Urgee Finfinnee

Urgee Finfinnee Abdi kutaattin hangaa lubbun jirtu

29/03/2025

Eid Mubarak bagaa geessan ዒድ ሙባረክ

28/03/2025
18/03/2025

jaalatti Maalii

rakkoo furmaata dhabdee
09/03/2025

rakkoo furmaata dhabdee

Rakkoon dhiyeessii fi raabsaa Beenzilaa guyyaa guyyaatti hammaachaa jiru kun yoomuma fala argataa?Mootummaan hanga yoomiitti rakkoo kana callisee ilaalaa?Daldaltoonnii fi abbootiin taayitaa dhimmi kun isaan ilaallatu tokko tokko waliigalanii boba'aan osoo buufata raabsaa boba'aa hin gahin karaatti gurguratanii garaacha isaanii ittiin iteeffatu;konkolaachistoonnii fi Abbootiin Baajaajii galii hojii baajaajii kana irraa argamuun maatii isaanii bulfataa jiranu waan nyaatanii bulanu illee dhabanii jireenya gadadoo jiraachuuf dirqamanii jiru.Mee ilaalaa hiriira suura armaan gadii.Hiriira hanga kana dheeratu hiriiranii gaafa bira geenyeerra jedhanii gammadanu illee beenzilli dhumeera jedhanii itti cufu warri buufata raabsaa boba'aa.Beenzilli highland 1(liitirri 2) yemmuu qarshii 830-1000tti gurguramu maal jedhama?Falli maali?

07/03/2025
07/03/2025
07/03/2025

Himatamtoonni Ustaaz Abbubakar ugguruun Konkolaataa irraa fudhachuuf yaalan hidhaa cimaa fi maallaqaan adabaman

Finfinnee, Guraandhala 28, 2017 (FMC) – Himatamtoota Ustaaz Abbubakar Huseen ugguruun Liibree Konkolaataa jijjiiruun irraa fudhachuuf yaalan hidhaa cimaa fi adabbiin maallaqaa itti murtaa’e.

Himatamtoonni kunneen aangoo seeraan ala fayyadamuun yakka malaammaltummaan himatamanii turan.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataa Dhaddachi yakka Dhimmoota Malaammaltummaa ramaddii 4ffaa oolmaa isaa guyyaa har’aan yaadatoota adabbii salphisan bitaa mirgaan dhiyaatan qorachuun hidhaa cimaa fi maallaqaan akka adabaman itti murteesseera.

Haaluma kanaan:-
Himatamaan 1ffaan guyyaa to’annoo jala oolee kaaseee hidhaa cimaa waggaa 4 fi Birrii kuma 3’n akka adabamu,

Himatamtoonni 2ffaa, 3ffaa , 4ffaa fi 5ffaan ammoo guyyaa to’annoo jala oolanii kaasanii tokkoon tokkoo isaanii hidhaa cimaa waggaa 3 fi baatii 3, akkasumas Birrii kuma 2’n akka adabaman itti murteesseera.

Maqdas Yeneehuuntu gabaase.

07/03/2025

buufataalee Al-Shabaab keessa argaman haleellaa qilleensaan rukutte

Humni qilleensaa Itoophiyaa Somaaliyaa naannoo Giddugaleessa Shaballeetti iddoowwan garee shororkeessaa Al-Shabaabiin to’ataman irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu isaa Ministirri Ittisa Somaaliyaa mirkaneessaniiru.

Ministirri Ittisa Somaaliyaa Abdulqaadir Mohaammad Nuur, haleellaan Itoophiyaa misaa’elaan deeggaramee Al-Shabaab irratti raawwatame kun Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa waliin qindoominaan akka raawwatame ibsaniiru.

“Somaaliyaa keessatti haleellaan qilleensaa kamiyyuu osoo mootummaa biyyattii hin beekin raawwatamuu hin danda’u” kan jedhan ministirichi, haata’u malee miidhaa haleellaan kun garee Al-Shabaab irratti geessise akka hin ibsine 'Garowe Online' gabaaseera.

Ministirichi tumsa nageenyaa Somaaliyaa fi Itoophiyaa guddachaa dhufuu ibsuun, waliigalteen duula waloo Al-Shabaab irratti taasifamuuf bu’uura ta’uu eeraniiru. Haleellaan kun Itoophiyaan waggoota dhiyoo asii naannichatti yeroo jalqabaaf haleellaa qilleensaa raawwatte ta’uu ibsameera.

Kunis dhiheenya kana Somaaliyaan humnoonni Itoophiyaa Ergama Tasgabbii Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti ( ) keessa akka makamaniif hayyama kennuu ishee hordofee raawwatame.

Haleellaan kun yeroo humnoonni Somaaliyaa loltoota biyya alaatiin deeggaraman naannolee Giddugaleessa Shaballee fi Hiiraan keessatti Al-Shabaab irratti duula cimaa geggeessaa jiranitti raawwatame.

Gama biraatiin ammoo Al-Shabaab haleellaa raawwachuu akka danda’u akeekkachiisuu ishee hordofee aanga’oonni Moqaadishoo Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Aden Addee keessatti meeshaa waraanaa fi konkolaattota waraanaa akka hin seenne dhorkuun tarkaanfiiwwan nageenyaa cimsaniiru.

Address

Laga Beraa
Addis Ababa
18

Telephone

+251912443603

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Urgee Finfinnee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Urgee Finfinnee:

Share