Ba'aa Irraa Gara Bu'aatti

Ba'aa Irraa Gara Bu'aatti Miidiyaa Cimaa Ijaaruun Biyya teenya haa Ijaarru!!

29/11/2025

Magaalaa Oromiyaa keessaa qubee maqaa keetiitiin kan eegalu 2 barreessi mee✍️.

Ani : Baatuu fi Bulee Horaadha kan koo.

Magaalaan Daaddoo Harargee Bahaa keessatti Magaalaa Namoota Baay'ee Biraatti Maqaa   Harargee Jedhamuun Beekkamtuudha!Da...
28/11/2025

Magaalaan Daaddoo Harargee Bahaa keessatti Magaalaa Namoota Baay'ee Biraatti Maqaa Harargee Jedhamuun Beekkamtuudha!
Daaddoon biyya bareedduu biyya kuduraafi muduraan itti oomishamuudha.







 👇==========================🇪🇹✈️Itiyoophiyaan saayinsii waraanaa ammayyaatiin muuxannoo fi humna addunyaa guddaa qabdu A...
20/11/2025

👇
==========================
🇪🇹✈️Itiyoophiyaan saayinsii waraanaa ammayyaatiin muuxannoo fi humna addunyaa guddaa qabdu Azarbaajaan waliin damee waraanaa irratti waliin hojjechuuf walii galte.

Har’a, Ministeera Industirii Ittisaa Rippabiliika Azarbaajaan keessatti jila Vugaar Mustafaay’n durfamuun walga’iin biyyoota lamaanii gaggeeffameera. Walgahichaan industirii waraanaa irratti tumsa gochuun hariiroo isaanii cimsuuf waliigalaniiru. Itiyoophiyaan bu’uuraalee indaastirii ittisaa ishee cimsuuf cimtee hojjechaa akka jirtu ibsitee muuxannoo Rippabiliika Azarbaajaan irraa barachuun hariiroo saayinsii fi teeknooloojii waraanaa, dandeettii industirii fi dhimmoota kanaan walqabatan cimsuuf qophii ta’uu ishee ibsiteetti.
Obbo Vugar Mustafay gama isaaniitiin, Ityoophiyaa waliin tumsa waraanaa, keessumaa damee indaastirii ittisaa irratti cimsuuf qophii ta’uu ibsuun, biyyi isaaniis Itoophiyaa michuu indaastirii ittisaa ishee taasisuuf fedhii akka qabdu ibsaniiru.

Somalia 🇸🇴 also won. OMAR ARTAN 🇸🇴⚽️ BEST REFEREE IN AFRICA
20/11/2025

Somalia 🇸🇴 also won. OMAR ARTAN 🇸🇴⚽️ BEST REFEREE IN AFRICA

 Dardarri Somaalee murteessaa khubbaa miilaa  cimaa bara 2025 tahee filatame.Somalia 🇸🇴 also won. OMAR ARTAN 🇸🇴⚽️ BEST R...
20/11/2025



Dardarri Somaalee murteessaa khubbaa miilaa cimaa bara 2025 tahee filatame.

Somalia 🇸🇴 also won. OMAR ARTAN 🇸🇴⚽️ BEST REFEREE IN AFRICA

konfedreeshiniin kubbaa miilaa Afrikaa murteessaa Intarnaashinaalaa Omar Abdulkadir Artan "Bara kanaaf tokko sitti hin qixxaatu" ja'ee filate.

Guyyaafi barri isaa beekkamuu baatuus Omar Abdalqaadir bara faranjootaa 1992 ykn 1993 keeysaa tokkotti biyya Somaaliyaa magaalaa Maqdashotti dhalate.

Liigii somaaliyaa kan dilas gurra/maqaa hin qabne keeysatti murteeysaa/Referee kan ture umar bara 2018tti murteeysaa Intarnaashinaalaa tahe.

murteelee kennu saaqinsaafi fuula banaan kennuun kan beekkamu tokkichi Somaaliyaa Afriqaa keeysatti dorgommiilee murteeysaa tahaniif filamuu jalqabe. tapha Xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Afrikaa bara 2024 Piraamidoota warra Masriitiifi Kilaba Afrikaa kibbaa Mamelodi Sundowns giddutti taphatame irratti murteessaa gahumsa guddaa mul'iseedha.

Umar geeba kubbaa miilaa Addunyaa umrii 17 gadii bara kana Morokoon hordaan itta galatte irratti murteeysitoota guggurraalee Afrikaa bakka bu'anii filaman sadeen keeysaa tokko ture.

CAF filannoo kaleeysa galgala gaggeeyseen Umar Abdalqaadir Artan "Murteeysaa Filatamaa bara 2025" jechuun filate.

Filannoo kanatti aansuun Pirezdaantiin Somaaliyaa Muhammad Abdullahi Farmaajoo ergaa "Siin mala. baga gammadde, baga gammanne" jettu toora facebook isaa irratti barreeyse.

Nutiis ilma ollaatiin baga gammadde jenna.

"Bilisummaan Oromoo dhufutti jirtii eegaa nuun ja’anii harka addarra kaayyatannee karaa dhiyaa kanaa fii karaa kibbaa ka...
19/11/2025

"Bilisummaan Oromoo dhufutti jirtii eegaa nuun ja’anii harka addarra kaayyatannee karaa dhiyaa kanaa fii karaa kibbaa kanaan dhufutti jirtii eegaa nuun ja’anii eegaa baane.👁👁
:
Osoo eeynuu namni hedduun dulloooman.
:
Yeroo gariis Karaa Carcar Bookhee kanaan dhufaa jirtii eegaa nuun ja’an.
Yeroo gariis karaa Gobeellee ganaan dhiyaatte nuun ja’an.
:
Yeroo gariis karaa Baalee kanaan dhufaa jirti nuun ja’an.
:
Osoo bilisummaa eegaa oolluu misoomaa fii guddinarraa,
Barnootaa fii Teknolojii irraa duudda duubatti hafnee jirra.
:
Takka dhugaadha.
Qabsoon Oromoo kaleessa diddaa gabrummaatiif goonee dhaloota qubee itti dammaysine san qabsoo haqaatii fii sirriiti.
:
Tan erga Wayyaanee ofirraa rarre boodaa tun ammoo dhugaa dubbachuuf Ummatuma Raroo ofirratti nyaatu taati malee ammas gobeellee fii baaletti gallee dhiiga dachiirra raphaa hanga kiiloo afurii deemna jechuun qabsoo Tarsimoon ishii baraattuu natti fakkaata.
:
Feetu dhagayi.
Feetus gurra cufadhu.
:
Najala teessee garaan sin dhukkubin.
:
Ani ammoo fataa zanaa jechaan jira.
:
Dhukkubsataa ilaalcha Cabsii baysii wal’aanuun mashaqqaadha.
:
Namni xiyya dhahuu hin beeyne ifitti dhawa."👁

Artisti Diriirsaa Elemoo

Leenjiin ijaarsa dandeettii Hoggansa Paartii Badhaadhinaa Mata duree “Ilaalama Mootummaa Ida’amuutiin Guddina Dameelee” ...
19/11/2025

Leenjiin ijaarsa dandeettii Hoggansa Paartii Badhaadhinaa Mata duree “Ilaalama Mootummaa Ida’amuutiin Guddina Dameelee” jedhuun kennamu akka Oromiyaa’atti guyyaa har’aa wiirtuulee leenjii jaha irratti jalqabee jira.

Paartiin Badhaadhinaa humna raawwachiistumma Hoggansaa gahoomeen bu’aa qabeessummaa ilaalamaa misooma qabatamaadhaan mirkaneessuudhaaf waggoottan darban keessatti mata dureewwan gara garaa irratti leenjii dandeettii raawwachistummaa hoggansaa cimsu kennaa turee jira.
Bifuma walfakkaatuun tibba darbe leenjiin dandeettii raawwachiistummaa hoggansa ol’aanoo Ergaa Ijoo “ Ilaalama Mootummaa Ida’amuutiin Guddina Dameelee” jedhuun akka biyyaatti kennamaa kan ture yommuu ta’u, marsaa lammaaffaan isaa akka Oromiyaatti guyyaa har‘aa wiirtuulee jaha Adaamaa, Shaashamannee, Maayaa, Naqqamtee, Bulee Horaa fi Jimmaatti jalqabee jira.
Leenjiin kun mata dareewwan afur, Ilaalama mootummaa Ida’amuutiin Cehumsa Qonnaa, cehumsa baadiyaa fi caaseeffama dinagdee, Guddina Tuuriizimii, Guddina Industrii Oomishaa akkasumas, Guddina Magaalaa jedhan irratti guyyaa har’aa dabalatee guyyoota Saddeeta walitti fufiinsaan kan kennamu yommuu ta’u hoggantoota Naannoo, Magaalaa fi Godinaa 4,400 oli hirmaachiseera.

kaayyoon leenjii kanaatis, hoggansi Paartii Badhaadhinaa sadarkaadhaan jiru xiyyeeffannaa Mootummaan dameelee kanaaf kennee irratti hubannoo walfakkaataa qabaachuun gaaggeessummaa ilaalamaa, sonawwan paartii badhaadhinaa fi tarsiimoo gaggeessummaa Motummaa Ida’amuutiin masakame kennuun imala olka’iinsaa akka biyyaatti jalqabame karaa bu’aa qabeessa ta’een hogganuu akka danda’an taasisuu irratti kan fuulleeffate akka ta’e Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa ibsaniiru.
Leenjiin kun hoggansa gidduutti walitti dhufeenyaa fi tokkummaan ilaalchaa akka jabaatu, akkasumas dandeettii raawwachistummaa hoggansaa fooyyeessuun ilaalamni paartii Badhaadhinaa Dameelee Hundarratti qabu bu’aa qabatamaadhaan akka mirkanaa’u taasisuudha

19/11/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Robsen Abdulle, Calla Abdalla Ahmaad, Mahamed Shaam, Seefuu Abbaa Jabal, Oleeraa Shibbee, Remedan Yusuf SD, Abdunaasir Ahamed Oromo, Tariku Geda, Bulcha Tamiru, Anaaf Oromia, Darajjee Diriba, Naan Feenanii Too, Finfinne Oromiyaa, Acee Ilmaa Barcii Okoba, Amir Abduraman, Dawit Hunduma Kebebew, Asmo Oro King, Tsagaye Benti, Muraad Muhamad, Hachalu Taye, Jamaal Ahmaad, Margaa Abebe, Usman Rashaa, Dhugoo Woticha, Chari Roba, Hagos Nguse, Ahimad Yasin, Âlmâž Ă Gärbé, Gadaa Abdulahi, Qeeyro Wayyu, Mansuur Mohammed Ahmednur, Sii Malee Koo, Gemechu Irandufa, Mohmed Ahmed, Tuutii Umar Tuutii, Anawar Ziyado, Famiya Mahamad, Iyyee KO Yeesusuma, Sanyii Tasaamma Dhabaasa, Kominikeeshinii Aanaa Barbaree, Anshaa Shumulo, Madarina Mame, Ararsoo Nasraaddiin, Getachew Tasu, Siraaj Abdaa, Abdii Oro, Gemechu Gemechu Geme, Jafare Hordofa Bakar, Gemedo Milkeso, Abduselam Jemal Habib

14/11/2025
14/11/2025

Address

+251712840601
Adama
0000

Telephone

+251712840601

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ba'aa Irraa Gara Bu'aatti posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ba'aa Irraa Gara Bu'aatti:

Share