05/02/2025
Zebiba Roba
:
Qeerrittii umrii gabaabduu keessatti kitaabota 10 barreessitee, 10 ol gulaaluudhaan gurra argatte
***********
Gaazexaa Bariisaa
Intala galgalli ishii ganamaan ifeefi hojii namoonni hedduun jireenyasaa guutuutti galmaan ga’uu hindandeenye milkeessitee maatiishee gammachiisuudhaan firaafi lammiif ammoo hamilee taate, mucattii daa’ima waggaa kudhanii taatee biyya handhuurri ishii itti awwaalamerraa godaantee, akaakuuwwan barnootaa hedduun eebbifamtee kitaabota 10 barreessitee saba keessatti dhalatteefi orma keessatti guddatte boonsitee dhaloota boodaatiif fakkeenya taate.
Umrii namootni hedduun kitaaba barreessuu dhiisii tasumaa hin yaadnetti kitaabota 10 barreessitee, sanii ol immoo gulaalte, intala qal’oo yaada bal’oo.
Mucattii kichuu, yaada bilchaataa qe’ee Oromootti dhalattee har’a Dodolaadhaaf hospitaala ijaaruuf karoorfatte, shamarree barreessituu, gulaaltuu, doktara fayyaafi ogeettii xiinsammuu Doktar Zabiibaa Roobaa keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati.
👇
https://press.et/oromifa/2025/02/01/qeerrittii-umrii-gabaabduu-keessatti-kitaaba-10-barreessitee-10-ol-gulaaluudhaan-gurra-argatte-doktar-zabiibaa-roobaa/