25/08/2026
Barnoonni Daandii Injifannooti!
*****
Godina Harargee Lixaatti Hojii Barnootaa Dijiitaaleessuuf hojii hojjatamaa jiruun Aanaa Cirootti Mana Barumsaa Dijiitaal Laayiibiirarii taasisuuf hojii hojjatamaa jiruun guyyaa har'aa Mana Barumsaa Ijafaaraatiif Koompitaraa Afurtama Qarshii Miliiyoona 5'n olitti tilmaamamu wal harkaa fuudhinsa kan taasisan bakka Itti Gaafatamaa Waajjira Barnoota Godina Harargee Lixaa Obbo Awwal Abdallaa, Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Ciroo Obbo Yasin Mahammed Ibrahim, Hoggansii Godinaa fi Aanichaa, akkasumaas keessummoonni Naannoo argamanitti gaggeeffamee jira.
Akkasumaas guyyumaa har'aa Mana Barumsaa Bu'uura boruu Ganda Ijafaaraa keessatti ijaaramaa jiruu Sadarkaa irraa jiruu Koree kun daawwate jira.
Lammii dorgomaa ta’e, jaalala biyyaa fi naamusa gaarii qabu horachuun guddina biyya tokkoo keessatti baay’ee murteessaa yoo ta'u, kun ammoo sirna barnootaa qulqullina qabuu fi dhaqqabamaa ta’e diriirsuun mirkanaa’a. Sirni barnootaa biyya keenyatti hojiirra oolaa ture rakkoo qulqullina hamaa, dhaqqabamummaa fi haqa qabeessummaa kan hin qabne ta’uurraa kan ka’e dhaloota dorgomaa, naamusaa fi jaalala biyyaa qabu horachuun rakkisaa turus yeroo ammaa kana hundeerraa jijjiiruuf hojjetamaa jira.
Godinni keenyaa galma Badhaadhinaa hawaasummaa milkeessuuf qabame adda durummaan bahachuuf gama barnootaatiin dhaloota biyya ofii jaalatuu fi egeree biyyaa bu’uura jabaarra dhaabuuf dhaloota irratti hojjechuun murteessaa ta’uu hubachuun tarkaanfiiwwan akka biyyaatti fakkeenyummaa qaban hojiirra oolchuuf hojjatamaa jira.