Geda News Service

Geda News Service Gara GNS Baga Nagaan Dhuftan! Galatoomaa!

Tajaajila Nuti Isiniif kenninu:
Oduu
Afoola
Asoosama
Siyaasa
Ispoortii
Beeksisa
Afaan Oromoo, Afaan Ingilizii fi Afaan Amaaraan isin tajaajiluuf qophiidha.

Tarsiimoon Isaayyaas Afawarqii sadarkaa afuriin.Karoorri A daangeffama teessuma lafaa fi dimogiraafii Eertiraa Alliance ...
09/10/2026

Tarsiimoon Isaayyaas Afawarqii sadarkaa afuriin.

Karoorri A daangeffama teessuma lafaa fi dimogiraafii Eertiraa Alliance of Evils —Tibibir” tti kennuu fi haleellaa kibbaatti fayyadamuun jijjiirama siyaasaa Itoophiyaa keessatti fiduudhaan bu’uuraan mootummaa Dr Abiy Ahmed kuffisuu ture.

Marsaan jalqabaa tooftaa sanaa lola torban jalqabaa banuuf, buufata xiyyaaraa Lalibelaa, Qobboo fi Woldiya to’achuu, daandii Woldiya–Dessie too'achuu fi, dhumarratti, karaa Affaariin Itoophiyaan gara Jibuutii geessu isa guddaa kutuu kan kaayyeffate ture. Haleellaan sun Raayyaa Ittisa Itoophiyaa fi Raayyaa Nageenya Tigraayi tumsa waloon fashaleeffame.

Sunis Isaayyaas gara Karoora Btti fide, Asmaraa tiksuu!

Wayyaaneen kibbaa fi kibba baha Tigraay baay’ee keessaa baatee humna ishee daangaa kaaba Tigraay fi Ertiraatti dhihootti walitti qabde. Shallaggiin, Isaayaasiin, kana booda TPLF gara kibbaatti babal’achuu yoo dadhabde, kaaba Tigraay inumaayyuu ittisa Asmaraaf gadi fageenyan tarsiimoon masakamuuf ture. TPLF Asmaraa tiksuuf Mekellee dhiistee jirti.

Garuu karoorri sunilleen amma dhiibbaa jala jira. Guyyoota muraasa darbanitti Gamtaan(TPLF) gama dachaan duubatti deebi’uun mudateera.

Kallattii Tsallamti–Walqaayitiin, yaaliin Gamtaan kun gara Lixa Tigraayitti lafa deebisee argachuuf godhe duubatti dhiibamee, Dadabititti daangeffameera.

Fuuldura Maayi-Tsebriitti, TPLF torbee darbe Tekeze ce'uun kutaalee Tselamt keessatti ejjennoo qabattee bu'aa tokko tokko argatte turte. Ergasii duubatti deebi'uuf dirqamtee, wiirtuu bulchiinsa kaaba lixa Tigraay kan taate Shiree dabalatee naannoo dabalataa dhabdeetti.

Fuuldura Sekotaa irrattis lola naannoo lafa olka’aa tarsiimoo naannoo Hagara-salaam irratti godhamaa turus TPLF milkii dhabde. Lolli cimaan godhamus humni ENDF fi TPF amma Hagarasalaam, to'achuun gara Adwaatti socho'uun ijaarsa TPLF kaaba lixa Tigraay guutumatti kutuun sodaachisuu mala. Wayyaaneen haleellaa cimaa bante, garuu humnoota ENDFn fashalaa'era.

Humnoonni federaalaa garuu kallattiin gara Negash fi Adigrat dhiibuu qofa miti. Wayyaaneen ammallee iddoowwan tarsiimoodhaaf barbaachisoo ta’an naannoo Atsebii baha Tigraay fi naannoo Hawzen to’attee jirti. Naannoolee bitaa fi mirgaa hanga Wukroo, Negash fi Edagahamus osoo hin eegin kallattiin gara Adigraatitti socho’uun humna federaalaa marfamaaf saaxiluudhaan toora ajajaa fi dhiyeessii isaanii walxaxaa taasisuu danda’a. Ta'us garuu fashalaa’uun haleellaa TPLF bifa haaraan kasaaraa gama hedduun irraan gahaa jira.

Isaayyaas Karoora B irraa gara Karoora C: kallattiin waraana Eertiraa hirmaachuutti ce'eera.

Loojikiin karoora Isaayyas, rakkisaafi walxaxaa itti ta’aa dhufeera. Kana booda wayyaaneen kaabaa ofumaan qabachuu yoo dadhabde, Eertiraan yeroo hin murtoofneef TPLF fi gamtaa daangaa Eertiraa fi humnoota Habashaa(Faannoo) tarkaanfachaa jiru gidduutti akka abshaalatti hirkachuu hin dandeessu.

Waraanni Eertiraa amma lola kaabaa keessatti baay'ee bobba'ee jira. Humnoonni Eertiraa Asmaraa ittisuuf gadi fageenyan tarsiimoo kennuu danda’anitti socho’uu fi Tigraayi fi kaaba Itiyoophiyaatti lola ol ittisuun TPLF bayyanachiisuu danda’a. Garuu Eertiraan haleellaa deebi’ee TPLFn ta’uu danda’u kallattii Atsebii irraa deeggaruu barbaaddi, kunis Wukroo, eegalee hanga magaalaa guddoo naannichaa Maqalee fi daangaa naannoo Affaar gara TPLFtti deebisuu barbaadu, kun immoo Asmaraa gara karoora Btti deebisuu danda’a.

Bobbaan kun Asmaraa gatii guddaa kaffalchiisa. Bakkeewwan Eertiraan lola ofirraa fageessuf qabachuu barbaaddu kun haleellaa diroonii guddaaf isaan saaxila. Osoo karoora kanaaf haala hin mijeeffatin RIB kallattiin gidduu seenuun Eertiraa filannoo biraa keessa galcheera.

Egaa, qormaanni hatattamaa TPLF Wukroo deebifattee kaka’umsaan naannoo Maqalee deebifachuu dandeessi moo hin dandeessu ta’a laata!

Haleellaan faallaa karoora B sun yoo fashalaa’e, Karoorri C ifa ta’a. Kaaba Tigraayi akka gadi fageenya tarsiimoo Eertiraatti fayyadamuun, humnoonni Itoophiyaa daangaa Ertiraa irraa fageessuuf yaaluun, yeroo walfakkaatutti dhiibbaa dippilomaasii Finfinnee irraa dhufuuf isaan saaxila, caarraa Eertiraan birmadummaa Itoophiyaa sarbitee daangaa ceete kana fayyadamuun humnoonni mootummaa Itoophiyaa daangaa Eertiraa ceehun karoora abjuu buufata doonii Galaana diimaa dhugoomfachuu malu. Kun immoo lola hammeessun alatti lola waggootaf turu ta'uu mala.

Mootummaan Itoophiyaa lola daangaa ofii irraa fageessee gara Eertiraa yoo geesse kasaaraa biyyattii irra gahu hir'isuun gara bu'aa buufachuutti waan geeddaramuuf, injifannoo waraanaa dhiheenya kana argate irraa fayyadamee, ariitin lola gara daangaa Eertiraa geessun dirqama.

Gaafa lolli guutummaatti gama Eertiraatti cee'e, Asmaraan gara furmaata ishee isa dhumaa (Karoora D)tti ce’uuf dirqamti, kunis fincila lafa gadi fagoo(Gorilla war)fi lola wal xaxaa keessa galti. Kuni ta'uuf garuu Eertiraan lolli magaalaa Asmaraa dhiheenya irratti yoo ta'e of baraaruf tarsiimoo dhumaa fayyadamaniidha. Gaafa lolli dhiheenya Asmaraa irratti jalqabe, Isaayyas gara Kaayiroo faraxxaxuu hin oolu.

Gaafa Isaayyas Asmaraa gadi lakkise, Kaayiroon lola bakka bu'iinsaa(proxy war) aal kallattiin hirmaachuu hin ooltu. Isaayaas muuxannoo qabu fayyadamee harka tokkoon dippilomaasiin lolaachaa, harka wayyaa jalaan shiftoota Galaana irratti qindeessee Itoophiyaan akka Galaana diimaa hin fayyadamne danquufi riphe loltoota ijaaree halleellaa tasaan haaloo bahuutti gadi bu'a. Itoophiyaan buufata ishee Asab deebifannaan ariitin humna galaanaa guddaa bobbaasun galaana diimaa yoo too'atte, caarraan Asmaraa, Asab Itoophiyaaf eebbiftee nagaan jiraachuu ykn daddaaqxee kufuun federeeshinii duriitti deebi'uu ta'a. Bullee ilaalla!

OROMIYAA DHIIGAN IJAARAMTE,DHIIGAN TIKFAMTI.GOLA / DIINQA / GOR-DUUBA :-Gola jechuun Diinqa. Diinqa jechuun gor-duuba. B...
01/10/2026

OROMIYAA DHIIGAN IJAARAMTE,DHIIGAN TIKFAMTI.
GOLA / DIINQA / GOR-DUUBA :-

Gola jechuun Diinqa. Diinqa jechuun gor-duuba. Baadiyyaatti gor-duuba (diinqa ykn gola) kan taa’u waan dhoksaa ykn ija namaa dura hin muldhannedha. Waan maatiin sun qofti fayyadamu fi keessumaa dubartoonni golatti suuqanii ka’aan hedduudha. Waan ija namaatti muldhachuu hin qabne fi fuldura taa’uu hin malle gola kaa’u. Seenaa keessatti Oromoon erga Minilikiin cabe booda aadaa,afaan,seenaa fi eenyummaa isaa gola keessatti akka dhokfatee fayyadamu taasifame. Afaan Oromoo afaan waloo saba Oromoo ture,afaan gola keessaa ta’e. Aadaa fi affoolli Oromoos kan golaa ta’e. Waan Oromummaa calaqqisu hundi kan gola keessaa akka ta’u godhame. Sababa kanaan Oromoon wal irraa fagaatee, kopha kophaatti loqoda fi shubbisa aadaa garagaraa akka qabaatu fi wal wallaalu irratti hojjatame. Waan akka sabaatti qabaachaa ture sirna Gadaa fi Ayaanoonni isaa kan gola keessaa jalaa taasifame.

1. Qabsoo bara dheeraa taasifame fi siyaasa hammayyaa ABOn durfamuun godhameen Oromoon kaabaa kibbatti, bahaa dhihatti akka wal baru fi quba wal qabaatuuf hojjatame. Qabsoo Barattootaa bara jahatamootaa kaasee, Hayyoonni fi Qabsaa’onni dursanii dammaqan hojii bara gitu jabana sanatti hojjataa turan. Aartii muuziqaa,hawwisoo fi aadaa babaldhisaa turan.
-Urjii Bakkalcha bara 1961-62 hundaa’e. booda maqaan isaa Afran Qalloo jedhame.
-Dhiha Oromiyaa irraa Guddattuu Wallaggaa; bara 1970 keessa,gareewwan dargaggootaa hundeeffaman.
-Shenen Gibe Band Jimmaa, Lixa Oromiyaa. Gareen kun muuziqaa Oromoo/Jimmaa keessatti hundaa’e keessaa tokko.
-Giddu galeessa fi kibba Oromiyaa Shawaa, Arsii fi Baalee keessattis gareewwan aadaa fi muuziqaa Artistootaan ijaaraman fi namoota dhunfaan gaggeeffaman uumamaa turaniiru.

2. Bara Dargiin kufe Federation Naannolee ijaaruun Oromiyaan kan saba Oromoo fi afaan hojii naannoo Oromiyaa afaan Oromoo akka ta’u taasifame. milkaa’inni yeroo sanaas dhaloota Qubee onnee sibiilaa aadaa ,afaan fi seenaa isaa guddisuu danda’utu uumame. Sadarkaa biyyaalessaatti afaan Oromoo waaltessuuf hayyoonni afaanii irratti hojjataa turan. Aadaa,seenaa fi duudhaa Oromoo giddisuuf kitaabileen, Sirboonni,Baandilee fi Dhaabbanni garaagaraa tattaafataa turan. Barattoonni dhaloota qubee M/Barnootaa sadarkaa G/Galeessaa hanga Yuunvarsiitiitti Gumii afaanii,seenaa fi aadaa hundeeffachuun waan Oromoon qabu jabeessuu fi addunyaatti beeksisuuf hojii baldhaatu irratti hojjatame. hojiilee hojjataman kana keessatti Oromoon loqoda fi hiika jachoota afaan Oromoo waalteffachuu fi salphaatti afaan waloo godhatee wal hubachuu danda’eera. Kun bu’aa aarsaa fi dhamaatii qabsoo bara dheeraa booda dhufeen argaedha.

3. Waan amma Gola jedhamee sirna Mootummaa PP’tiin gaggeeffamaa jiru, Oromoo deebisanii qorqalbiitiin wal irraa fageessuu, aadaa ,duudhaa fi afaan isaatiin wal irraa fageessuuf tooftaa ittiin qoqqoodan hojiirra oolchaa jiru. Oromoon hiree fi dantaa tokkoof qabsoo gaggeessaa ture,dantaa dhunfaa fi golaa qofatti akka deebi’u fi wal morkatu gochuuf yaalamaa jirudha. Bulchiinsa bara Miniliik kaasee hanga Dargii ture, bulchiinsa Kifla hagarii fi Awraajjaa,bulchiinsa teessuma lafaan qoqqoodamee naannoo adda addaa ta’ee of ilaalu uumuuf shira raawwatamaa jirudha. Saba tokko,afaan tokko, biyya tokko fi hiree tokko isa ture, Naannoo jaha, ummata teessuma lafaa jaha qabu, dantaa fi hiree bakka jahaatti yaadu uumuuf yaalamaa jira.

4. Golli kun Oromoo dantaa fi hiree waloof qabsa’aa ture,gara hiree nam-tokkeetti gadi buusuudha. Akeekni mirga nam-qeenxee ammoo sirna ijaarsa biyyaa Itiyoophiyaa tokkittii keessatti hawwamaa fi yaalamaa turedha. Saba tokkicha Oromoo ,hiree tokkicha qabu adda baasuudha. Saba tokko ,biyya tokko fi hiree tokko Oromon jechaa ture, fedhii fi dantaa waloo akka hin qabaanne gochuudha. Sududaan mirga nam-qeenxeetti gadi buusanii Itiyoophiyaawwii gaarii gochuuf deemama. Itiyoophiyaawwii gaarii jechuun, Saba Oromoo,biyya Oromoo jechuun hanqatee. sabboonummaa Oromummaa jechuu lagatee, biyya abbaakoo Oromiyaa jechuu dhiisee, Innaat hagaree Itiyoophiyaa akka jedhu taasisuudha. Kanaaf seenaa Oromoo seeneessa qeenxee akka ta’e waggoota 8 darban lallabaa ba’aan.

5. Kaayyoon kun gangalataa kan dhufe fi akeeka Hayyoota Habashaa ture. Oromiyaa bakka jahatti qoqqooduu fi gara bulchiinsa teessuma lafaatti jijjiruu roadmap kana kan qopheessaa ture Hayyoota Amaaraadha. Fkn: Dr. Siisaay Mangistee barsiisaa Yuunvarsiitii Finfinnee kan ta’e waggaa sadii dura yaada kana Mootummaa gorsaa ture. Lidatuu Ayyaaleew barruu dheeraa Oromiyaa bakka jahatti cicciran qopheessee ture. Dr. Daanyaachaw Asaffaa barsiisaa Yuunvarsiitii Finfinnee, Dr. Yoonaas Birruu, Andaargaachoo Tsiggee, Dr.Biraanuu Naggaa fi Diyaaqoon Daani’eel Kibarat dabalatee seeneessa Oromoo jijjiiruu fi Oromiyaa bakka jahaatti qoqqooduu Yaada gorsaa mootummaaf kennaa warra turan keessaa tarree duraa irratti argamu.

6. Yaaddoo fi Shakkiin Oromoon Mootummaa PP Irraa qabaachaa tures kanuma ture. Sirna Ahidaawwii ijaaruu barbaada, seeneessa fi shaakala sirnoota durii faarsuu fi dhaadhessuu irratti baldhinaan hojjatamaa turame. Gootoota Oromoo Oromiyaa deebisanii ijaaruu fi Oromoo akka sabaatti deebisanii waaltessuuf aarsaa kaffalan caalaa,gootoota bara Miniliik Adwaa duulan jedhamu afarsuu fi siidaalee Milnikiik, H/Sillaaseefaa deebisanii haaromsuu irratti hojjatamaa turame. Faallaa kanaa ammoo Siidaalee Calanqoo fi Aanolee seeneessa sobaa fakkeessanii barsiisuu irratti Hojii godhatanii bobba’aa turan. Yaaddoon Oromoon Mootummaa kanarraa qabaatee,qabsoo hidhannoo bifa baldhaa ta’een gaggeessaa kan jirufis sababa Mootummaan PP waan Oromoon dhiigaa fi aarsaa lubbuun argate,duubatti deebisuuf waan yaalamaa jiruufidha.

7. Mootummaan PP Mootummaa yeroo eeggataa fi ummata Oromoo dagachiisaa akka jiru mallattooleen agarsiisan hedduudha. Heera mootummaa, Federation sabootaa, mirga sabaaf sablammootaa fi ummataa akkasumas mirga waloo dabalatee akka Itiyoophiyaa keessaa sududaan balleessuuf deemu adeemsa hanga yoonaa dhufe irraa hubachuun ni danda’ama. gaaffii Finfinnee dabalatee Oromoo harkaa buusuuf, caaseffamni haaraa Gola jedhuun bahe kun, Oromoo Naannoo adda addaan Mootummaa ijaaraniif wal dura dhaabuun ,dhimmoota waloo irratti akka waliin hin dhaabanne gochuudha. Tokkummaa fi Gamtaa Oromoo diiguuf kan dhufe Gola jedhama.

Oromooo! Qoqqoodinsa PP dhiigaf lafee keetin aangotti ol baatee wal si wallaalchiftee, wal si nyaachisuuf lallabaa jirtu kana dura dhaabbachuuf bakka jirtuu ka'i, hidhannoon hiree kee murteeffadhuun dhaamsa isa dhumaati! Hireen Oromoo birmadummaa Oromiyaa keessatti qofa argamti, birmadummaan Oromiyaa ammoo harka Oromoo jirti, kanaaf dammaqi!

Gandummaa ABOn Balleesse, Abiy Ahmed Mootummaa Itti Tolchaa Jira              (Ibsa ABO-WBO)Sabonttonni Oromoo bara qabs...
01/10/2026

Gandummaa ABOn Balleesse, Abiy Ahmed Mootummaa Itti Tolchaa Jira
(Ibsa ABO-WBO)

Sabonttonni Oromoo bara qabsoo qindaa’aa eegalan irraa kaasee hojiin siyaasaa ijoon itti milkaahan tokko Oromoo sirnoonni gita bittaa lagaa fi gandaan qoqqooddanii facaasan, deebisanii saba tokko gochuu danda’uu isaaniiti. Bara 1991, hanqina isaa waliin, daangaan Oromiyaa yeroo sararamu, Oromiyaan har’aa hundee tokkummaa Oromoo kan sabboontonni Oromoo ijaaran kana irra dhaabbate. Afaan Oromoo fi Dhaloonni Qubees hundee kana irraa dagaagan.

Namni dhiiga Dhaloota Qubeen aangootti bahe Abiy Ahmed, duulli inni jalqaba eegale hundee tokkummaa Oromoo, Oromummaa fi Oromiyaa irratti ta’uu hunduu ni yaadata. Karoorri Oromiyaa yeroo gabaabaa keessatti diiganii bittinsuu kun diddaa Waraanni Bilisummaa Oromoo bara 2018 irraa kaasee taasiseen hojiitti seensisuun dadhabame. Bara 2020 irraa kaasee immoo waraanni kaabaa itti dabalamee, utubaaleen aagoo Abiy Ahmed kan waraanaa, dinadgee fi haariiroon alaa laamsha’uu isaaniin, karoorri Oromiyaa bittinsuu kun fuulduratti dhiibame. Ji’oota muraasa dura, Abiy Ahmed ajandaa Oromiyaa bittinsuu kana maqaa “gola” jedhuun as baase. Har’ammoo, yeroo qalbiin Oromoo waraana dhihoo babbal’ateen qabamee jira jedhee amanetti Oromiyaa golaan cicciruun ifatti akka labsamu taasisee jira.

Kaayyoon caasaa golaa, kan amma godina jedhamee, ifa. Jalqaba Oromoo Gandaan sararuu dha. Sun labsii dhihoo Shimalis Abdiisaa akka baasu ajajameen rawwateera. Kan itti aanu Jala-kaattota gandoota jaha kana bulchuuf ramadaman “aangessine” jechuun, namoota golaa fi gandaan caasaa ofii jalatti sassaabanii akka wal ijaaran gochuu dha. Sana booda Oromoon golaan fi gandaan wal morkachaa gara naannoo of danda’eetti akka adda bittinaahu karaa mijeessuu dha. Gabaabumatti, Abiy Ahmed gandummaa Qabsooon Oromoo irra aanee as gahe, qotee as baasuun caasaa mootummaa itti horee, bajeta itti ramadee, waraana itti ijaaree guddisuun, Oromoo adda facaasuu ifatti rawwachaa jira.

Labsiin kun yeroo guutummaatti hojiitti seenu, mo’icha Qabsoon Bilisummmaa Oromoo waggoota jahataman darban argate hundumaa duubatti deebisa. Abiy Ahmed diina Oromoo, Oromummaafi Oromiyaati kan jennu kanaafi. Oromiyaa dhiigaan ijaarre, dhiigaan tikfanna! Ilmaan Oromoo dhimmi kun hunda keenya waan ilaallatuuf lafa jirtan hunda irraa caasaa ofii qabdaniifi kallattii Waraanni Bilisummaa Oromoo kaahuun hojii diigumsaa kana dura tokkummaan akka dhaabbannu dhaamsa keenya dabarsina.

Ajaja Olaanaa ABO-WBO
Fulbaana 30, 2026

Qabsooytuu qabsoo Bilisummaa Oromoo art. Ilfinesh Qannoo du’aan Addunyaa kana irraa boqatte.Ilfinesh Qannoo qabsoo Oromo...
07/09/2026

Qabsooytuu qabsoo Bilisummaa Oromoo art. Ilfinesh Qannoo du’aan Addunyaa kana irraa boqatte.

Ilfinesh Qannoo qabsoo Oromoo keessatti dubartii qooda guddaa qabduu fi sirboota warraaqsaatiin beekkaamtuudha.

Godina Wallaggaa Bahaa naannoo magaalaa Naqamtee bakka Sibuu Guutoo jedhamtu kan dhalatte Aartisti Ilfinash Qannoo bara 1969 ALI tti qabsootti makamte.

Gootittiin qabsoo Oromootiin beekkamtuu fi sirboota warraaqsaatiin gurri fagaatte art. Ilfinesh Qannoo du'aan Addunyaa tana irraa boqatte jirti.

Maatii, firoottan fi ummata Oromoo hundaaf jajjabinna hawwina.

04/08/2026

Seenessa Goota-Gantuu Qabsoo Oromoo keessatti

Tibbana Abiy Ahmad shoora Minilikiifi Goobana Daacee ijaarsa Itoophiyaa ammayyaa keessatti taphatan kaasuun isaa, atakaaroon Goobana walqabatee siyaasaa Oromoo keessatti yeroo yeroon ka'aa ture haaraatti bulluuqseera. Wixinee barreeffama qabsoo sabaa keessatti shoora seenessi gootaa-gantuu (hero-villian narrative) qabu irraatti qopheessee osoon xumuree hin maxxansin dhiise na yaadachiise. Wixineen sun gaafii eessumoo Merid Tullu dura naaf dhiheesseratti kan hundaaye ture.

Qabsoon ummanni cunqurfame tokko gita bittaa alagaa jalaa bahuuf taasisu martuu seenessa gootaa-gantuu qabaachuun dirqama. Akeekni seenessa gootaa-gantuu uumuu lammillee saba sanii biratti;
- Gocha sirriifi fokkuu(wrong and right) adda baasanii hubachiisuun, isa sirrii jedhame akka hordofan hamilchiisuun. Kun ammoo qabsaa'onni, isa goota jedhame akka fakkeenyaatti hordofuun aarsaaf of akka qopheeessan, isa gantuu jibbanii faana isaa hordofuu akka lagatan dandeeessisa.

- Waldura dhaabbannaa 'mooraa qabsoo' fi mooraa diinaa jiddutti godhamtutti, kan gamas gore busheessuun kan as gore dhaadhessuun, dhiibaa xiinsammuufi hawaasummaatiin gamas goruu hirdhisuuf.
- Seenessa mooraa cunqursitootaa faallessu uumuun, kan sirnichi leellisu busheessaa kan inni abaaru leellisuun, hawaasni gama keetii olola gamasiin akka hin hawwatamne danqaa uumuudhaafi.

Kunneen sababoota ijoo seenessi gootaa-gantuu kalaqamuuf yoo ta'u, mooraan qabsoo ummata kamiituu keessatti waan hojiirra ooluudha. Qabsoon Oromoos gaafuma dhalaturraa seenessa kana kalaqachuun dirqama ture.

Seenessi gootaa-gantuu qaama seenessa waliigalaa(grand narrative) qabsoo bilisummaa ummata cunqurafameeti. Seenessi waliigalaa waan gurguddoo sadi hammata. Kaleessa akkam turre, har’a maaltu nu mudate, boru maal hawwinaa dha. Jechuunis kaleessa ummata bilisaafi kabajamaa turre(glorious past), amma shira alagaan cabnee mirga namummaafi abbaa biyyummaa dhabne(degraded present) fi boru ammoo qabsoo waloo har’a geggeessinuun guddummaa keenya kaleessaa san caalu deeffannee gonfannaadha(utopian future).

Maarree seenissi waliigalaa guddinni saba sanii kan kaleessaa sun maalifi eenyuun cabeefi, salphina hardhaa muddanne gaafii jettuuf deebii kennuun eegala. Sababa cabaa saniif, jabina alagaa qofa akka sababaatti dhiheessuun gahaa miti. Shiraafi laafinni keessoo qaawwa akka banes akeekuu qaba. Kanaafuu diina alaatiif fuula nama tokkoofi maqaa sirnaa laatu, warra keessoon qaawwa banes gantuutti moggaasee abaaruu qaba. Dabalataanis, seenessii waliigalaa qabsoo sabaa, cabni sun yoom akka raawwatame akeekuun eegala.

Haaluma kanaan, wixineessitoonni(framers) qabsoo Oromoo, daangaan baraa guddina kaleessaafi caba har’aa saba Oromoo, weerara Minilik akka ta’etti kaayan. Kanarraa ka’uun, weeraraafi cunqusaa humna alagaatiif Minilik fuula(face of the external enemy) taasisan. Warra keessoon qaawwa banan ( internal collaborators), ammoo namoota gaafa Minilik kutaalee biyya Oromoo garagaraatiin walwaraanu, gara isaa goran adda baafachuun gantummaa(personification of villain) taasisuu eegalan.

Wanti hubatamuu qabu, namoonni booda seenessa gantummaatiif maqaa isaanii sadarkaa qabsoo sabaatti kaafamee balballoomfame, qabsoon Oromoo bifa waltayaan eegaluu durattuu gosaafi qe’ee isaanii keessatti abaaramaa kan turaniidha. Gosti/ teessumti lafa Minilikiin wal loltee,miseensi ishii ‘gantuu’ hin ta’in hin jiru. Sadarkaa qabsoo sabaatti namoota maqaan tuqamu keessaa Qadiidaa Wandabee, Tukee Maammee, Alii Galmoo faan eeruu dandeenya. Gabaabumatti Goobanaa Daacicee warra gara Minilik goree warra ofiitin lole keessaa tokko malee, qofaa isaatii miti jechumaafi.

Namoota lola Minilik waliin godhame keessatti, gosa ofii dhiisanii garas goran keessaa Goobanni maalif adda durummaan tuqama? Sababa lamatu jira. Kan duraa ‘gantoota’ bara sanaa keessatti, Minilikiif tumsa olaanaa, humna Oromoo cabsuu keessatti ammoo balaa hundarra guddaa kan taasisedha. Dabalataanis, mootummaa san keessatti aangoofi beekkamtii olaanaa kan argate waan ta’eefi.

Sababni lammataa ammoo seenessi gootaa-gantuu bifa salphaatti lammiileef galuun dhiyaachuu waan qabuuf, gantoota heddu tarreessurra, tokko(guddicha) keessaa fuudhanii akka bakka bu’aatti dhiyeessuun mijataa waan ta’eefiidha. Kanaafuu bu’ureessitoonni seenessa gootaa-gantuu qabsoo Oromoo, namoota Minilik faana hiriiran keessaa Goobanaa filachuun isaanii waan nama raajuu miti. Adaduma Goobanaa Daaccee bakka bu’aa seenessa gootaa-gantuu ta’ee dhiheeffamuun, Goobana jechuun maqaa nama tokkoo ta’uun hafee, hiikkaa gochaafi amala gantummaa ta’e. “Abalu ni goobane, akkas gochuun goobantummaadha” yoo jedhamu dhagayuu hin ooltan natti fakkaata. Gabaabumatti tura keessa Goobanni maqaa nama tokkoo ta'uun hafee seenessa of danda’e ta’e.

ATAKAAROO SEENESSA GOOBANAA

Qabsoo sabaa keessatti seenessi gootaa-gantuu akkuma qabsaa’ota hamilchiisuufi gantummaa hirdhisuun tokkummaa cimsuuf fayyadu, of eeggannoon godhamuu baannaan miidhaas ni qabaata. Qabsaa’onni yaadaan waldhabuu mannaa gantummaan walfarrajuun, hoggantoonni/ murnoonnis hojiin waldorgomuu irra maqaa walballeessuun waan jiruuf, taappellaa ‘gantuu’ jedhu san walitti maxxansu. Kun ammoo hiikaafi gatii guddaa seenessi gootaa-gantuun qabaachaa ture busheessaa deemuun, bu’ura hamileefi tokkummaa qabsaa’otaa mannaa, sababa qoqqoodamiinsaa ta’a.

Haaluma kanaan qabsoo Oromoo keessattis, ‘goobanummaan’ ture keessa akeeka jalqabaatiin addaatiif hojiira oolaa deemuun, madda atakaaroo ta’e qabsoo miite ta'e. Atakaaroon seenessa Goobanaa mooraa qabsoo teenyaa sababa garagaraa qaba.

Kanneen keessaa kan duraa, seenessa ‘goobantummaa’ kana hamma barbaachisuun caalaatti ( excessive and out of context) itti fayyadamuudha. Bara qabsoo barattoota yunivarsitiifi barii dhalachuu ABOtti nama/murna ilaalchuma adda ta’e xinnaa qabu goobantummaatti farrajuutu ture. Fakkeenyaaf warra MEISON fi ECHAT jidduu garaagarummaa ilaalchaa muraasa ta’us, Haylee Fidaatiin Goobana Diimaa ( Red Gobana) jedhanii farrajan. Kun wal madeessuufi waldiinomsuu hammeessee mooraa qabsoo itichuu hanqise.

Maddi atakaaroo seenessa Goobanaa kan lammataa, dhalachuu murnootaaafi gandummaatiin walqabata. Mufiifi ololli murnummaa akkuma hammaataa deemuun, goobantummaa dhalattoota Oromiyaa jiddu galeessaatti maxxansuun eegale ( haaluma walfakkaatuun “ilmaan Mishinarii kan dhalattota Lixa Oromiyaatiif kennamaa ture). Kun ammoo hiikkaafi akeeka seenessa gootaa-gantuu Goobanaa tan jalqaba nu fayyade san karaa dabsuun atakaaroo hanga ammaa deemuuf karaa saaqe.

Sababni sadaffaa seenessi Goobanaa atakaaroo uumeef ammoo qabsoon Oromoo boqonnaa haaraatti tarkaanfachuu ishiiti. Boqonnaalee qabsoo diddaa afran ( the resistance phases) duraa keessatti, Goobanaas ta’ee Oromoota Minilik waliin dhaabbatan akka gantutti dhiheessuun dirqama ture. Sababnis seenessi waligalaa(grand narrative) qabsoo keenyaa, sirna mootummaa Itoophiyaa kan alagoomsu waan tureefidha. Seenessi sun Itoophiyaan ijaaramuun cabuu Oromootiif akka sababaatti waan dhiheessuuf, namoota Minilikirra goruun humnoota Oromoo cabsanii, sirna mootumaa Itoophiyaa ijaaranis diinomsuu(disown) fi Oromoorraa fageessuu (distancing) barbaachisaa ture.

Seenessi Oromoota Minilikis ta’ee mootota sanii as waliin turan diinomsuu sun, gaafa boqonnaaleen diddaa sun injifannoon goolabamanii, aangoo sirna Itoophiyaa san harka keenya gale burjaajjii uume. Itoophiyaa erga dhuunfanne booda alagamsuu itti fufnee bulchuun hin danda’amu. Kanaafuu gaafa gita bittaa alagaa buqqaasuun cehuumsa siyaasaa eegallu, seenessa diddaa(resistance narrative) irraa gara seenessa bulchiinsaa(governing narrative) gochuun feesisa ture. Kanaafuu jala bultii injifannootirraa kaasee seenessa sirreeffachuun eegalame. Itoophiyaa haraam godhaa turre san halaal godhachuutti ceene.

Tooftaalee kana keessaa Oromoota mootota Itoophiyaa waliin hojjachaa turan tarreessuun, ijaarsa ishii keessatti shoora taphachaa waan turreef, bulchuufis dhugaa (legitimate claim) akka qabnu agarsiisuu qabna turre.

Geerarsoonni Haacaaluu Hundeessaa cehumsa seenessaa kana raawwachaa turan.
Cehumsa seenessa gootaa-gantuu taasifamu keessatti rakkoolee lamatu mudata. Kan duraa namoota alagaa irra goruun saba waraanuu isaaniitin, seenessa diddaa keessatti fuullee gantummaa taasifne san, barii injifannoo abaarsa gantummaa irraa kaafnee faaruu gootummaa itti roobsuun waldhiittaa(contradiction) seenessaaf nu saaxila. Gama tokkoon tokkummaafi sabboonummaa Oromoo seenessa diddaa irratti ijaarame san akka hapheefi gaaza siyaasa keenyaatti fayyadamuu itti fufuun milkaa'ina cehuumsaatiif dirqama.

Gama biraatin ammoo, Oromoota ijaarsa Itoophiyaa keessa turan san leellisuun, haqa qabeessummaa aangoo(legitimate claim to power) lafa qabsiisuuf barbaachisa ture.
Kanaafuu siyaasa keenya keessatti waldhiitinsi seenessaa hamaan akka hin uumamneef cehumsa dhawaataa gochuun barbaachisaadha. Tooftaa kana keessaa Oromoota mootota Itoophiyaa waliin hiriiranii hawaasaafi siyaasa qabsoo Oromoo keessatti maqaan hamtuun hin kaane leellisaa, kan ifatti gantummaatti abaaraman garuu tursiisuudha. Haacaluun shoora gootonni Oromoo lola Adawaa keessatti taphatan geerrarsaan yeroo seenessu, Gabayyoo Gurmuu, Qusee Diingadee, kkf leellisee Goobanaa keessaa yoo dhiisu sababa malee hin turre.

Rakkoon cehumsa seenessa diddaa irraa gara seenessa bulchiinsaa godhamu mudatu kan biraa, akkataa namoonni siyaasa qabsoo keessatti gootummaan leellifaman, boqonnaa haaraa keessatti itti dhihaachuu qabaniidha. Namoonni seenessa diddaa keessatti mallattoo gootummaa turan, warra qabsoo farra sirnaati geggeessaa turaniidha. Sirna biyyaa san ammoo goolabbii boqonnaa qabsoo diddaa keessatti aangoo dhuunfanne itti gaafatamummaa tiksuu fudhanee jirra. Gara tokkoon, Oromoota Itoophiyaa ijaaruu keessatti shoora qaban leellisuun sirna san too’achuufi tiksuuf dhugaa qabna jechaa, gama biraan ammoo Oromoota sirnichuma san diiguuf falmaa turan leellisuun waldhahiinsa seenessaa biroof nu saaxila sodaa jedhutu ture.

Kanarraa ka’uun namoota seenessa qabsoo Oromoo keessatti akka gootaatti leellifaman keessaa, kanneen akka farra sirnaa hamootti farrajamaa hin turre dhaadheessa, kanneen ijjannoo cimaa qabaachaa turan moggatti dhiibuun akka tooftaatti fudhatame. Sababni Bilxiginnaan Haylee Fidaa faarsitee Baaroo lash gootuuf, Taaddasaa Birruuf siidaa dhaabdee Maammoo Mazmir irraanfachuu filattuufis kanuma. Seenessa mootummaan Itoophiyaa qabsoo Oromoo irratti dhiheessaa ture keessatti Taadasaa Birruufi Haylee Fidaa akka waan Maammoo Mazammiriifi Baarorra ijjannoo lash jedhu(moderate) qabuutti kaayamaa waan tureefiidha.

Rakkoon cehumsa seenessaa kun qabsoo Oromoo qofa osoo hin taane kan Tigrees mudatee ture. Seenessi bara qabsoo isaanii namoota Tigree mootota Itoophiyaa waliin tumsan akka gantootaatti ilaala ture. Erga angoo qabatanii booda, mootii Yohaannis dabalatee Alulaa Abbaa Naggaafi kanneen biroos akka goototaatti maqaa isaanii faarsuun(rehabilitate), ijaarsa Itoophiyaa keessatti abboonni keenya shoora qabaachaa waan turaniif, nutis har'a bulchuuf haqa qabeessadha seenessa jedhu kaayatan.

Hamma tokko itti milkaayanis, waldhiittaan seenessa gootaa-gantuu bara qabsoofi seenessa bara bulchiinsaa isaanii osoo guututti hin furamin angorraa bu’an.
Walumaagalatti hojiin seenessa qabsoo ijaaruu caalaa kan gara bulchiinsaa ceesisuutu xaxamaadha. Gaafa seenessa diddaa ijaartu, daangaa gootaafi gantuu sararuun hedduu hin ulfaatu. Sababnis eenyu gara alagaa akka goreefi eenyu akka alagaa dura dhaabbate ifa waan ta’eef. Cehuumsa gara seenessa bulchiinsa godhamu keessatti garuu, namicha kaleessa akka gantutti dhiheessaa turteefi gocha isaa fakkeenya gantummaa taasiftee dhiheessite, haqaaraa biraa itti tolchitee bifa gaaromminaatiin dhiheessuu barbaachisaa ta'uu mala. Bara qabsoo hammeenya raawwatame ol baaftee muldhifta, gaafa cehumsa eegaltu immoo, toltuu xixinnoos taatu suur-guddiftuun( magnifier) ol baaftee muldhifta.

Adeemsa cehumsaa kana keessatti, seeenessa bulchiinsaa haaraya ijaara jettee jarjartee seenessa qabsoo gaafasiin si gahe akka of jalaa hin diigne of eeggannoo cimaa feesisa. Gaaga’ama siyaasaa sirna bulchiinsa Abiy Ahmad mudate keessaa tokko dogongora cehuumsa seenessaa irratti raawwatamee dha. Osoo seenessa bulchiinsaa haaraa lafa hin qabachiisiin, seenessa qabsoo Oromoo diiguuf yaaliin godhe lachuu hanqise. Duulli seenessa qabsoo Oromoo busheessuuf godhame, dallansuu uumuun, mooraan siyaasa Oromoo seenessa diddaatti akka deebitu taasise. Kun ammoo gaaza siyaasaa angoo cimsachuufi tasgabbeessuuf barbaachisu dhabsiise. Angoo cimsachuuf tasgabbii mirkaneessuu dhabuun ammoo seenessa bulchiinsaa lafa qabsiisuu dhoorge. Waggoota afran dabre seenessa diddaafi seenessa sirnaa jidduu jaatanaayuun agarrus mallattoo gaaga’ama seenessaa (crisis of narrative) akka ta’e hubatamuu qaba.

Gorsi ani qabsaa’otaafi hayyoota keenyaaf qabu dubbii cehumsa seenessaa kana qorannaa gahaafi marii gadi fagoon bilcheessaa of eeggannoon hojitti hiikuu qabna kan jedhuudha. Yennaa murni Oromoo aangoo qabatee jirutti seenessa diddaafi farra sirnaa ( anti-state) qofarratti xiyyeeffachuun, akka gaafa murna alagaa irratti qabsoofnuu san hedduu hin tarkaanfachiisu. Bifuma walfakkaatuun, aangoo sirnaa dhuunfanne jennee, osoo seenessa bulchiinsaa sirritti lafa hin qabsiisiin, seenessa qabsoo diiguuf yaaluun, atakaaroofi waldhiitinsa seenessaa mooraa ofitti dhoosuun humna of buusuudha. Kanaafuu tarsiimoofi raawwii cehumsa seenessaa dhawaataan hojitti hiikamuu barbaachisa.

Barruu kana keessatti wanniin jechuu fedhe, seenessa gootaa-gantuu Goobanaan walqabatee dhihaatus of eeggannoon qabuun barbaachisaadha. Sadarkaa amma irra jirutti, seenessa diddaa kan Goobana abaarus lash godhaa, kan isa faarsus itti jarjaruurraa of qusachuun gaariidha! Akkuma jalqaba barruu kanaatti kaayame, qabsoo Oromoo keessatti Goobanni seenessa malee nama dhuunfaa miti. Goobanni namicha dheeraa dhalataa Tuulamaa sana miti. Goobanni yaada seenessa gootaa-gantuu bu’eerreessitoonni seenessa qabsoo Oromoo kalaqanii, qabsoo’anni isaan boodaan dhufan sammuu ummataa keessatti habaqalchaniidha. Seenessa san keessatti bara Minilik irraa kaase hamma Mallasaatti dhalattonni Oromoo mootummoota Itoophiyaa cinaan hiriiranii cunqursaa saba isaanii keessatti hirmaatan cufti goobantoota. Namoota seenessi qabsoo Oromoo goobanoomse kana, seenessa bulchiisaaf fayyada jennee leellisuu yoo feene, haalaafi bifa diigumsa hin uumneen ta’uu mirkaneeffachuu qabna.
Ammaaf kanuman jedha.
Oromoofi Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen ni walaboomti!

Address

Hachalu Street
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Geda News Service posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Geda News Service:

Shortcuts

Share