God Love's International Church, Finfinnee,Oromia, Ethiopia

God Love's International Church, Finfinnee,Oromia, Ethiopia Holly Bible for All

27/08/2024

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Tadese Lamesa, Diriba Negesa, T**e Arsi Borja

Akka dhugeeffannaa amantii Islaamaatti namni qixa sirrii ta’een sirna Hajjii kana raawwatee xumure cubbuun irraa dhiqama...
16/06/2024

Akka dhugeeffannaa amantii Islaamaatti namni qixa sirrii ta’een sirna Hajjii kana raawwatee xumure cubbuun irraa dhiqama. Inuma gama kanaan akka daa’ima reef dhalattuutti deebi’a jedhamee amanamaHar’allee Rabbitti dhihaachuu keenya mul’isuuf ud-hiyyaa qalla. Gatiin irraa argannu guddaadha. Lakkoofsa rifeensa horii qalleen, lakkoofsa lafee fi dhiigaan gatiisaa (ajirii) arganna,'Horii fayyaa (kan hin dhibamin), kan qaamni guutuu ta’uu qaba. Dullacha yookiin kan umriin qalmaaf hin geenyes ta’uu hin qabu.' Jedhaniiti amanu
Macaafni qul qulluun immoo akkas jedha
Garuu Kristos dhiiga isaa isa gati-jabeessaan, isin fureera; inni akka hoolaa mudaa yookiis xurii hin qabnee ti.”
Kanaaf yesuus kiristoositti amanaa inni hunduma keenya dhiigaan nu araarse
— 1Phe. 1:19

16/02/2024

“"Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii waaqa keessa ilaalaa jirtu? Yesus, inni isin biraa gara waaqaatti ol fudhatame kun, akkuma amma itti gara waaqaa dhaquu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa" jedhaniin.”
— HoE. 1:11

“Dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin waldaa keessatti Waaqayyoon kadhachuun qajeelaa dhaa ree? Isinumti ofii kees...
12/02/2024

“Dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin waldaa keessatti Waaqayyoon kadhachuun qajeelaa dhaa ree? Isinumti ofii keessanii faradaa!”
— 1Qor. 11:13

27/12/2023

Faayaa fi Fayyaa keenya nutu tikfata

27/12/2023
22/09/2023

Yesuus kiristoositti Amanuun mataan isaa iyyuu nagaadhaa.
Bagaan karaa Nabiyyoota biraatti hin filatiin.

YESUUS KUNI karaadha, dhugaadha,jireenya

30/08/2023

[Yohannis: 10:30
Abbaanii fi ani tokko isaaniin jedhe.][Yohannis: 10:18
Homtinuu lubbuu koo na duraa hin fudhatu anumatu ofii kootiin kenna malee. Ani lubbuu koo dabarsee kennuudhaaf, ammoo deebisee fudhachuudhaaf aboo qaba; abboommii kana immoo abbaa koo biraan fudhadhe" jedhe.][Yohannis: 8:36
Ilmichi yoo birmaduu isin baase egaa isin warra birmaduu baatanii dha"'. ][Yohannis: 10:17
Lubbuu koo deebisee fudhachuudhaaf dabarsee waanan kennuuf, abbaan koo na jaallata.][Yohannis: 10:28
Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu.]

13/08/2023

Zayitiii fi raajii sobduu

Duudhaa Waaqeffannaa (Principles of Worship)Obbolootako, akkuma hundi keenya argaa jirru Waaqeffannaa kan fakkaatan garu...
17/07/2023

Duudhaa Waaqeffannaa (Principles of Worship)

Obbolootako, akkuma hundi keenya argaa jirru Waaqeffannaa kan fakkaatan garuummoo Waaqeffannaa dhugaa kan arrabsiisan wantotni jibbisiisoon Waldaa keessatti baay’achaa jiru. Anis immoo tarii barruun xiqqoo ani barreessu kun waan kana adda baafattanii gara Wangeelaatti akka isin xiyyeeffattan isin taasifti jedheen isiniif baarreessa.

Waaqayyo akkamiin akka Isa waaqessinu barbaadaa?. Namni akkamiin Waaqayyoon akka Waaqessu (Worship) gochuu qabu Yesuus Kakuu Haaraa keessattis sirriitti barsiisee ture. Kessumattuu Dubarittii Samaariyaa Yesuusiif gaaffii Waaqeffannaa kaafte sanaaf. “Yeroon itti warri dhuguma sagadan, hafuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaaf sagadan garuu in dhufa; innis ammuma iyyuu ga'eera. Abbaanis warra akkasitti isaaf sagadan in barbaada.” Jedhe. Yoh. 4:23

Waaqeffannaan taatee nuyi yaada dhuunfaa keenyaan dubbannuu fi fedhii foon keenyaan sochoonu utuu hin taane ‘’ Hafuuraa fi Dhugaadhaan’’ ta’uu qaba. Waaqeffannaan keenya Waaqayyoon akka inni barbaadetti gammachiisuudha malee yaada fooniidhaan ta’uu hin qabu. Jalqabumayyu namni Waaqeffachuudhaaf uumame malee Waaqeffatamuuf waan hin uumamneef akka ta’utti Waaqeffachuun isarra jiraata. Waaqeffamaan tokkicha Waaqayyoo qofa waan ta’eef.

Waaqeffannaa (Worship)

Afaan Greek dhaan Waaqeffannaan gara jechoota 14 olii qaba. Kudha arfan isaanii utuun ibse namni dubbisus waan hin jirreef inni haa hafuuti, isaan keessaa garuu gosa Waaqeffannaa Waaqayyoof bitamanii Hafuuraa fi Dhugaadhaan Waaqeffachuu isa Greek’n isaa jedhun kaasa.

Akaakuu Waaqeffannaa

1ffaa- Waaqeffannaa mul’atuu fi Dhugaa ta’e.
✍Waaqeffannaan Yogguu namni tokko Waaqayyoon Waaqeffatu kan nuyi dhugummaasaa ijaan arginudha. Fakkeenyaaf Abrahaam Waaqayyoon Waaqeffachuusaa hojiidhaan agarsiiseera. “Yommus Abrahaam dargaggoota isaatiin, "Isin harrichaa wajjin asuma turaa! Anii fi mucichi immoo achi garas dhaqnee in saganna; isa booddees gara keessanitti in deebina" jedhe.” Uma. 22:5

(1 Qorontos 11 )  ------------ 5 Dubartiin waldaa keessatti yommuu Waaqayyoon kadhattu yookiis yommuu waan Waaqayyo itti...
10/07/2023

(1 Qorontos 11 )
------------
5 Dubartiin waldaa keessatti yommuu Waaqayyoon kadhattu yookiis yommuu waan Waaqayyo itti mul'ise himtu, yoo haguuggachuu dhaabaatte garuu, mataa ishee in salphifti; isheen kun dubartii mataa haaddattee wajjin wal hin caaltu.
6 Egaa dubartiin yoo haguuggachuu dhaabaatte, rifeensa mataa ishee murachuu iyyuu hin yeellaatu, dubartiin sababii malee rifeensa mataa ishee muratte yookiis haaddatte salphachuu yoo jibbite immoo haa haguuggattu.

(Maatewos 9 )  ------------ 4 Yesus garuu yaada isaanii beekee, "Maaliif garaa keessan keessatti hamaa yaaddu? 5 Kamtu s...
24/04/2023

(Maatewos 9 )
------------
4 Yesus garuu yaada isaanii beekee, "Maaliif garaa keessan keessatti hamaa yaaddu?
5 Kamtu salphaa dha? Cubbuun kee siif dhiifameera jechuu moo yookiis ka'iitii adeemi jechuu?
6 Garuu ilmi namaa lafa irratti dhiifamuu cubbuu kennuudhaaf aboo akka qabu beekaa!" isaaniin jedhe. Isa dhagni isaa gar tokko du'een immoo, "Ka'iitii siree kee fudhadhuu mana keetti gali!" jedhe. ..
11 Warri Fariisotaa garuu kana yommuu argan bartoota isaatiin, "Maaliif barsiisaan keessan warra qaraxxuudhaa fi warra akka seeraatti hin jiraannee wajjin nyaata?" jedhan.
12 Yesus garuu kana yommuu dhaga'e, "Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee;
13 inni 'Gara-laafinan barbaada malee aarsaa miti' jedhu maalitti akka hiikamu dhaqaa baraa! Anoo warra gara-qajeelota waamuu hin dhufne, warra cubbamoota waamuufan dhufe malee" jedhe.

Address

Intoto
Addis Ababa
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when God Love's International Church, Finfinnee,Oromia, Ethiopia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to God Love's International Church, Finfinnee,Oromia, Ethiopia:

Share