23/02/2025
Waliigaltee Marii Kora Waliinii
Jilli jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) rakkoolee siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa keessa jiruu fi jiruuf-jireenya ummataa irratti danqaa ta’e irratti yaada furmaataa barbaaduuf Gurraandhala 19, 2025 kaasee hanga Gurraandhala 22, 2025tti guyyoota afuriif marii bal’aa Hoteela Ililliitti taasifneerra. Marii taasifame kana keessatti haalli amma Oromiyaa keessa jiruu fi ummatni Oromoo itti jiru haala lubbuun namaa guyya guyyaan itti badaa jiru, haala namni hojjatee jiraatuu itti dadhabe, haala ummatni wabii jireenyaa itti dhabee waan godhu wallaale keessa jiraachuu isaa gadi fageenyaan hubachuu dandeenyeerra. Ummata Oromoo rakkoolee fi danqaa hamaa kana keessaa baasanii nagaa waaraan akka bu’uu danda’uuf akka armaan gadiitti irratti waliif galleerra.
1. Nagaa buusuu fi nagaa tiksuu ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne ummatni Oromoo haqaa fi bilisummaa isaa dhabee erga Sirna Naafxanyaa jalatti kufee kaasee hanga har’aatti qe’een isaa akka nagaa dhabee fi jeequmsa keessa akka jiru hubannee; nagaa waaraa jiruu fi jireenya ummataatiif barbaachisu buusuuf bilisummaa fi haqi ummata Oromoo sarbame guutummaatti deebii argachuu akka qabu amannee; waraanni Oromiyaa keessaa dhaabatee nagaan akka bu’uu fi nageenyi ummataas haala amansiisaa ta’een akka tikfamuu qabu waliigaluun dhimma kana ABO fi KFOn dirqama ofitti fudhatanii wantoota humni isaanii danda’e hunda akka raawwatan amaanaa itti kennanneerra.
b. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne rakkoo siyaasaa fi bulchiinsaa Oromiyaa keessa jiraniif furmaata maayii kennuun barbaachisaa akka ta’e hubannee ABO fi KFOn, ummatni Oromoo mootummaa isaa haala dimokratawaa fi bilisa ta’een hanga filatutti akkasumas tajaajila ummataa barbaarbachisu kan kennu Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa, Paartilee Oromiyaa fi qaama dhimmi ilaallatu hunda hammate yeroo murtaa’eef akka hundeessan amaanaa itti kennanneerra.
c. Jilli Jaarmayaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n nagaa amansiisaa Oromiyaa keessatti buusuuf qooda olaanaa akka qabu amanuun, ABO fi KFOn waraanni kun bulchiinsa siyaasaa Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa hundeeffamu jalatti itti gaafatamummaa fudhatee seera, nagaa fi dangaa Oromiyaa akka tiksuu danda’u haala barbaachisaa akka qindeessanii fi guutaniif amaanaa itti kennanneerra.
2. Rakkoo Magaalaa Finfinnee fi Daangaa Oromiyaa furuu ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Magaalaan Finfinnee seenaanis ta’e seeraan qabeenya ummata Oromoo fi Magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate guutummaatti amanuun Magaalaan kun itti waamamni ishii akka mootummaa Oromiyaatiif taatu ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii akka mirkaneessan amaanaa itti kennanneerra.
b. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Walloo, Dirre Dawaa, Matakkal, Moyyaalee, Madda Walaabuu fi kkf dabalatee daangaaleen Oromiyaa karaa adda addaatiin irraa ciccitanii mootummaa naannoolee adda addaa Oromiyaa daangessan keessatti akka hafanii jiran amanuun ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii seera addunyaa fi seera biyyi qabdu irratti hundaa’uun akka Oromiyaa keessatti dachaasan amaanaa itti kennanneerra.
3. Tokkummaa fi Ijaarsa ummata Oromoo cimsuu ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Sirni Gadaa/Siinqee hundee tokkummaa fi ijaarsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaa fi nageenya Oromootiif qabaachaa ture sirriitti hubannee ABO fi KFOn sirni Gadaa/Siinqee kun gadi fageenyaan qoratamee, ummata wajjin marii bal’aan taasifamee haaromsi jaarraa keessa jirru wajjin walmadaalu itti taasifamee sirna Oromoon itti bulu akka ta’uu danda’u waan barbaachisu hunda akka taasisan amaanaa itti kennanneerra.
4. Mirga Sabaa fi Sab-lammoota Oromiyaa keessa jiraatan ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Sirni Gadaa ummatni Oromoo akkamitti akka kanneen Oromoo hin taane wajjin kabajaa fi michummaan jiraatamu haalaan kan barsiisee fi muuxannoo itti qabu ta’uu isaa hubachuun fuulduras ABO fi KFOn haala ummatni Oromoo sabaa fi sab-lammootni sodaa tokko malee mirgi isaanii guutummaatti kabajamee wajjin jiraatamuu danda’u irratti hojjatanii fi dhugoomsan amaanaa itti kennanneerra.
5. Hariiroo Mootummaa Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa Jidduu jiraachuu qabu ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Mootummaa Federaalaa keessatti olaantummaan seeraa kabajamaa akka hin jirre, ummatni Oromoo akka baay’ina isaa fi gumaacha isaatti jaarmiyaalee mootummaa Federaalaa keessatti bakka bu’umsa akka hin qabne, walabummaan dhaabbattoota (institiyuushiinii) kanneen akka Mana Murtii, Polisii Federaalaa, Humna Ittisa Biyyaa fi kkf akka hin jirre, qabeenya waloo Federaalaatti gaheen ummata Oromoo xiqqaa ta’uu hubannee ABO fi KFOn wantota daddaban kana haala sirreessuu fi dantaan ummata Oromoo mootummaa Federaalaa keessatti kabajamuu qabu irratti itti gaafatamummaan akka hojjatan amaanaa itti kennanneera.
Nuti jilli hawaasa Oromoo adda addaa Kora Waliinii kana irratti argamne
1. Jila Waltajjii Qabaa Abbootii Gadaa Oromiyaa (Hojimaata Gumii Abboota Gadaa Oromoo),
2. Jila Yaa’ii 1966 (Waldaa Maccaa fi Tuulamaa),
3. Jila Irkoo 1976, (Hojimaata Idilee Addaa Duraanii)
4. Jila Yaa’ii Ganyaa Harooreessaa (Haadha Siinqee),
5. Jila Abbaa Dhugaa (Hojimaata Abbaa Muudaa/Ayyaantuu ),
6. Jila Wayyooma Anaajinaa (Hojimaata Dirree Sheek Huseen)
7. Jila Wayyooma Soof Umar (Abbaa Murtii),
8. Jila Nagummaa Dambii (Hojimaata Sayidii Alfaqii /Yaa’a Danbii)
9. Jila Jaarroollee Biyyoolessaa Oromiyaa, (Bakka buutota Lammiilee Oromiyaa),
10. Jila Og-afaanii (Hayyoota Yunivarsitii),
11. Jila Teessoo Magarsaa Badhaasaa (Hojimaata Qulqulluu Sinodoosii Oromiyaa Teessoo Pheexiroos)
12. Jila Waldaa Makaana Iyeesuus Itoophiyaa (Jila Sadaasa 24, 2023),
13. Jila Dhugeeffannaa Uumaa (Dhaabbata Hordoftoota Amantaa Waaqeffannaa)
14. Jila Yuuba 1ffaa (Dhimmoota Mirga Namoomaa fi Sivilii Oromoo)
15. Jila Waahilan Waltajjii (Yuba 4ffaa),
16. Jila Yaa’aa Haaromsa Finfinnee (Hawaasa Finnaa Finnee)
Dhuma irratti Jilli Guula Waliinii ABO fi KFO amaanaa itti kenname kana akka seeraa fi sirnaan raawwatan deggersa nu irraa barbaadamu hunda kennuuf waadaa seenneerra.
Jila Jaarmiyaalee Hawaasaa Oromoo fi Jaarmiyaalee Siyaasaa Oromoo ABO fi KFO
Gurraandhala 22, 2025
Finfinnee