Dabalaa Yaddecha

Dabalaa Yaddecha Addan Bafaatani jiraachu

06/06/2024

Addunyaa sobduu wajjiin hin sobiin,Addunyaan tuni sobduus dhuma Ishii beekti.atti hoo?

16/02/2022

Ofeegganno namooota hundumaaf yaada badhaadhuma qabaate yeroo Amma dhaloota baay'ee dogongoorsa Kan jiru dhabbanni "maaddi jalaala" jedhu kun Namoota irraa qarshii 2500 fudhun qarshii 20000 akka argatan gocha Kan jiru dhabbanni kun Namootni hojjeetani milkaa'u caala dubbii sagaale Waaqayyoo irraa faalla osso hin hojjeetin Namoota duwwa gowwoomsun link(hidhataa) akka uumaan godhee Namoota sammuu isaani qarshiidhan bitee kristosiin lallaabu caala dhabbaata kana lallaaba akka oolan gocha jira.kanaaf haadara keessan qarshii argaachuf jecha Kara dalgaa akka hin fillaanne. warrii kanarratti hirmaacha jirtan fi hirmaachuf qophaa'a jirtaan gaaffi kana duwwaa of gaafadhatti irra of qusaadha.
1.dhabbanni kun maalif link(hidhaata), namni akka Wal ijjaaru barbaade?
Macaafa qulqullu keessatti namoonni Wal ijaarani tokko ta'u barbaadna Waaqayyoo afaan isaani gargaar godhee?
yommus, “Kottaa, mandara riqaan isaa bantii waaqaa bira ga'u tokko ofii keenyaaf in ijaarrannaa, nuyi guutummaa lafaa irra diidatti akka hin bittimmoofnetti ittiin maqaa in godhannaa!” jedhan.S.um 11:4
2.namni osso hin daafqiin akkamitti eebbifamaa? 1Tas 4:11...waan ittiin jiraattan argachuudhaaf harka keessaniin itti dadhabdanii hojjechuu ulfinatti lakkaa'adhaa*!..“Nama mana isaa karaa jal'inaatiin ijaarratuuf, kutaa mana isaa isa mana irraas dafqa namaatiin miidhagfatuuf wayyoo! Inni akkasumaan nama in hojjechiifata, gatii dadhabbii isaatiis isaaf hin baasu*.R.Erm 22:13
3.dhumaarratti qarshii kana qarshii nama naarratti hafaa moo hin hafuu?
4.osso si ta'ee tola sabaaba malee nama qarshii 2500 si kenneef qarshii 20000 Ni keennita?
5.Gara garummaan dhabbata kanaafi dhabbata illuminate maalidha jette yaade beekta
6.Namoonni waan kana kalaqan hundee isaani eessa jette yaade beekta?
7.Ergaa qarshii kanaa fudhaate nagaan hafuura keetti maal fakkaata yaade beekta ? kanaaf bara mootumma Waaqayyoo baldhiisu qabdutti mootumma seexaana hin baldhiisin.buddeena dharaa nyaachu maanna osso nyaatin bulu sif wayya.

03/10/2021

Fakkeenya jireenya kan naaf ta'e yesuus ani qulquullu ta'ee osso hin tanee ofii isatti qulquullu wan ta'eef maqaa isattin na beeke

Bara 2014 tti  # Kan kalleessa dhisnee kan bori yaadu akka dandeenyu waaqayyo nu yaa gargaaru # Maqaa dur qabnu osso hin...
30/08/2021

Bara 2014 tti
# Kan kalleessa dhisnee kan bori yaadu akka dandeenyu waaqayyo nu yaa gargaaru
# Maqaa dur qabnu osso hin taanee ulfinaa haara waaqayyo nuf yaa keennu.
# Moottumma jijjiiramu osso taane ilaalcha jijjiraamu nuf yaa kennu
# Tessso irraatti wal dhiibnu osso hin taane nama ulfiina waliif kennu nu yaa taasisu

15/07/2021

Ati kan bara osso hin taane ati baratuu kan keeti...

24/05/2021

BARA HAMAA KEESSALLET QAJEELAA TA'I.

(Seera Uumamaa 6 )
------------
5 Waaqayyo yommus, jal'inni namaa lafa irratti baay'achuu isaa, wanti namni guyyaa hundumaa garaa isaatti yaadee qopheessu hundinuus jal'aa duwwaa ta'uu isaa in arge.
6 Waaqayyo nama lafa irratti uumuu isaa in jibbe, guutummaa garaa isaatiinis in gadde.
7 Waaqayyo, "Nama isa ani uume lafa irraa nan haxaa'a; nama, horii qe'ee, bineensa, wanta lafa irra munyuuqu, warra qilleensa keessa balali'anis akkasuma nan godha; anoo isaan uumuu koo jibbeera" jedhe.
8 Nohi garuu Waaqayyo duratti faara tolaadhaan ilaalame.
9 Nohi dhaloota sana keessatti nama qajeelaa, nama balleessaa hin qabnes ture; inni karaa Waaqayyoo irra deddeebi'uudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate.

01/05/2021

Bara badaa ta'ee keessas waaqayyo garuu Gaari ta'e jiraata.kanaaf yoo badii hin barbaadin alatti gaari isa ta'e waaqayyo waliin deemun gaaridha.
@ waaqa Gaari malee namni gaari hin jiru.Gaari kan nama godhu ammas waaqayyo ni barbaada feedha kee saanatu dhorkee malee
@ Docter,professer,Engineer ta'un dura nama ta'ii

THANKS GOD......
22/05/2020

THANKS GOD......

23/04/2020

Waqayyo biyya keenyaf mo'iicha kenni, seexanni deebi'ee nu hin mo'iin .
Hojii seexanaa nurraa diigi . Korona inni ittiin nama fixuuf uume kana yaa waqayyo ati immoo akka kee sana qoricha nuuf ta'ii.
Ati nama adabuuf dhibee hin uumtu. Ati cubbuu keenyaf iyyuu qoricha ilma kee tokkicha nuuf laate, kanaafis qoricha hin dhabdu. Gooftaa harka kee nuuf diriirsi.

28/03/2017

Akka namaa fakkaachuu hin yaalin, ta'ii argami malee.
Gara namni hundi deemu hin deemin. Waan deemuu qabduuf addaan baasii deemi.
wanti hojjechaa jirtu biyya fayyada jedhii of gaafadhu, hin fayyadu taanaan siinis hin fayyaduu dhiisi.

Address

Adama

Telephone

+251921690002

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dabalaa Yaddecha posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category