Abu Waliyi Dheko

Abu Waliyi Dheko HUMANITY IS FIRST!

๐Š๐Ž๐๐๐ˆ๐„ ๐Œ๐€๐ˆ๐๐Ž๐Ž ๐ˆ๐’ ๐ˆ๐๐’๐€๐๐„ ๐Ÿ˜ฎโ€๐Ÿ’จ๐Ÿ”‹Before Michael Carrick took over, he hadnโ€™t started a single Premier League game this season...
27/01/2026

๐Š๐Ž๐๐๐ˆ๐„ ๐Œ๐€๐ˆ๐๐Ž๐Ž ๐ˆ๐’ ๐ˆ๐๐’๐€๐๐„ ๐Ÿ˜ฎโ€๐Ÿ’จ๐Ÿ”‹

Before Michael Carrick took over, he hadnโ€™t started a single Premier League game this season ๐Ÿ˜ฎ

But against Man City and Arsenal, he played the full 90 minutes and absolutely ๐˜ฝ๐™Š๐™Ž๐™Ž๐™€๐˜ฟ it ๐Ÿ’ช

In both games, he covered more kilometers (12.01 & 11.26 KM) than ๐—”๐—ก๐—ฌ other player on the pitch ๐Ÿคฏ

Two huge games in a row. Still only 20 years old. Class player ๐Ÿ‘

Namni baratee barumsa qabu gaafa waan ragaa hin qabne akka kanaa haasawu arguun nama qaanessa.Namni barate silaa waan go...
28/11/2025

Namni baratee barumsa qabu gaafa waan ragaa hin qabne akka kanaa haasawu arguun nama qaanessa.Namni barate silaa waan godhuu fi jedhuuf ragaa qabaachuu qaba.Osoo qorannoo gaggeessee hin mirkaneessin" jette" jettee mandaraa odeessuun isarraa hin eeggamu.

Kun kufaatii sirni barnootaa biyya keenyaa keessa tureef ragaadha.Namni baratee barumsa qabu qorannoon yoo deeggarame bareeda."Barateera"namni ati jettee yaaddu qorannoo malee gaafa akkana jedhu yoo argitu sirni barnootaa keenya rakkoo keessa akka ture siif gala.Barnoonni ragaa malee waan akkanaa hin jedhu waan ta'eef!

Hojiin Prof.Birhaanuun sirna barnootaa biyya keenyaa bakka kufee kaasuuf hojjataaru waan jajjabeeffamuu qabu.Ilaalcha inni gama siyaasaatiin qabu deeggaruu dhiisuun mirga.Garuu hojii gaarii inni akka biyyaatti gama barnootaatiin dhaloota irratti hojjataaru mormuun kufaatii deeggaruudha.

Ustaazni kun Birhaanuu faana dhimma dhuunfaa yoo qabaate malee hojii inni sirna barnootaa fooyyessuuf hojjachaa jiruuf akkana jedha jedhee hin yaadu.Barnoota biyya keenyaa du'aaf qooqqeen hafte,lubbuu itti horuuf hojiin inni hojjataaru hojii dhaloota baraaruuti.Abdii namatti hora.

Piroofeesarichi nama waan ta'eef hanqina qabaachuu mala.Hanqina sanas dhawataan akka sirreessu gochuun ni danda'ama.Kanaan ala nama gama barnootaatiin fiixee milkaa'inaa irra gahe(piroofeesara),jaarraa 1 ol of duuba deebisanii nama waggaa 150 dura turetti fakkeessuuf yaaluun dogongora.

Ilaalchi ABO baay'een isaa naaf hin liqimfamu.Keessattuu ilaalchi dhaabichi Itoophiyaaf qabu.Ilaalcha ofii qabu sanas sa...
28/11/2025

Ilaalchi ABO baay'een isaa naaf hin liqimfamu.Keessattuu ilaalchi dhaabichi Itoophiyaaf qabu.Ilaalcha ofii qabu sanas sammuu dhaloota hedduutti fe'eera.Oromoon garri caalu ilaalchi Itoophiyaaf qabu mishaa miti.Kanaaf sababni ijoon dhaabicha.

Oromoon akka jaalala biyyaa hin qabaanneefis tirriktiin isaanii gaheen taphate shiikkaa miti.Namoonni Itoophiyaa hoogganaa turan Oromoo fi Oromiyaa miidhuun dhugaadha.
Garuu sababa isaanii biyya jibbuun sirrii miti.Hooggantoonnummaan sunniinuu garri caalu Oromoo fi Oromiyaa keessaa kanneen bahaniidha.

Bara Minilik hoogganaan waraanaa Oromoo ture.Habtegoorgis Dinagdee Oromiyaa keessaa bahe.Miidhaa gaafas Oromoo irra waraanni geesse kan hooggane isa ture.Gaafa lola Aanolee fi Calanqoo ajajaan Goobana Daaceeti.
Isaan lamaanuu Oromoodha.Oromiyaa keessaa bahan.Kana waakkachuun hin danda'amu.

Hayilesillaasees yoo ta'e Oromoodhuma.Tafarii Mokkonen Guddataa nama baha Oromiyaati.Darguunis asuma Oromiyaadha.Mangistuu Waldamaariyaam Woldee Ayyaanaa.....nama Oromooti kan jedhus jaruma tana.Bara Mallassaas OPDO'dhuma Oromiyaa baatetu waan hedduu raawwate.

Yoo weeraras ta'e Oromoodhumatu" Oromiyaa weerare".Itoophiyaan"Oromiyaa weerarte"tunis tam akka taate hin beeku.Itoophiyaa mataa isheeyyuu kan "tiksee asiin gahe Oromoodha"jechaa hin turree?

Walumaagalatti ilaalchi ABO maqaa"bilisummaa fi walabummaa"jedhuun yeroo mara hafarsu kaayyoon isaa bilaasha.Oromiyaa Itoophiyaa irraa"adda baasnee bulchina"saaksiin jedhus kufeera.Oromoofi Oromiyaas kan fayyadu Itoophiyama keessatti kabajamee bilisaan jiraachuudha.

Yaadni bara 1970mmootaa"hardhas ni fayyada"jedhee yaaduu hin qabu.Yeroma cufas Itoophiyaa abaaraa jiraachuun hin fayyadu."Itoophiyaan akkas nu gootee turte, Akkana nu godhaa baate"jedhanii hamtuu ishee odeessuun,hardha Oromoo fi Oromiyaaf homaa hin godhu.

24/10/2025

Hordofaa amantii wayii gaafa taatu,Waaqni ati itti amantee waaqessitu wayii ni jira.Waaqa itti amante kana akkamitti akka waaqessitus ta'ee,waan isarraa barbaaddu argachuuf maal gochuu akka qabdu dambii ittiin bulmaataa qabda.

Waaqni ati itti amante "waan kamiiyyuu gochuu"akka danda'u amanta.Waan barbaaddu argachuuf waan dambii ittiin bulmaataa irra jiru raawwachuun dirqama.Achi booda gaafii keetiif deebii akka argattu hin shakkitu.

Ati isa gabbaruu(waaqessuu) malee waan biroo wanti isaaf gootu hin jiru.Inni garuu waan baay'ee "naaf godha"jettee amanta.Garuu gaafa namni wayii Waaqa kee sana busheessu,abaaru ykn arrabsu"Waaqa kiyya na jalaa tuqxe"jettee,waaqaaf daboo baata.

Ati erga"Waaqa"jettee itti amante maaf na jalaa tuqame jettee ciqicciqii keessa seenta? Inninuu silaa"Waaqa" waan ta'eef abbaa fedhe ofirraa lugaamuu danda'aa๐Ÿ˜Ž

Waan-badee liixii dhuguuf jecha amantaa borcitu inninnuuu (Waaqni) ofirraa haa cuqqaaluu ati itti dhiisi๐Ÿคฃ๐Ÿ™†

Ogeeyyii fayyaa kana duuchii guyyaa tokkotti dhabuun biyyaaf miidhaadha.Ummataaf immoo miidhama gudda'a.Ogeessa ummanni ...
22/10/2025

Ogeeyyii fayyaa kana duuchii guyyaa tokkotti dhabuun biyyaaf miidhaadha.Ummataaf immoo miidhama gudda'a.Ogeessa ummanni miidhama itti himatee qurcuuftu dunnuu jalaa cite.Kun gadda guddaadha.Sanuu ogeessi muuxannoo qabu bakka tokkotti gaafa dhumu gaddi isaa dacha'a๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ

Ogeeyyii Fayyaa Aanaalee godina Arsii irraa qormaata fooyyeeffannaa barnootaaf gara Yunivarsiitii Haramayaa Imalaa turan irra balaa konkolaataa naannoo magaalaa Oolancitiitti muudateen lubbuu ogeeyyii hedduutu darbe.

Sababa jalaa konkolaataatiin bara baraan akka biyyaatti ogeessi dhabnu baay'eedha.Yeroo darbe barsiisota yuunivarsiistii madda walaabuu konkolaataa guutuu sababa walfakkaataaf dhabne.Namni nagaa bahee karatti hafu lakkoofsa hin qabu ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ

"Waaqni lubbuu isaanii haa maaru"jennee hidhii xuuxuu irraa kan hafe homaa gochuu hin dandeenye ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ

61 years ago today. Abebe Bikila of Ethiopia wins his second Olympic title in the marathon in Tokyo. He ran a world best...
22/10/2025

61 years ago today. Abebe Bikila of Ethiopia wins his second Olympic title in the marathon in Tokyo. He ran a world best of 2:12:11 to win by over 4 minutes!
๐Ÿ“ธ Bettmann/Corbis

This is fake news๐Ÿ“ฐ"Itoophiyaan boo'ichaan addunyaa irraa imimmaan 289ml boo'uun 1ffaa baate"oduun jettu kijiba.Viidiyoon...
21/10/2025

This is fake news๐Ÿ“ฐ

"Itoophiyaan boo'ichaan addunyaa irraa imimmaan 289ml boo'uun 1ffaa baate"oduun jettu kijiba.Viidiyoonis AI dhaan kan hojjatameedha.Akka addunyaattuu wal dorgommii"boo'ichaa"wanti jedhamu hin jiru๐Ÿ™๐Ÿ‘Œ

ใ‚šviralใ‚ทfypใ‚ทใ‚šviralใ‚ทalใ‚ท

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abu Waliyi Dheko posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share