Pheeni'el

Pheeni'el Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Pheeni'el, Digital creator, Addis Ababa.

12/11/2025

With Waldaa Sillaasee Wiirtuu Harargee Bahaa – I'm on a streak! I've been a top fan for 8 months in a row. 🎉

  Guddaa 😭😭😭Pastariin pastarii akka isaa sababa mallaaqa ajjeesse Taateen kun dheengadda Magaalaa Ambootti ta’e! Namoonn...
25/10/2025

Guddaa 😭😭😭
Pastariin pastarii akka isaa sababa mallaaqa ajjeesse
Taateen kun dheengadda Magaalaa Ambootti ta’e!
Namoonni isin agartan kun lameen Pastaroota Waldaati waliin waldaa tokko keessa tajaajilu, Pastariin du’e kun Pastarii isa isa Ajj ..eese kanaan yeroo hedduu dhimma haala itti fayyadamaafi qabiinsa maallaqaa Waldaatiin walqabatee gaaffii kaasaafi innis maaltu sigalche sin ilaallatu anatu abbaa Mul’ataa Waldichaati calluma jedhiitii tajaaili jechuudhaan deebii deebisaaf utuu kanaan jiranii gaaffiin kun amantoota waldattii gidduudhaas ka’uu jalqabe, yeroo kana Pastariin kun Pastor Firomsa Gammachuu jechuun nama Ajj..eef.ame kana utuu inni amantoota Waldichaa keessaa nama tokko wajjin taa’ee waa’ee Waldaa isaanii kana mari’atanii dheegadda itti olseenee gurbittii nana situ amantoota narratti kakaasaa jira mitii jechuudhaan utaalee morma isaa hu’dhee (hanqaaqee) isa ajjeese😭😭
Awwaalcha isaas guyyaa har’aa raawwateera

horii Yihudaayyuu ni goyyoomse Iyyesuusiin dabarsee akka inni laatu godhe. Waaqayyo hubannaaf Ogummaa nuuf haa laatu!

baay’ee nama gaddisiisu Pastar Firomsaan mucaa Umurii waggaa 3fi yeroo ammaa kanammoo haati warraasaa Ulfa guutuu ji’a 9 ti 😭

Abbaan firdii dhugaa siif haa faradu Pasta😭😭😭

sharaa waxxartanii maqaa Waaqayyoon daldala keessan jirtan hundi Waaqayyo ija laphee keessanii siniif banee gara mana Kiristaanaa Qulqulleetti fi Tokkittii akka isin deebifatu fedha Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos haa ta'u 🙏🥰

⚜Raajii Guddicha⚜➦Waa'ee Kiristoos dubbiin dubbatamu hunduu mana kiristaanaa kan ol ol qabudha. Kabajni ishee hunda ol t...
28/09/2025

⚜Raajii Guddicha⚜

➦Waa'ee Kiristoos dubbiin dubbatamu hunduu mana kiristaanaa kan ol ol qabudha. Kabajni ishee hunda ol ta'e garuu dubbii ajaa'ibaa fannichaan raawwatedha. Duuka bu'ichis kana waan hubateef, "Fannoo gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin alatti jajannaa biraan biraan narraa haa fagaatu" jedhe. Gal. 6:14.

➦ Namichi dhaloota isaa irraa jalqabee jaamaa ture sun tsabala Selihoomitti dhiqatee ijji isaa fayyuun isaa dinqiidha. Haa ta'uutii fannoo isa addunyaa jaamee ture dukkana keessaa baasee akka ifa argu taasise wajjin yammuu madaalamu kun homaa miti!

➦Alaazaar erga du'ee guyyaa afur boolla keessa bulee deebi'ee ka'uun isaa dubbii guddaadha! Haa ta'uutii humna fannoo isa addunyaa cubbuudhaan du'eeru deebi'ee akka jiraatu taasise wajjin yammuu madaalamu kun homaa miti!

➦Buddeen shan abbaa warraa kuma shan quubsuun isaa ajaa'ibadha. Ta'us humna Kiristoos isa beela addunyaa hundarratti mo'ee ture ifa beekumsaan akka quufan godhe wajjin yammuu madaalamu kun homaa miti.

➦Dubartittiin seexanni barootaaf ishee rakkisaa ture hidhaa kana jalaa bahuun ishee dubbii guddaadha. Ta'us humna fuuncaa cubbuu hundumti keenya ittiin hidhamne turre kukkute wajjin yaammuu madaalamu kun homaa miti!

➦Addunyaan waan fayyeef hin dinqisiifatiinaa. Kana irra hoo kan du'ee [nu fayyise] nama salphaa tokko osoo hin taane Ilma amalummaa Waaqayyo Abbaa ta'uusaatiin dinqisiifadhaa malee! [Kunis ]

✍️ Isa Iyyerusaalem

Sanbata eebbifamtuutti oolmaa eebbifamaa qabaadhaa!🙏

╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮

Qulqulluu Yaa’iqoobii afuura qulqulluun durfamee nuu barreesse fudhanna moo jaarraa 16ffaa keessa Martiin Lutaariin nuu ...
18/08/2025

Qulqulluu Yaa’iqoobii afuura qulqulluun durfamee nuu barreesse fudhanna moo jaarraa 16ffaa keessa Martiin Lutaariin nuu barreesse fudhanna?

Yaa’iqoobi akkana jedha:“Amantiinis akkasuma, hojii gaariidhaan hin argisiifamne yoo ta’e, inni ofii isaa du’aadha.
Namni tokko garuu, ‘Inni tokko amantii qaba, inni kaan immoo hojii gaarii qaba yoo ta’e maal ta’a?’ in jedha.
Ani immoo akkana jedha: ‘Ati amma amantii qabaachuu kee hojii gaarii malee na argisiisi! Ani immoo amantii qabaachuu koo hojii koo isa gaariidhaan si argisiisa. Waaqayyo tokkichi akka jiru ati amanta mitii? Ba’eessa goote! Isa kanaaf hafuuronni hamoonnis ni amanu, ni roqomu.
Namicha gowwaa nan’a! Amantiin hojii gaarii yoo hin argisiisne, waan hin baafne akka ta’e beekuu barbaadda mitii? Abrahaam abbaa keenya ilma isaa Yisihaaq iddoo aarsaa irratti dhi’eesseen hojii isaatiin qajeelaatti lakkaa’ame mitii ree?
Kana keessatti amantiin isaa hojii isaatiin wal gargaaraa akka ture, amantiinis hojii isaatiin fiixaan akka bahe ni argita. Inni caaffata qulqulluu keessaa, ‘Abrahaam Waaqayyoon amanate; kunis qajeelummaatti lakkaa’ameef’ jedhu raawwatameera; inni fira Waaqayyoo jedhamee ni waamame.
Egaa, namni amantii duwwaadhaan utuu hin ta’in, hojii gaariidhaan qajeelaatti akka lakkaa’amu ni argita.”
(Yaaq. 2:17–24)

Martiin Lutaari immoo “Amantii qofaa” naan jedha.Hubaadha!!!

Dhumni amantii namaani hundeefame kanadha. Ameerikaa keessatti, gareewwani Prootestantii hedduun walitti dhufeenya saala...
14/08/2025

Dhumni amantii namaani hundeefame kanadha. Ameerikaa keessatti, gareewwani Prootestantii hedduun walitti dhufeenya saalaa walfakkaatu babal’isa jiru. Amantoonni Prootestantii Ameerikaa biroonis akka isaan eeyyamamuuf nagaa fi tasgabbii gaafachaa jiru.Gareewwan hedduun agarsiisa fakkeessummaa, qajeelfama seeraa agarsiisanii fi kaayyoo dhala namaa kabajuuf beekamtii qabu.

Gareewwan Prootestantii Ameerikaa keessaa, kanneen ifaan ifatti walitti dhufeenya saalaa fudhatan keessaa United Church of Christ, The Episcopal Church, fi Evangelical Lutheran Church koroowwan duraa keessaa tokko tokko.

Waaqayyo, abbaan keenya, hojii hamaa irraa nu eegu. Raajii dubbatamee akka nu irratti hin raawwanne cimnee kadhachuu qabna. Barsiisonni fi hordoftoonni Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo jabaatanii waangeelaa barsiisu qabu. Dhaloonni barumsaa nama tolcheen fudhatamee jira.

✍️Andualem Leta

12/08/2025

Kaayyoon diyaabiloosii inni guddaan, namoota sooma fi kadhannaa irraa fageessuudha. Sana booda ofittuummaa itti dabala. ‘Fayyeen jira’ lallaba jedhuun, ‘Ani qulqulluudha’ gara jedhuutti geessa. Erga qulqulluu taate, maaliif soomta? maaliif kadhatta? ‘Gooftaan siif du’ee jira’ jechuun onnee onnachiisa. Dhuma irratti si’ooliif qopheessa.

✍️Andualem Leta

🙏 Gamoo Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itiyoophiyaa, amantii Prootestaantii irraa bitte.Biyya Skoottlaand magaalaa Gilaas...
10/08/2025

🙏 Gamoo Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itiyoophiyaa, amantii Prootestaantii irraa bitte.
Biyya Skoottlaand magaalaa Gilaasgoo, bakka Kaartkaartii fi King Paarik jedhaman jidduu argamu, mana kiristaanaa Prootestaantii Skoottlaand keessaa, caalbaasii gurguramaaf bahee ture irra aanuun bitameedha.

Hoggantoonni garee kanaa fayyinni amantii qofaan waan jedhaniif, walitti dhufeenyi isaanii yoommuu xiqqaachaa dhufe irraa kan ka’e, gurguruuf dirqaman. Uummannis, “Fayyinni amantii qofaan yoo ta’e, amantii keenya mana keenya keessatti illee raawwachuu dandeenya” jechuun, sagadaa, faarfannaa fi barsiisaa tajaajilamtoota isaanii irraa osoo hin taane, sirna amantii isaanii bilbila ammayyaa irratti argachuun ni danda’ama” jechuun murteessaniiru. Kanaaf, Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tewaahidoo bitachuun qabeenya ofii taasifatte jirti.

Kana booda, wanti isin argaa jirtan kun qabeenya Mana Kiristaanaa Itoophiyaa Ortodoks Tewaahidoo ta’eera jechuudha.

Amantiin Prootestaantii biyyoota baay’ee keessatti, uummata diyaabiloosiif kennuun deebi’uu itti fufeera. Paastaroonni erga qarshii sassaabatanii booda uummata gatuudhaan deemu. Amantiin bu’uuraa hin qabne dhumni isaa jiguudha. Biyyoota akka Ameerikaa keessatti illee waggaa 100 dura amantiin Prootestaantii fudhatame ture. Har’a mana kiristaanaa baay’een gara mana ragadaa, gara Illuminaatiitti jijjiirameera. Yeroo tokko tokko tasgabbiin waan ta’aa jiru ilaaluu gaariidha.

Galanni Waaqayyoo haa ta’u.

Eebbi Abbaa keenyaa Abune Gabri’eel nurra haa bulu. Vidiyoo tokko fuula miidiyaa irratti dhageeffadheen ture. Eddoon suu...
09/08/2025

Eebbi Abbaa keenyaa Abune Gabri’eel nurra haa bulu. Vidiyoo tokko fuula miidiyaa irratti dhageeffadheen ture. Eddoon suuqii natti fakkaata. Abbaan keenyaa iddoo suuqii yeroo deemaan waangeela barsiisan. Waangeela keessaa nutti ijoollee Kiristoosii ta’uu, erga ijoollee Kiristoosii taanee dhaaltoota mootummaa samii ta’uu keenyaa barsiisan. Kunis waan dhugaadha. Kiristaanni tokko baduuf miti, Kiristoos kan amanuu. Kaayyoo qabna. Kaayyoon keenyaa mootummaa samii dhaaludha. Yoon mootummaa samii hin dhaale, tajaajiluun koo, faarfachuun koo, Qiddaasee deemuun koo, soomuun koo, gaabbii galuun koo bu’aan isaa maaliidha? Fannoo morma koo irratti hidhachuun bareedinaafidha? Kiristoos isaa fannifamee amanuu koof mallattoo dha. Dubbiin fannoo waan naaf galeef hidhadhe. Dubbiin Kiristoos waan naaf galeef Kiristoos Waaqa, uumaa, fayyisaa addunyaa ta’uu amanee.

Abbaan keenyaa mana suuqii miti, mana farsoo, araqee, hidhaa deemuun waangeela barsiisu qabu. Hoolota Waaqayyoo eegu, tiksu, kunuunsu, deebisuu dirqama qabu.Kanaaf waangeelaa dhugaa barsisani.Namoonni Amiin Amiin Amiin jecha turani,amantii bira ta'u danda'u garuu nutti barsiisu qofaa gaheen keenyaa! Vidiyoo kana booda dogoggora garee lama argeen jira. Gareen tokko hordoftoota amantii Pirootestantii tokko tokko. Amantaan Ortodoksii Tewaahidoo akkaa waan har’a waa’ee Kiristoosii barsiisu jalqabdee taasisuun sirrii miti. Ani yoon hin beekne, manni kiristaanaa hin barsiisne jechuu miti. Inni biraa immoo “Abbaan kun maali achi godha?” warreen jedhanidha. Warreen akkaan warreen teessoo irraa taa’uun waangeela barsiisu barbaaddanidha. Warreen jaalalli Kiristoos isaanif hin gallee, warreen waangeela hin beeknedha. Ilaalchi akkasii faallaa waangeelaati.

Tajaajilaa waangeelaa ykn abbaa amantaa tokkoof iddoon waangeelaa hin murtaa’u. Iddoo ijoolleen Waaqayyoo jirtu hundaatti waangeela lallabudha. Fakkeenya kan nuuf ta’an duuka bu’ootaa Gooftaadha. Kanaaf, abbaan keenyaa waan sirrii raawwatani! Itti nu fufaa jechuun barbaada.

08/08/2025

"Hewaan sagalee daabiloos dhageessee 'cubbuu' ulfoofte; Dubreen Maariyaam garuu sagalee Gabri'eel dhageessee 'Jecha qaama qabu' ulfoofte" Qul. Yohaannis (isa afaan warqee jedhamee beekamu).

Gaabri'eelis daabiloosis ergamoota. Hewaanis Dubreen Maariyaamiis ijoollee namaati.

Daabiloos ergamaa xuraa'inaa (cubbuuti); Gabri'eeliin immoo Ergamaa qulqulluu (qulqullinaati).

Hewaan lapheen ishee cubbuutti dhiyoo ture; Dubreen Maariyaam immoo yaadaanis, fooniinis Durba turte (qulqulleettiidha).

✝️Rajoota Sobdoota irraa of eegaa🤲👉Iyyesuus itti fufee, "Raajota sobduu irraa of eeggadhaa, isaan hoolaa fakkaachuudhaaf...
01/08/2025

✝️Rajoota Sobdoota irraa of eegaa🤲

👉Iyyesuus itti fufee, "Raajota sobduu irraa of eeggadhaa, isaan hoolaa fakkaachuudhaaf raroo hoolaa uffatanii gara keessan in dhufu; keessa isaaniitiin garuu yeeyyii butatanii dha.

✝️Ija hojii isaaniitiin isaan in beektu; ija waynii baalaan-waraanteettii, harbuus kosorruuttii ciruu dandeessuu ree? Akkasumas mukti gaariin ija ba'eessa in godhata, mukti gadheenis ija hamaa in godhata.

🤔Mukti gaariin ija hamaa godhachuu, mukti gadheenis ija ba'eessa godhachuu hin danda'u.

😭Mukti ija ba'eessa hin godhanne hundinuu in murama, ibiddattis in naqama. Egaa ija hojii isaaniitiin isaan in beektu" jedhe (Mat 7:15-19).

👉Yaa Gooftaa fedhii biyya lafaaf akka hin kufne na eegi, dandii kee ishee dhugaas natti agarsiisuun fedha kee haa ta'u, Ameen🤲🤲

✝️Maraanaata👉 Iyyesuus Kiristoos ni dhufa, tokko tokkoo namaafis gatii hojii isaa kennuuf!

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Pheeni'el posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share