Seya Tokkicho

Seya Tokkicho Injifachuu fi injifatamuu jidduu garaagarummaan jiru abdii kutachuu fi abdii kutachuu dhiisuudha. Jireenya kee keessatti gonkumaa abdii hin kutatin!

Waan barbaaddu ifaan ifatti beeki!

16/10/2024

JIREENYA

Jireenyi mana barumsaa cimaa addunyaa kana irraa dorgomaa hin qabneedha.Mana barumsaa namni hundi keessa darbuudha.

Gaafa dhalattu mana barumsa jireenyaa tokko jettee eegalta. Gaafa duutu yoo qormaata jireenya mo'atte ni eebbifamta jechuudha.Eebbi kee immoo jireenya bara baraati.

Kutaa meeqa akka geesse hin beektu.Callistee waan jireenyi si barsiisu baratta.

Qormaata fuula duratti si mudatu hin beektu.Jireenyi barumsa si barsiisa, nama biraa immoo akkaataa biraan waan barsiisuuf, mana barumsaa jireenyaa keessatti qormaata wal irraa hatuun hin danda'amu. Sababiin isaa namni qormaata walfakkaataa qoramu tokkoyyuu hin jiru.

Kanaaf jireenya keessatti namatu naaf jiraata kan jedhamu hin jiru.Abbaatu jiraattata.Abbaatu qormaata isaa qoramata. Kanaaf cimuu nama barbaachisa.Qormaata namatti dhufuuf jedhu waan hin beekneef cimaa ta'i!

Seyfadin
Seya Tokkicho

16/10/2024

Jalqaba ofiif kenni yeroon jedhu ofittoo ta'i jechuu koo akka hin taane na hubatta jedheen yaada. Namoonni kan si jaalatanii fi si kabajan yeroo ati bakka ofiif kennituu fi cimtuudha. Ofgataa Rabbiyyuu ni gata jedhama mitiiree! Kanaaf of hin gatiin of kunuunsi of dinqisiifadhu.

Nama du'e wajjin nama awwaalame beektaa? Nama gammachiisuu yaaluu dhaabi dura ofii gammadi. Muka lafa jiru eenyuyyuu garagalee hin ilaalu gaafa guddate garuu namni hunduu gaaddisaaf barbaada. Atis akkasumadha gaafa kufte Firri keeyyuu eessa akka ati jirtu quba hin qabu.

Namoonni nama dadhabaa fi hiyyeessa hin barbaadan waan ta'eef nama cimaa ta'uu yaali. Lakki jechuu shaakali waan namni sitti fe'u hunda hin baatin. Abjuu kee irratti xiyyeeffadhu; isaafis jiraadhu.

Namootaan dorgomuu dhaabi ati ofuma taatee akka jiraattuuf uumamte malee nama biraa akka taatuuf miti. Dureessi addunyaa kanaa Biilgeet akkas jedha "Oftuffachuu kan ati jalqabde gaafa namootaan dorgomuu jalqabdeedha" jedhe.

Seyfadin
Seya Tokkicho

16/10/2024

Mo’achuuf dirqama hin qabdu. Guyyaa guyyaan waan dandeessu hunda hojjechuuf carraaqqii gochuu itti fufuuf dirqama qabda

16/10/2024

Namoonni tokko tokko akkamitti dubartiin Jalloodha! Jetta jechuun na komatu.
Dhugaa qabu.Mirgaas qabu. Waa'ee jallina jaraa itti deebina.
Yoo lubbuun jiraanne nama hubatuuf,Jallinni dubartii ilma dhiiraatif faayidaa guddaa qaba.

Miidhama guddaas qaba.Waan lama(2) qofa.
Milkaa'uu yookaan Maraachuu.Garaagarummaa kana kan fidu ciminaa fi dadhabina dhiiraati.Yoo jallina ishee dandamachuu dandeesse dhiira jabaa taatee baata.
Garuu Carraa xiqqoo qabda. Rabbini jabina siif haa laatu.

Akkasuma yoo jallina ishee dadhabde,Sammuun kee nyaadhameeti,maraatuu nuuf taata.Yoo jabaattee jalaa baate, jallinni Dubartii akka aduutti guddisee si muldhisa. Harka yoo kennite immoo kophaa haasawaa of argita.Kanaafuu bro kiyaa jabaadhu.Afaan ishees baradhu. Adabas godhadhu.Ishee waliinis morkii hin galin.

Jallina ishees amaniitii waliin jiraadhu.Sossobaa horadhuun. Dubartiin ati jalloo miti jettee quba natti qabdu,kan ishee uumeetu "Lafee jalloo" irraa uumamuu ishee siif hime.
Anarraa bu'i.Dhugaa qeebali.Dubartiin akka Lafee jajalloo cinaachaati. Amma yaa'ii dhiisi.Naaf qajeelchi jettee hin kadhatin. Waan hin qajeelle hin gaafatin. Ati qajeeliif. Anas qajeelchiif jedhii kadhadhu.🏃🙆

Seya Tokkicho

16/10/2024

Guyyaatti umuriin namaa ni hir'ata garuu namni umuriin isaa hir'achuun kun isa hin yaachisu hin yaadatus. Qabeenyi isaa yoo hir'ate ni rifata. Qabeenyi ni argama kan deebi'ee hin argamne umurii ture mee Sirriitti Dubbisi! Yoo TikTok ilaaluu ta'e sa'aatii 2 ykn 3 rakkoo hin qabu.
Yoo fiilmii ilaaluu ta'e sa'aatii 2 rakkoo hin qabu. Yoo Facebook goroggoruu
ta'es sa'aatii 24 rakkoo hin qabu.
👋 ta'e youtube video bu'aa hin qabne 100 ol ilaaluu danda'a.

➊. Kaleessa jiraannee dabarree jirra hin deebi'u.
➋. Har'i ni darba; garuu seenaadhaaf ta'a.
➌. Boru itti gahuu keenya hin beeknu.

Anis, atis, isaanis karaa jirra deemutti jirra. Daandii irra adeemnu ammuma irraa jalqabnee bareechinee haa hubannu.

Seya Tokkicho

16/10/2024

Nama kan namaa goodhe፤ hojii miti harreenis ni hojata
Nama kan namaa goodhe፤ yaadu miti
Dolfiiniis ni yaada
Nama kan namaa goodhe፤ qaama'u miti
Re'eenis ni qaamatii
Nama kan namaa goodhe፤ boo'u miti
Arbiinis ni booya
Nama kan namaa goodhe፤ maratuma miti
Sareenis ni maratii
Nama kan namaa goodhe፤ dubbisuu dha.!!
Dandeeti dubbisuu danda'u qabatani warrii akkanan lafara deemtan dandeeti kana yoo itti hin fayyadamne malii duuba bu'aan keessan.

16/10/2024

Waadaa Ofiif Gali

Akka wanti tokkollee tasgabbii sammuu kee booressuu hin dandeenyetti cimaa ta'uudhaaf,
Nama wal argitu hundatti fayyaa, gammachuu fi badhaadhaa ta'uu kee itti haasa'uuf,
Hiriyoota kee hundatti akka wanti addaa tokko isaan keessa jiru akka itti dhagaʼamu gochuuf,
Waan hundumaa ifaa fi +vely ilaaluu fi abdii qabdu dhugoomsuudhaaf,
Waan gaarii qofa yaaduu, waan gaarii qofaaf hojjechuu fi waan gaarii qofa eeguudhaaf,
Akkuma milkaa'ina keef yaaddu, namoota birootiif quuqama qabaachuuf Waadaa Ofiif Gali!

Seyfadin
Seya Tokkicho
Mirgaa fi bilisummaa

25/08/2024

=>Eeyyee jijjiirameera.
Garmalee jaalala, gaarummaa, xiyyeeffannaa fi dhiifama namootaaf kennuu dhiiseen jira
Humna isaaniif malu deebisee nan kennaaf.
=>Dursi koo ana.
Ofittummaa fakkaachuu danda'a, garuu waanan isaaniif godhe booda wanti ani argadhe mufannaa isaanii qofa.

1. Kaleessa2. Har'a3. BoriNamoonni baay'een kaleessa miidhamaniiru ta'uu danda'a.Har'a irra dhaabatanii waa'ee kaleessaa...
25/08/2024

1. Kaleessa
2. Har'a
3. Bori

Namoonni baay'een kaleessa miidhamaniiru ta'uu danda'a.
Har'a irra dhaabatanii waa'ee kaleessaaf dhiphachuun, abdii fuulduratti adeemuuf namni qabu gadi buusa.

=>Har'i kaleessa irra ni caala.

=>Har'i boruuf murteessaa dha.

=>Kaleessi gaariis ta'u gadhees darbeera.

har'aa milkaa'ina boriitiif si qopheessa.

Boriif jennee obsina.

baay'een kan dhiphataniif, kan jeeqamanii fi of ajjeesaniif haalli jireenyaa ta'uufii didee miti. Waan barbaadan dhabaniifis miti.

Guyyaa borii maaltu akka jiru,
maaltu akka ta'u jalaa dhokate.
Guyyaan "bori" jedhamu itti argamuu dhabuu irraan kan ka'ee dha.

=> Nama guddaa ta'uu ni barbaaddaaree?

Har'a Karoora kee barreessi!

Har'a irratti hojjedhu!

Guddinaa fi Milkaa'ina ati itti of hin eegne irra geessa

Seyfadin Aliyi Tokkicho
Seya Tokkicho
Seyfadin
Mirgaa fi bilisummaa

Address

Addis Ababa
1000

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00

Telephone

+251947569094

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Seya Tokkicho posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Seya Tokkicho:

Share