Oriental Truth Network - OTN+

Oriental Truth Network - OTN+ Stands for
+Oriental Orthodoxy

Aangoo olaana amana kiristaanaa amma heyyama waaqayyootiin argameen, hoji adeemsisaa mana lubummaa waliigalaa eebbifamoo...
24/05/2025

Aangoo olaana amana kiristaanaa amma heyyama waaqayyootiin argameen, hoji adeemsisaa mana lubummaa waliigalaa eebbifamoo abbaa Saawiroos hojiiwwan jajjaboo kurnan kanaa gadii kana ni raawwatu jedhamee eegama. Sababoota hedduudhan qabxiiwwan kana kurnan galmaan gahuuf abboota kaan caalaa itti milkaa’uu kan danda’an isaani.
1. Abboota sinodoosii Oromiyaa muudamanii turan shaniif furmaata ni barbaadu:- kutaalee lallaba wallaggaa afran dabalatee kutaa lallaba Bedelletti kan muudamanii turanii fi aangoo phaaphaasummaa isaan kennaniin cichanii turaniif amma kallattii kamiinuu furmaata kennuudhan kutaa lallaba isaanii dhaqqabsiisuudhaaf carraa bal’aa qabu
2. Abboota naannoo Tigraay warra mana lubummaa Abbaa Salaamaa ijaarratan abboota sinodosii as jiran waliin walitti fiduuf carraa qabu. Abbootnikana dura aangorra turan ilaalcha gaarii warra sanaaf waan hin qabneef sinodsoo mataa isanaii ijaarrachuuf kophaatti adda bahuu filataniiru. Eeebbifamoo Abbaa Saawiros garuu jara waliin dubbachuuf filatamoodha.
3. Waldaalee Afuurawaa Afaan Oromootiin hundaa’anii deebi’anii wal takaalaa jiran gara tokkummaatti fiduudhaf carraa argatu. Akkuma waltajji heddu irratti dubbachaa turan waldaalee Afaan Oromootin socho’an gara waldaa Duuka bu’ootaatti deebisuudhaan waldaa jabaa akka biyyattiitti isaan gargaaru qabaachuuf carraa bal’aa qabu
4. Oromiyaa keessatti sirni galatoo Afaan oromoo akka hojiirra oolu gochuudhaaf carraa gaarii qabu
5. Ramaddii humna nama asirreessuu keessatti, hayyoota mana kiristaanaa osoo waan baay’ee hojjechuu danda’an, garuu sababa ejjannoo siaaniitiin ramaddiin ala ta’an gara ramaddii isaaniif malu argachuutti deebisuudhaf carraa gaarii qabu,kutannoos qabu
6. Yuunivarsiitii afuurawaa guddaan tokko, kan Afaan sabaa fi sablammootaatiin leenjii gahaa leenjisee yoo xiqqaate sadarkaa digiriitiin eebbisiisee baasu akka dabalataan hundeeffamu gochuuf carraa bal’aa ni qabaatu.
7. Kitaaboleen dogongora hedduudhan guutaman akka soroorfaman, haaluma yaa’ii yaadannoo Niiqiyaa irartti waliigalameen hatattamaan sororfamanii akka maxxanan gochuuf carraa bal’aa ni qabaatu
8. Galiin mana kiristaanaa giddu galeessummaadhan walitti qabamee madda tokkorraa bajatni akka bajatamuu fi manneen kiristaanaa baadiyyaa deeggarsa gahaa akka argatan gochuudhaf carraa bal’aa qabu.
9. Wantoota mana kiristaanaa bakak hin buune fi madda falmii kan ta’an kan akka baandiraa fi namoota hojii xinqolaatiin mana kiristaanaatti maxxananii maqaa mana kiristaana axureessisan qulqulleessudhaaf carraa gahaa qabu.
10. Waa’ee miidhama mana kiristaanaa naannolee gara garaa irratti qaama mootummaas ta’ee qaama kam waliinuu mari’atanii furmaata argamsiisuudhaaf carraa bal’aa ni qabaatu.
Walumaa galatti bulchiinsa haaraa, humna haaraa, yaada haaraadhaan mana kiristaanaa akka tajaajilan hundumti keenya kadhannaa keenyan haa yaadannu. Seenaa kana dura hojjetan caalaa kanaa chi qabxiilee kanaa ol jiran milkeessinaan laphee amantootaa keessa siidaa kaawwatu, galmee samii irrattis yaadatamoodha.
Inistitiyuutii Qo’annoo Ortodooksii

Baga gammaddan eebbifamoo Abune Saawiros, leencichi abbaa seenaa hedduu kunoo hoji gaggeessaa mana lubummaa ta'uun filam...
24/05/2025

Baga gammaddan eebbifamoo Abune Saawiros, leencichi abbaa seenaa hedduu kunoo hoji gaggeessaa mana lubummaa ta'uun filaman. Bara hojii gaarii

Waldaan Qulqullootaa sagantaa bilbilaan gaaffii amantaa kamuu amantoonni gaafatanii deebii itti argatan kan "Haloo Barsi...
17/05/2025

Waldaan Qulqullootaa sagantaa bilbilaan gaaffii amantaa kamuu amantoonni gaafatanii deebii itti argatan kan "Haloo Barsiisaa" jedhamu eegale.

Gaaffii:Eebbifamoo Abbaa Gabri'eel hangafti phaaphaasii Shawaa Lixaa, yaa'ii sinodoosii amma adeemsifamaa jiru kana irra...
17/05/2025

Gaaffii:
Eebbifamoo Abbaa Gabri'eel hangafti phaaphaasii Shawaa Lixaa, yaa'ii sinodoosii amma adeemsifamaa jiru kana irratti hirmaachaa jiru moo hin jiran?

Barsiisaa Geetamasaay Tonkoluu fi barsiisaa Haylemikaa'el Taaddasaa mana hidhaa Buraayyutti hidhamanii argamu. Hanga yoo...
17/05/2025

Barsiisaa Geetamasaay Tonkoluu fi barsiisaa Haylemikaa'el Taaddasaa mana hidhaa Buraayyutti hidhamanii argamu. Hanga yoonaa mana murtiitti akka hin dhiyaanne barameera.

BreakingEebbifamoo Abbaa Ewosxaatewoos Dr....loading
17/05/2025

Breaking
Eebbifamoo Abbaa Ewosxaatewoos Dr....loading

Dn Abaayinee Kaasee fi fakkaattonni isaa eebbifamoo Abbaa Saawiroos irratti duula sanyummaa eegalaniiru. Hin milkaa'an m...
17/05/2025

Dn Abaayinee Kaasee fi fakkaattonni isaa eebbifamoo Abbaa Saawiroos irratti duula sanyummaa eegalaniiru. Hin milkaa'an malee. Eebbifamoo abbaa Saawiroos hojii kamuu itti gaafatamummaa olaanaadhaan ni bahu.

WDB bira qoosan hin jiru misbaakiin iyyuu Afaan Oromoo ture.
17/11/2024

WDB bira qoosan hin jiru misbaakiin iyyuu Afaan Oromoo ture.

Breaking newsEebbifamoo Abbaa Saawiroos Waldaalen Afuurawaa Afaan Oromootiin tajaajilan Waldaa Duuka Bu'ootaatti makamuu...
17/11/2024

Breaking news
Eebbifamoo Abbaa Saawiroos Waldaalen Afuurawaa Afaan Oromootiin tajaajilan Waldaa Duuka Bu'ootaatti makamuudhan akka tajaajilanii fi biyya kana keessatti waldaa guddaa tajaajila olaanaa raawwatu akka ijaaran waamicha dhiyeessan. Abune Saawiroos erga kana har'a ifatti kan dubbatan uummata duratti sagantaa kabaja ayyaana hundeeffama WDB waggaa 13ffaa irratti.

Luba Balaayi di Irreecha
06/10/2024

Luba Balaayi di Irreecha

Address

Birbirsa Gooroo
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oriental Truth Network - OTN+ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share