01/12/2024
Preezdaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon, pireezdaantiin Yugaandaa Yowerii Museeveenii waliin ta'uudhan waldhabdee Ityoophiyaa fi Somaaliyaa jaarsummaan xumuramuuf akka gidduu seenan himan.
Waldhabdee naannoo Gaanfa Afrikaa tasgabbii dhabsiisuu danda'a jedhamee sodaatamu kana biyyootni Afrikaa Bahaa akka Keeniyaafi Yugaandaan araarri akka bu'uuf ni hojjatu akka Ruutoon jedhan jechuun Rooyitars gabaasetti.
Finciltoota al-Qaayidaa waliin hidhata qaban loluuf loltoota kumaatamaan lakkaa’aman Somaaliyaa keessa kan qabdu Itiyoophiyaan, erga waliigaltee ulaa galaanaa biyya Somaaliyaa irra adda baatee birmadumma ishee labsatte Somaaliilaand waliin baati Amajjii 2024 keessa mallatteessitee as Somaaliyaa fi Itophiyaan waldhabdee keessa galaniiru.
Waldhabdeen sana hordofuun Masriin Somaaliyaa akka tumsitu ibsitee deggarsa Somaaliyaaf gochaa jirti.
Biyyi Itoophiyaa fi Masrii waliin hariiroo gaarii qabdu Turkiin waldhabdee Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu ture furuuf yaalii taasiftus, hanga yoona rakkoo kana furuun hin danda'amne.
Wiliyaam Ruutoon walgahii hoggantoota biyyoota naanniwaa irratti akka himanitti "Nageenyi Somaaliyaa tasgabbbii naannawa gaanfa Afrikaa, misoomaa fi daldaltootaaf haala mijeessuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf," nageenya kana dhugoomsuuf kan hojjatan.
Waajjirri Pirezidaantii Somaaliyaa ibsa baaseen, Hasan Sheek Mohaammad walgahii kana madditti Pireezdaantota Keeniyaa fi Yugaandaa Ruutoo fi Museeveenii waliin mari'achuu eerullee, dhimma dubbii Itoophiyaa waliin qaban irratti jaarsummaan qabamuu garuu hin ibsinee ture.
Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahmed Moallim Fiqii Rooyitarsiitti akka himanitti, yaaliin jaarsummaa hoggantoota biyyota naanichaan taasifame sababa Itoophiyaan Ijjannoo ishee jijjiruu hin barbaanneen hin milkaa'in hafuu fi tarii jaarsummaan gama Turkiin taasifamu bu’aa akka argamsiisu danda'u amantaa qabaachu himan
Rooyiters dhimmicha irratti yaada akka kennan dubbi himaan mootummaa fi Ministira dhimma alaa Itiyoophiyaa gaafatullee ammatti deebii hin kennine.
Somaalilaandiin bara 1991 irraa eegaltee walabummaa ishee labsachuun ofiin of bulchaa turte. Garuu akka biyya walabaa tokkotti beekamtii idil-addunyaa hin argannee.
Walii galteen ulaa galaanaa kun beekamtii Itoophiyaarraa akka isheen argattu taasisa. Mootummaan Somaaliyaa Moqaadishoo jiru garuu, waliigaltichii tokkummaa fi birmadummaa biyyashee kan hubu ta'uu ibsuun fudhatama dhabsiisuun ishee kan yaadatamuudha.
Sana hordofees Somaaliyaan Waraanni Itoophiyaa Alshabaab loluus Somaaliyaa keessa jiru akka biyyashee keessa bahu gaafattee. Bakka sanaammoo loltootni Masrii bu'uun ergama deeggarsa fi tasgabbii Gamtaa Afrikaa haaraa jalatti akka hammataman taasifte.
Itophiyaan gama isheen Ergama haaraa kana jalatti hammatamuu baattus sodaa nageenyaa waan qabduuf loltootashee tursiiftee hidhattoota al-Shabaab dadhabsiisuu akka ittin fuftu ibsuun ni yaadatama.
Biyyootni ollaa Itoophiyaa Somaaliyaa, Ertiraa fi Masriin, Itoophiyaarratti wal tumsuuf waliigaluu isaanis BBC gabaasee ture.