FM Walisoo 105.5

FM Walisoo 105.5 Public Media

27/08/2026

OBN FM Walisoo Hagayya 21/2018

Aadaa Oromoo keessaa Gindi cufni tokko ta'ee, Boqonnaa hojii qonnaa kan argisiisuudha

Isin biratti Waa'een gindi cufaa akkamitti ilaalama laata? Wantoota kana wajjin walfakkaatu aadaa Gindi Cufaa jedhamurratti
Irgixaa Gonfaa waan Qindeesse qaba.

26/08/2026

Oduu Sa'atti 5:00

26/08/2026

Qophii Waa'ee Keessan
I/Ga/Waajjiira Fayyaa Go/Sha/Ki/Lixaa
Obboo Guuttataa Daggafaa Walii.

24/08/2026

OBN FM Walisoo 105.5 MHZ Hagayya 18/2018
Mariin Biyyaalessaa Aadaa garagarummaa Yaadaa mari’achuun furuu Itiyoophiyaa keessatti kan eegalchiiseedha jedhan jiraattonni magaalaa Walisoo.

24/08/2026

Qophii Barnootaa Bara 2019 Ilaalichisee
I/Ga/Wa/Bar/God/Sha/Ki/Lixaa Obboo Dirribaa Dheeressaa Waliin.

24/08/2026
21/08/2026

OBN FM Walisoo 105.5 MHZ
Faayidaa Qonnaan Bultoonni Aanaa Wancii Turizimiirraa argataa jiran

OBN FM Walisoo MHZ 105.5 Hagayya 14/2018Godina Shawaa kibba lixaatti Leenjiin gahumsaa fi naamusa irratti  konkoolaachif...
20/08/2026

OBN FM Walisoo MHZ 105.5 Hagayya 14/2018

Godina Shawaa kibba lixaatti Leenjiin gahumsaa fi naamusa irratti konkoolaachiftoota magaalaa Walisoo fi Godina shawaa kibba lixaaf kennamaa jira.

Kaayyoon Leenjii kanaa seerota, Naamusaa fi haala walii galaa konkolaachisummaan wal qabatan irratti kan kennamu ta’uu, itti gaafatamaan Ejensii Geejjibaa Magaalaa Walisoo Obboo Bacharee Biifaa himan.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Walisoo, Obbo Gammachuu Araddaa, leenjichi balaa tiraafikaa hir’isuuf gahee olaanaa kan qabu ta’uu ibsuun, konkolaachisaan hundi karaa naamusaa fi itti-gaafatamummaa qabuun leenjicha hanga xumuratti hordofuun gahuumsa isaanii cimsuu qabu jedhan.

Balaawwan Lubbuu namootaa galaafataa jiran keessaa, Balaan Tiraafikaa akka Addunyaatti sadarkaa 5ffaa irratti akka argamu qorannoon ni agarsiisa. Ka’umsi Balaa tiraafikaa immoo 80% ol gahumsa konkolaachisaati. Balaa kana xiqqeessuuf konkolaachiftootaaf leenjii kennuun Murteessaadha jedhan Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obboo Kamaal Maammee.

Akiliiluu Shallamaatu gabaase.

19/08/2026

OBN FM Walisoo 105.5 Hagayya 13-12-2018

Hojii Ilaalcha jijjiiruu Waggoottan Saddeettan darban Manneen Barnootaa keessatti hojjatamaniin, jijjiirama guddaatu dhufeeraa, Fuula durattis Dhaloota yaadama sirriin biyya kana ijaaru uumuuf cimnee ni hojjannaa jedhan Barsiisonni Sadarkaa Lammaffaa Bulchiinsa Magaalaa Walisoo

Sheedii  fudhanne keessatti hojjannee   qabeenya horachuuf,  qophiidhaa ni jedhan dargaggoonni Magaalaa WaliaooOBN FM Wa...
19/08/2026

Sheedii fudhanne keessatti hojjannee qabeenya horachuuf, qophiidhaa ni jedhan dargaggoonni Magaalaa Waliaoo

OBN FM Walisoo 105.5 Hagayya 13-12-2018

Bulchiinsa Magaalaa Walisootti dargaggota Hojii dhabeeyyii 342 ta'aniif sheediiwwan iddoo hojii darbarfamanii kennaman.

Bulchiinsa Magaalaa Walisootti dargaggoota Hojii dhabeeyyii 342 ta'aniif sheediiwwan iddoo hojii Horsiisa Saawwan Aannanii fi Gabbisa Sangootaa darbarfamanii kennaman.
Dargaggoonni carraa argatan kunneenis carraa argatanitti kan gammadan ta'uu himuun, yeroo isaaniif kenname keessatti cimanii hojjachuun warra biroof dabarsuuf qophii ta’uu himan.

Itti gaafatamaan waajjira Carraa hojii uumuu fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Walisoo Obboo Birhaanuu Shantamaa dargaggoota Miseensa 342 ta'aniif sheediiwwan Kun kan darban ta'uu himan.

Mootummaan jijjiramaa magaalaa irratti galmoota gurguddaa afur qabachuun hojii hojjachaa Jira kana keessaa carraa hojii uumuu fi hojii dhabdummaa hambisuudha kan jedhan kantiibaa magaalaa Walisoo obboo Gammachuu Araddaati.
Badhaadhinaa hundaa galeessa fiduu kan dandeenyu dargaggeessi Kun yoo jijjirameedhas jedhan Obbo Gammachuun.

Akiliiluu Shallamaatu gabaase

Address

Bole, 04
Adama
2919

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FM Walisoo 105.5 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share