14/06/2025
Iraanii fi Ethiopia
Maaltu wolitti fide akka jechuuf jarjarte nan tilmaama. Iraan biyya woggoota afurtamman darbaniif qoqqobbii akaakuu fi sadarkaa adda addaa jala turteedha. Hardhas, qoqqobbii san dandamattee worra lixaa fi Israa’eel wajji wol gaarreffatti. Qoqqobbii akka Iraan irra kaayamee san Ethiopian yeroo hagamiif dandamatti kan jedhu haa laallumaaf, lamaan wol biratti yaame.
Dura dubbiin dollar-a irraa kaati. Dollari ammoo maalaqa gabaan addunyaa ittiin adeemsifamu. Itoophiyaan baankii biyyoolessaa keessaa kuusaa dollaraa kan biyyattii ji’a sadi caalaa hin horanne qabdi. Dollar qabdu sanniiniin otoo dhokfattee mi’a isiif ta’u bitattee ji’a lamaa hanga sadihi ni turti.
San booda hoo, maaltu ta’a:
Boba’aan biyya kanatti fayyadamnu hundi alaa gala. Dollari boba’aa ittiin fidannu ammoo ji’a lama sadi keessatti ni dhume, hin jiru. Qoqqobbii waan ta’eef boba’aa sanuu biyya sitti gurguratu hin argatu. Argattus dollarri ittiin gabaa baatee bitattu si harka hin jiru. Kanaaf, yeroo ji’a sadi hin guunne keessatti konkolaataan jidduu biyyaa jiru boba’aa dhabee dhaabbata. Kan naannoo daanga jiru highland’n illee taatu biyya ollaa irra ima woraabata jechumaafi.
Geejjibni motoraa hin jiru. Gullallee hanga Boolee—yoo qabaattee konkolaataa elektrikitiin, yoo dhabde ammoo lafoo—itti qajeelta. Kan amma oluma kaatee daqiiqaa 40 keessatti Kofalee Shaashamannee geettu, farda barbaadde sa’aa afurii shanitti geetta.
Biyya doktarri daabboo itti gaafatu tanatti—biyya wabii nyaataa mirkaneessuu hin dandeenne tanatti—ji’a lama booda gatiin nyaataa samii tuqa. Yoma tuqeyyuu—humna waa bituu birriitu gatii dhaba malee—wonti haala gahaan hin oomishamne eessaa siif dhufa? Alaa dhufa. Alli ammoo sitti cufate. Kanaaf, maal taataree, ji’a sadi booda beela bara 1977 tuffachiisutu mudatuu danda’a.
Itiyoophiyaan qoricha %65 ol ta’u alaa fiddi—gabaasa dhihooti kun. Woggaa lama dura %80 ol ture. Dhukkubsattee qoricha sirnyaa argachuun sitti cima. Gosti qoricha ati hin argannees laakkofsa hin qabu.
Dubbiin baay’ateef harretti hin fe’anii. Haa gabaabsuu. Xaa’oon akka biyyatti oomishtu hin jiru, kanaaf bu’aan qonnaa kees gadbu’ee rakkoo wabii nyaataa mirkaneessuu san sitti cimsa. Fira alaa qaba, waan inni naaf erguun bibbitadha, yoo jette sirni daddabarsa maallaqaa gama baankiin godhamus qoqqobbii keessa jira; akki itti siif erganiin hin jiru. Kanaaf, Kenya ykn Djibouti deemtee yoo achitti sooramte malee, asitti gara baankiin wanti si dhaqqabu wohiituu hin jiru.
..kana laakkayee itti hin ba’uu. Mee waa’ee Iraanii qoqqobbii akkanaa dandamattee misaa’elaa fi diroonii tolchitu tuffachuu itti deebinaa... dura mee xaa’oo oomishinee, qonna hammayyeessinee nyaataan of haa dandeennu. Uffata Chaayinaa fi Turkii uffanne zannaxnuun kana asitti tolfachuuf haa carraaqnu. Ogummaa fayyaatiif kabaja maluuf kenninee tajaajila fayyaa fi oomisha meshaalee waldhaansaa fi qorichootaan sadarkaa fagoo amma jirru irraa haa fooyyeffannuu. Kun hundi barnootaa fi leenjii gahaa malee ta’uu waan hin dandeenneef— barachuu fi barnoota hardha tuffatame kana deebisnee lubbuu itti haa horru..! Fagoo jirraa haa tirannu! Galatoomaa!