Badhaadhinaa Itoophiyaaf

Badhaadhinaa Itoophiyaaf Badhaadha woliin fuuldurii keenyaa ifa!

13/07/2026
Bara hojii 2018 Albuudaa Gabaa Biyya Alaaf dhiyaate irraa doolarri mil.770 argameMootummaan naannoo Oromiyaa sirna bulch...
13/07/2026

Bara hojii 2018 Albuudaa Gabaa Biyya Alaaf dhiyaate irraa doolarri mil.770 argame

Mootummaan naannoo Oromiyaa sirna bulchiinsa albuudaa ammayyeessuun qooda Albuudni diinagdee naannichaa guddisuu keessatti qabu dabaluuf xiyyeeffannaa kennee hojjechaa jira.

Bara oomishaa 2018 kana keessa dhaabbilee oomisha albuudaa irratti bobba’an 27’f meeshaalee oomishaa ammayyaa dhiyeessuuf karoorfamee 33 dhiyeessuun danda’ameera. Dhiyeessii faayinaansii dhaabbilee 142f dhiyeessuuf karoorfamee dhaabbilee 73’f dhiyeessuun danda’ameera.

Hojii dhiyeessii albudaa milkeessuuf hojjetamaa tureen bara 2018 keessa hojjetamaa tureen Albuuda Sookoo kg 6,652, Albuuda miidhaginaa 10,522, Albuuda Sibilaa toonii 2,123fi Albuuda Industirii 35,881 gabaa alaaf dhiyeessuun danda’ameera. Albuudota gosa garaagaraa gabaaf dhiyaatan kanneen irraas sharafa alaa doolaar miliyoona 903 argachuuf karoorfamee doolarri miliyoona 770 argameera.

Albuudota ijaarsaa meetir Kiyuubii Miliyeena 37.6, Sibila Toonii 38,220 fi Albuuda Industirii Toonii Miliyeena 20.6 gabaa biyya keessaaf dhiyaaterraas galiin qarshii biliyoona 3.4 ol argachuuf karoorfamee qarshiin biliyoona 4.3 argameera.

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Badhaadhinaa Itoophiyaaf posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Badhaadhinaa Itoophiyaaf:

Shortcuts

Share