Pheeni'el

Pheeni'el Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Pheeni'el, Digital creator, Addis Ababa.

Manni Maree   bara 2021 as   haleellaa amantii foowuun raawwatameen Kiristaanonni   432 ajjeefamuu ibse, hedduunis boqqa...
28/07/2026

Manni Maree bara 2021 as haleellaa amantii foowuun raawwatameen Kiristaanonni 432 ajjeefamuu ibse, hedduunis boqqa’an jedhe

Finfinnee, Adoolessa 28, 2026: Manni Maree Mirga Namoomaa Itoophiyaa, bara 2014 E.C. (2021/2022) irraa eegalee Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii Bahaa tti, haleellaa hidhattootaan raawwatameen yoo xiqqaate jiraattonni nagaan 432 fi miseensonni milishaa afur ajjeefamuu ibse. Dhaabbatichi gochawwan haleellaa xiyyeeffannoon raawwatamanii, ukkaamsanii butuun maallaqaa gaafachuufi dirqisiisanii buqqisuu, keessumaa hordoftoota Waldaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa irratti raawwatamaniiru jechuun ibseera.

Gabaasa Addaa isa 158ffa: bara 2014 E.C. irraa eegalee hanga Waxabajjii 01, 2026 (Waxabajjii 2018 E.C.) keessatti sarbama raawwatame ilaalchiseeManni Maree Mirga Namoomaa Itoophiyaa akka ibsetti, qorannoon isaa akka agarsiisutti gareen hidhattootaa aanoolee Arsii Bahaa hedduu keessa socho’an uummata Kiristaana Ortodoksii irratti “ajjeechaa, miidhaa qaamaa, butanii ukkaamsuu, dirqamaan buqqisuu, saamicha fi manca’insa qabeenyaa” raawwataniiru.

Odeessa guutuuf saanduqa yaadaa milladhaa

 'eel🙏🎇✅ Ayyaana fi Surraa Ayyaanicha🙏
27/07/2026

'eel🙏🎇

✅ Ayyaana fi Surraa Ayyaanicha🙏

13/06/2026

Kiristaanoota Arsiif Waaqni haa birmatu malee maal jennaree🥺🥺🥺

✝️"Waaqayyo ilillee dhaan samiitti ol ba'e." Far.46(47)፥5✅Inni samiitti ol ba'e kun isa nu barbaacha samii irraa gadi bu...
21/05/2026

✝️"Waaqayyo ilillee dhaan samiitti ol ba'e."
Far.46(47)፥5

✅Inni samiitti ol ba'e kun isa nu barbaacha samii irraa gadi bu'e dha.

✅Inni nu barbaacha samii irraa gadi bu'e kunis isa Dubree Maariyaam irraa dhalate dha.

✅Inni Dubree Maariyaam irraa dhalate kun isa fayyina keenyaaf jedhee lubbuu isaa dabarsee nuuf laate dha.

✅Inni lubbuu isaa dabarsee nuuf laatee lubbuu keenya baraare kun isa du'a du'a isaatiin injifatee otoo graaviitiin lafaa isa hin to'atiin samiitti ol ba'ee amma miirga abbaa isaa jiru dha.

✅Inni mirga keenya kabchiisee mirga abbaa isaa taa'e jiru kun isa murtoodhaaf ulfina guddaa dhaan achii as deebi'ee dhufu dha.

✅Inni murtoodhaaf ulfina guddaa dhaan deebi'ee dhufa jennee amantiifi abdii guddaa dhaan isa eeggannu kun isa maqaan isaa qoricha, Sagaleen isaas fayyina namaaf ta'e IYYESUUS KIRISTOOSI dha.

👏Ulfinniif galatni daangaa hinqabne ulfaataa Maqaa isaatiif haata'u!

✅Baga kabaja ayyaana samiitti ol ba'uu Gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos kan bara 2018tiin nageyaaf jaalalaan ittiin isin ga'e!

Ayyaana gaarii! 🙏🙏

✍️Abbaa Niqoodimoos

'Akkuma dubbate ka'eera as hin jiru.Bakka inni ciise kottaatii ilaala.'  (Mat.28:6)Kiristoos du'aa ka'eeraHumna guddaa f...
12/04/2026

'Akkuma dubbate ka'eera as hin jiru.Bakka inni ciise kottaatii ilaala.' (Mat.28:6)

Kiristoos du'aa ka'eera
Humna guddaa fi aangoosaan
Seexanni hidhame
Addaam bilisa ba'e
Nagaa fi gammachuun ta'e.

Baga Ifa Du'aa Ka'umsa Gooftaan isin gahe 🙏 ♥️

Ayyaana Gaarii 🙏

10/04/2026
 ።በእንግሊዝ የፕሮቴስታንት እምነት ተከታዬች ወደ ኦርቶዶክስ ኤየጎረፉ ያለው በእንግሊዝ የምትገኝ የአንጌሊካን ፕሮቴስታንት እየታየ ባለው ግልፅ ውድቀት የተነሳ ነው።
07/04/2026

።በእንግሊዝ የፕሮቴስታንት እምነት ተከታዬች ወደ ኦርቶዶክስ ኤየጎረፉ ያለው በእንግሊዝ የምትገኝ የአንጌሊካን ፕሮቴስታንት እየታየ ባለው ግልፅ ውድቀት የተነሳ ነው።

🔥 Makliitii Kee Hin Awwaalin: "Gabr-heer" Ta’uu!🗯 Jireenya keessatti namoonni baay’een kan milkaa’an waan baay’ee waan q...
21/03/2026

🔥 Makliitii Kee Hin Awwaalin: "Gabr-heer" Ta’uu!

🗯 Jireenya keessatti namoonni baay’een kan milkaa’an waan baay’ee waan qabaniif osoo hin taane, waan xiqqoo qabanitti "Amanamaa" waan ta’aniifi. Afaan Gi’iiziitiin "Gabr-heer" jechuun "Hojjetaa Gaarii fi Amanamaa" jechuudha.

📌 Maaliif Dubbisuu Qabda?

Wangeela Maatewos 25 irratti seenaa makliitii (kennaa) sadii argina. Inni shan fudhate shan buufate, inni lama fudhates lama buufate. Gooftaan immoo lamaan isaaniitiinuu: "Hojjetaa gaarii fi amanamaa (Gabr-heer)... gara gammachuu gooftaa keetti gali" jedheen.

💡 Barumsa Namatti Tolu:
Baay'ina miti, Amanamummaadha!

👉Gooftaan kan si gaafatu "Meeqa buufatte?" osoo hin taane, "Waan siif kennetti amanamtee?" kan jedhudha. Kennaan kee sagalee kee, beekumsa kee, ykn qabeenya kee ta’uu danda’a. Xiqqoo qabdu sanaan hojjechuu jalqabi!

Sababa Hin Baayisin:

✅Inni makliiitii tokko fudhate "Gooftaan koo hammaataadha" jedhee sababa baasee dichee awwaale. Ati hoo? "Yeroo hin qabu, qarshii hin qabu, namni na hin deeggaru" jettee kennaa kee dichee awwaaltee jirtaa?

Galatni Kee Gammachuudha:

✔️Gabr-heer yoo taate, bu'aan kee namni si jajuu qofa miti; nagaa keessoo fi "Gammachuu Gooftaa" keessa galamadha.

✍️Makliitii kee lafatti hin awwaalin! Guyyaa tokko "Maal goote?" jedhamuun kee hin oolu. Har’uma ka’ii waan dandeessuun tajaajili, gargaari, hojjedhu!

"Ati waan xiqqaatti amanamteetti, waan baay'ee irratti sin muuda!" (Maat 25:21)

👉Pheeni'el

Suura Nama naasisu fi rifachiisu!Kan akkas isa godhe orma miti firas miti aantees miti.  Qaamasaa ishee taate, manasaa i...
04/03/2026

Suura Nama naasisu fi rifachiisu!

Kan akkas isa godhe orma miti firas miti aantees miti. Qaamasaa ishee taate, manasaa ishee taate, waan hunda isaa ishee taatedha! Maaliif kan ija isatti diimeffatee bira darbu kitilli osoo jiruu san keessaa nagaa ta'ee darbee Manasaa keessaa akkas waan ta'e sitti fakkaata?
Oh God I don't even want to think about that

" Toorbanota dura, 'Yesus yoo jiraatte, na ajjees-i' jechaa ture. Iyyesuus kadhannaasaa waan deebise natti fakkaata. Yoo inni ajjees-een akka Iyyesuus jiru waan hin barreef, lubbuun hafee akka baratu waan godhe natti fakkaata! Gaafan suura kee arge na surure! Ta'us garuu Waaqayyo waan ati itti gammaddu gaafa godhu qofa sirriidha jechuu miti. Yeroo hundumaattuu sirriidha! Yesuus keenyi inni gogaa kana sitti uffise si harkaa fudhachuu qofa miti waan fedhe godhee guddummaasaa si barsiisuu ni danda'a! Qorumsi nama jabaatti inuma baay'atti. Jabaadhu! Fayyi...✍️"

"Waaqayyo kan itti gahiissan miti."

Kanaan dura Seeratti akka dhiyaatuuf gaafataa turre, Seerri is akana caale, adabbiin kanaa oliis hin jiru,
Amma Waaqni ija araara isaan isa haa mil'atu!

✍️Nuti gogaa kee argine keessa keemmoo hin beeknu! Inni si beeku ija araarasaan si haa ilaalu! Adabbiin kanarraas sin eeggatiin! Fayyi!

Namni kun lammii Eertiraati. Dhiigaafi hidhata kamiinuu Oromoo keessaa hin qabu. Garuu waa'ee sirna Gadaafi duudhaa Orom...
04/02/2026

Namni kun lammii Eertiraati. Dhiigaafi hidhata kamiinuu Oromoo keessaa hin qabu. Garuu waa'ee sirna Gadaafi duudhaa Oromoo qorachuufi barreessuudhaan warra addunyaatti beeksisan keessaa nama angafaati. Oromiyaa keessa naanna'ee, qaroominaafi beekumsa abbootii keenyaa kan barriifi haalli dhokse funaanee akka gaariitti barreesse. Barreessuu qofa miti, waltajjii gurguddoorra deemee barsiise.

Har'a lubbuun darbuusaatti baay'een gadde!
Professor Asmarom Legesse, waan Oromoof gootan hundaaf galatoomaa!

RIP!

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Pheeni'el posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share