22/02/2026
Ee bada Ifaaje Qeerroo fi Qarree Oromoo 😭
Ee bada Ifaaje Jawar Mohammed 😭
Ee bada Ifaaje Ummata Oromoo 😭
Dhugaa baay'ee garaa na nyaate. Magaalaa Finfinnee dur namuu mataa keessatti ol qabate hin deemne gaafa ormi xinnoo keessatti laafuu keenya kan hunda lamaani achitti galee Haraqee dhugee gaafi ofii wol tuma, gaafi konkolaataa namatti buusa, gaafi qaama seera doorsisa, gaafi keessatti wol ajjeesa akkasiin jiraanne amma geenye kunoo. Sila quufa gaafa hin dandeenye nama tokko tokko beelatu malaafi laata? Woyyaanee fi Amaarri achi keessatti Biliyoonan hortee guyyaa kana tokko konkolaataa namatti hin buusne, nama ajjeeste, sakkarte karaa irratti wol tumte hin dhageenye, hin argines. Keenya garuu Biliyoona jarri horan horu miti account irra miliyoona 100 qabaannan akka waan Addunyaa too'atetti of ilaala. Namni karaa itti fakkaate konkolaataa wol irra oofa, konkolaataa daandii itti fakkaate namatti buusa. Waan bayyanatteen eegee daaraa Oromoo goote, Oromoo tuffachiiste moo? Gaafa tana baane dubbanna.
Yoo abbaa qabeenyas tahe Abbootii qabeenya worra kaabaa konkolaataa woliin kufa namas rukuta galtu hin argine, yoo aartii fi artist taate jarri kaabaa muuxannoo waggaa dheeraa Finfinnee keessatti qabu, qabeenyas horanii qabu jara irraas rakkoo akkana danuu hin argine. Keenyuma kana kan kaleessa dhaqee har'a maraatu silaa karatu harka badee moo akkam waan saa? Wolumaagalatti jarana ummata Oromoos maqaa hin balleessina, artist fi aartii Oromoo kaleessa sanis maqaa hin nyaatina. Kan beekkamte beekkamti horattes beekkamti sanitti fayyadamte ummata Oromoo maqaa hin balleessin. Inni fiigdee beekkamtes akkasuma, namuu waan beekkamtan sanaan ummata kana hin salphisina. Ormi halaala daawwatu wollaalummaa keessan kanaan Saba madaala. Hireen amma bakka kana geessaninis Qeerroo fi Qarree heddutu aarsa ta'e. Isaas yaadadha. Ol'aantummaa Finfinnee irratti qabaachuu ammoo Diinagdee, Jireenyaan, Hawaasummaan, kanaan qabaadha malee Haraqee dhugaa Magaalaa keessatti konkolaataa wolitti buusa, nama rukuta kanaan Ol'aantummaa hin garsiisina. Adeemsi fi safuun keenyas akkasi miti.
Yaa Ifaaje keenya!
Dhalee dhalee leenci illee....
Jedhe Haaceen. Dhumni keenya kana ta'ee?
Fulaa Facebook Fuad Abdela irra Follow gochuun hordoofaa.