Geda News Service

Geda News Service Gara GNS Baga Nagaan Dhuftan! Galatoomaa!

Tajaajila Nuti Isiniif kenninu:
Oduu
Afoola
Asoosama
Siyaasa
Ispoortii
Beeksisa
Afaan Oromoo, Afaan Ingilizii fi Afaan Amaaraan isin tajaajiluuf qophiidha.

04/08/2026

Seenessa Goota-Gantuu Qabsoo Oromoo keessatti

Tibbana Abiy Ahmad shoora Minilikiifi Goobana Daacee ijaarsa Itoophiyaa ammayyaa keessatti taphatan kaasuun isaa, atakaaroon Goobana walqabatee siyaasaa Oromoo keessatti yeroo yeroon ka'aa ture haaraatti bulluuqseera. Wixinee barreeffama qabsoo sabaa keessatti shoora seenessi gootaa-gantuu (hero-villian narrative) qabu irraatti qopheessee osoon xumuree hin maxxansin dhiise na yaadachiise. Wixineen sun gaafii eessumoo Merid Tullu dura naaf dhiheesseratti kan hundaaye ture.

Qabsoon ummanni cunqurfame tokko gita bittaa alagaa jalaa bahuuf taasisu martuu seenessa gootaa-gantuu qabaachuun dirqama. Akeekni seenessa gootaa-gantuu uumuu lammillee saba sanii biratti;
- Gocha sirriifi fokkuu(wrong and right) adda baasanii hubachiisuun, isa sirrii jedhame akka hordofan hamilchiisuun. Kun ammoo qabsaa'onni, isa goota jedhame akka fakkeenyaatti hordofuun aarsaaf of akka qopheeessan, isa gantuu jibbanii faana isaa hordofuu akka lagatan dandeeessisa.

- Waldura dhaabbannaa 'mooraa qabsoo' fi mooraa diinaa jiddutti godhamtutti, kan gamas gore busheessuun kan as gore dhaadhessuun, dhiibaa xiinsammuufi hawaasummaatiin gamas goruu hirdhisuuf.
- Seenessa mooraa cunqursitootaa faallessu uumuun, kan sirnichi leellisu busheessaa kan inni abaaru leellisuun, hawaasni gama keetii olola gamasiin akka hin hawwatamne danqaa uumuudhaafi.

Kunneen sababoota ijoo seenessi gootaa-gantuu kalaqamuuf yoo ta'u, mooraan qabsoo ummata kamiituu keessatti waan hojiirra ooluudha. Qabsoon Oromoos gaafuma dhalaturraa seenessa kana kalaqachuun dirqama ture.

Seenessi gootaa-gantuu qaama seenessa waliigalaa(grand narrative) qabsoo bilisummaa ummata cunqurafameeti. Seenessi waliigalaa waan gurguddoo sadi hammata. Kaleessa akkam turre, har’a maaltu nu mudate, boru maal hawwinaa dha. Jechuunis kaleessa ummata bilisaafi kabajamaa turre(glorious past), amma shira alagaan cabnee mirga namummaafi abbaa biyyummaa dhabne(degraded present) fi boru ammoo qabsoo waloo har’a geggeessinuun guddummaa keenya kaleessaa san caalu deeffannee gonfannaadha(utopian future).

Maarree seenissi waliigalaa guddinni saba sanii kan kaleessaa sun maalifi eenyuun cabeefi, salphina hardhaa muddanne gaafii jettuuf deebii kennuun eegala. Sababa cabaa saniif, jabina alagaa qofa akka sababaatti dhiheessuun gahaa miti. Shiraafi laafinni keessoo qaawwa akka banes akeekuu qaba. Kanaafuu diina alaatiif fuula nama tokkoofi maqaa sirnaa laatu, warra keessoon qaawwa banes gantuutti moggaasee abaaruu qaba. Dabalataanis, seenessii waliigalaa qabsoo sabaa, cabni sun yoom akka raawwatame akeekuun eegala.

Haaluma kanaan, wixineessitoonni(framers) qabsoo Oromoo, daangaan baraa guddina kaleessaafi caba har’aa saba Oromoo, weerara Minilik akka ta’etti kaayan. Kanarraa ka’uun, weeraraafi cunqusaa humna alagaatiif Minilik fuula(face of the external enemy) taasisan. Warra keessoon qaawwa banan ( internal collaborators), ammoo namoota gaafa Minilik kutaalee biyya Oromoo garagaraatiin walwaraanu, gara isaa goran adda baafachuun gantummaa(personification of villain) taasisuu eegalan.

Wanti hubatamuu qabu, namoonni booda seenessa gantummaatiif maqaa isaanii sadarkaa qabsoo sabaatti kaafamee balballoomfame, qabsoon Oromoo bifa waltayaan eegaluu durattuu gosaafi qe’ee isaanii keessatti abaaramaa kan turaniidha. Gosti/ teessumti lafa Minilikiin wal loltee,miseensi ishii ‘gantuu’ hin ta’in hin jiru. Sadarkaa qabsoo sabaatti namoota maqaan tuqamu keessaa Qadiidaa Wandabee, Tukee Maammee, Alii Galmoo faan eeruu dandeenya. Gabaabumatti Goobanaa Daacicee warra gara Minilik goree warra ofiitin lole keessaa tokko malee, qofaa isaatii miti jechumaafi.

Namoota lola Minilik waliin godhame keessatti, gosa ofii dhiisanii garas goran keessaa Goobanni maalif adda durummaan tuqama? Sababa lamatu jira. Kan duraa ‘gantoota’ bara sanaa keessatti, Minilikiif tumsa olaanaa, humna Oromoo cabsuu keessatti ammoo balaa hundarra guddaa kan taasisedha. Dabalataanis, mootummaa san keessatti aangoofi beekkamtii olaanaa kan argate waan ta’eefi.

Sababni lammataa ammoo seenessi gootaa-gantuu bifa salphaatti lammiileef galuun dhiyaachuu waan qabuuf, gantoota heddu tarreessurra, tokko(guddicha) keessaa fuudhanii akka bakka bu’aatti dhiyeessuun mijataa waan ta’eefiidha. Kanaafuu bu’ureessitoonni seenessa gootaa-gantuu qabsoo Oromoo, namoota Minilik faana hiriiran keessaa Goobanaa filachuun isaanii waan nama raajuu miti. Adaduma Goobanaa Daaccee bakka bu’aa seenessa gootaa-gantuu ta’ee dhiheeffamuun, Goobana jechuun maqaa nama tokkoo ta’uun hafee, hiikkaa gochaafi amala gantummaa ta’e. “Abalu ni goobane, akkas gochuun goobantummaadha” yoo jedhamu dhagayuu hin ooltan natti fakkaata. Gabaabumatti tura keessa Goobanni maqaa nama tokkoo ta'uun hafee seenessa of danda’e ta’e.

ATAKAAROO SEENESSA GOOBANAA

Qabsoo sabaa keessatti seenessi gootaa-gantuu akkuma qabsaa’ota hamilchiisuufi gantummaa hirdhisuun tokkummaa cimsuuf fayyadu, of eeggannoon godhamuu baannaan miidhaas ni qabaata. Qabsaa’onni yaadaan waldhabuu mannaa gantummaan walfarrajuun, hoggantoonni/ murnoonnis hojiin waldorgomuu irra maqaa walballeessuun waan jiruuf, taappellaa ‘gantuu’ jedhu san walitti maxxansu. Kun ammoo hiikaafi gatii guddaa seenessi gootaa-gantuun qabaachaa ture busheessaa deemuun, bu’ura hamileefi tokkummaa qabsaa’otaa mannaa, sababa qoqqoodamiinsaa ta’a.

Haaluma kanaan qabsoo Oromoo keessattis, ‘goobanummaan’ ture keessa akeeka jalqabaatiin addaatiif hojiira oolaa deemuun, madda atakaaroo ta’e qabsoo miite ta'e. Atakaaroon seenessa Goobanaa mooraa qabsoo teenyaa sababa garagaraa qaba.

Kanneen keessaa kan duraa, seenessa ‘goobantummaa’ kana hamma barbaachisuun caalaatti ( excessive and out of context) itti fayyadamuudha. Bara qabsoo barattoota yunivarsitiifi barii dhalachuu ABOtti nama/murna ilaalchuma adda ta’e xinnaa qabu goobantummaatti farrajuutu ture. Fakkeenyaaf warra MEISON fi ECHAT jidduu garaagarummaa ilaalchaa muraasa ta’us, Haylee Fidaatiin Goobana Diimaa ( Red Gobana) jedhanii farrajan. Kun wal madeessuufi waldiinomsuu hammeessee mooraa qabsoo itichuu hanqise.

Maddi atakaaroo seenessa Goobanaa kan lammataa, dhalachuu murnootaaafi gandummaatiin walqabata. Mufiifi ololli murnummaa akkuma hammaataa deemuun, goobantummaa dhalattoota Oromiyaa jiddu galeessaatti maxxansuun eegale ( haaluma walfakkaatuun “ilmaan Mishinarii kan dhalattota Lixa Oromiyaatiif kennamaa ture). Kun ammoo hiikkaafi akeeka seenessa gootaa-gantuu Goobanaa tan jalqaba nu fayyade san karaa dabsuun atakaaroo hanga ammaa deemuuf karaa saaqe.

Sababni sadaffaa seenessi Goobanaa atakaaroo uumeef ammoo qabsoon Oromoo boqonnaa haaraatti tarkaanfachuu ishiiti. Boqonnaalee qabsoo diddaa afran ( the resistance phases) duraa keessatti, Goobanaas ta’ee Oromoota Minilik waliin dhaabbatan akka gantutti dhiheessuun dirqama ture. Sababnis seenessi waligalaa(grand narrative) qabsoo keenyaa, sirna mootummaa Itoophiyaa kan alagoomsu waan tureefidha. Seenessi sun Itoophiyaan ijaaramuun cabuu Oromootiif akka sababaatti waan dhiheessuuf, namoota Minilikirra goruun humnoota Oromoo cabsanii, sirna mootumaa Itoophiyaa ijaaranis diinomsuu(disown) fi Oromoorraa fageessuu (distancing) barbaachisaa ture.

Seenessi Oromoota Minilikis ta’ee mootota sanii as waliin turan diinomsuu sun, gaafa boqonnaaleen diddaa sun injifannoon goolabamanii, aangoo sirna Itoophiyaa san harka keenya gale burjaajjii uume. Itoophiyaa erga dhuunfanne booda alagamsuu itti fufnee bulchuun hin danda’amu. Kanaafuu gaafa gita bittaa alagaa buqqaasuun cehuumsa siyaasaa eegallu, seenessa diddaa(resistance narrative) irraa gara seenessa bulchiinsaa(governing narrative) gochuun feesisa ture. Kanaafuu jala bultii injifannootirraa kaasee seenessa sirreeffachuun eegalame. Itoophiyaa haraam godhaa turre san halaal godhachuutti ceene.

Tooftaalee kana keessaa Oromoota mootota Itoophiyaa waliin hojjachaa turan tarreessuun, ijaarsa ishii keessatti shoora taphachaa waan turreef, bulchuufis dhugaa (legitimate claim) akka qabnu agarsiisuu qabna turre.

Geerarsoonni Haacaaluu Hundeessaa cehumsa seenessaa kana raawwachaa turan.
Cehumsa seenessa gootaa-gantuu taasifamu keessatti rakkoolee lamatu mudata. Kan duraa namoota alagaa irra goruun saba waraanuu isaaniitin, seenessa diddaa keessatti fuullee gantummaa taasifne san, barii injifannoo abaarsa gantummaa irraa kaafnee faaruu gootummaa itti roobsuun waldhiittaa(contradiction) seenessaaf nu saaxila. Gama tokkoon tokkummaafi sabboonummaa Oromoo seenessa diddaa irratti ijaarame san akka hapheefi gaaza siyaasa keenyaatti fayyadamuu itti fufuun milkaa'ina cehuumsaatiif dirqama.

Gama biraatin ammoo, Oromoota ijaarsa Itoophiyaa keessa turan san leellisuun, haqa qabeessummaa aangoo(legitimate claim to power) lafa qabsiisuuf barbaachisa ture.
Kanaafuu siyaasa keenya keessatti waldhiitinsi seenessaa hamaan akka hin uumamneef cehumsa dhawaataa gochuun barbaachisaadha. Tooftaa kana keessaa Oromoota mootota Itoophiyaa waliin hiriiranii hawaasaafi siyaasa qabsoo Oromoo keessatti maqaan hamtuun hin kaane leellisaa, kan ifatti gantummaatti abaaraman garuu tursiisuudha. Haacaluun shoora gootonni Oromoo lola Adawaa keessatti taphatan geerrarsaan yeroo seenessu, Gabayyoo Gurmuu, Qusee Diingadee, kkf leellisee Goobanaa keessaa yoo dhiisu sababa malee hin turre.

Rakkoon cehumsa seenessa diddaa irraa gara seenessa bulchiinsaa godhamu mudatu kan biraa, akkataa namoonni siyaasa qabsoo keessatti gootummaan leellifaman, boqonnaa haaraa keessatti itti dhihaachuu qabaniidha. Namoonni seenessa diddaa keessatti mallattoo gootummaa turan, warra qabsoo farra sirnaati geggeessaa turaniidha. Sirna biyyaa san ammoo goolabbii boqonnaa qabsoo diddaa keessatti aangoo dhuunfanne itti gaafatamummaa tiksuu fudhanee jirra. Gara tokkoon, Oromoota Itoophiyaa ijaaruu keessatti shoora qaban leellisuun sirna san too’achuufi tiksuuf dhugaa qabna jechaa, gama biraan ammoo Oromoota sirnichuma san diiguuf falmaa turan leellisuun waldhahiinsa seenessaa biroof nu saaxila sodaa jedhutu ture.

Kanarraa ka’uun namoota seenessa qabsoo Oromoo keessatti akka gootaatti leellifaman keessaa, kanneen akka farra sirnaa hamootti farrajamaa hin turre dhaadheessa, kanneen ijjannoo cimaa qabaachaa turan moggatti dhiibuun akka tooftaatti fudhatame. Sababni Bilxiginnaan Haylee Fidaa faarsitee Baaroo lash gootuuf, Taaddasaa Birruuf siidaa dhaabdee Maammoo Mazmir irraanfachuu filattuufis kanuma. Seenessa mootummaan Itoophiyaa qabsoo Oromoo irratti dhiheessaa ture keessatti Taadasaa Birruufi Haylee Fidaa akka waan Maammoo Mazammiriifi Baarorra ijjannoo lash jedhu(moderate) qabuutti kaayamaa waan tureefiidha.

Rakkoon cehumsa seenessaa kun qabsoo Oromoo qofa osoo hin taane kan Tigrees mudatee ture. Seenessi bara qabsoo isaanii namoota Tigree mootota Itoophiyaa waliin tumsan akka gantootaatti ilaala ture. Erga angoo qabatanii booda, mootii Yohaannis dabalatee Alulaa Abbaa Naggaafi kanneen biroos akka goototaatti maqaa isaanii faarsuun(rehabilitate), ijaarsa Itoophiyaa keessatti abboonni keenya shoora qabaachaa waan turaniif, nutis har'a bulchuuf haqa qabeessadha seenessa jedhu kaayatan.

Hamma tokko itti milkaayanis, waldhiittaan seenessa gootaa-gantuu bara qabsoofi seenessa bara bulchiinsaa isaanii osoo guututti hin furamin angorraa bu’an.
Walumaagalatti hojiin seenessa qabsoo ijaaruu caalaa kan gara bulchiinsaa ceesisuutu xaxamaadha. Gaafa seenessa diddaa ijaartu, daangaa gootaafi gantuu sararuun hedduu hin ulfaatu. Sababnis eenyu gara alagaa akka goreefi eenyu akka alagaa dura dhaabbate ifa waan ta’eef. Cehuumsa gara seenessa bulchiinsa godhamu keessatti garuu, namicha kaleessa akka gantutti dhiheessaa turteefi gocha isaa fakkeenya gantummaa taasiftee dhiheessite, haqaaraa biraa itti tolchitee bifa gaaromminaatiin dhiheessuu barbaachisaa ta'uu mala. Bara qabsoo hammeenya raawwatame ol baaftee muldhifta, gaafa cehumsa eegaltu immoo, toltuu xixinnoos taatu suur-guddiftuun( magnifier) ol baaftee muldhifta.

Adeemsa cehumsaa kana keessatti, seeenessa bulchiinsaa haaraya ijaara jettee jarjartee seenessa qabsoo gaafasiin si gahe akka of jalaa hin diigne of eeggannoo cimaa feesisa. Gaaga’ama siyaasaa sirna bulchiinsa Abiy Ahmad mudate keessaa tokko dogongora cehuumsa seenessaa irratti raawwatamee dha. Osoo seenessa bulchiinsaa haaraa lafa hin qabachiisiin, seenessa qabsoo Oromoo diiguuf yaaliin godhe lachuu hanqise. Duulli seenessa qabsoo Oromoo busheessuuf godhame, dallansuu uumuun, mooraan siyaasa Oromoo seenessa diddaatti akka deebitu taasise. Kun ammoo gaaza siyaasaa angoo cimsachuufi tasgabbeessuuf barbaachisu dhabsiise. Angoo cimsachuuf tasgabbii mirkaneessuu dhabuun ammoo seenessa bulchiinsaa lafa qabsiisuu dhoorge. Waggoota afran dabre seenessa diddaafi seenessa sirnaa jidduu jaatanaayuun agarrus mallattoo gaaga’ama seenessaa (crisis of narrative) akka ta’e hubatamuu qaba.

Gorsi ani qabsaa’otaafi hayyoota keenyaaf qabu dubbii cehumsa seenessaa kana qorannaa gahaafi marii gadi fagoon bilcheessaa of eeggannoon hojitti hiikuu qabna kan jedhuudha. Yennaa murni Oromoo aangoo qabatee jirutti seenessa diddaafi farra sirnaa ( anti-state) qofarratti xiyyeeffachuun, akka gaafa murna alagaa irratti qabsoofnuu san hedduu hin tarkaanfachiisu. Bifuma walfakkaatuun, aangoo sirnaa dhuunfanne jennee, osoo seenessa bulchiinsaa sirritti lafa hin qabsiisiin, seenessa qabsoo diiguuf yaaluun, atakaaroofi waldhiitinsa seenessaa mooraa ofitti dhoosuun humna of buusuudha. Kanaafuu tarsiimoofi raawwii cehumsa seenessaa dhawaataan hojitti hiikamuu barbaachisa.

Barruu kana keessatti wanniin jechuu fedhe, seenessa gootaa-gantuu Goobanaan walqabatee dhihaatus of eeggannoon qabuun barbaachisaadha. Sadarkaa amma irra jirutti, seenessa diddaa kan Goobana abaarus lash godhaa, kan isa faarsus itti jarjaruurraa of qusachuun gaariidha! Akkuma jalqaba barruu kanaatti kaayame, qabsoo Oromoo keessatti Goobanni seenessa malee nama dhuunfaa miti. Goobanni namicha dheeraa dhalataa Tuulamaa sana miti. Goobanni yaada seenessa gootaa-gantuu bu’eerreessitoonni seenessa qabsoo Oromoo kalaqanii, qabsoo’anni isaan boodaan dhufan sammuu ummataa keessatti habaqalchaniidha. Seenessa san keessatti bara Minilik irraa kaase hamma Mallasaatti dhalattonni Oromoo mootummoota Itoophiyaa cinaan hiriiranii cunqursaa saba isaanii keessatti hirmaatan cufti goobantoota. Namoota seenessi qabsoo Oromoo goobanoomse kana, seenessa bulchiisaaf fayyada jennee leellisuu yoo feene, haalaafi bifa diigumsa hin uumneen ta’uu mirkaneeffachuu qabna.
Ammaaf kanuman jedha.
Oromoofi Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen ni walaboomti!

30/06/2026

💔

18/04/2026

GGO EBLA 15/2026 JAAL HAQAAFAN FAYYEERAA

ABO-WBOn gabaasni Aministii Intarnaashinaal hanqinna qorannoo, dubbii qabatamaa hin taanee akka meeshaatti fayyadamuu fi...
09/03/2026

ABO-WBOn gabaasni Aministii Intarnaashinaal hanqinna qorannoo, dubbii qabatamaa hin taanee akka meeshaatti fayyadamuu fi loogiin kan guuttameedha jedhe.

Aministii Intarnaashinaal Waraanni Bilisummaa Oromoo miidhaa saalaa, gabrummaa saalaa fi buqqaatii Oromiyaa keessatti raawwatee jira jechuun ibsuu hordofee, ABO-WBOn ibsa balaaleefannaa baaseen, ibsichi hanqinna qorannoo fi loogiin kan guuttameedha jedhe.

​"Miidhaan koorniyaa irratti hunda'e (Gender-based violence) hawaasa kamiyyuu keessatti yakkoota suukanneessoo keessaa isa tokkodha kan jedhe ABO-WBOn, Miidhaan saalaa dubartootaa fi ijoollee durbaa Oromiyaa keessatti fi Oromiyaan alatti mudatu yakka haqa irraa fagaateedha jedha.

Gochoonni akkanaa ifatti balaaleffatamuu, qaama walaba ta'een qoratamuu fi mana murtiitti dhiyaachuu qaba jechuun ibse.

Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa baaseen, “yakkoota namoota nagaa, keessattuu dubartoota irratti raawwataman haaluun, sababa itti kennuun ykn akka salphaatti ilaaluun gonkumaa hin danda'amu. Waggoota dheeraaf, miidhaawwan Oromiyaa keessatti raawwataman kunniin dhokfamaa turaniiru; gidiraa miidhamtootaa galmeessuufi haalli isaan keessa jiran xiyyeeffannoo addunyaa akka argatu gochuuf carraaqqii haqaa taasifamu kamiyyuu nuti ni simanna” jedhe.

Haa ta'u malee, gabaasni Amnesty International, “Namni Tokko Na Gargaaruuf Hin Dhufne” mata duree jedhun bahe miidhaawwan waggoota dheeraaf xiyyeeffannoo dhaban gara addunyaatti baasuun isaa gaarii ta'us, gabaasichi hanqina mala qorannoo (methodological weakness), dogoggora ragaalee bu'uuraa, fi dhimma tokko qofa irratti xiyyeeffachuun isaa walitti bu'iinsa xaxamaa ta'e kana akka salphaatti ilaaluuf yaaluu isaa agarsiisa jechuun qeeqe.

​Gabaasichi dhimma qabatamaa ragaadhaan deeggarame kan akka humnoonni hidhatan biroo Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO/OLA) fakkaatanii (impersonating) gocha kana raawwachuu danda'an irratti xiyyeeffannoo dhabee jira jedhe.

Dhugaan kunis dhaabbilee akka The Washington Post, Rooytarsi fi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatiin mirkanaa'ee jira jechuun qaamota gocha kana raawwatan haala amansiisaa ta'een adda baasuun yoo hin danda'amne, itti gaafatamummaa mirkaneessuun hin danda'amu.” jechuun ibse jira.

Gabaasni tokko yoo qulqullina hin qabaanne, namni yakka raawwate siriitti waan hin beekamneef haqni ni bada kan jedhu ABO-WBOn, Miidhamtoonni gabaasa dhugaa fi ragaa qabatamaa irratti hunda'e argachuuf mirga qabu jedhe.

Aministii Intarnaashinaal ragaa gocha sanaa qabaatus, eenyu akka raawwate garuu "mirkaneessuu hin dandeenye” kan jedhe Waraanni Bilisummaa Oromoo Marroo Dirribaa Lammeessaatiin durfamu, eenyummaa qaamota yakka guddaa kana raawwatani mirkaneessuu dhabuun yaaddoo guddaadha jedhe.

Gabaasichi qaamota Waraana Bilisummaa Oromoo fakkaatani gocha suukaneessaa kana raawwachuun maqaa ABO-WBO balleessan akka jiran hin eeree jechuun ibse.

Yakki waraanaa dhimma baay'ee ulfaataa waan ta'eef, eenyummaan abbaa raawwatee osoo hin mirkanaa'in gabaasni akkasii ba'uun dogoggora guddaa jechuun addessee jira.

Gareen mootummaa waliin hidhata qabu kan WBO fakkaatee namoota nagaa ajjeessaa akka ture The Washington Post gabaasuu kan eere ibsi ABO-WBO, Qaamni iccitii hooggantoota olaanoo of keesssa qabu kan Koree Nageenyaa jedhamu fi ajaja ajjeechaa suukanneessaa kennuun, karaa miidiyaatiin ammoo WBOtti quba qabu jiraachuu isaa Rooytarsi gabaasuu yaadachise.

Mootummaan mala qurxummii qabuuf bishaan gogsuu jedhu fayyadamuun ummata fixaa turuu kan ibse ABO-WBOn, ​Gabaasichi miidhaa miidhamtootaa gadi fageenyaan himuullee, miidhaan kun "siyaasa mootummaa" kan itti yaadamee karoorfame ta'uu isaa dagatee jira jechuun kun ammoo amantummaa gabaasichaa gadi buusaa jedhe.

​"Gabaasichi qorannoo haalaan hin gaggeeffamne (shoddy research) fi dogoggora ragaalee bu'uuraa kan gabaasicha amansiisummaa isaa (credibility) gadi buusu qaba kan jedhu ibsi kun, Qorannoon tokko amansiisaa ta'uuf, ragaaleen dhiyaatan haala qabatamaa ta'een mirkaneessu qaba, garuu gabaasni kun hanqina mala qorannoo irratti hunda'uun, ragaalee dogoggoraa fi walitti hin hidhamne dhiyeessee jira.” jedhee jira.

Gabaasichi WBO irratti qofa xiyyeeffachuun, yakka mootummaan Itoophiyaa humnoonni Raayyaa ittisa biyyaa fi milishaan raawwatan kan akka ajjeechaa jumlaa, miidhaa saalqunnamtii dubartootaa fi buqqaatii uummataa osoo hin ibsi bira darbee jedhe.

Amainistii Intarnaashinaal mala Qorannoo Fagoo fi Ragaalee hin mirkanaa'in fayyadame jechuun, Qorannoon lafa irratti (field research) hin gaggeeffamne, haala qabatamaa naannicha keessa jiru sirriitti hubachuu hin danda'u jedhe.

​"Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) yakkoota hedduu irratti qorannoo walabaa akka godhamu deddeebi'ee waamicha dhiyeessaa turee jira kan jedhu ibsi kun, haa ta'u malee, waamichoonni kunniin mootummaa Itoophiyaa fi deegartoota isaa biratti fudhatama hin arganne jedhe.

​Mala qorannoo walabaa dhiisuun kun, siyaasa mootummaan Itoophiyaa itti fayyadamuudha kan jedhu ABO-WBOn Mootummaan kun yeroo dheeraaf adeemsa itti gaafatamummaa idil-addunyaa (international accountability) mormaa tureera. Fakkeenyaaf, mootummaan kun duula dippiloomaasii cimaa gaggeessuun, 'Komishinii Ogeeyyii Mirga Namoomaa Itoophiyaa' kan Tokkummaa Mootummootaa (UN) jala ture akka dhaabbatu godhee jira jechuun ibse.

​Waraanni Bilisummaa Oromoo qorannoo hunda-galeessa (comprehensive) fi walaba ta'e akka taasifamu jechuun waamicha yoo taasisu, qorannoon kun Oromiyaa dhihaa keessatti miidhaa raawwatame qofa osoo hin taane, naannoolee Oromiyaa bakka miidhaan gurguddaan raawwatamuu isaa ragaan jiru hunda keessatti gaggeeffamuu qaba jedhe.

​Miidhamtootaaf haqaa mirkaneessuun adeemsa walaba ta'e, iftoomina qabu, fi qaamolee walitti bu'iinsa kana keessatti hirmaatan hunda qorachuu barbaachisaa ta'uu eeruun, Mala akkasii qofaan itti gaafatamummaa mirkaneessuun kabajaa fi mirga miidhamtootaa eeguun ni danda'ama jechuun ibse jira.

Waraana Ameerikaa fi Israa'el waliin ta'uun Iraan irratti bananiin hoogganaan olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii Sam...
01/03/2026

Waraana Ameerikaa fi Israa'el waliin ta'uun Iraan irratti bananiin hoogganaan olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii Sambata kaleessaa Gurraandhala 28/2026 waajjira isaa keessatti ajjeefamuu miidiyaaleen Iraan mirkaneessani jiru.

Iraan hogganaa ishee waggoota 37f ishee bulche kanaaf gaddaa guyyoota 40 yoo labsitu, haleellaa haaloo bahiinsaa Israa'eli fi buufaatalee waraana Ameerikaa biyyoota baha giddugaleessaa keessa jiran irratti kan fudhattu ta'u ibsitee jirti.

Humni Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa Iraan tarkaanfii haaloo bahuu "akkaan hamaa ta'e" buufata US fi Israa'el irratti akka fudhatu dhaadatee jira.

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp hoogganaan waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, haleellaa US fi Israa’el Teehiraan irratti gaggeessaniin ajjeefamuu beeksisuun
"Seenaa keessatti namoota hunda caalaa hamoo ta'an keessaa tokko kan ta'e, Alii Kameenii, du'eera. Tooftaa hordoffii keenyaa baay'ee cimaa ta'eefi intelejensii keenyaa jalaa ba'uu hin dandeenye," jedhe.

Akka heera mootummaa Iraanitti Ayatolaa Alii Kameenii kan bakka bu'u qaamni filatu the Assembly of Leadership Experts jedhama.

Gidduutti ammoo pirezidantiin biyyattii, dursaan qaama seera baastuufi miseensi tajaajila amantaa Mana-maree Eegdotaa waliin ta'uun itti gaafatamummaa inni qabu fudhatu.

Ajjeefamuun Gaggeessaa Waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii Iraanitti yeroo akkaan murteessaadha jedhamaa jira.

Iraan guutummaa Baha Gidugaleessaa keessatti, biyyoota michuu US ta'aniifi buufataaleen waraanaa US kanneen Dubaay, Dohaa, Baahireen fi Kuweet jiranirratti haleellaa raawwattee jirti.

Humni Warraaqsa Islaamaa Iraan haleellaa halo bahiinsaa ni raawwadha jedhee dhaadachuu hordofee, Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "Iraan haleellaa raawwannaan humna kanaan dura argitee hin beekneen haleellaa" jedhe.

Haleellaa hanga ammaatti Israa'el fi Ameerikaan Iraan keessatti raawwataniin namooni 200 ol ajjeefamuu gabaafamee jira.

Ayaatolaa Alii Kameenii alatti ajajaa Humna Waraanaa Walii Galaa Iraan Meejar Jeneraal Abdulraahiim Musaawii akkasumas Ajajaa Eegdota Warraaqsaa Iraan Meejar Jeneraaal Mohaammed Paakpu, Barreessaa Mana Maree Waraana Iraan Alii Shaamkaaniifi Birgaader Janaraal Aziiz Naasirzaadeehi ajjeefamuu isaanii gabaafamee jira.

30/01/2026

Ijaarsa buufata xiyyaaraa Aabbuu Seeraa waliin walqabatee namoonni buqqaafamuun gaaffii mirgaa isaanii gaafatan hidhamaa jiraachuun dhagahame.

Maddeen keenya magaalaa Boshooftuutii yaada isaanii nuuf kennan akka jedhanitti, sababa gaafii mirgaa fi mirgaa qonnaan bultoota Aabbuu falman qofaaf mana hidhaa bulchiinsa magaalaa Bishooftutti namoonni heddun maatii waliin dararamaa jiru jedhan.

1.Roobaa Tashoomaa

2.Mulee Damissee

3. Dasuu Addisuu

4. Birruu Hongoshaa

5. Addisuu Kabbadaa kanneen hidhaman keessaa ta'uu himan.

Waliigalatti namoonni lakkoofsan 20 ta'an mana hidhaa Bishooftuu ganda 3 fi mana hidhaa aanaa Dhaka Booraa keessatti iraarfamaa jiru jedhan.

Waa'ee waraan'a Bilisummaa Oromoo(WBO) bifa gabaabduu (brief) ta'een isiniif qindeessineerra, hidhaa(link) gadii cuqaasu...
16/01/2026

Waa'ee waraan'a Bilisummaa Oromoo(WBO) bifa gabaabduu (brief) ta'een isiniif qindeessineerra, hidhaa(link) gadii cuqaasun baraa...! Website keenya subscribe gochuun maatii ta'aa, yeroo waa maxxansinu bifa salphaan isin qaqqaba!

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan yeroo baay’ee mootummaa Itoophiyaatiin Shanee (yookiin ABO-Shanee) jedhamee waamamu garee hidhate kan saba-boonummaa (ethno-nationalist) yoo ta’u, irra caalaa n…

Bahi giddu galeessaa lafa yeroo heddu waraannii irraa hin fagaannedha. Naannon kun ardii Awurooppa, Afrikaafi Eshiyaa ka...
15/01/2026

Bahi giddu galeessaa lafa yeroo heddu waraannii irraa hin fagaannedha. Naannon kun ardii Awurooppa, Afrikaafi Eshiyaa kan wal-qunnamsiisu waan taateef akka naannawa tarsimawaa addunyaatti ilaalama.
Naannoon kun biyyoota akka Saawudii Arabiyaa, UAE, Masrii, Israa'el, Sooriyaa, Iraan, Tarkiifi Yaman dabalatee biyyoota 17 ta'an of keessaa qaba. Muddama Iraanitti tibbana muudate hordofee, Ameerikaan akka Iraan rukuttu dhaadataa turte.
odeessa guutuu isaa

Waa’ee buufataalee waraana Ameerikaa naannawa galoo galaana keessa jiranii maal beekna? Humna Qilleensaa Ameerikaa Bahi giddu galeessaa lafa yeroo heddu waraannii irraa hin fagaannedha. Naann…

Sichi raajii  argitu..... W  B O duratti....💪
15/11/2025

Sichi raajii argitu..... W B O duratti....💪

27/10/2025


Shira mootummaa PP dhaggeeffadhaa akkaataa isaan ummata Noonnoo itti ficci*siisan!
Viidiyoo kana hanga dhumaatti dhaggeeffadhu!
si ajjees.anii si gowwoomsanii of jala si hiriirsuf diraamaa sirratti dalagu dammaqii ilmaan kee jala hiriirii guyyaa roorroo of irraa gabaabsi. Callistee teessa taanan kan kana caalutu dhufaa jira dammaqi! Tola du' uun ni gaha....!

Address

Hachalu Street
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Geda News Service posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Geda News Service:

Shortcuts

Share