboo
Baamuda
Badii
Balee
Basimannaa
Baammannaa
Baallakasa
Barii/Baarii
Barbachoo
Beebee
Beegoo
Beer anuu
Biddiiqa
Bidiroosa
Biltuu
Biilaa
Bilduu
Bilbiloo
Birbiraa
Biyyaalee
Bochoroosa
Boqqojjii
Boorana
Bulgaduma
Buraara
Buubuu
***
Calqoo
Camaca
Caatimannaa
Caatoo
Cawwaa
Ciimoo
Coofira
***
Daddina
Daagulee
Daagooyyee
Daallee
Damina
Daayidaa
Danbii
Dange
Daawwee
Daraaraa
Daqqeena
Daroo
Dawadiina
Deendaa
Diigaluu
Doodaa
Dodola
Doggomaa
Doomaga
Doonchoo
***
Dhaaye
***
Edamana
Eegoo
Eekkaa
Eelada
Eelijoo
Eessawwaa
***
Faarachuu
Faraca
Farsaama
Farsaana
Farrajjee
Feejjaa
Finxoo
Funyamura
Futtallee
***
Gaadoo
Gandaanshoo
Gaadullaa
Gaadulloota
Gaalama
Gaalamtuu
Gaatura
Galchoo
Garoraa
Gamboo
Gaddoo
Gannata
Garaadee
Garisoo
Garjeeda
Gasala
Geetara
Gimboota
Giraamaa
Goodola
Goofingira
Godaymannaa
Gomoora
Goonosa
Golanuura
Gotoo
Gur-daama
Gurraa
***
Haballosa
Habarnoosa
Habeebee
Habula
Habuubaa
Haburaa/Aburaa
Hachana
Hadaabbaa/Adaabbaa
Haddaa
Hadaagaa
Halangoo
Halchaana
Hang isii
Hamiishada
Hanqaroosa
Hanqa-diina
Hanxoo
Harboo
Harawa
Hasana
Hasansaba
Hawaxxuu
Hawwaree
Hawwiyyaa
Haximannaa
Heebanoo
Heellaa
Heeraro
Heexamoosa
Heexosa
Heeydara
Hinseemana
Hoboltoo
Holbatanna
Hooransoo
Huduga
Hunxee
Huphannoosa
Hurfee
Hurxuuba
***
Ibsaana
Ilaa
Ilaannii
Ilbaccaa
Iluu
Isleeymana
Itayya
***
Jaafara
Jawaara
Jaawwi
Jidda
Jiliinshaa
***
Kabiiroo
Kacharaa
Kanshee
Kansh*tuu
Karrayyuu
Keetaa
Kojii
Kolooba
Konee
Korbeeyyii
Korminee
Kube
Kullishaa
Kulchee
Kubbaayyee
Kuyyara
***
*Laaqii
Laajjemannaa
Laxamannaa
Leemmu
Leemmossa
Liimoo
Liyyee
Loodee
Logosa
Lolee
***
Maadada
Makkoo
Maamma-nuura
Manaakaba
Maankula
Maaydoo
Maazaza
Maccaana
Maccituu
Madarshoo
Maleekkoo
Marfoo
Maroo
Masara
Masaranjee
Mesheeraa
Mazara
Meettaa
Meexama
Misheeraa
Moddollee
Mora
***
Nagoo
Niitee
Niyyaara
Noonnoo/Nuunnuu
Nugee
***
Obaaymanna
Oborraa
Odoo-dara
Ogolchoo
Ogoddaa
Oliyyee
Oldolmannaa
Oydomannaa
Olbatannaa
***
Qaancaqooca
Qaafituu
Qaasoo
Qalboo
Qallallee
Qirbinyee
Qooggoo
Qoomaa
Qoorabdoo
***
Raasandaaara
Raasoo
Raayyaa
Raaytuu
***
Saamana
Saamoo
Saasamanyee
Sabiroo
Sabitoo
Sabuna
Saddiiqa
Saddiiqoo
Saddoo
Sa’immannaa
Salmoolee
Sangoo
Shankoora
Sarbaayyee
Sarboo
Sibee
Seemannaa
Sikkisaa
Silxaana
Sinaana
Singiga
Siraaja
Soobbaa
Soolee
Suraara
Suudee
***
Shaakko
Shaalimannaa
Shafilaa
Shakmiira
Shaamdee
Shaamida
Shanakka
Shawwadee
Shatura
Sheebbaa
Sheedama
Sheelada
Shiree
Shunee
***
Tamaama
Tafaalaxa
Taa’oo
Tuuquu
***
Ungaata
Ungaanyee
Urjii
Ulullee
Uruu
Usula
***
Waadaa
Waageda
Wa’amanyee
Waajii
Waa saree
*Warjii
Waqaalola
Waaqoo
Waata
Waariyoo
Washarmina
Waayyamanna
Weegee
Weerara
Walbatannaa
Wolaanshoo
Wolaa-sila
Wolee
Wolashee
Wondoo
Worra Gaga
Wooraguu
Woshimbira
Woxee
Woyyoo
Woxisannaa
***
Xapheena
Xeemoo
Xeerara
Xiijoo
Xooqayaa
***
Yaabetaa
Yaaqutaa
Yabsaana
Yaayya
***
Zaranxallaa
-------------------------------//-----------------------------
HUBACHIISA:
*Gosoota Arsii ta'uu fi dhabuu isaanii kan shakkisiisan waan ta’eef adda nuuf baasaa.
Arsii ta’ee kan maqaan hin dhahamin yoo jiraate, maqaa gosa sanii dhahuun, iddoo gosti sun baay’innaan itti argamu nuuf.
-Afaan_Oromoo

30/12/2024


Ajaa'iba qaala'iinsi jireenyaa ummata bira qofa osoo hin taane # biras ni jira fakkata!
Wantootni qabatamaan kana nama jechisiisan hedduudha. Kanneen keessaas inni jalqabaa gibiraan walqabata.
Gibira kaffaluun dirqama lammummati. Kanarra komiin hin jiru. Kan nama dhibu garuu, haala ittiin ummanni gibira kaffalaa jiru. Wantootni gibira dabaalanii qonnaan bulaa miidhaa jiran hedduu dha.
Kana malees wanti nama dinqu tokko ammoo, warri qarshii kana funaanan nama/qonnaan bulaa tokko irratti qarshii 900 - 1500 tti irratti qabatu. Kanaaf ammoo nagaheen hin jiru.
Yoo guyyaa jedhametti hin kaffalin adabbiin qarshii 3000 jedhanii hiyyeessa waan inni qotee galfate sanuu amma gatii rakasaan harkaa dhadhahanii baada maatii waan nyaachisu dhabee liqiif bahee dhadhaabata.
Dhiiroo sila kun baasa maali? Ani kam keessattuu barataa nyaachisuuf, affeerraa dargaggootaa, eebba pirojektotaa ijaarsa waajjira .... jedhee hawaasa/ummata irraa qarshii tilmaama hin qabne seeraan ala funaanu argee hin dhageenne. Maaloo ummata jiruun itti ulfaattee ba'aa dadhabe kanatti kana mara fe'uun maali?
yoo danda'e ofii isaa waajjira ijaarrata, gibira seera-qabeessa funaanee misoomaalee bu'uuraa hawaasaaf tolcha/ijaara malee yoo ummanni Magaalaa-baadiyyattis ofumaa qarshii ofiitiin of-misoomse maaliree?
"Warri badu walii hin badadu," Jedhan.

🌍Support Muzeyin’s Soleli Eco-Friendly Electric Charge Station! 🚗🔋Hey everyone! 🌟Our friend Muzeyin Ahmed has an amazing...
30/11/2024

🌍Support Muzeyin’s Soleli Eco-Friendly Electric Charge Station! 🚗🔋

Hey everyone! 🌟

Our friend Muzeyin Ahmed has an amazing idea for a greener future – an eco-friendly electric charge station! This innovative concept aims to reduce our carbon footprint and promote sustainable transportation.

💚 Why Support This Idea?
- Environmentally Friendly: Helps in reducing greenhouse gas emissions.
- Cost-Effective: Provides a cheaper and cleaner alternative to fossil fuels.
-Future-Ready: Supports the growing demand for electric vehicles.

Let’s make a difference together! 🌟

1. Like and Share: Show your support by liking and sharing this post and comment on under his business idea.
Here is the link

https://www.facebook.com/100064748467249/posts/979832134185060/?app=fbl

2. Spread the Word: Encourage your friends and family to do the same.
3. Join the Movement: Be a part of the eco-friendly revolution!

Together, we can drive towards a sustainable future! 🚗💚

ሲራራ አዋርድ የመጀመሪያው ዙር የስራ ፈጠራ ውድድር በይፋ ተጀምሯል!!!!
ህዳር 7፣ 2017።

የሶስት ሚሊዮን ብር (3,000,000) ነጻ ብድር፣ የሶስት መቶ ሺህ ብር የስራ ማስኬጃ ሽልማት እና ሌሎች አጓጊ ሽልማቶችን ይዞ ትጉህ እና ብርቱ የሆኑ የስራ ፈጠራ ባለቤቶችን ከህልማቸው ጋር ሊያገናኝ የቀረበው ሲራራ አዋርድ በይፋ ተጀምሯል።

የምዝገባ ሁኔታ፡
✅ የስራ ፈጠራ ንድፍ ሃሳብዎን 300 ቃላት በመጠቀም ከዚህ ልጥፍ (Post) ስር በመግባት አስተያይት መስጫ ሳጥን ላይ Comment በማድረግ የውድድሩ ተሳታፊ መሆን ይችላሉ።

ተወዳዳሪዎች ማሟላት ያለባቸው መስፈርቶች፡

✅ ተወዳዳሪዎች የስራ ፈጠራ ንድፍ ሃሳባቸውን በአስተያየት መስጫው ላይ በጽሁፍ ሲያቀርቡ ከ300 ቃላቶች በላይ አለመጠቀም።
✅ ተወዳዳሪዎች የሚያቀርቧቸው የንድፍ ሃሳብ የሚወዳደሩበትን የስራ ዘርፍ፣ የሚያቀርቡትን ምርትና አገልግሎት፣ የቢዝነስ ስም፣ እና ቢዝነሱ የሚተገበርበትን አከባቢ መገለጹን ማረጋገጥ።
✅ተወዳዳሪውች የሚያቀርቧቸው ንድፍ ሃሳቦች የሸሪዓ መርህን የሚከተሉ መሆናቸውን ማረጋገጥ።
✅ተወዳዳሪዎች የንድፍ ሃሳባቸውን በተሰጡት ጊዜያት ውስጥ ባንኩ በሚያስቀምጠው ልጥፍ ስር በአስተያየት መስጫው ላይ ማስቀመጥ።
✅ተወዳዳሪዎች ወደ ቀጣይ ዙር የሚያልፉ ከሆነ በአካል ቀርበው ፕሮፖሳላቸውን ለማቅረብ መዘጋጀት።

የውድድሩ የዳኝነት ሁኔታ

✅ተወዳዳሪዎች ወደ 2ኛው ምዕራፍ ለማለፍ የሚያቀርቡት የስራ ፈጠራ ንድፍ ሃሳብ እና ኮሜንታቸው በሚያገኙት የላይክ መጠን ይወዳደራሉ!
✅ የስራ ፈጠራ ንድፍ ሃሳቦች ከመቶኛ የሚዳኙ ሲሆን የፈጠራ ሃሳቡ ከ80/100 እና የፈጠራ ሃሳቡ የሚያገኘው የላይክ መጠን 20/100 ነጥብ ይኖራቸዋል

✅ ይህ የተወዳዳሪዎች ምዝገባ እስከ ቅዳሜ, ኅዳር 21፣ 2017 ክፍት ይሆናል።

መልካም እድል ለተወዳዳሪዎች።
ሲራራ አዋርድ፣ ከሂጅራ ባንክ።
ሃሳብ ያሸልማል!

Wal-dorgommiin hojii Uumuu Siraaraa Awwaard Marsaa 1ffaa Ifaan eegalamee Jira!!!!!
Sadaasa 7, 2017.

Wal-dorgommiin hojii Uumuu Siraaraa Awwaard Badhaasa liqii bilisaa Qr. 3,000,000 (Qr. Miliyoona sadi) , akkasumas badhaasa Qr. kuma Dhibba sadi ( 300,000) qabatee ciccimoowwan akka dhugoomsaniif kan dhihaate badhaasni Siraaraa Awwaard ifaan eegalamee jira.

Akkaataa Galmee Siraaraa Awwaard !

✅ Wal-dorgomtoonni yaada isaanii jechoota 300 hin caallen sanduuqa yaadaa maxxansa kana jalatti argamu irratti Comment gochuun hirmaachuu danda'u.

Ulaagaalee dorgomtoonni yaada isaanii comment section jalatti yeroo kaa’an guutuu qaban.

✅Dorgomtoonni yeroo yaada Hojii uumuu isaanii kutaa comment section jalatti maxxansan jechoota 300 ol fayyadamuu dhabuu
✅ Dorgomtoonni yeroo yaada hojii uumuu dhiheeffattan gita hojii keessanii, omishaa fi dhiyeessaalee dhiheessitan, maqaa dalagaa keessanii fi bakka dalagichi itti dalagamu ibsuu mirkaneeffachuu
✅Dorgomtoonni yaada Hojii isaanii yoo dhiheessaan Adeemsa Shari’aatiin kan walsime ta’uu mirkaneeffachuu
✅Dorgomtoonni yaada Hojii isaanii yeroo kenname keessatti maxxansa baankichi kaa’u jalatti yaada of qubsiisuu
✅Dorgomtoonni gara kutaa itti aanutti kan darban yoo ta’e qaamaan dhihaatanii yaada isaanii dhiheessuuf qophaa’uu

Haala Madaallii Dorgomichaa

✅Dorgomtoonni gara dorgommii marsaa 2tti dabruudhaaf Yaada hojii uumuu isaanii comment jalatti erga barreessanii booda, qulqullina yaada isaanii fi hamma baay’ina like argataniin dorgomu.

✅ Yaadoleen hojii uumuu kan madaalaman dhibbeentaa 80/100 keessaa yoo ta’u, Like’n argamu immoo madaallii qabxii 20/100 qabaata.

✅ Wal-dorgommiin badhaasa Siraaraa Awwaard hanga Sadaasa 21, 2017tti galmeedhaaf banaa ta'a.

Dorgomtootaaf carraa gaarii
Badhaasa siraaraa baankii Hijraa irraa

Yaadni ni badhaasisa!

17/08/2024

Hordoftoota koo haaraadhaaf haamilee! Toora irratti isin qabaachuu koof gammachuu guddaatu ​​natti dhaga'ama! Gemechu Yadeta, Ramee Maammee
Galatoomaa!

06/07/2024

Foon kun maal ta'e?
A. ni jajame
B. ni jaji'ame
C. ni jaaji'ame
D. ni rarraafame
E. ni qalame

06/07/2024

amma dhukkubsataan eennu haa jennu!!
🙊🙊🥱🥱🙈🙈🤣🤣🤣

06/07/2024

Hordoftoota koo haaraadhaaf haamilee! Toora irratti isin qabaachuu koof gammachuu guddaatu ​​natti dhaga'ama! Suso Fufa, Runii Naasir, Saabir Faaris

GALATOOMAA BBO fI MNO! Barsiisotaaf Lafa Mana Jireenyaa Irratti Ijaarratan Akka Kennamuu Ajajni Darbeera. --------------...
25/03/2024

GALATOOMAA BBO fI MNO!


Barsiisotaaf Lafa Mana Jireenyaa Irratti Ijaarratan Akka Kennamuu Ajajni Darbeera.
--------------------
BBO-15/07/2016 Gumii Tiraansiformeeshinii Barnootaa Oromiyaa(GTBO) kan hogganan, Pirezidaantiin Mootuummaa Naannoo Oromiyaa dhimmoota qulqullina barnootaa mirkaneessuu danda'an irratti Yaa'ii Barnootaa Oromiyaa Sadaasa 16/2016 Magaalaa Adaamaa Giddu Gala Abbaa Gadaa Galma Odaatti Gaggeeffameen murtee abbaa qabxii 8 labsuun ni yaadatama.

Qabxii 8 murtaa'an keessaa jireenyaa_magaalatti_hin_argatin hundi akka kennamuuf kan murtaa'e ture.

Murtee darbe gara gochaatti kan jijjiiran Pirezidaantii MNO, Ambaasaaddara Barnootaafi Hogganaa Gumii Tiraansiformeeshinii Barnootaa Orromiyaa kabajamoo obbo Shimallis Abdiisaa jechaan kan dubbatan gara gochaatti jijjiiraniiru.

Kanuma bu'uura gochuun Biiroon Lafaa Oromiyaa waajjiraalee magaalota Lafaa Oromiyaatiif Ajaja dabarsaniiru.

Kennaa lafaa mana jireenyaa yeroo tokkoof qofa barsiisotaa lafa hin argatiniif akka kennamu , heyyama kenname irratti hundaa'un Waajjirri Barnootaa Godinaalee, Magaalotaafi Aanolee hordoffii taasisuun galmaan akka geessan dhaamsa Biiroo Barnootaa Oromiyaa ta'a jedhameera. Soomana keessa du'aayiin ni qeebalama waan ta'eef, warreen amantaa muslimaas ta'ee kiristaanaa miindaaniis akka nuuf dabalamu du'aayii barsiisotaaf haa goonu. Ergaa kanas gochuun barsiisota biraan haa geenyu.

Hidhamoota Siyaasaa Oromoo fi Abdii Illee._____Mootummaan Badhaadhinaa Miseensota paartii ABO fi Oromootni adeemsa paart...
15/03/2024

Hidhamoota Siyaasaa Oromoo fi Abdii Illee.
_____
Mootummaan Badhaadhinaa Miseensota paartii ABO fi Oromootni adeemsa paartii isaa qeeqan hedduun yeroo heddu mana murtiitti dhiyaatanii manni murtii akka hiikkaman ajajus, humnoota tika mootummaatiin butamuun mirgi isaanii dhiibamuurra darbee caccabeera, rakkoo kana hin jedhamnes irraan gahaa turaniiru.
Yeroo heddus ummanni akka gadi lakkifaman gaafatus mootummaan biyya bilchaa jiru garuu isaan gadhiisuuf fedhii waan hin qabneef akka hin dhageennetti caldhisee darbeera.

Abdii Illee
_____
Mootummaa Naannoo Somaalee kan ture Abdii Illee ummata Oromoo lakkoofsaan heddu ta'an ummata itti kakaasuun, Humnoota naannoo Somaalee isa jala jiran ajajuun hedduu galaafateera.Kanneen Miiliyoonaan lakkaawaman qe'eef qabeenya isaanii gatanii akka baqatan taasiseera. Kun waan hundi keenna ifaan ifatti beennu.
Haa ta'u malee, guyyaa har'aa gadhiifamuun ibsameera.
Eegaa taateen kun sirna kana ija shakkiitiin ilaalaa turre akka jabeessinu nu gochuu irra darbee ol'aantummaan seeraa cabsamaa turee fi loogiin jiru ifatti akka bahu kan taasiseedha.
Kan badii hin qabne shakkiidhaan yaala dhoorgamee mana hidhaatti rakkoon irra gahaa, kan ifaan ifatti ummata miliyoonaan lakkaawwamu qe'ee fi qabeenya irraa buqqise, kan ajaja isaatiin ummata hedduu ajjeesise ammoo bilisaan baha. Uhhm... Safuu!!!
Kun akkam laata?
Credited from:

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waaltina Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Waaltina Afaan Oromoo:

Share