16/10/2024
JIREENYA
Jireenyi mana barumsaa cimaa addunyaa kana irraa dorgomaa hin qabneedha.Mana barumsaa namni hundi keessa darbuudha.
Gaafa dhalattu mana barumsa jireenyaa tokko jettee eegalta. Gaafa duutu yoo qormaata jireenya mo'atte ni eebbifamta jechuudha.Eebbi kee immoo jireenya bara baraati.
Kutaa meeqa akka geesse hin beektu.Callistee waan jireenyi si barsiisu baratta.
Qormaata fuula duratti si mudatu hin beektu.Jireenyi barumsa si barsiisa, nama biraa immoo akkaataa biraan waan barsiisuuf, mana barumsaa jireenyaa keessatti qormaata wal irraa hatuun hin danda'amu. Sababiin isaa namni qormaata walfakkaataa qoramu tokkoyyuu hin jiru.
Kanaaf jireenya keessatti namatu naaf jiraata kan jedhamu hin jiru.Abbaatu jiraattata.Abbaatu qormaata isaa qoramata. Kanaaf cimuu nama barbaachisa.Qormaata namatti dhufuuf jedhu waan hin beekneef cimaa ta'i!
Seyfadin
Seya Tokkicho