FM Harar 102.3

FM Harar 102.3 Publi media

26/08/2026

Gaara Mullataa.

Barattoota Godina Harargee Bahaa bara kana Qorumsa Biyyoolessaa qoraman keessaa hanga ammaatti firii galmeessaniin Barat...
26/08/2026

Barattoota Godina Harargee Bahaa bara kana Qorumsa Biyyoolessaa qoraman keessaa hanga ammaatti firii galmeessaniin Barattoota qabxii 500 ol fidan.

“Barattoonni kutaa 12ffaa bu’aa qormaatasaanii har’a galgala sa’aatii 1 kaasanii karaawwan garagaraatiin laallachuu ni d...
25/08/2026

“Barattoonni kutaa 12ffaa bu’aa qormaatasaanii har’a galgala sa’aatii 1 kaasanii karaawwan garagaraatiin laallachuu ni danda’u”-Tajaajila madaallii barnootaafi qormaatotaa.

Kanaafis liinkii gadii fayyadamuu danda'u.
Komii qabaniif otoo qaamaan gara tajaajilichaa dhaquun hinbarbaachisne komiisaanii Hagayya 19 hanga 26 bara 2018 sa'aatii 10:00tti liinkicha fayyadamuun dhiyeeffatanii hordofachuu danda'u.
https://result.eaes.et/complaint

25/08/2026
25/08/2026

Oduu Sa'aatii 05:00 Hagayya 16, 2018

Gaara Qundhuudhoo bakka jireenyaa Fardeen bosonaa!Gaarri Qundhuudhoo Godina Harargee Bahaa, daangaa aanaa Gursumii fi aa...
25/08/2026

Gaara Qundhuudhoo bakka jireenyaa Fardeen bosonaa!

Gaarri Qundhuudhoo Godina Harargee Bahaa, daangaa aanaa Gursumii fi aanaa Jaarsoo gidduutti argama. Gaara hedduu miidhagaa fi Fardeen bosonaa hedduun irra jiraatanidha.

"Intarpiraayizonni Bu'uura Abbootii  Qabeenyaa Gurguddaati" Jedhan Bulchaan Itti Aanaa Godina Harargee Bahaa Obbo Mohaam...
24/08/2026

"Intarpiraayizonni Bu'uura Abbootii Qabeenyaa Gurguddaati" Jedhan Bulchaan Itti Aanaa Godina Harargee Bahaa Obbo Mohaammaddiin KabirHuseen.
OBN FM Harar, Hagayya 18 2018

Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Godina Harargee Bahaa qajeelfamoota kenniinsa waraqaa gahuumsa intarpiraayizii maayikiroo xixiqqaa fi giddu-galeessaa konistiraakshinii, hojii ijaarsaa keessatti qulqullinaan raawwatanii fi gahuumsa ol'aanaa qabaniif beekamtii fi waancaas kenne.

Ittigaafatamaan Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Godina Harargee Bahaa Injinar Shukkaar Abdulqaadir intarpiraayizoonni hojii ijaarsa aanaalee godinichaa keessatti raawwachaa turan jajjabeessaa tahuus ibsan.

Sirna dabre keessa xiyyeeffannaan intarpiraayizootaf kenname laafaa tahuu eranii mootummaan jijjiramaa intarpiraayizooota abbootii qabeenyaa misoomawaa horachuuf xiyyeeffannaa ol'anaan hojjachaa jira jedhan bulchaa Itti Aanaa Godina Harargee Bahaa Obbo Mahammaddiin Kabir Husseen.

Akka godinichaattis pirojektoota hojjetaman keessatti dhibbeenta 93 ol intarpiraayizoota kennamuu ibsan.

Intarpiraayizoonni beekamtiin kennamefis beekamtiin isaanii kenname milkaa'ina hojii itti aanuuf kan isaan onnachiise ta'uu dubbbatan.
Ahmaddiin Muktaartu Gabaase

Baga Geessan.
24/08/2026

Baga Geessan.

Humna ummata bira jiru qindeessinee yoo itti fayyadamne, rakkoo hawaas-diinagdee furuu dandeenya -Ambaasaadar Ishetuu Da...
24/08/2026

Humna ummata bira jiru qindeessinee yoo itti fayyadamne, rakkoo hawaas-diinagdee furuu dandeenya -Ambaasaadar Ishetuu Dasee

OBN FM Harar 18, 2018

Aanaa Haramaayaa maatii harka qalleeyyiif deeggarsi gara garaa taasifame.

Deetaan Ministira Nagaa, Ambaasaaddar Ishetuu Dasee, Godina Harargee Bahaa Aanaa Haramaayaa Ganda Magaalaa Shariif Kaaliditti, hojiiwwan misoomaa adda addaa daawwachuun manneen tajaajila lammummaatiin harka qalleeyyiif ijaaraman eebbisuun kennaniiru.

Ambaasaaddar Ishetuu Dasee akka himanitti, humna ummata bira jiru qindeessinee hojiiwwan misooma diinagdeefi hawaasummaa irratti yoo hirmaachifne, rakkoo hawaasaa yeroo gabaabaa keessatti furuun akka danda'amu, hojii hojjatame fakkeenya tahu himan.

Namoonni gumaachi taasifameefis kanaan dura rakkoo keessa turanis, manni isaanii ijaarame jiruufi jireenya isaanii kan fooyyeessu tahu himan.
Jamal Ibraahimtu gabaase.

Address

Bole, 04
Adama
2919

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FM Harar 102.3 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share