EOTC Afaan Oromoo

EOTC Afaan Oromoo Namni kamuu sababa Afaanin Mana Kiristaanaatii ba'uu hin qabu.

Eebbifamoo Abuna Saawiroos Manneen Barnootaa biyya lallabaa Magaalaa Shaggaritti ijaaramaniif meeshalee barnootaa qarshi...
15/09/2026

Eebbifamoo Abuna Saawiroos Manneen Barnootaa biyya lallabaa Magaalaa Shaggaritti ijaaramaniif meeshalee barnootaa qarshii 300,000 olitti tilmaamamu deeggarsa taasisan.

Rippoortara Kennaa Darajjee
__
EOTC Afaan Oromoo TV Fulbaana 05, 2019 B.A
**†*

Eebbifamoo Abuna Saawiroos hojii gaggeessaa olaanoo Mana Lubummaa Waliigalaa teessoo Paatriyaarikii angafa Phaaphaasii Biyyootan Lallaba Shawaa kibba Lixaa fi Magaalaa Shaggar Eegaa olaanoo kawaala Dawoo Hirkattoota Fayyisaa Addunyaa Biyya lallaba Magaalaa Shaggar kutaa Mana Lubummaa Magaalaa Buraayyuu Gafarsaa Gujee fi Malkaa Noonnoo jalatti Manneen Barnootaa ijaaramaniif deggarsa meeshalee barnootaa qarshii 300,000 olitii tilmaamamu taasisaniiru.

Eebbifamuumaan isaanii deeggarsa kana kan taasisan Eeyyamaa isaaniin gumaacha baankiin Abbaay isaaniif taasiseen yoo ta'u, Baankiin Abbaay waggoota dheeraaf Mana kiristaanaa waliin ta'uun hojiilee hedduu hojjechaa jirachuun isaa ni yadaatama.

Guyyaa har'aas Baankiin Abbaay Mana Lubummaa Waligalaa Teessoo Paatriyaarikii wajjiraa Eebbifamoo hojii gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaatti argamuun meeshalee barnootaa Qarshii 300,000 olitti tilmaamamu deeggarsa taasisaani jiru.

Obbo Assaffaa Taffarraa Itti Aanaa Pirezidaantii Bankii Abbay deeggarsi har'a taasifame eeyyamaa Eebbifaamummaa isaaniin barattoota maatii harka qalleeyyii meeshalee barnootaa bitachuu hin dandeenyeef akka ta'e ibsuun gara fuulduraattis hojiilee tolaa ooltummaa akkasiin Mana kiristaanaa cinaa akka dhaabbatan ibsaniiru.

Eebbifamuumaan isaaniis deeggarsa taasifameef guddaa galatteeffachuun yeroo hundaa baankiin Abbaay Mana kiristaanaa cinaa jirachuu ibsuun guyyaa har'aas dhaloota kan qaruu meeshalee barnootaa daa'imman harka qalleeyyii ooluu gumaacha taasisuu isaaniif galatteeffataniiru.

Obbo Assagid Shimallis hoogganaa Marketing Baankii Abbaay yaada nuuf qoodaniin Baankiin Abbaay Mana kiristaanaa waliin gama hojiilee misoomaa hawaasa irratti xiyyeeffatanii hojiilee gurguddoo hojjechaa jiraachuu kaasuun gara fuulduraattis hojiilee kanneen cimsaanii kan itti fufaan ta'uu ibsaniiru.

Obbo Abbajjee Tesfaa hojii gaggeessaa Baankii Abbaay damee kiiloo 4 yaadaa nuuf qoodaaniin Baankiin Abbaay waggoota dheeraaf Mana kiristaanaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsuun gara fuulduraattis qajeelfama abbootii fudhachuun hojiilee gurguddoo Mana kiristaanaafi hawaasa fayyadan akka waliin hojjettan ibsaniiru.

Hundeeffama waggaa 100ffaa Mana Lubummaa Waliigalaa fi waggaa 75ffaa Qulqulluu Sinoodosii  ilaalchisee maree baldhaan ga...
15/09/2026

Hundeeffama waggaa 100ffaa Mana Lubummaa Waliigalaa fi waggaa 75ffaa Qulqulluu Sinoodosii ilaalchisee maree baldhaan gaggeeffame.

Rippoortara Kennaa Darajjee
___
EOTC Afaan Oromoo TV Fulbaana 05, 2019 B.A
**

Hundeeffama waggaa 100ffaa Mana Lubummaa Waliigalaa fi waggaa 75ffaa Qulqulluu Sinoodosii ilaalchisee mana lubummaa waliigalaa teessoo Paatriyaarikii Bakka Eebbifamoo hojii gaggeessaa Olaanoo Mana Lubummaa Waligalaa Eebbifamoo Abune Saawiroos, Barreessaa olaanoo Qulqulluu Siinoodoosii Eebbifamoo Abune Diyoosqoros, Eebbifamoo Abune Maariqoos Angafa phaaphaasii Qajeelcha lallaba wangeelaa fi ergama duuka bu'ummaa, Mu'aaze Xibebaat Daani'eel Kibrat gorsaa dhimma hawaasummaa muummee Ministeeraa akkasumas koreewwan yaa'ichaa fi qaamni dhimmi ilaallatu irratti argamuun mareen baldhaa gaggeeffameera.

Maree kana irrattis yaadooleen garaagaraa koreewwan yaa'ichaa irraa ka'uun mariin baldhaa irratti gaggeeffamuun yaadooleen furmaataa garaagaraa ka'aamaniiru.

Marii taasifameenis hundeeffamni Mana Lubummaa Waliigalaa fi Qulqulluu Sinoodosii kun akka bulchiinsaatti akkasumaas guutummaa manneen kiristaanaatti haala ho'aan kabajamuu akka qabu irratti waliigalameera.

Eebbifamummaa fi Qulqullummaa isaanii Abuna Maatiyaas Paatriyaarikiin Itiyoophiyaatti Itti Aanaa Ambaasaddara Jarman kan...
15/09/2026

Eebbifamummaa fi Qulqullummaa isaanii Abuna Maatiyaas Paatriyaarikiin Itiyoophiyaatti Itti Aanaa Ambaasaddara Jarman kan ta'an Fardiinaandi Fon Vaheen Wajjira isaanitti simatanii haasofsiisan.
Itti aanaan Ambaasaddaras Hawwii Gaarii bara haaraa waliin walqabate ibsaniifis jiru.

Beeksisa Qacarrii HojiiTelevizhiinni Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Afaan Oromoo gita hojii kanaa ga...
15/09/2026

Beeksisa Qacarrii Hojii

Televizhiinni Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Afaan Oromoo gita hojii kanaa gadiitti tarreeffaman irratti hojjattoota dorgomsiisee qacaruu ni barbaada.

Waggoota 53 kan lakkoofsise Manni baruumsa Akkaadaamii Kawaala Dawoo Hirkattootaa Fayisaa Addunyaa Sirna barnoota bara 2...
15/09/2026

Waggoota 53 kan lakkoofsise Manni baruumsa Akkaadaamii Kawaala Dawoo Hirkattootaa Fayisaa Addunyaa Sirna barnoota bara 2019 B.A eegalchiisuuf Sagantaa Abbootiin eebbifamtoonni irratti hirmaatan gaggeessaa jira.

Kawaala Ba'aataa LaMaariyaamtti Dhagaan bu'uuraa Ijaarsa Projektii Qarshii Biliyoona 2.5 Eebbifamoo hoji gaggeessaafi ee...
14/09/2026

Kawaala Ba'aataa LaMaariyaamtti Dhagaan bu'uuraa Ijaarsa Projektii Qarshii Biliyoona 2.5 Eebbifamoo hoji gaggeessaafi eebbifamoo barreessaa Qulqulluu Sinodoosiin kaa'ame.
© Miidiyaa Biyya Lallaba Finfinnee

12/09/2026

Namni kamuu Sababa afaanitiin dhiisee ba'uu hin ...

Sagantaan baga ayyaana Bara haaraa geessannii Eebbifamoo fi Qulqullaa'oo Abune Maatiyaas Paatriyaarikiif qophaa'uun wajj...
12/09/2026

Sagantaan baga ayyaana Bara haaraa geessannii Eebbifamoo fi Qulqullaa'oo Abune Maatiyaas Paatriyaarikiif qophaa'uun wajjira teessoo Paatriyaarikiitti gaggeeffame.

Rippoortara Kennaa Darajjee
‎___
EOTC Afaan Oromoo TV Fulbaana 02, 2019 B.A
**********
‎
‎Sagantaan baga ayyaanaa baraa har'aa 2019 gessanni Eebbifamoo fi qulqullaa'oo Abune maatiyaas paatriyaarikii duree phaaphaasotaa itiyoophiyaa angafa phaaphaasii aksum teessoo abbaa teklehaaymanootiif manneen kiristaana fi kawaalotaa biyyaa lallabaa finfineen qophaahuun Waajjira tessoo Paatriyaarikiitti Fulbaana 2/2018 B.A gaggeefamee jira.
‎
‎
‎Sagantaa kana irrattis Eebbifaamoo Abune saawiros hojii gaggessaa olaana mana lubumaa waliigala angafa phaaphaasii biyyotan lallabaa kibba lixaa Shawaafi magaala shagar, Eebbifamoo Abune Diyoosqoroos barressaa olaano Qulqulluu sinoodosii Angafa phaaphaaii biyya lallaaba Rayyaa, Eebifaamtoonii abbootii phaaphasootaa, itti Aanaa hojii gaggessaa olaana damee afuraa mana lubummaa waliigalaa Nubraid Eliyaas Abrahaa,itti aanaa hojii gaggeessaa damee dinagdee mana lubumaa waliigaala G/proofeesaraa Girmaa Baatuu, hojii gaggaessaa olaanaa biyyaa lallaaba finfine melake birihan solomon Bekele , hojii gaggesitoonii fi hojjetoonii mana lubumaa waliigalaa tessoo patiriyaarikii fi biyyaa lallabaa finfinee,Megaabe Haddiis Lammaa Bayyanaa Hojii Gaggeessaa Dhaabbata Tamsaasa Miidiyaa EOTC Afaan Oromoo,hoggantoonii manneen kiristaana fi kawaalotaa irratti argamaniruu.
‎
‎Sagantaa kanas Eebbifaamoo fi qulqullaa'oo Abune maatiyaas paatriyaarikiin kadhaanan banuun, Hayyootaa mana kiristaana Taika Nigist Ba'ataa Lemariyaam fi baratootaa dilbataan yeedaaloon yareed fi cigoon dhiyatera.

Dabalataanis Hawasaa Gamootiin faruun afaan Gamootiin dhiyatera
‎
Itti Ansuuniis ergaan baga gessaanii hogantootaa manneen kiristaana fi kawaalootaa biyyaa lallabaa Finfinnee fi dhabaata gara gara irraa Qulqullumaa isaaniif dhiyatera.

Dabalataanis kennaan Qajeelcha lallaba wangeelaa fi ergama duuka bu'ummaa irraa Eebbifamoo fi Qulqulla'oo Abuna Maatiyaas Paatriyaarikiif,Eebbifamoo Abune saawiroosif,Eebbifamoo Abune Diyoosqooroosiif akkasumas Angafa Phaaphaasii Qajeelchichaa Eebbifamoo Abune marqoosiif kennamera.
‎
‎Sagantaa kana irrattis Ergaan baga gessanii ebbifamoo abune sawiroos hojii gaggessa olanaa mana lubumaa waliigalaatiin ebbifaamoo fi Qulqullaa'oo abune Maatiiyas patiriyaarkiif dhiyatera.

Ergaa dabarsaaniinis Bara 2018 kessaa hojiileen mana kiristaanaa madaalaan hedduun kadhannaa fi Qajeelfama Qulqullumaa isaaniin hojjettamuu kasuun Bara 2019 kanatiis hojiileen hedduun mana kiristaanaa gara fulduraatii cesisaan hedduun karoorfamuu kasuun milkaa'ina kanafiis tokko ta'un barbachisaadha jechuun ergaa dabarsaniru.

Itti dabaluuniis Walitti bu'iinsii bakkeewwan gara garaati mulaataan Arjummaan waqayyoo akka nurra fagaatuu kan tasisanidha kanafuu Qejumsaa, walitti bu'iinsaa fi jibbinsaa dhisne tokkumaa fi jaalalaan akka waliin jiraanuu jechuun ergaa baga Gessanii Qulqullumaa isaaniif dabarsaniru.

Itti Ansuuniis Eebbifamoo fi Qulqulla'oo Abuna Maatiyaas Qamoolee sagantaa kana isaaniif qopheessan hundaa Galatteffachuun bari haraa 2019 bara jaalalaa tokkumaa fi Nageenyaa ummataa hundaaf akka ta'u hawwii qaban ibsaniru.
‎
‎Xumuraa irrattis sagantichii kadhannaa fi Eebbaa Abbumaa Eebbifamoo fi Qulqullaa'oo Abune maatiyaas paatriyaarikiin golabamera.
‎

12/09/2026
"Bara haaraa keessatti rakkoolee bulchiinsaa qaamni biraa dhufee akka nuu furu eaguu irra, waliin ta'uun itti gaafatamum...
11/09/2026

"Bara haaraa keessatti rakkoolee bulchiinsaa qaamni biraa dhufee akka nuu furu eaguu irra, waliin ta'uun itti gaafatamummaan furmaata fiduun filannoo caaluudha."
(Eebbifamoo Abbaa Saawiroos: Hojii Gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa, Angafa Phaaphaasii Biyyoota Lallabaa Kibba Lixa Shawaa fi Magaalaa Shaggar, Eegaa Ol'aanaa Kawala Da’oo Hirkatootaa Fayyisaa Addunyaa Finfinnee, Walitti Qabaa Gumii Dhaabbilee Amantaalee Oromiyaa)
____
EOTC Afaan Oromoo TV Fulbaana 1, 2019B.A
**********

Hoogganaan Hojii fi Hoogganoonni Kutaalee Ol'aanoo Mana Lallabaa Finfinnee Kabaja Bara Haaraatiif Eebba Abbootii Irraa Fudhatan
Jiilli Hoogganaa Hojii Mana Lallabaa Finfinnee Mallaaka Birhaan Saloomoon Baqqaalaatiin dursamu, aanga'oota kutaalee mana lallabichaa fi hojjettoota waliin ta'uun, "Bara Maarqos irraa gara Bara Luqaas 2019itti nagaa fi fayyaan nu ceesise" jechuun gammachuu bara haaraa dhiyeessaniiru.
Saggantaa kana irratti Hoogganaa Hojii dabalatee hoogganoonni afran: Mallaaka Mihrat Zakarias Haddiis, Mallaaka Gannat Lisaana Warq Tasfaa fi Mallaaka Tsehayaa Abbaa Hayila Malakoot Yihyis yaa'icha bakka bu'uun ergaa hawwii gaarii Eebbifamoo kanaaf dhiyeessaniiru.
Ergaa isaaniitiinis: "Eebbifamoon Malaaka Birhaan Saloomoon Baqqaalaa Hogganaa Hojii Gaggeessaa Biyya Lallabaa Finfinnee gochuun waan muudaniif baay'ee galateeffanna; gara fuulduraatti bu'aan hojii akkuma jirutti ta'ee, erga muudamaniinii kaasee hojii gaarii fi kutannoo agarsiisaniin baay'ee boonnee jirra" jedhaniiru.
Bara Maarqos irraa gara bara Luqaasitti nagaa fi fayyaan baga geessan jechuun gammachuu isaanii Eebbifamoo Hoogganaa Hojii Gaggeessaa Waliigalaatiif kan ibsan hoogganoonni mana lallabichaa, bara obbonbolleessaa fi qorumsawwan garagaraatiin guutame kana keessatti Manni Kiristanaa sirna ishee eegsisaa caalaatti ceesisaa waan jiraniif galata dhiyeessaniiru.
Keessattuu kanaan dura harka Mana Kiristanaa jala ba'anii qaamolee garagaraatiin qabamanii kan turan qabeenyaa fi iddoowwan Mana Kiristanaa karaa nagayaatiin gara qabeenya Mana Kiristanaatti akka deebi'an gochuun isaanii injifannoo guddaa ta'uu ibsaniiru.
Waggaa tokko keessatti jijjiirama agarsiisan dinqisiifachuun, barri Luqaas nagaa fi fayyaan akka isaan eegu, akkasumas hojii boonsaa fi kabaja Mana Kiristanaa keenyaa ta'e akka itti agarsiisan hawwii isaanii gadi fageenyaa ibsaniiru.
Hoogganaan Hojii Gaggeessaa Biyya Lallabaa Finfinnee Malaaka Birhaan Saloomoon Baqqaalaa gamasaaniitiin, Eebbifamoodhaaf "Bara Maarqos irraa gara bara Luqaasitti nagaa fi fayyaan baga geessan" jechuun hawwii gaarii isaanii ibsaniiru.
Malaaka Birhaan Saloomoon Baqqaalaa ergaa isaaniitiin, bara Maarqos keessatti Eebbifamoo Abuna Saawiroos kadhannaa fi hoogganummaa isaaniitiin Mana Kiristaana Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa keessatti jijjiirama kan agarsiisan fi Manni Kiristanaa ol'aantummaa ishee akka agarsiistu sadarkaa ol'aanaa irra akka geessisan tattaaffiin isaan taasisan dinqisiifamaa ta'uu ibsaniiru.
Bara Luqaas keessatis jijjiiramni kun caalaatti fakkeenyumma fi kallattii kan kennu akka ta'u abdii akka qaban eeraniiru. Mana Lallabaa Finfinnee keessatis rakkoolee mul'atan dhiyeenyaan hordofuun, hoogganummaa fi qajeelfama kennuun jijjiirama fiduuf halkanii fi guyyaa hojii hojjetamaa jiruuf galata gadi fageenyaa dhiyeessaniiru.
Biyya Lallabaa Finfinnees qajeelfama fi kallattii Eebbifamummaa Hoogganaa Hojii Gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa kana irratti hunda'uun hojiilee misoomaa irratti hojjechuun, lallaba wangeelaa babal'isuun fi hayyoota mirga isaanii dhaban cinaa dhaabbachuun hojjechuuf qophaa'aa akka ta'e ibsaniiru.
Hoogganaan Hojii Gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa Eebbifamoo Abuna Saawiroos gamasaaniitiin, yeroo jalqabaatiif hogganoonni Biyya Lallabaa Finfinnee ergaa hawwii gaarii bara haaraa waan isaniif dhiyeessaniif galateeffachuun, bara haaraa keessatti itti gaafatamummaa Waaqayyo nuu kennee kaniin sirnaan, seeraan akkasumas kutannoo waliiniin Mana Kiristanaaf tokkummaan hojjechuu, bulchuu, eeguu fi eegsisuu akka qabnu dhaamaniiru.
Mana Kiristanaa yeroo bulchinu maalaaltummaa fi qoomummaa irraa bilisa ta'uun, amanamummaan, haqaan fi itti gaafatamummaa dursuu yoo dandeenye hojii bu'a qabeessa hojjechuu akka dandeenyu eeraniiru. Akkasumas qorumsawwan yeroo yerootti mudatan dammaqinaan hordofuu fi rakkoolee ka'an waliin furuun akka qabnuu fi rakkoolee Mana Kiristanaa qaamni biraa dhufee akka furu eaguu irra bilisa ta'anii waliin ta'uun itti gaafatamummaan furmaata fiduu akka qabnu dhaamaniiru.
Itti dabaluudhaanis hojimaata yeroo yerootti gamaggamuun ilaaluu, dogoggora sirreessuu fi hoogganoota haaraa dhufan gorsa fi tumsaan gargaaruun hojii Mana Kiristanaa bu'aa gaariitti ceesisuun akka danda'amu ibsaniiru.
Dhuma irrattis barri haaraan Waaqayyo Uumaan keenya biyya keenya, Mana Kiristanaa keenya akkasumas ummata keenya akka nuu eegu, barichas bara nagaa, jaalala, hojii, milkaa'ina, eebba fi fayyaa akka nuu godhu jechuun hawwii gaarii abbummaa isaanii dabarsaniiru.
Maddi Odeeffannoo keenyaa
Miidiyaa Biyya Lallaba
Finfinnee

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when EOTC Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category