Oriental Truth Network - OTN+

Oriental Truth Network - OTN+ Stands for
+Oriental Orthodoxy

Waan gaarii
29/01/2026

Waan gaarii

Maqaa Waaqayyootiin akkam jirtu irra deebiidhaanis baga geessan jechaa Bitootessa 20 bara 2018 Sagantaa addaa sagantaa galateeffannaa fi beekkamtii hojii fi dadhabbii Tesfa Studio waggoota darbaniif of kennee raawwachaa tureef guyyaa beekkamtii itti kenninuu, jaalala keenya ibsinuu fi gara fuula duraattis akka caalaatti cimee hojjetu deeggarsa keenya itti taasifnuudha. Guyyaa kana sagantaan afuurawaa bal'aan Finfinneetti ni gaggeeffama. Sagantaan kun akaakuu isaatiin seenaa tajaajila Afaan Oromoo keessatti kan jalqabaa ta'a jennee amanna. Namni Kaameeraan Tasfaa hin argatin eenyu? Maarree gamanumaa guyyaa kana argamuudhaaf sagantaa keessan akka sirreessitan dursinee isin beeksisaa affeeramuu qofa osoo hin taane hiriyoota keessan affeertanii argamuudhaaf akka of qopheessitan gamanumaa maqaa Waaqayyootiin waamicha dhiyeessina. Haala sagantichaa koreen hundaa'ee hojii eegale waan jiruuf gara fuula duraatti bal'inaan ni beeksifna.
Koree Qindeessituu Sagantaa beekkamtii kanaa.
Jireenyatti wal faana dhaabanna, jaalala keenyas walitti agarsiifna.

24/01/2026

Ayyaana cuupha bara kanaa wantoota adda taasisan keessaa tokko viidiyoo kana jennee yaadna. Viidiyoon sakandii muraasa qabu kun tiktookii irratti kan qoodame akakwuntii Koricho Bedhaasoo jedhamuun ennaa ta'u, guyyaa Kataraatti qeesiin tokkoofi diyaaqoniin tokko qofti yeroo taabota baasan kan agarsiisudha. Namoonni qubaan lakka'aman muraasni ammoo duuba ni jiru. Tarii namoota 10 hin caalan ta'a.

Wanti nama ajaa'ibsiisu ammoo Taabonni kun kan argamu iddoo baay'ee fagoo ta'e osoo hin taane asuma Magaalaa Finfinneetti baay'ee dhiyoo ta'uu isaati. Taabonni kun kan argamu aanaa Liiban Cuqqaalaa (miila kawaala tulluu cuqqaalaa gaditti) ganda Muummee Kosoroo jedhamu, iddoo addaa Handoodee jedhamuttidha. Bataskanaichis maqaa qulqulluu Giyoorgisiitiin kan mogga'edha. Kuni akka fakkeeyatti miidiyaa irra bahe malee aanaa kana keessa manneen kiristaanaa cufamanii jiran hedduudha. Sababni inni guddaan ammoo hanqina qabeenyaa osoo hin taane hanqina namni afaan uummanni dhagahuun sagalee Waaqayyoo barsiisu dhabamuu isaati. Dhugaa kana sirriitti waliif qoodnee furmaata itti barbaaduu qabna. Waldaan Duuka Bu'ootaa manneen kiristaanaa kana dhaqqabuuf carraaqqii taasisaa akka jiru odeeffannoon jira. Ta'us garuu kun xiyyeeffannoo bulchiinsa mana kiristaanaa olaanoo kan ilaallatudha.

BreakingDuulli Waldaa Duuka Bu'ootaa irratti fufee jira. Waldichi Oromummaa leellisa jechuudhan qeeqameera. Odeeffannoo ...
24/12/2025

Breaking
Duulli Waldaa Duuka Bu'ootaa irratti fufee jira. Waldichi Oromummaa leellisa jechuudhan qeeqameera. Odeeffannoo haaraanis argameera. Waldichi kan hundeeffame Finfinnee osoo hin taane shawaa Kibba Lixaatti kan jedhu odeeffannoo haaraan argameera. Akkasuma eebbifamoo Abbaa Heenok beekkamtii waldichaa haqani kan turan ta'uusaa ibsa sa'aa tokko fudhateen qasis Efreem Isheete miidiyaa adababayi irratti dhiyeessaniiru. Loogoon waldichas Alaabaa Oromiyaa ta'uu isaa ifoomsanii jiru. Guutumaa guututti waldichi waldaa siyaasa Oromootin akka wal fakkaatu ibsaniiru. Maaltu itti aana laata?

Luba Misgaanuu Aagasaa, Abbaa Kasoominaa.Guyyaa Kaleessa sagantaa adda ta'een kitaabota Afaan Oromoo 4 guyyaa tokkotti e...
22/12/2025

Luba Misgaanuu Aagasaa, Abbaa Kasoominaa.
Guyyaa Kaleessa sagantaa adda ta'een kitaabota Afaan Oromoo 4 guyyaa tokkotti eebbisiisanii jiru. Kitaabota 20 ol ta'u erga barreessanii booddee yeroo jalqabaaf kitaabota eebbisiisuu isaaniti. Uummanis jaalala isaanif qabu haala nama dinqisiisuun kitaabota isaanii qarshii gurguddaadhan bituudhaan jaalala ibseefii jira. Gidduu kana duulli arrabsoo irratti gaggeeffamaa ture. Baga injifattan, umurii dheeraa jiraadhaa. (Suuraan kan kalleessaa miti, kan duraaniti)

Doftor Araggaa Abaataa namni jedhamu waa'ee WDB dheengadduma akka dhagahe ibsee kana booda waldicha abaxxaruun barbaada ...
20/12/2025

Doftor Araggaa Abaataa namni jedhamu waa'ee WDB dheengadduma akka dhagahe ibsee kana booda waldicha abaxxaruun barbaada jedhee dhaadateera. Milkaa'afii laata? Namoota jibba Oromoon guutaman keessaa tokko nama kana.

Manni kiristaanaa Dr Abiyyiif ni kadhatti jechuu isaanitti eebbifamoo Abbaa Saawiros irratti duula guddaatu deemaa jira....
20/12/2025

Manni kiristaanaa Dr Abiyyiif ni kadhatti jechuu isaanitti eebbifamoo Abbaa Saawiros irratti duula guddaatu deemaa jira. Garuu jechi isaanii kun rakkina hin qabu. Kadhata mana kiristaanaa keessatti mootota biyya bulchaniif yeroo hunduma ni kadhatama. Kan kadhatamuuf ammoo kiristaana waan ta'aniif qofa osoo hin taane akka biyyi nagaa taatuufi. Isin maal jettu?

20/12/2025

Carraan WDB akka MLO fi Sinodoosii Oromiyaa ta'a moo injifannoodhan ce'a laata?

BreakingMiidiyaan Addabaabaayii dhiifama gaafate. Jarjaree suuraa luba Badhaasaa fayyadamee ture. Jibbaaf garmalee mudda...
18/12/2025

Breaking
Miidiyaan Addabaabaayii dhiifama gaafate. Jarjaree suuraa luba Badhaasaa fayyadamee ture. Jibbaaf garmalee muddamee ture.

Balaaleffannaan Waldaa Duuka Bu'ootaa irratti barsiisota bebbeekamoodhan itti fufee jira. Barsiisa simur Waldaan harka d...
18/12/2025

Balaaleffannaan Waldaa Duuka Bu'ootaa irratti barsiisota bebbeekamoodhan itti fufee jira. Barsiisa simur Waldaan harka du'aa hanga Arsiitti diriire jechudhan waldicha hadheeffatee komateera

Barsiisaa beekamoon Waldaa Qulqullootaa barsiisaa Birihaanuu Adimaas phaaphaasonni Waldaa Duuka Bu'ootaa deeggaran akka ...
18/12/2025

Barsiisaa beekamoon Waldaa Qulqullootaa barsiisaa Birihaanuu Adimaas phaaphaasonni Waldaa Duuka Bu'ootaa deeggaran akka gaabbii(qalbii jijjiirrannaa) galan waamicha dhiyeessan. Barsiisan kun tajaajila WDB komatanii jiru

Baay'ee nama gaddisiisaErgaan baay'ee jibbisiisaa ta'e miidiyaa Addabaay jedhamu kanaan darbeera.Waldaa duuka bu'ootaa f...
18/12/2025

Baay'ee nama gaddisiisa
Ergaan baay'ee jibbisiisaa ta'e miidiyaa Addabaay jedhamu kanaan darbeera.
Waldaa duuka bu'ootaa fi ajjeechaa Arsii wal qabsiisaniiru
Abboota Horro Guduruutti akka ajjeefamaniif odeeffannoo kan kennan jedhame suuraa Luba Badhaasaa Tolaa fayyadamaniiru
Walumaa galatti Waldaa Duuka Bu'ootaa irratti jibbii fi ololli sobaa guddaan qindaa'an labsamaa jira

Kaayyoon ergaa kana hunduma maal akka ta'e beekamaadha. waldaa Duuka Bu'ootaa cufsiiisuu kan jedhudha

Address

Birbirsa Gooroo
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oriental Truth Network - OTN+ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share