UMRA Tube

UMRA Tube Media/news company

Guyyaa har'aa leenjiin dhaabbata UMRA tiin magaalaa Adaamaa ti kenname. Leenjii kana irratti pirezdaantiin dhaabbata UMR...
23/08/2026

Guyyaa har'aa leenjiin dhaabbata UMRA tiin magaalaa Adaamaa ti kenname. Leenjii kana irratti pirezdaantiin dhaabbata UMRA obbo Abdulhakiim Namoo mata duree akkaan barbaachisoo tahan garagaraa irratti kan kennan yoo tahu; itti aanaan pirezdaantii dargaggoo Hamzaa Roobaatis erga leenjitootaaf dabarsanii jiru. Kanaan cinatti hirmaattonni gaafii fi yaada kaasuun dhaabbaticha cinaas akka dhaabbatan dubbatan.
Hirmaattonni leenjii kanaa hundumtuu galatoomaa isiniin jenna

17/08/2026

Turtii pireezidaantiin dhaabbata UMRA obbo Abdulhakiim Namoo UMRA TUBE waliin taasisan kutaa 3ffaa!

15/08/2026

Turtii pirezidaantiin dhaabbata UMRA obbo Abdulhakiim Namoo UMRA TUBE waliin taasisan kutaa 2ffaa...

12/08/2026

Ibsa waa'ee UMRA kutaa 1ffaa
Pireezidaantii dhaabbata UMRA Abdulhakiim Namoo tiin.

IBSA WAA'EE UMRA(universal muslim research and training association).*bifa suur-sagaleetiin qindaa'ee pirezdaantii dhaab...
12/08/2026

IBSA WAA'EE UMRA(universal muslim research and training association).

*bifa suur-sagaleetiin qindaa'ee pirezdaantii dhaabbatichaa obbo Abdulhakiim Namoo tiin kan isin bira gahu taha.
nu eegaa....

GAMTAA BARSIISA ISLAAMUMMAATIIN!Kutaa 1ffaa...===========================Barbaachisummaa gamtaa, balaa gamtooma dhabuun ...
07/08/2026

GAMTAA BARSIISA ISLAAMUMMAATIIN!
Kutaa 1ffaa...
===========================
Barbaachisummaa gamtaa, balaa gamtooma dhabuun fiduu fi bu'aa gamtooma qabaachuun qabu kutaawwan kana dura maxxansine keessatti ilaallee jirra. Inni kutaawwan darban keessatti ilaalle haalota walii galaa keessaa muraasa yoo tahu; kutaa kanaa fi kutaawwan itti aanan keessatti ammoo; 'GAMTAA BARSIISA ISLAAMUMMAATIIN' kan jedhu waliin ilaalla.
Bu'uurri islaamummaa gamtaa fi wal marii (shuuraa) irratti kan bu'uureffame yoo tahu; barbaachisummaa gamtaa ibsuuf ragaa kam caalaayyu ragaan barsiisa islaamummaa keessaa argamu madda (source) qorannoo dhimma gamtoomaa irratti taasifamu kamiifuu ragaa qabatamaa fi beekumsa irratti hundaa'edha. Barsiisa islaamummaa keessatti dhaloota irraa eegalee hanga hafuura baafannaa dhumaatti ilmi namaa gamtaan akka jiraatu fi gamtooma wal mariin(shuuraan) akka cimsatu barsiifama.
Jalqaba uumamaatii hanga ammaatti; ammaa hanga xumura fuula lafaatti barsiisa gamtoomatti waamu malee; barsiifna faffacaati fi sochii dhuunfaatti affeeru hin jiru hin jiraatus. Kana jechuun, bu'uurri cimaan daddaaqinsa fi hoollannaa hin mudaanne ijaara jabaa gamtooma irratti bu'uureffame tahuu agarsiisa. Fakkeenyota barsiifni islaamaa gamtaa ti affeeruu agarsiisa keessaa muraasa akka armaan gadiitti haa ilaallu mee!
*wal mariin(shuuraan)dhimmoota islaamummaa keessatti akkaan barbaachisaa tahuu isaa:- Shuuraan(wal mariin) aadaa dhimmoota hawaas-diinagdee islaamaa ittiin furuuf, cimsuuf, utubuuf, soroorsuuf itti wal mari'atan yoo tahu; eegaa wal mariin nama tokkoon gaggeeffamu waan hin jirreef; marichi(shuuraan) nama sadi(3) sanaa oliin taa'ama jechuudha. Kuni agarsiiftuu sirrii barsiifni islaamaa gamtooma cimsee barsiisu fi itti waamuu akkasumas gamtoomatti haajamuu agarsiisudha.
*Salaata dhuunfaan salaatamu caalaa; salaanni jama'aan(tuutan) salaatamu irra gorfamaa tahuu:- Namni tokko kan kophaa isaatti salaatu fi kan tuutaan salaatu mindaan isaa wal adda tahuun barsiisa islaamaa keessatti argama. Kana jechuun, namni salaata zuhrii yeroo isaa eeggatee kophaa salaate fi haaluma wal fakkaataan inni biraa salaata zuhrii yeroo isaa eeggatee tuutan salaate tokko yeroo wal fakkaataa fi salaata wal fakkaataa salaatee otuu jiruu isa tuutaan salaate sanatu irra mindeeffamaadha jechuu dha. Inni kuni agarsiiftuu sirrii fi guddaa islaamummaan gamtoomatti ajajuu ti. Itti fufa...........

Ergaa  #1Jabummaan qolannaa sodaati, weerartuu abdi kutannaati. Nam-jabaan sodaa caalaa mala sodicha ittiin ittisu irrat...
04/08/2026

Ergaa #1

Jabummaan qolannaa sodaati, weerartuu abdi kutannaati. Nam-jabaan sodaa caalaa mala sodicha ittiin ittisu irratti qophaa'a. Durseetu haalotaa fi wantoota abdi kutannaa uumuu malan adda baafata. Haalota haala hin mijanne itti darbu dursee bocata. Abdi kutannaa dhufe akkamitti darbaan yaada buusee baasa malee, abdi kutannaaf harka laatee booji'amee hidhannoo abdii abdi kutannaaf darbarsee hin kennu. Jabaan hundumarra jabaa tokkichi rabbi; ati akka namaatti nam-jabaa jabanaa tahuuf of shaakalchiisi.
==========

BU'AA GAMTOOMA UUMMACHUUN QABU. kutaa 5ffaa......===============*Bu'aan dilbiidha~kudhan tahanii tokko tokko adamsanii; ...
02/08/2026

BU'AA GAMTOOMA UUMMACHUUN QABU. kutaa 5ffaa......
===============
*Bu'aan dilbiidha~kudhan tahanii tokko tokko adamsanii; tokko tokko qabanii walitti fidanii immoo kudhan lakkaawwatu. Shaniin kophaatti namoota kudhaniif shan shan tahu; walitti dhufee immootuu shantama jedhama. Dhibbi namoota kudhaniif kophaa kophaatti nyaata tokko tokko hin binneef walitti yemmuu fidan hamma sangaati. Ifaajin gamtaa keessa jiru hammaan xiqqaadha garuu bu'aan gamtaa dilbiidha.

*Hubannoo jireenyaa dabala~gatiin 'X' kophaatti argachuuf waraqaa meeqa akkasumas sa'aa dheeraa fudhatu; yaada walitti fidanii yemmuu barbaadan salphaatti argama. Inni tokko foormula gatii 'X' ittiin barbaadan yoo beeke inni biraa immoo gatii 'X' yoo argate beekumsa gama lamaanii walitti fidan lamaan isaanii irratti hubannoo dabala. Tokko foormula hin beeku ture argateera; inni kuun gatii sana argachuuf rakkate isa kaan irraa bareera lamaanuu karaa isa lamaan dhuunfataniiru jechuudha [Foormullaa + deebii]. Inni kophaa dhimma tahe waliin dhiphatu yookin hin murteessu; yoo murteesse immoo dogongora tahaa fi sirrii tahaa isaa hin qulqulleeffatu. Inni gamtaa ammoo yaada wal jijjiira, mormee wal amansiisa, soroorsee wal qajeelcha. Waliin laalee waliif laala. Gamtaa qabaachuun hubannoo jireenyaa dabala.
itti fufa......

BU'AA GAMTAA UUMMACHUUN QABU.kutaa 4ffaa==========================Gamtaa jechuun hiikuma moggaasa isaa irraa gaafa kaanu...
01/08/2026

BU'AA GAMTAA UUMMACHUUN QABU.
kutaa 4ffaa
==========================
Gamtaa jechuun hiikuma moggaasa isaa irraa gaafa kaanu gaachana waloo akka jechuuti. Waloomni ammoo gaafa bal'ootis tahe gaafa dhiphoo waliin tahuudha. Guddina addunyaa kanaa ariifachiisuu keessatti gaheen gamtoomaa hangafa. Nageenya addunyaa kanaa tasgabbeessuu keessatti irreen gamtoomaa dorgomaa hin qabu. Ijaaruu miti diigufuu gamtaan filannoo jalqabaati. Bu'aa gamtaa qabaachuun qabu keessaa muraasa akka armaan gadiitti haa ilaalluu!

*Hafuura haaressa~Ennaa miirri dadhabbii sitti dhagahamu, yemmuu abdii kutannaan si muudachuuf hiixatu, yeroo nuffite uuuuuffff jechuun dadhabbiin moo'amtu isa abshir siin jedhutu si cinaa jira takkaa ammoo nutuu jirraa boqodhu gartuu siin jedhu qabda. Yeroo akka kanatti sochii kamuu dabareedhaan wal si'eessuun itti wal geeddaran hafuuratu haara'a. Abdiin biqileetu dadhabbiin irraanfatamee humna haaraan gara dhimma itti jituutti deebi'ama. Dadhabbiin darbe darbameetu galaa milkii tahee boruuf hamileen cimee abdiin lalisa. Gamtaa qabaachuun hara si galfachiisee humna kee cimsee hafuura kee haaressa. Hafuura jechuun [si'aa'ina keessoo ati tattaaffidhaaf qabdu] jechuudha.

*Abdi kutannaa hambisa~ gamtaan gaafa sochootu dibaabee aduu fi rooba ittistu qabda. Gartuu roorro fi weerara qolattu of cinaatti abdatta. Abdii dhabdeetuu isa abdii qabu of cinaatti gaafa argitu qalbiitti deebitee abdii kee haaromsita. Cichuu bartee kutannoon sochootee; gamtaa gargaarsifataa tabba baatee; laga ceeta. Gamtooma qabaachuun milkii saffisiisa abdi kutannaa hambisa.

itti fufa......

Maxxansa keenya kan waa'ee barbaachisummaa gamtooma tiin eegallee; balaa gamtooma dhabuun fidu' jedhuun maxxansaa turre ...
31/07/2026

Maxxansa keenya kan waa'ee barbaachisummaa gamtooma tiin eegallee; balaa gamtooma dhabuun fidu' jedhuun maxxansaa turre kutaa itti aanu 'Bu'aa gamtooma qabaachuun fidu' jedhuun kan itti fufnu taha. page kana follow, share gochuun hawaasa bal'aa biraan akka geettan kabajaan isin gaafanna.

Address

Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when UMRA Tube posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share