Michuuッ

Michuuッ Respect
(7)

Adama Smart city
01/11/2025

Adama Smart city

Fedhii Ofiin Ofirraa Dhangalaasuun (Seeggaan) Dubartootarraa Dubrummaa Balleessuu Danda'a!******************************...
29/10/2025

Fedhii Ofiin Ofirraa Dhangalaasuun (Seeggaan) Dubartootarraa Dubrummaa Balleessuu Danda'a!
********************************************
Fedhii ofiin ofirraa baasuun(mastrubation) amala dhiiraa qofa osoo hin taane, dubartoonnis rakkoo kanaaf saaxilamoodha. Irra jireessaan rakkoon kun kan qeerroo yoo ta'es worroonni gaa'ela keessa jiranis rakkoo kanaaf ni saaxilamu. Fedhii ofiin ofirraa dhangalaasun mataa isaatitti dhukkuba miti. Garuu sababa ka'umsa dhukkuboota qaamaa fi xin-sammuu hedduu ta'uu danda'a. Akkasumas araadaa hamaa keessaa bahuun ulfaatu namatti ta'uu danda'a.

Fayyaa Irratti Miidhaa Akkamii Fiduu Danda'a?

1. Afaaniifi qaamni namaa foolii badaa akka qabaatu taasisa.
2. Onneen namaa akka dhiphattu godhuun, hafuura nama kuta.
3. Gaafa bultitti seene fedhiin dafee akka irraa dhangala'u godha.
4. Ofitti amanamummaa nama dhabsiisa. Murtii tokko irratti ijjannoo qabaachuu nama dhoorga.
5. Hiri'ina dhiigaa waan fiduuf, qaama dadhabsiisa. Keessumattuu agartuu ykn ija dadhabsiisa.
7. Fedha nyaataa dhabsiisa.
8. Sammuu namaa waa qabachuu dhoorga, xiyyeeffannaa nama dhabsiisa, waa dagachuu namatti baayyisa.
9. Dallansuu, cinqii, hifannaa, of-jibbuu namatti baayyisa. Waan kana booda miirri of tuffachuu namatti dhagayama.
10. Hirriba namatti baayyisa, karoorafii gammachuu dhabuu namatti fida.
11. Obsa dhabuu, abdii kutuu, waan eegalan xumuruu dadhabuu namatti fida.
12. Qaamni namaa gar-malee akka huqqatu taasisa. Harkaa fi miilli akka nama hollatu taasisa.
13. Fincaan nama gubuu namatti fida. Afuuffeen fincaanii fincaan qabatee turuu dadhabuu fida.
14. Baay’ina Sanyiin Kormaa gad buusun dhala dhabuuf ykn Maseenummaf nama saaxila.

Dabalataan Dubartoota Irratti:

➯ Afaan gadaamessaa akka madaayuu godha.
➯ Qaamni saalaa dubartii hooqsisuu itti fida.
➯ Afuuffeen fincaanii michii/infekshiinii godhachuu fida.
➯ Dubrummaa balleessuu danda'a. Kunis yeeroo hedduu fayyadamuufi miira hamaa keessa seenanii fayyadamuu irraa darbee darbee kan mudatuudha.

26/10/2025

Murti Guto irra deebiin maal jedhe

26/10/2025

Dhiira bara kanaa irra kophummaan filannoo dha😋

Seenaan kee himameen dhumu
15/10/2025

Seenaan kee himameen dhumu

11/10/2025
04/10/2025

Waan hin taaneef waan nuti taane!!!

04/10/2025
 .................................................... ========================                          BARCELONA       ...
01/10/2025

....................................................

========================
BARCELONA
🆚
PSG

------------------------ -------------------------------
☑Roobii(Har'a) sa'aatii⌚️4:00 irratti

☑Dirree Kaampinuu irratti

✔️Tapha Chaampiyoonsi Liigii Torbee

✍️Tilmaama keessan barreessaa❗️

Miidhamaa jaalalaa ta'i..! 🤞Waan fedhees ta'u, Ati miidhamaa jaalalaa ta'i malee, jaalalaan nama hin miidhin. Nama ofii ...
30/09/2025

Miidhamaa jaalalaa ta'i..! 🤞

Waan fedhees ta'u, Ati miidhamaa jaalalaa ta'i malee, jaalalaan nama hin miidhin. Nama ofii jaalatte qofa osoo hin taane, kan si jaalatuus akka jiru beeki. Jaalala namni san siif qabu beektee hubannaan, yoo dandeesse nama san deebisii jaaladhu. Osuma jaalattuu waan ta'e sodaattee jaalachuu yoo hin dandeenye, haqa itti himiitii namni san akka hin miidhamne godhi.

Carraa namaan jaalatamuu argannaan miirri boonummaa fii oftuulummaa akka mataan sin baane dafii ofirraa fageessi. Nama dhugaan si jaalatee si filate, nama si filatee si jaalate tokkotti inuma hin boonin. Sababnis, wanti ati goote kamuu gituma saniin siif deebi'a. namni san addunyaarraa nama biraa kan jaalatu dhabee yookiin filannoo biraa dhabee osoo hin taane, si filateeti. Siitu namoota hunda keessaa filannoo nama sanii tahe. Si malee addunyaa tanarraa nama jaalatu hin dhabne. nama miliyoona birootu jira. Cubbuu jaalalaa irraa of eegi!

Addunyaa kanarraa dhangala'oon baay'ee qaalii ta'e imimmaani. Namni tokko yeroo imimmaan cobsu, bifa bishaanii qabaatee haa dhangala'u malee harka 100% keessaa harka 1% qofaatu bishaani. Harki 99% hafan ammoo feeling ykn miira namaatu qaama keessaa gara alaatti bifa bishaaniin dhangala'a. Bifa bishaanii qabaatee haa cobu malee imimmaan hundi bishaan miti. Yeroo tokko tokko imimmaan garuu jechootaa fi gochoota hundaa ol waa'ee miira keessoo namaa jiru ol baasee ibsuu danda'a. Yeroo arrabaafii hidhiin miira san ibsuuf humnaa fi dandeeytii dhaban, ijji imimmaan cobsitee ibsiti. Imimmaan namaa hedduu qaalii dha. Kanaafuu akka hin taanetti qisaasuun dilii (cubbuu)ta'a.

Nama tokko miidhuun duratti gatii miidhamuun nama san kafalchiisu ofii keetiifis yaaduu qabda. Itti yaaddee ilma namaa tokkollee hin miidhin. Sababa keetiif ilmi namaa imimmaan yoo cobse, Rabbiis mufachiisuu kee hin dagatin. Yeroon kun murteessituudha. Waanuma ati kaleessaa fi dheengadda namarratti hojjachaa turte deebitee namni biraa akka sirratti hojjatu gooti. Har'a nama miituus, boru siifiis hin oolamtu. Namuma akka keetiitu deebi'ee si miidha! Hundinuu kan harka ofii ni argata. Silaahuu fagoo hin deemnu, asuma dachii jalatti awwaalamna. Umrii dheertuus hin jiraannu, tarii daqiiqaa fi sa'aatiilee booda gara lubbu dhabeeyyiitti jijjiiramuu malla. Hanga lubbuun biyya lafaa kanarra jirrutti, nama boochisuu, miidhuu fi hamtuu itti yaadurraa of qusachuu qabna. Kanarratti Rabbiinis nuhaa gargaaru!

- Nama jaalattuuf jiraadhu. 🤍

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Michuuッ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share