28/12/2021
TOLLI RABBII GUDDAA KUMAA FI KITILA
Bismillah jedheetan
Dubbii koo eegalaa
Hamtuuf toltuu maraa
Isatu qeebalaa
Akkaan garaa laafaa
Akkaan mararfataa
Waa hunda osoo arguu
Irra dabarfataa
Dandeettii isaatin
Kan bishaan itichee
Lubbuu nutti godhee
Uumee nu biqilchee
Kan samii utubee
Kan dachii diriirsee
Kan halkaniif guyyaa
Wal faana hiriirsee
Isa gad nuuf roobsee
Dachii jiraachisuu
Sa'aa fi namallee
Asheeta nyaachisuu
Wa anzala
Minassamaa'i maa'aa
Lagnisaa hin gogu
Halkan guyyaa yaa'aa
Tottolchee nu uumee
Kan fayyaa nuuf kennee
Baasif xaarii kiyya
Naaf kafalaa hin jennee
Tollli rabbii guddaa
Kumaa fi kitilaa
Laakkaa'amee hin dhumuu
Akkam goona silaa
Osoo diinii qabnuu
Maaf taane jaahilaa
Ergamaa nuuf ergee
Diinii nu badhaasee
Kan ifaa nuu kennee
Dukkanaa nu baasee
Waa meeqa siif kennee
Waa meeqa siif laatee
Kan salaata diddu
Mee maaluma taatee
Lakkii yaa dargaggoo
Lakkii yaa shabaabaa
Jireenyi lafarraa
Baay'isee gabaabaa
Sheyxaanni beekeera
Mannisaa azaabaa
Kanaaf si dhamaasee
Karaarra si dhaabaa
Atis yaa abbaa koo
Atilleen yaa harmee
Dhiifama naaf godhaa
Tasa yoonin sarmee
Atis yaa shamarree
Isheen obboleettii
Naannoftee dabareen
Hundaa bira geettii
Hammam yoo cimtellee
Hammam yoo jabaattee
Nama hunda caaltullee
Qabeenyaan fagaattee
Qabeenyaaf jabeenyi
Nama hin oolchu du'aa
As gubbatti dhiisee
Biraa qabrii bu'aa
Wanti nurraa hin hafne
Kan nu waliin du'uu
Dukkana qabriitis
Kan nu waliin bu'uu
Dalagaa gaariidha
Kun dur carraaqannee
Osoo lubbuun jirruu
Buruuf ol kaawwannee
Kanaafuu salaati
Soomii zakaa baasii
Aalif ollaa kankee
Ibaadaadhaaf kaasii
Yeron ol kaawwadhu
Siinqii guyyaa boruu
Ilmaaf qabeenyi kee
Gaafas siif hin toluu
Kuun saayinsii baree
Kuun birriin of tuulaa
Bar akkana hin turree
Sahaaban rasuulaa
Lubbuu wareeganii
Diiniif laphee baatuu
Nagaaf rahmanni
Irra haa jiraatuu
Abubakar, Usmaan
Aliyyiif Umarii
Siraachaw yaamaaraa
Taammaanyoochuu marii
Hamzaa fi Kaalid faa
Ye jagnyoochuu jagnaa
Kan seenan dubbatu
Goota meeqa qabnaa
Daran du